LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb22 Fulbaana ful. 7
  • Rakkina Diinagdee Isin Mudatu Amanannaadhaan Dandamadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Rakkina Diinagdee Isin Mudatu Amanannaadhaan Dandamadhaa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqni Keessan Yihowaan Iddoo Guddaa Isiniif Kenna!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2020
  • Jabaattanii Dhaabachuudhaan Hawwii Guddaadhaan Eeggachuu Keessan Itti Fufaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Amantiin Kee Hammam Cimaa Dha?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
  • Fakkeenya Raajotaa Hordofaa—Anbaaqom
    Tajaajila Mootummaa—2015
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2022
mwb22 Fulbaana ful. 7
Viidiyoo “Mana Jabaatee Dhaabatu Ijaaraa—‘Wantoota Amma Qabdanitti Gammadaa’” jedhamu irraa suuraa fudhatame. Suuraawwan garaa garaa: 1. Aanheel Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jira. 2. Leestarii fi haati manaa isaa Kitaaba Qulqulluu waliin dubbisaa jiru.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Rakkina Diinagdee Isin Mudatu Amanannaadhaan Dandamadhaa

Guyyoota dhumaa kana keessatti jireenyi rakkinaan kan guutame dha. Yommuu dhuma sirna kanaatti dhihaachaa deemnutti immoo rakkinni caalaatti akka dabalu beekamaa dha. Tarii yeroo tokko tokko wantoota nu barbaachisan tokko tokko dhabuu dandeenya taʼa. (An 3:16-18) Rakkina diinagdee amanannaadhaan dandamachuuf wanti nu gargaaru maali dha? Waaqa keenya Yihowaatti amanamuu keenya itti fufuu dha. Inni tajaajiltoota isaa kunuunsuuf waadaa galeera; akkasumas haala kam iyyuu keessatti wanta isaan barbaachisu isaaniif ni guuta.—Fr 37:18, 19; Ibr 13:5, 6.

Maal gochuu dandeessa:

  • Qajeelfamaa fi ogummaa akka siif kennu, akkasumas deggarsa akka siif godhu Yihowaa cimsii kadhadhu.—Fr 62:8.

  • Hojii kanaan dura hojjettee hin beekne hojjechuuf fedhii qabaadhu.—g-AM 1/10 8-9, saanduqoota

  • Dubbii Waaqayyoo guyyaa guyyaadhaan dubbisuu, walgaʼiiwwan gumii irratti argamuu fi tajaajila irratti hirmaachuu dabalatee sochiiwwan hafuuraa gochuu kee itti fufi

VIIDIYOO MANA JABAATEE DHAABATU IJAARAA—“WANTOOTA AMMA QABDANITTI GAMMADAA” JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Maatiiwwan tokko tokko rakkinni akkamii isaan mudateera?

  • Jireenya keessatti wanti caalaatti barbaachisaa taʼe maali dha?

  • Warra rakkina diinagdee qaban gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi