LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Amajjii ful. 13
  • Barumsa Jireenya Saamuʼel Irraa Argannu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Barumsa Jireenya Saamuʼel Irraa Argannu
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ‘Yihowaa Duratti Guddachaa Deeme’
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Haala Rakkisaa Taʼe Keessa Jabaatee Dhaabateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Saamu’el Waan Sirrii Gochuusaa Itti Fufe
    Ijoollee Keessan Barsiisaa
  • Mucaa Xinnoo Waaqayyoon Tajaajile
    Kitaaba koo Isaan Seenaa Macaafa Qulqulluu Ittiin Baradhu
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Amajjii ful. 13
Fakkiiwwan garaa garaa: Fakkiiwwan viidiyoo “Isaan Irraa Baradhaa—Saamuʼel” jedhu irratti hundaaʼan. 1. Daanii. 2. Saamuʼel ijoollummaa isaatti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Barumsa Jireenya Saamuʼel Irraa Argannu

Saamuʼel jireenya isaa guutuu Yihowaadhaaf amanamaa taʼe jiraateera. Ijoollummaa isaatti, akka Hofnii fi Finahaas warra ilmaan Eelii taʼanii amala mancaʼaa hin argisiisne. (1Sa 2:22-26) Saamuʼel guddachuu isaa itti fufe; Yihowaanis isaa wajjin ture. (1Sa 3:19) Yeroo dulloometti illee, karaa Yihowaa irra deemuu isaa itti fufeera; ilmaan isaa garuu akkas hin goone.—1Sa 8:1-5.

Fakkeenyi Saamuʼel maal nu barsiisa? Ijoollee yoo taate, Yihowaan rakkina si mudatuu fi miira sitti dhagaʼamu akka hubatu mirkanaaʼaa taʼi. Inni ija jabeessa akka taatu si gargaaruu dandaʼa. (Isa 41:10, 13) Warra mucaan keessan Yihowaa tajaajiluu dhaabe yoo taatan immoo, Saamuʼel ilmaan isaa warra gaʼeessa taʼan ulaagaa Yihowaa akka hordofan dirqisiisuu akka hin dandeenye beekuun isin jajjabeessuu dandaʼa. Saamuʼel dhimma kana Yihowaatti kennachuudhaan, amanamummaa isaa eegee jiraateera, akkasumas Abbaa isaa isa samii Yihowaa gammachiiseera. Maaltu beeka, fakkeenyi gaariin isin taatan mucaan keessan gara Yihowaatti akka deebiʼu isa kakaasuu dandaʼa.

VIIDIYOO ISAAN IRRAA BARADHAA—SAAMUʼEL JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Suuraa, viidiyoo “Isaan Irraa Baradhaa—Saamuʼel” jedhu irraa fudhatame. Saamuʼel inni ijoollee ture mooraa godoo qulqulluu keessatti qoraan baatee jira.

    Saamuʼel ijoollummaa isatti ija jabina kan argisiise akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo “Isaan Irraa Baradhaa—Saamuʼel” jedhu irraa fudhatame. Daaniin gara obboleessa isaa angafaa dhihaatee maaliif jireenya bifa lama qabu jiraachaa akka jiru isa gaafachaa jira.

    Daaniin ija jabina kan argisiise akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo “Isaan Irraa Baradhaa—Saamuʼel” jedhu irraa fudhatame. Saamuʼel raajichi maanguddoo taʼee.

    Saamuʼel yeroo dulloometti fakkeenya gaarii kan taʼe akkamitti?

  • Suuraa, viidiyoo “Isaan Irraa Baradhaa—Saamuʼel” jedhu irraa fudhatame. Abbaa fi haadha Daanii erga Daanii wajjin tajaajilanii booda.

    Yihowaan namoota yeroo hunda wanta sirrii gochuuf ejjennoo cimaa qaban ni gargaara

    Abbaa fi haati Daanii fakkeenya gaarii kan taʼan akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi