LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Ebla ful. 26-31
  • Dargaggootaa, Fakkeenya Maarqosii fi Ximotewos Hordofaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Dargaggootaa, Fakkeenya Maarqosii fi Ximotewos Hordofaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • AKKUMA MAARQOS WARRA KAAN TAJAAJILUUF FEDHII QABAADHAA
  • AKKUMA XIMOTEWOS WARRA KAANIIF AKKA YAADDAN ARGISIISAA
  • GORSA PHAAWULOSIRRAA FAYYADAMAA
  • WARRA KAAN TAJAAJILUUN EEBBA ARGAMSIISA
  • ‘Gumiiwwan Jajjabeessuu’
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Obbolootaa—Tajaajilaa Gumii Taʼuuf Carraaqaa Jirtuu?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Ebla ful. 26-31

MATA DUREE QOʼANNAA 18

FAARFANNAA 65 Gaʼeessummaatti Guddadhu!

Dargaggootaa, Fakkeenya Maarqosii fi Ximotewos Hordofaa

“Maarqos tajaajilaaf waan na fayyaduuf isa fidii kottu.”—2 XIM. 4:11.

YAADA IJOO

Fakkeenyi Maarqosii fi Ximotewos, dargaggoonni amalawwan warra kaan caalaatti tajaajiluuf isaan dandeessisan horachuuf kan isaan gargaaru akkamitti?

1-2. Haalawwan rakkisoon Maarqosii fi Ximotewos warra kaan caalaatti akka hin tajaajille gufuu isaanitti taʼuu dandaʼan maal turan?

DARGAGGOOTAA, Yihowaa caalaatti tajaajiluu fi obbolootaa fi obboleettota keessan caalaatti gargaaruu ni barbaadduu? Akka barbaaddan beekamaadha. Dargaggoota hedduu warra kaan tajaajiluuf fedhiidhaan of dhiheessan arguun baayʼee nama gammachiisa! (Far. 110:3) Haa taʼu malee, rakkoowwan tokko tokko isin mudachuu dandaʼu. Maaltu na mudata jettanii yaaddaʼuudhaan kan kaʼe tajaajila keessan balʼifachuurraa duubatti jechaa jirtuu? Ofitti amanannaa dhabuudhaan hojii isiniif kenname tokko fudhachuu diddanii beektuu? Taanaan miirri akkasii kan itti dhagaʼamu isin qofatti miti.

2 Maarqosii fi Ximotewosis haalli rakkisaan akkasii isaan mudatee ture. Haa taʼu malee, maalan taʼa jedhanii sodaachuun ykn muuxannoo dhabuunsaanii warra kaan tajaajiluurraa duubatti akka jedhan isaan hin goone. Tarii Maarqos yeroo Phaawulos ergamaa fi Baarnaabaasii wajjin adeemsa misiyoonummaa isaanii isa jalqabaarratti akka isaanii wajjin taʼu affeerametti haadhasaa wajjin mana mijataa keessa jiraachaa kan ture fakkaata. (HoE. 12:12, 13, 25) Maarqos tajaajilasaa balʼifachuuf jecha haala mijataa kana dhiiseera. Jalqaba gara Anxokiyaa deeme. Sana boodammoo Phaawulosii fi Barnaabaasii wajjin bakkawwan fagoo taʼan kan biroo deemeera. (HoE. 13:1-5) Haaluma walfakkaatuun, Ximotewosis yeroo Phaawulosii wajjin akka tajaajilu affeerametti warrasaa wajjin jiraachaa kan ture fakkaata. Ximotewos dargaggeessa waan taʼee fi muuxannoo waan hin qabneef ofitti amanannaa dhabuun duubatti akka isa jechisiisu heyyamuu dandaʼa ture. (1 Qorontos 16:10, 11 fi 1 Ximotewos 4:12 walbira qabii ilaali.) Haa taʼu malee, affeerraa Phaawulos isaaf dhiheesse fudhachuudhaan eebbawwan hedduu argateera.—HoE. 16:3-5.

3. (a) Phaawulos, Maarqosii fi Ximotewosiif iddoo guddaa akka kennu akkamitti beekuu dandeenya? (2 Ximotewos 4:6, 9, 11) (Fakkiiwwanis ilaali.) (b) Mata duree kana keessatti gaaffiiwwan kamfaarratti mariʼanna?

3 Maarqosii fi Ximotewos dargaggummaa isaanitti muuxannoowwan gaggaarii horataniiru, akkasumas itti gaafatamummaa guguddaa fudhachuu barataniiru. Phaawulos dargaggoota kanaaf iddoo guddaa waan kennuuf, yeroo duutisaa akka dhihaate hubatetti isa bira akka dhufan barbaadee ture. (2 Ximotewos 4:6, 9, 11 dubbisi.) Amaloonni Maarqosii fi Ximotewos, Phaawulos biratti akka jaallataman godhan kamfaʼi? Dargaggoonni fakkeenyasaanii hordofuu kan dandaʼan akkamitti? Dargaggoonni gorsa gaarii Phaawulos, Maarqosii fi Ximotewosiif kennerraa fayyadamuu kan dandaʼanoo akkamitti?

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Maarqos, Phaawulosii fi Barnaabaasiif nyaataa fi wanta dhugamu dhiheessaa jira. 2. Ximotewos jaarsolii isa dhaggeeffachaa jiraniif xalayaa dubbisaa jira.

Maarqosii fi Ximotewos dargaggummaa isaaniitti itti gaafatamummaa fudhachuudhaan Phaawulos biratti jaallatamuu dandaʼaniiru (Keeyyata 3 ilaali)b


AKKUMA MAARQOS WARRA KAAN TAJAAJILUUF FEDHII QABAADHAA

4-5. Maarqos warra kaan tajaajiluuf fedhii akka qabu kan argisiise akkamitti?

4 Warra kaan tajaajiluu jechuun, isaan gargaaruuf jabaatanii hojjechuu fi yeroo akkas gochuun ulfaataa taʼuttillee isaan gargaaruu keenya itti fufuu jechuudha. Maarqos gama kanaan fakkeenya gaarii nuuf taʼa. Phaawulos adeemsa misiyoonummaa isaanii isa lammaffaarratti isa fuudhee deemuu yeroo didetti, Maarqos miidhamee fi gaddee taʼuu dandaʼa. (HoE. 15:37, 38) Haa taʼu malee, kun obbolootaa fi obboleettotasaa tajaajiluurraa duubatti akka jedhu isa hin goone.

5 Maarqos bakka biraatti tajaajiluudhaaf durbiisaa Baarnaabaasii wajjin deemeera. Gara waggaa 11 booda Phaawulos yeroo jalqabaatiif yeroo Roomaatti hidhametti namoota isa gargaaran keessaa tokko Maarqos ture. (Film. 23, 24) Phaawulos gargaarsa Maarqos isaaf godhe baayʼee waan dinqisiifateef, “madda jajjabinaa guddaa” akka isaaf taʼe ibseera.—Qol. 4:10, 11.

6. Maarqos Kiristiyaanota bilchaatootti dhihaachuudhaan kan fayyadame akkamitti? (Miiljalee ilaali.)

6 Maarqos Kiristiyaanota bilchaatootti dhihaachuunsaa isa fayyadeera. Maarqos, Phaawulosii wajjin yeroo muraasaaf Roomaa keessa erga turee booda, Pheexiros ergamaa wajjin taʼuudhaaf gara Baabilon deemeera. Namoonni kun lamaan michummaa cimaa waan uumaniif, Pheexiros ‘ilma koo Maarqos’ jedhee isa waameera. (1 Phe. 5:13) Yeroo waliin hojjetanitti Pheexiros waaʼee jireenyaa fi tajaajila Yesuus wanta hedduu isatti himee taʼuu hin oolu. Maarqosis yeroo booda seenaa kana Wangeela maqaasaatiin waamamurratti barreesseera.a

7. Obboleessi Siin Wuu jedhamu fakkeenya Maarqos kan hordofe akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

7 Maarqos dhimmee Yihowaa tajaajiluu fi obboloota bilchaatootti dhihaachuusaa itti fufeera. Fakkeenya Maarqos hordofuu kan dandeessu akkamitti? Mirga tajaajilaa tokko barbaaddee garuu hin arganne yoo taʼe obsa qabaadhu, akkasumas karaawwan kan biroo Yihowaa fi gumii tajaajiluu itti dandeessu argachuuf yaali. Mee fakkeenya Siin Wuu isa yeroo ammaatti jaarsa taʼee tajaajilaa jiruu haa ilaallu. Yeroo dargaggeessa turetti dargaggoota kan biroo wajjin walbira of qaba ture. Isaan keessaa tokko tokko isa dursanii mirga tajaajilaa tokko tokko argataniiru. Siin Wuun akka dagatame waan isatti dhagaʼameef, yeroo booda waaʼee kanaa obboloota bilchaatoo taʼanitti hime. Jaarsi tokko warri kaan yeroo tokko tokko wantoota gaggaarii inni raawwatu hubachuu baatanis, warra kaan tajaajiluuf wanta dandaʼu hundumaa akka godhu isa jajjabeesse. Gorsi kun Siin Wuun maanguddootaa fi warra gara gumii deemuuf geejjibni isaa barbaachisu gargaaruuf isa kakaaseera. Duubatti deebiʼee yeroo yaadu, “Warra kaan caalaatti tajaajiluu jechuun maal jechuu akka taʼe hubadheera. Warra kaaniif gargaarsa qabatamaa gochuun koo gammachuu naaf argamsiisee ture” jedheera.

Obboleessi dargaggeessi tokko obboleessa maanguddoo tokko konkolaataadhaan gara gumiitti geessaa jira.

Obboloonni dargaggoonni obboloota bilchaatoo wajjin yeroo dabarsuudhaan fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti? (Keeyyata 7 ilaali)


AKKUMA XIMOTEWOS WARRA KAANIIF AKKA YAADDAN ARGISIISAA

8. Phaawulos, Ximotewos akka isaa wajjin imalu kan filate maaliifi? (Filiphisiyus 2:19-22)

8 Phaawulos magaalota mormiin isa mudatee turetti yeroo deebiʼutti, namni onnataan isaa wajjin imalu isa barbaachisee ture. Jalqaba Kiristiyaanni muuxannoo qabuu fi Siilaas jedhamu isaa wajjin akka imalu filate. (HoE. 15:22, 40) Boodammoo Ximotewosiin filate. Phaawulos, Ximotewosiin kan filate maaliif ture? Tokkoffaa, maqaa gaarii qaba ture. (HoE. 16:1, 2) Akkasumas namootaaf garaadhaa yaada ture.—Filiphisiyus 2:19-22 dubbisi.

9. Ximotewos obbolootaa fi obboleettota isaatiif garaadhaa akka yaadu kan argisiise akkamitti?

9 Ximotewos yeroo Phaawulosii wajjin tajaajiluu jalqabee kaasee, ofiisaa caalaa warra kaaniif akka yaadu argisiiseera. Kanaan kan kaʼes, Phaawulos isa amanuudhaan obboloota haaraa achi jiran akka jajjabeessuuf Beeriyaatti isa dhiisee deemeera. (HoE. 17:13, 14) Yeroo kanatti Ximotewos fakkeenya Siilaas isa Beeriyaa keessa turerraa akka fayyadame hin shakkisiisu. Booda garuu Phaawulos, Ximotewos Kiristiyaanota magaalaa Tasalonqee keessa jiran akka jajjabeessuuf kophaasaa achitti isa ergeera. (1 Tas. 3:2) Waggoottan 15nan sana booda turanitti, Ximotewos ‘warra booʼanii wajjin booʼuudhaan’ namoota rakkataniif gadduu barateera. (Rom. 12:15; 2 Xim. 1:4) Dargaggoonni fakkeenya Ximotewos hordofuu kan dandaʼan akkamitti?

10. Obboleessi Wuu Jee jedhamu warra kaaniif caalaatti yaaduu kan barate akkamitti?

10 Obboleessi Wuu Jee jedhamu warra kaaniif caalaatti yaaduu barateera. Yeroo dargaggeessa turetti namoota guguddaa wajjin haasaʼuun isatti ulfaata ture. Kanaafuu Galma Walgaʼii keessatti nagaa gabaabaa isaan gaafatee darba ture. Jaarsi tokko Wuu Jeen obbolootasaa ilaalchisee wanta jaallatu dubbachuudhaan isaanii wajjin haasaʼuu jalqabuu akka dandaʼu yaada isaaf dhiheesse. Kana malees, jaarsi sun wanti xiyyeeffannaa nama kaanii harkisu maal akka taʼe akka yaadu isa jajjabeesse. Wuu Jeen warra kaanii wajjin yeroo haasaʼu gorsa kana hojiirra oolche. Wuu Jeen yeroo ammaatti jaarsa yeroo taʼu, akkas jedheera: “Yeroo ammaatti namoota umurii garaagaraa qabanii wajjin haasaʼuun natti hin ulfaatu. Wanta warra kaan yaaddessu caalaatti hubachuu dandaʼuun koo baayʼee na gammachiisa. Kun obboloota koo gargaaruurratti baayʼee na fayyadeera.”

11. Dargaggoonni warra gumiisaanii keessa jiraniif caalaatti yaaduu barachuu kan dandaʼan akkamitti? (Fakkichas ilaali.)

11 Isin obboloonni dargaggoonnis warra kaaniif caalaatti yaaduu barachuu ni dandeessu. Yommuu walgaʼii gumiirratti argamtan namoota umurii garaagaraarratti argamanii fi akkaataa guddinaa garaagaraa qabaniif xiyyeeffannaa kennaa. Haala akkamii keessa akka jiran isaan gaafadhaa, akkasumas isaan dhaggeeffadhaa. Kana gochuun keessan akkamitti akka isaan gargaartan beekuuf isin dandeessisa. Tarii hiriyoonni gaaʼelaa maanguddoota taʼan appilikeeshinii JW Library® fayyadamuurratti gargaarsi akka isaan barbaachisu hubachuu dandeessu. Yookiinimmoo nama isaanii wajjin tajaajilu akka hin qabne hubattaniittu taʼa. Obboloonni kun meeshaa eleektirooniksii isaaniitti akka fayyadaman isaan gargaaruu ykn isaanii wajjin tajaajiluuf qophii gochuu ni dandeessuu? Warra kaan gargaaruuf dursa fudhachuudhaan obboloota hundaaf fakkeenya taʼuu dandeessu.

Obboleessi dargaggeessi tokkoo fi obboleessi maanguddoon tokko manaa gara manaa waliin tajaajilaa jiru. Obboleessi maanguddoon nama haasofsiisaa jira, dargaggeessi sunimmoo taableetiirraa viidiyoo banee itti argisiisaa jira.

Obboloonni dargaggoonni wantoota hedduu raawwachuudhaan gumii gargaaruu ni dandaʼu (Keeyyata 11 ilaali)


GORSA PHAAWULOSIRRAA FAYYADAMAA

12. Dargaggoonni gorsa Phaawulos, Ximotewosiif kennerraa fayyadamuu kan dandaʼan akkamitti?

12 Phaawulos, Ximotewosiif gorsa jireenyaa fi tajaajilasaarratti milkaaʼina argachuuf isa gargaaru isaaf kenneera. (1 Xim. 1:18; 2 Xim. 4:5) Dargaggoonni gorsa Phaawulos irraas fayyadamuu dandaʼu. Akkamitti? Xalayaawwan lamaan Phaawulos, Ximotewosiif barreesse akkuma inni siif barreessetti dubbisi, achiis gorsa hojiirra oolchuu dandeessu argachuuf yaali. Mee fakkeenyota muraasa haa ilaallu.

13. Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuun maalfaa dabalata?

13 “Waaqayyoof buluu galma godhachuudhaan of leenjisi.” (1 Xim. 4:7b) Waaqayyoof buluu jechuun maal jechuudha? Waaqayyoof buluun Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu fi wanta isa gammachiisu raawwachuu barbaaduu argisiisa. Amala kana qabaannee waan hin dhalanneef horachuun nu barbaachisa. Akkamitti? Jechi Afaan Giriikii “of leenjisi” jedhamee hiikame yeroo baayʼee leenjii cimaa atileetiin tokko dorgommiidhaaf qophaaʼuuf godhu argisiisuuf itti hojjetama. Atileetiin leenjii akkasii godhu of toʼachuun isa barbaachisa. Nutis barsiifata Yihowaatti dhihaachuuf nu gargaaran horachuudhaaf of toʼachuu qabna.

14. Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu kaayyoon keenya maal taʼuu qaba? Fakkeenya kenni.

14 Guyyaa guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu dubbisuu barsiifata godhachuun barbaachisaadha; sababiin itti kana goonu Yihowaatti caalaatti dhihaachuu akka taʼe yaadachuunis barbaachisaadha. Fakkeenyaaf, seenaa waaʼee Yesuusii fi waaʼee dargaggeessa sooressa bulchaa taʼe sanaarraa maal barachuu dandeessu? (Mar. 10:17-22) Dargaggeessi kun Yesuus Masiihii akka taʼe ni amana, garuu isa duukaa buʼuuf amantiin isatti hirʼateera. Akkasuma taʼeeyyuu garuu Yesuus ‘isa jaallateera.’ Akkaataan Yesuus dargaggeessa kana itti haasofsiise garaa kee hin tuquu? Yesuus dargaggeessi kun murtoo gaarii akka godhu barbaadee akka ture ifadha. Yesuus jaalala Yihowaan dargaggeessa kanaaf qabus calaqqisiiseera. (Yoh. 14:9) Seenaa kanaa fi haala keerratti yommuu yaaddu, ‘Caalaatti Yihowaatti dhihaachuu fi caalaatti warra kaan tajaajiluuf maal gochuun qaba?’ jedhii of gaafadhu.

15. Dargaggeessi tokko warra kaaniif fakkeenya taʼuunsaa barbaachisaa kan taʼe maaliifi? Fakkeenya kenni. (1 Ximotewos 4:12, 13)

15 “Warra amanamoo taʼaniif . . . fakkeenya taʼi.” (1 Ximotewos 4:12, 13 dubbisi.) Phaawulos, Ximotewos dandeettiiwwan akka dubbisuu fi barsiisuu akka horatu qofa utuu hin taʼin, amalawwan akka jaalalaa, amantii fi qulqullummaa akka horatus isa gorseera. Maaliifi? Fakkeenyi gaariin dubbii caalaa humna waan qabuufi. Fakkeenyaaf, haasaa obboloonni hinaaffaa tajaajilarratti qaban guddifachuu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ibsu akka dhiheessitu ramadamte haa jennu. Tajaajilarratti hamma dandeessu kan hirmaattu yoo taʼe haasaa akkasii yommuu dhiheessitu bilisummaan sitti dhagaʼama. Gama kanaan fakkeenya kan taatu yoo taʼe namoonni si dhaggeeffatan wanta ati dubbattu hojiirra oolchuuf caalaatti ni kakaʼu.—1 Xim. 3:13.

16. (a) Karaawwan shanan dargaggoonni fakkeenya taʼuu itti dandaʼan kamfaʼi? (b) Obboleessi dargaggeessi tokko “dubbiidhaan” fakkeenya taʼuu kan dandaʼu akkamitti?

16 Ximotewos Tokkoffaa 4:12 irratti akka ibsametti, Phaawulos karaawwan dargaggeessi tokko fakkeenya taʼuu itti dandaʼu shan ibseera. Tokkoon tokkoon isaaniirratti maaliif qoʼannaa dhuunfaa hin gootu? Fakkeenyaaf, “dubbiidhaan” fakkeenya taʼuu barbaadde haa jennu. Karaawwan dubbii keetti fayyadamtee warra kaan ijaaruu itti dandeessurratti yaadi. Ammayyuu warra kee wajjin jiraatta taanaan wanta isaan siif godhaniif dinqisiifannaa qabdu irra deddeebitee ibsuu ni dandeessaa? Walgaʼii booda kutaa obboleessi ykn obboleettiin tokko dhiheessan keessaa wanta jaallatte isatti ykn ishiitti himtee galateeffachuu ni dandeessaa? Walgaʼiirratti jecha mataa keetiin yaada kennuuf yaaluus ni dandeessa. Carraaqqiin dubbiidhaan fakkeenya taʼuuf gootu karaa hafuuraa guddina gochaa akka jirtu argisiisa.—1 Xim. 4:15.

17. Obboleessi dargaggeessi tokko galma hafuuraarra akka gaʼu maaltu isa gargaara? (2 Ximotewos 2:22)

17 ‘Hawwii dargaggummaa irraa baqadhu; kanaa mannaa, qajeelummaa hordofi.’ (2 Ximotewos 2:22 dubbisi.) Phaawulos, Ximotewos hawwii galma hafuuraarra akka hin geenye gufuu isatti taʼuu fi hariiroo Yihowaa wajjin qabu isa jalaa balleessurraa akka fagaatu isa gorseera. Sochiiwwan tokko tokko dogoggora taʼuu baatanis, wantoota hafuuraatiif yeroo si dhabsiisaa akka jiran hubatteetta taʼa. Fakkeenyaaf, taphawwan ispoortiirratti hirmaachuudhaan, intarneetii fayyadamuudhaan ykn geemii taphachuudhaan yeroo hammamii dabarsaa akka jirtu yaadi. Yeroo wantoota kanarratti dabarsitu muraasasaa sochiiwwan hafuuraatiif oolchuu ni dandeessaa? Tarii Galma Walgaʼii suphuurratti gargaarsa gochuu ykn tajaajila addabaabayiirratti hirmaachuu ni dandeessa taʼa. Sochiiwwan akkasiirratti yoo hirmaatte michoota haaraa galma hafuuraa baafachuu fi irra gaʼuu akka dandeessu si gargaaran argachuun kee hin oolu.

WARRA KAAN TAJAAJILUUN EEBBA ARGAMSIISA

18. Maarqosii fi Ximotewos jireenya milkaaʼina qabuu fi gammachiisaa taʼe jiraataniiru jechuu kan dandeenyu maaliifi?

18 Maarqosii fi Ximotewos warra kaan tajaajiluuf jecha aarsaa kaffalaniiru; kanaan kan kaʼes, jireenya milkaaʼina qabuu fi gammachiisaa taʼe jiraataniiru. (HoE. 20:35) Maarqos obbolootasaa tajaajiluuf biyyoota adda addaa deemeera. Jireenyaa fi tajaajila Yesuus ilaalchisees seenaa baayʼee gammachiisaa taʼe barreesseera. Ximotewos gumiiwwan hundeessuu fi obbolootaa fi obboleettota jajjabeessuurratti Phaawulosiin gargaareera. Yihowaan Maarqosii fi Ximotewos fedhiisaanii aarsaa gochuusaaniitti akka gammade beekamaadha.

19. Obboloonni dargaggoonni gorsa Phaawulos, Ximotewosiif kenneef xiyyeeffannaa kennuu kan qaban maaliifi? Kunoo buʼaa akkamii argamsiisa?

19 Jaalala Phaawulos, Ximotewosiif qabu xalayaawwan lamaan inni michuusaa dargaggeessa kanaaf barreesserraa hubachuun ni dandaʼama. Xalayaawwan geggeessaa hafuuraatiin barreeffaman kun Yihowaan obboloota dargaggoota akka jaallatus ni argisiisu. Yihowaan atis milkaaʼina akka argattu barbaada. Kanaafuu, gorsa Phaawulos hojiirra oolchi, akkasumas warra kaan caalaatti tajaajiluuf fedhii qabaadhu. Akkas yoo goote amma jireenya gammachiisaa jiraatta, akkasumas ‘jireenya isa dhugaa jabeessitee qabachuu’ dandeessa.—1 Xim. 6:18, 19.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Fakkeenya Maarqosirraa maal baratte?

  • Hariiroo warra kaanii wajjin qabdurratti fakkeenya Ximotewos hordofuu kan dandeessu akkamitti?

  • Phaawulos gorsa dargaggeessi tokko guddina hafuuraa akka godhu gargaaru akkamii kenneera?

FAARFANNAA 80 ‘Gaarummaa Waaqayyoo Miʼeeffadhaa Ilaalaa’

a Pheexiros nama miira hoʼaa qabu waan taʼeef, Yesuus haala garaagaraa keessatti miira akkamii akka argisiisee fi maal akka godhe Maarqosiif ibsuu dandaʼa ture. Maarqos seenaa barreesse keessatti al hedduu miiraa fi gocha Yesuus kan ibse kanaafi.—Mar. 3:5; 7:34; 8:12.

b IBSA FAKKII: Maarqos adeemsa misiyoonummaa isaaniirratti Phaawulosii fi Barnaabaasiin tajaajilaa jira. Ximotewos obboloota cimsuu fi jajjabeessuuf fedhiidhaan gumiiwwan daawwateera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi