MATA DUREE QOʼANNAA 17
FAARFANNAA 99 Obboloota Kumaatama
Matumaa Kophaa Keenya Miti
“Ani . . . sin gargaara.”—ISA. 41:10.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti karaawwan Yihowaan itti nu kunuunsu afur ilaalla.
1-2. (a) Rakkinni yeroo nu mudatu kophaa keenya akka hin taane mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? (b) Mata duree kana keessatti maal ilaalla?
RAKKINNI cimaan yommuu nu mudatu bosona guddaa keessa akka jirruu fi karaa itti keessaa baanu akka hin qabne nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, rakkina nu mudate wajjin kophaa keenya waldhaansoo gochuun nu hin barbaachisu. Abbaan keenya inni samii rakkina keenya ni arga, nu gargaaruufis waadaa galeera. Yihowaan, “Ani . . . sin gargaara” jechuudhaan waadaa nuuf galeera.—Isa. 41:10.
2 Mata duree kana keessatti Yihowaan (1) nu qajeelchuudhaan, (2) wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuuf guutuudhaan, (3) eegumsa nuuf gochuudhaan, akkasumas (4) nu jajjabeessuudhaan kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ilaalla. Yihowaan jireenya keenya keessatti rakkinni akkamiiyyuu yoo nu mudate matumaa akka nu hin irraanfanne nuuf mirkaneesseera. Inni matumaa nu hin dhiisu. Kanaafuu, matumaa kophaa keenya hin taanu.
YIHOWAAN NU QAJEELCHA
3-4. Yihowaan kan nu qajeelchu akkamitti? (Faarfannaa 48:14)
3 Faarfannaa 48:14 dubbisi. Yihowaan ofii keenyaan of qajeelchuu akka hin dandeenyee fi gargaarsisaa akka nu barbaachisu beeka. Maarree, yeroo ammaatti tajaajiltootasaa amanamoo qajeelchaa kan jiru akkamitti? Karaan inni itti nu qajeelchu tokko Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaani. (Far. 119:105) Yihowaan Dubbiisaatti fayyadamee murtoowwan gaggaarii akka goonuu fi amaloota gaggaarii akka horannu nu gargaara; kunimmoo yeroo ammaatti gammachuu guddaa, gara fuulduraattimmoo jireenya barabaraa nuuf argamsiisa.a Fakkeenyaaf, haaloo akka hin qabanne, waan hundumaarratti haqa qabeeyyii akka taanuu fi warra kaan garaadhaa akka jaallannu nu barsiisa. (Far. 37:8; Ibr. 13:18; 1 Phe. 1:22) Amaloota kana argisiisuun keenya, warra gaarii, hiriyaa gaaʼelaa gaarii fi michuu gaarii taʼuuf nu gargaara.
4 Kana malees, Yihowaan Dubbiisaa keessatti seenaan namoota qorumsi nu mudate isaan mudatee fi miiruma akka keenyaa qabanii akka nuuf galmaaʼu godheera. (1 Qor. 10:13; Yaq. 5:17) Seenaawwan kana yeroo dubbisnuu fi barumsa arganne yommuu hojiirra oolchinu, yoo xinnaate karaawwan lamaan faayidaa arganna. Tokkoffaa, kophaa keenya akka hin taanee fi warri kaanis rakkinni akkasii isaan mudatee milkaaʼinaan akka dandamatan hubanna. (1 Phe. 5:9) Lammaffaa, qorumsa nu mudate akkamitti dandamachuu akka dandeenyu baranna.—Rom. 15:4.
5. Yihowaan daandii jireenyaarratti nu qajeelchuuf eenyufaatti fayyadama?
5 Yihowaan nu qajeelchuuf obboloota keenyattis ni fayyadama.b Fakkeenyaaf, ilaaltonni olaanaa aanaa yeroo yeroodhaan gumiiwwan daawwachuudhaan nu jajjabeessu. Haasaan isaan dhiheessan amantii keenya nuuf cimsa, akkasumas tokkummaa keenya eeggachuuf nu gargaara. (HoE. 15:40–16:5) Jaarsoliin gumiis nageenya tokkoon tokkoon babalʼistootaatiif garaadhaa xiyyeeffannaa kennu. (1 Phe. 5:2, 3) Warri ijoolleensaanii sirriitti akka yaadanii fi barsiifatawwan gaggaarii akka horatan isaan gargaaruudhaan karaa hafuuraa isaan qajeelchu. (Fak. 22:6) Obboleettonni bilchaatoonis fakkeenya gaarii taʼuudhaan, gorsa gaarii kennuu fi isaan jajjabeessuudhaan obboleettota dargaggoota taʼan gargaaru.—Tit. 2:3-5.
6. Qajeelfama Yihowaan nuuf kennurraa fayyadamuuf maal gochuu qabna?
6 Yihowaan qajeelfama nu barbaachisu nuuf kennuudhaan gaʼeesaa raawwateera. Wanta inni nuuf godhe akka dinqisiifannu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Fakkeenyi 3:5, 6, “Garaa kee guutuudhaan Yihowaatti amanami, hubannaa ofii keetiittis hin hirkatin” jedha. Akkas yoo goone ‘inni daandii keenya wal nuuf qixxeessa,’ jechuunis rakkinoota hedduurraa akka fagaannuu fi jireenya gammachiisaa akka jiraannu nu gargaara. Yihowaan tokkoon tokkoon keenyaaf gorsa jaalalarratti hundaaʼe waan nuu kennuuf guddaa isa galateeffanna!—Far. 32:8.
YIHOWAAN WANTA JIREENYAAF NU BARBAACHISU NUUF KENNA
7. Karaawwan Yihowaan wanta jireenyaaf nu barbaachisu itti nuuf kennu tokko tokko kamfaʼi? (Filiphisiyus 4:19)
7 Filiphisiyus 4:19 dubbisi. Yihowaan karaa hafuuraa nu qajeelchuudhaan alattis carraaqqii nyaata, uffataa fi bakka jireenyaa argachuuf goonu nuuf eebbisa. (Mat. 6:33; 2 Tas. 3:12) Wantoota jireenyaaf nu barbaachisan argachuuf yaaddaʼuun waanuma jiru taʼus, Yihowaan waaʼee wantoota kanaa garmalee akka hin yaaddofne nu jajjabeesseera. (Mat. 6:25) Maaliif? Sababiinsaas Abbaan keenya tajaajiltoonnisaa amanamoon yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti matumaa isaan hin dhiisu. (Mat. 6:8; Ibr. 13:5) Waadaa inni wantoota nu barbaachisu nuu kennuuf galetti guutummaatti amanamuu dandeenya.
8. Yihowaan Daawitiif maal godheera?
8 Mee akkaataa Yihowaan Daawitiin itti gargaare haa ilaallu. Yeroo Daawit baqataa taʼee jiraatetti Yihowaan wanta isaafis taʼe namoota isa faana turaniif barbaachisu isaaniif kenneera. Daawit gargaarsa Yihowaan waggoota hedduudhaaf isaaf godherratti yaaduudhaan akkana jedheera: “Ani dargaggeessan ture, amma garuu dulloomeera, taʼus namni qajeelaan kam iyyuu yommuu gatamu, ijoolleen isaas yommuu nyaata kadhatan hin argine.” (Far. 37:25) Atis jireenya kee keessatti Yihowaan jaalalaan kakaʼee wanta tajaajiltootasaatiif barbaachisu yeroo kennu argitee taʼuu dandaʼa.
9. Yihowaan yeroo harʼaatti yommuu balaan gaʼu wanta sabasaatiif barbaachisu kan isaaniif kennu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
9 Kana malees, Yihowaan yeroo balaan gaʼutti sabasaatiif wanta isaan barbaachisu ni kenna. Fakkeenyaaf, jaarraa jalqabaatti yeroo beelli buʼetti Kiristiyaanonni biyyoota garaagaraa keessa jiraatan obbolootaa fi obboleettota isaaniitiif wanta isaan barbaachisu erganii turan. (HoE. 11:27-30; Rom. 15:25, 26) Sabni Waaqayyoo yeroo harʼaa jiranis arjummaa akkasii argisiisu. Yommuu balaan gaʼu Yihowaan jaalalaan kakaʼee sabnisaa obboloota bakka balaan gaʼe jiraataniif wantoota buʼuuraa kanneen akka nyaata, bishaan, uffataa fi qorichaa jiran akka kennan ni kakaasa. Gareewwan ijaarsaa manneen obbolootaa fi Galmawwan Walgaʼii miidhaman ni suphu. Kana malees, tajaajiltoonni Yihowaa warra manasaanii fi nama jaallatan duʼaan dhabaniif karaa miiraas taʼe karaa hafuuraa dafanii gargaarsa godhu.c
Yeroo balaan gaʼutti Yihowaan kan nu jajjabeessu akkamitti? (Keeyyata 9 ilaali)e
10-11. Muuxannoo Booris irraa maal barattan?
10 Yihowaan namoota hamma yoonaatti isa waaqeffachuu hin jalqabneefis arjummaadhaan wanta isaan barbaachisu ni kenna. Haaluma wal fakkaatuun, nutis namoota nu faana Yihowaa hin waaqeffannetti gaarummaa argisiisuuf carraa ni barbaanna. (Gal. 6:10) Kunis yeroo baayʼee dhugaa isaaniif baʼuuf nu dandeessisa. Mee muuxannoo Booris isa itti gaafatamaa mana barumsaa taʼee fi Yuukreen keessa jiraatuu haa ilaallu. Booris Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu baatus yeroo hundumaa barattoota Dhugaa Baatota taʼanitti gaarummaa ni argisiisa, amantii isaaniitiifis kabaja qaba. Naannoo waraanaatii baqatee gara kutaa biyyattii waraanni hin jirree yeroo deemetti obboloonni isa gargaaraniiru. Boodas Booris Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoosirratti argameera. Wanta obboloonni isaaf godhan ilaalchisee akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni xiyyeeffannaa guddaa naaf kennaniiru, akkasumas na kunuunsaniiru. Baayʼeen isaan galateeffadha.”
11 Nutis namoonni nu faana Yihowaa kan waaqeffatan taʼanis taʼuu baatanis yommuu gargaarsi isaan barbaachisu jaalala isaanitti argisiisuudhaan fakkeenya Abbaa keenya isa gara laafessa taʼee hordofuu dandeenya. (Luq. 6:31, 36) Carraaqqiin nuti namootatti jaalala argisiisuuf goonu barattoota Kiristoos taʼuuf akka isaan kakaasu ni abdanna. (1 Phe. 2:12) Yihowaa tajaajiluuf filatanis filachuu baatanis gammachuu guddaa kennuudhaan argamu ni arganna.—HoE. 20:35.
YIHOWAAN EEGUMSA NUUF GODHA
12. Yihowaan akka gareetti sabasaatiif eegumsa akkamii gochuuf waadaa galeera? (Faarfannaa 91:1, 2, 14)
12 Faarfannaa 91:1, 2, 14 dubbisi. Yihowaan yeroo harʼaatti karaa hafuuraa eegumsa nuu gochuuf waadaa nuu galeera. Seexanni waaqeffannaa dhugaa akka mancaasu matumaa hin heyyamu. (Yoh. 17:15) “Rakkinni guddaan” yeroo jalqabu waadaa Yihowaan sabasaatiif karaa hafuuraa qofa utuu hin taʼin karaa qaamaas eegumsa gochuuf galerratti amanannaa guutuu qabaachuu dandeenya.—Mul. 7:9, 14.
13. Yihowaan dhuunfaatti eegumsa kan nuuf godhu karaawwan kamiini?
13 Yihowaan dhuunfaatti eegumsa akkamii nuuf godha? Kitaaba Qulqulluutti fayyadamuudhaan wanta sirrii fi dogoggora taʼe akka adda baafannu nu gargaara. (Ibr. 5:14) Qajeelfamoota Dubbii Waaqayyoo keessatti argaman yeroo hojiirra oolchinu miidhaa karaa hafuuraas taʼe karaa qaamaa nurra gaʼurraa eegumsa arganna. (Far. 91:4) Kana malees, Yihowaan karaa gumii eegumsa nuuf godha. (Isa. 32:1, 2) Obbolootaa fi obboleettota keenya Yihowaa jaallatanii fi ulaagaaleesaatiin jiraatan wajjin yeroo dabarsuun keenya, jajjabina argachuu fi cimina dhiibbaa gadhee dandamachuuf nu dandeessisu qabaachuuf nu gargaara.—Fak. 13:20.
14. (a) Yihowaan qorumsa nu mudatu hundumaarraa eegumsa kan nuuf hin goone maaliifi? (b) Faarfannaan 9:10 maal nuuf mirkaneessa? (Miiljalees ilaali.)
14 Yihowaan bara duriitti tajaajiltootasaa tokko tokkorra miidhaan qaamaa akka hin geenye eegumsa isaaniif godheera. Haa taʼu malee, yeroo hundumaa akkas hin godhu. Yeroo tokko tokko “wanti hin eegamne” nu mudachuu dandaʼa. (Lal. 9:11) Yihowaan Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf tajaajiltootasaa tokko tokkorra ariʼatamni akka gaʼuu fi akka duʼanillee heyyameera. (Iyo. 2:4-6; Mat. 23:34) Yeroo harʼaattis heyyamuu dandaʼa. Yihowaan rakkina nu mudate sana balleessuu baatus warra isa jaallatan matumaa akka hin dhiisne mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya.d—Far. 9:10.
YIHOWAAN NU JAJJABEESSA
15. Kadhannaarraa, Dubbii Waaqayyoo fi obboloota keenyarraa jajjabina argachuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qorontos 1:3, 4)
15 Qorontos Lammaffaa 1:3, 4. Yeroo tokko tokko gaddi, dhiphinni ykn rakkinni nurra gaʼuu dandaʼa. Tarii ammumayyuu rakkinni kophummaan akka sitti dhagaʼamu godhu sirra gaʼaa jira taʼa. Maarree miira sitti dhagaʼamaa jiru namni siif hubatu jiraa? Yihowaan siif hubata. Inni nuu gadduu qofa utuu hin taʼin, “rakkina keenya hundumaa keessatti nu jajjabeessa.” Akkamitti? Yihowaatti wawwaannaa yeroo dhiheessinu ‘nagaa Waaqayyoo isa hubannaa hundumaa irra caalu’ nuuf kenna. (Filp. 4:6, 7) Wanta inni nuun jedhu Kitaaba Qulqulluurraa yeroo dubbisnus jajjabina ni arganna. Yaanni geggeessaa hafuura qulqulluutiin barreeffamee fi jaalalasaa, ogummaasaa fi waadaa inni nuuf gale qabate jajjabina nuuf argamsiisuu dandaʼa. Walgaʼiiwwan keenyarrattis obboloota keenya wajjin taʼuun keenyaa fi Kitaaba Qulqulluu barachuun keenya nu jajjabeessa.
16. Muuxannoo Naataanii fi Pirsiilaa irraa maal baratte?
16 Yihowaan Dubbiisaatti fayyadamee kan nu jajjabeessu akkamitti akka taʼe hubachuuf mee muuxannoo Naataanii fi Pirsiilaa warra Yuunaayitid Isteetis keessa jiraatanii haa ilaallu. Waggoota muraasa dura bakka babalʼistoonni caalaatti barbaachisan deemuuf murteessan. Naataan, “Yihowaan carraaqqii keenya akka nuuf eebbisu isatti amanamnee turre” jedheera. Haa taʼu malee, bakka ramaddiisaanii erga deemanii booda rakkinni fayyaa fi rakkinni maallaqaa hin eegamne isaan mudate. Hiriyoonni gaaʼelaa kun biyyasaaniitti kan deebiʼan yeroo taʼu, achittis rakkina maallaqaa wajjin waldhaansoo gochuusaanii itti fufaniiru. Naataan akkana jedheera: “‘Waaqayyo karaa nuti yaanneen kan nu hin eebbisne maaliifi?’ jedheen yaade. ‘Maalan balleesse laata?’ jedhee yaaduullee jalqabeen ture.” Yeroo booda garuu Naataanii fi Pirsiilaan yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti Waaqayyo akka isaan hin dhiisne hubatan. Naataan akkana jedheera: “Yeroo rakkisaa sanatti Kitaabni Qulqulluun akkuma michuu ogeessa taʼe tokkootti jajjabinaa fi qajeelfama nuuf kennaa ture. Rakkina nu mudate sana akka dandamannu kan nu gargaare akkamitti akka taʼe xiinxaluun keenya, rakkina gara fuulduraatti nu mudatu amantiidhaan dandamachuuf nu qopheesseera.”
17. Obboleettiin Heelgaa jedhamtu jajjabina kan argatte akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
17 Obboloonnii fi obboleettonni keenyas jajjabina nuuf kennuu dandaʼu. Akkamitti? Mee fakkeenya Heelgaa ishii Hangaarii jiraattuu haa ilaallu. Waggoota hedduudhaaf rakkinni garaagaraa akka dhiphattuu fi gatii akka hin qabne akka ishiitti dhagaʼamu godhu ishii mudateera. Duubatti deebitee yommuu yaaddu garuu Yihowaan yeroo sanatti karaa gumii ishii jajjabeessaa akka ture hubatteetti. Akkana jettee barreessiteetti: “Yihowaan sababa hojiitiin yeroon dadhabu, ilma koo dhukkubsatu yeroon kunuunsuu fi qorumsawwan kan birootiin kan kaʼe humni koo akka laafe yeroo arge hundatti na gargaareera. Waggoottan 30n darban keessatti waadaa na jajjabeessuuf gale utuu hin eegin guyyaa tokkollee hin dabarsine. Yeroo baayʼee jechoota nama jajjabeessanii fi warri kaan dubbatanitti fayyadamee na cimseera. Obboloonni yeroo hedduu yommuu baayʼee na barbaachisutti ergaa gabaabaa fi kaardii naaf ergu ykn na galateeffatu turan.”
Yihowaan warra kaan jajjabeessuuf sitti fayyadamuu kan dandaʼu akkamitti? (Keeyyata 17 ilaali)
18. Warra kaan jajjabeessuu kan dandeenyu akkamitti?
18 Nutis warra kaan jajjabeessuudhaan fakkeenya Waaqa keenyaa hordofuuf mirga arganneerra. Akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti? Obsaan isaan dhaggeeffachuu, karaa nama jajjabeessuun isaan haasofsiisuu fi karaa qabatamaa taʼeen isaan gargaaruu dandeenya. (Fak. 3:27) Namoota yeroo ammaatti Waaqayyoon tajaajiluu hin jalqabne dabalatee namoota rakkinni mudate hunda jajjabeessuuf carraaqqii ni goona. Olloonni keenya yeroo gaddan, yeroo dhukkubsatan ykn yeroo dhiphatanitti isaan gaafanna, isaan dhaggeeffanna, akkasumas yaadawwan nama jajjabeessan Kitaaba Qulqulluurraa isaaniif dubbisna. Fakkeenya Yihowaa isa “Waaqa jajjabina hundaa” taʼe yommuu hordofnu obboloonni keenya rakkina isaan mudate akka dandamatan gargaaruu qofa utuu hin taʼin, namoonni Yihowaa hin tajaajilles waaʼeesaa beekuuf akka kakaʼan gochuu dandeenya.—Mat. 5:16.
YIHOWAAN YEROO HUNDUMAA NU GARGAARA
19. Yihowaan maal nuuf godha? Nutoo fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti?
19 Yihowaan namoota isa jaallatan hundaaf baayʼee yaada. Rakkina nu mudate wajjin waldhaansoo yeroo goonu nu hin dhiisu. Akkuma warri mucaasaaniitiif jaalalaan kunuunsa godhan Yihowaanis warra amanamummaadhaan isa waaqeffataniif kunuunsa ni godha. Inni nu qajeelcha, wanta jireenyaaf nu barbaachisu nuuf kenna, eegumsa nuuf godha, akkasumas nu jajjabeessa. Nutis warra kaanirra yeroo rakkinni gaʼu isaan gargaaruu fi isaan jajjabeessuudhaan fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofna. Addunyaa kana keessatti rakkinnii fi gaddi nu mudachuu kan dandaʼu taʼus Yihowaan nu faana akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. Inni, “Ani sii wajjin waanan jiruuf, hin sodaatin” jechuudhaan waadaa nuuf galeera. (Isa. 41:10) Kun amanannaa guddaa akka isarratti qabaannu nu taasisa. Eeyyee, matumaa kophaa keenya miti.
FAARFANNAA 100 Keessummummaa Isaan Simadhaa
a Mata duree, “Murtoo Waaqayyoof Ulfina Fidu Godhi” jedhu Masaraa Eegumsaa, Ebla 15, 2011 irraa ilaali.
b Mata duree, “Qajeelfama Yihowaa Hordofuu Kee Itti Fufi” jedhu Masaraa Eegumsaa, Guraandhala 2024 irraa keeyyata 11-14 ilaali.
c Fakkeenyota dhiheenya kanaa argachuuf jw.org irraa “gargaarsa yeroo balaa” jettee barbaaduu dandeessa.
d “Gaaffii Dubbistootaa” Masaraa Eegumsaa Guraandhala 2017 irratti baʼe ilaali.
e IBSA FAKKII: Obboloonni keenya Maalaawwii keessa jiraatan yeroo balaan gaʼetti karaa qaamaa fi karaa hafuuraa gargaarsa argachaa jiru.