LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb21 Bitootessa ful. 9
  • Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • “Ati Qofti Amanamaa” Dha
    Yihowaatti Dhihaadhu
  • Aangoo Yihowaa Kabajuu Qabna
    Tajaajila Mootummaa—2004
  • Yihowaan Amanamaafi Dhiifama Kan Godhu Taʼuusaa Dinqisiifadhaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2013
  • Firri Keessan Yommuu Gumiidhaa Baafamu Amanamoo Taʼaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2021
mwb21 Bitootessa ful. 9
Lafti baqaqxee Israaʼelota finciltoota taʼan liqimsaa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa

Qoraan, Daataanii fi Abiraam qophii Yihowaa irratti finciluudhaan isaaf amanamoo akka hin taane argisiisaniiru. Yihowaan finciltoota kana namoota isaan deggeran hundumaa wajjin balleesseera. (Lak 16:26, 27, 31-33) Haalawwan amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu qoruu dandaʼan kamfaʼi? Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu fakkeenya warra amanamoo hin taanee hordofuu irraa akka fagaannu nu gargaaran kamfaʼi?

VIIDIYOO FAKKEENYA WARRA AMANAMOO HIN TAANEE HIN HORDOFINAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa viidiyoo ‘Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa’ jedhamu irraa fudhatame. Naadiyaan yeroo paartii gaarii hin taane irratti dargaggeessi tokko dhugaatii alkoolii ishiidhaaf kennu yaadaan ilaalaa jirti.

    Wanti Naadiyaatti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf ishii gargaare isa kami?

  • Suuraa viidiyoo ‘Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi aare tokko wanta isa dhiphise irratti xiinxalaa jira.

    Wanti obboleessa aaree ture tokkotti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?

  • Suuraa viidiyoo ‘Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa’ jedhamu irraa fudhatame. Teraansi yeroo Galma Walgaʼii keessa iddoo konkolaataan dhaabbatutti obboleettii abbaa manaa ishii wajjin wal hiikte wajjin kophaa isaa haasaʼu yaadaan ilaalaa jira.

    Wanti Teraansitti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?

  • Suuraa viidiyoo ‘Fakkeenya Warra Amanamoo hin Taanee hin Hordofinaa’ jedhamu irraa fudhatame. Obboleessi dargaggeessi tokko liinkii qumaara intarneetii irraa namni kan biraan bilbilaan isaaf erge ilaalaa jira.

    Wanti mana barumsaatti obboleessa tokkotti qorumsa taʼe maali dha? Fakkeenyi akeekkachiisaa amanamummaa argisiisuuf isa gargaare isa kami?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi