LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Amajjii ful. 9
  • Yihowaan Rakkoowwan Keenya Keessatti Nu Gargaara

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Rakkoowwan Keenya Keessatti Nu Gargaara
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Matumaa Kophaa Keenya Miti
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Yihowaan Jabaannee Akka Dhaabbannu kan Nu Gargaaru Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Amajjii ful. 9
Warri tokkoo fi ijoolleen isaanii lamaan obboloota gumii viidiyoo konfiransiidhaan wajjin haasaʼaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Rakkoowwan Keenya Keessatti Nu Gargaara

Guyyoota dhumaa kana keessatti rakkoowwan ulfaatoo taʼan hedduun nu mudatu. Yeroo tokko tokko rakkoowwan nu irra gaʼan dandamachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gara Yihowaatti dhihaachuu keenya yoo itti fufne, inni rakkoowwan baayʼee ulfaatoo taʼan illee akka dandamannu nu gargaaruu dandaʼa. (Isa 43:2, 4) Yeroo rakkinni nu irra gaʼu Yihowaatti dhihaachuu kan dandeenyu akkamitti?

Kadhannaa. Yommuu wanta garaa keenya keessa jiru Yihowaa duratti dhangalaasnu inni nagaa fi cimina miiraa rakkoo keenya dandamachuuf nu gargaaru nuuf kenna.—Flp 4:6, 7; 1Ta 5:17.

Walgaʼiiwwan. Yeroo kam iyyuu caalaa nyaanni hafuuraa Yihowaan walgaʼiiwwan irratti nu kennus taʼe jajjabinni achitti karaa obboloota keenyaa nuuf kennu nu barbaachisa. (Ibr 10:24, 25) Yommuu walgaʼiiwwan keenyaaf qophoofnu, irratti argamnuu fi hirmaannaa goonu, gargaarsa hafuura Yihowaa irraa guutummaatti fayyadamna.—Mul 2:29.

Tajaajila. Tajaajila keenya irratti akka gaariitti hirmaachuuf wanta nuuf dandaʼame hunda yoo goone ilaalcha sirrii qabaachuun nuuf salphata. Akkasumas michummaa Yihowaa wajjinis taʼe obboloota keenyaa wajjin qabnu cimsanna.—1Qo 3:5-10.

VIIDIYOO YIHOWAAN ISIN SIMATA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maluun yeroo rakkinni ishii irra gaʼa turetti wanti Yihowaatti dhihaattee jiraachuuf ishii gargaare maalidha?

  • Akkuma Maluu yaanni Faarfannaa 34:18 irratti argamu yeroo rakkinni nu irra gaʼutti kan nu jajjabeessu akkamitti?

  • Muuxannoon Maluu yeroo rakkinni nu irra gaʼutti Yihowaan ‘humna humna caalu’ akka nuuf kennu kan argisiisu akkamitti?—2Qo 4:7

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi