Aangoo Yihowaa Kabajuu Qabna
Maqoolii durii Qoraahi, Daataaniifi Abiiram ennaa dhageessu amalasaanii isa kamiin yaadatta? Fincila! Eenyurratti? Aangoo Waaqayyoorratti. Seenaa nama gaddisiisu kana ilaalcisee ibsi gadi fageenya qabu, Lakkoobsa boqonnaa 16rratti argama. Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2002, mata duree “Aangoo Waaqayyootiif Amanamummaadhaan Bitamaa” jedhurrattis waa’ee dhimma kanaa gabaabumatti ibsameera. Barumsa kana dubbisuuniifi viidiyoo Aangoo Yihowaatiif Ulfina Kennaa jedhu ilaaluun barbaachisummaa isaaf bitamuu akka hubattan kan isin gargaaru ta’e argattu. Mormii ijoollee Qoraahi warra amanamoofi abbaasaanii isa Yihowaa, olaanaa uumama cufaarratti ka’e gidduu jiru ni hubattu. (Lak. 26:9-11) Diraamaan seenaa jireenyaa dhugaarratti hundaa’e kun, hundi keenya amanamummaa Yihowaadhaaf qabnu akka guddisnu caalaatti nu kakaasuu qaba.
Yeroo viidiyicha ilaaltu Qoraahiifi warri isa hordofan wantoota gurguddaa ja’aarratti amanamummaansaanii qoramee kufeera: (1) Aangoo Waaqayyoo kan tuffatan akkamitti? (2) Of tuulummaan, hawwiin aangoo argachuufi hinaaffaan akka isaan to’atu kan heyyaman akkamitti? (3) Hir’ina namoonni Yihowaan muude qabanirratti kan xiyyeeffatan akkamitti? (4) Amala mormii akkamii qabu turan? (5) Mirga tajaajilaa qabanitti utuu hin gammadin kan hafan maaliifi? (6) Yihowaadhaaf amanamoo ta’uurra hiriyyootasaaniifi maatiisaanii kan caalchisan akkamitti?
Barumsi diraamaa Macaafa Qulqulluu kana keessaa arganne kun, yeroo har’aas ilaalcha aangoo Waaqayyootiif qabnurratti akkamitti hojiirra akka ooluu hubadhaa: (1) Murtoo jaarsoliin gumii godhaniif deebii akkamii kennuu qabna? Maaliifoo? (2) Kaka’umsa sirrii hin taane ofirraa fageessuu kan dandeenyu akkamitti? (3) Dogoggora namoota Yihowaan diberratti arginu akkamitti ilaaluu qabna? (4) Amalli mormii nu keessatti biqiluu yoo jalqabe maal gochuu qabna? (5) Mirga nuu kenname kamiyyuu akkamitti ilaaluu qabna? (6) Amanamummaa Waaqayyoof qabnu matumaa kan caaluu hin qabne eenyu fa’i? Kun qorumsa cimaa kan nutti ta’u yoomi?
Barumsi kun gumii keessatti erga irratti mari’atamee booda, viidiyicha maaliif irra deebitee hin ilaaltu? Yeroo hundumaa aangoo Yihowaa kabajuu kan qabnu maaliif akka ta’e hubadhu!—Far. 18:25; 37:28.