LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Bitootessa ful. 13
  • Rakkinni Nu Irra Gaʼu Hundi Gaaf Tokko ni Dhaabbata

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkinni Nu Irra Gaʼu Hundi Gaaf Tokko ni Dhaabbata
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Rakkoowwan Keenya Keessatti Nu Gargaara
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Obsuu Kee Itti Fufi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2023
  • Obsaan Eeguuf Fedhii Qabduu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Obsaan Yihowaa Eeggadhu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Bitootessa ful. 13
Suuraawwan garaa garaa: Viidiyoo “Addunyaa Qoqqoodame Keessatti Saba Tokkummaa Qabu” jedhamu irraa suuraa fudhatame. 1. Walgaʼii aanaa obboloonnii fi obboleettonni gurraacha taʼan qofti irratti argaman. 2. Jaarsolii gumii gurraachaa fi adii taʼan haadhotii manaa isaanii wajjin taʼanii yommuu suuraa kaʼan. 3. Obboleettonni umurii fi bifa garaa garaa qaban lama tajaajila addabaabayii irratti hirmaachaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Rakkinni Nu Irra Gaʼu Hundi Gaaf Tokko ni Dhaabbata

Rakkoowwan salphaatti abdii nu kutachiisuu dandaʼu, keessumaa yommuu yeroo dheeraaf turanitti. Daawit rakkinni Saaʼol Mootichi isa irraan gaʼu yeroo booda akka dhaabbatuu fi akkuma Yihowaan waadaa galetti mootii akka taʼu beeka ture. (1Sa 16:13) Daawit amantiin isaa akka obsuu fi Yihowaa akka eeggatu isa gargaareera.

Yommuu rakkinni nu irra gaʼu haala keenya jijjiiruuf abshaalummaa, beekumsa ykn hubannaa keenya fayyadamuu dandeenya taʼa. (1Sa 21:12-14; Fak 1:4) Haa taʼu malee, wanta qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin wal simu hunda erga goonee booda illee rakkoowwan tokko tokko itti fufuu dandaʼu. Yeroo akkasiitti obsuu fi Yihowaa eeggachuu qabna. Yihowaan dhiheenyatti rakkina keenya hundumaa ni balleessa, akkasumas “imimmaan hundumaa” ija keenya irraa ni haqa. (Mul 21:4) Rakkinni keenya kan dhaabbatu Yihowaadhaanis haa taʼu, sababa kan biraatiin wanta tokko mirkanaaʼaadha: Rakkinni keenya hundi gaaf tokko ni dhaabbata. Kana beekuun keenya nu jajjabeessa.

VIIDIYOO ADDUNYAA QOQQOODAME KEESSATTI SABA TOKKUMMAA QABU JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Obboloonni kibba Yuunaayitid Isteetisitti argaman tokko tokko rakkoowwan akkamii isaan mudatanii turan?

  • Obsaa fi jaalala kan argisiisan akkamitti?

  • “Wantoota caalaatti barbaachisoo taʼan” irratti xiyyeeffachuu isaanii kan itti fufan akkamitti?—Flp 1:10

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi