LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Caamsaa ful. 13
  • Kitaaba Qulqulluu Isa Sagaleedhaan Waraabame Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluu Isa Sagaleedhaan Waraabame Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Wantoota Sagaleedhaan Waraabamanitti Fayyadamuu Kan Dandeenyu Akkamitti?
    Tajaajila Mootummaa—2015
  • Walgaʼii Naannoo Namoonni Akka Gaariitti “Dhagaʼanii fi Argan”
    Buusiin Gootan Faayidaa Irra Oolaa Kan Jiru Akkamitti?
  • Weeb Saayitii Keenya—Nama Afaan Kan Biraa Dubbatu Gargaaruuf Itti Fayyadamaa
    Tajaajila Mootummaa—2012
  • Gaaffii Sitti Taʼeeraa?
    Dammaqaa!—2019
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Caamsaa ful. 13
Suuraawwan garaa garaa: Kitaaba Qulqulluu isa sagaleedhaan waraabame dhaggeeffachuu. 1. Obboleessi tokko bakkee taaʼe Heedfoniidhaan Kitaaba Qulqulluu isa sagaleedhaan waraabame moobaayilii isaa irraa dhaggeeffachaa jira. 2. Haati takka intala ishii wajjin Kitaaba Qulqulluu isa sagaleedhaan waraabame meeshaa sagalee taphachiisuun bananii Kitaaba Qulqulluu isaanii isa maxxanfame irraa hordofaa jiru. 3. Obboleettiin tokko yommuu geejjiba uummataadhaan imaltutti erfoniidhaan Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan waraabamee qophaaʼee fi moobaayilii ishii irra jiru dhaggeeffachaa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Kitaaba Qulqulluu Isa Sagaleedhaan Waraabame Akka Gaariitti Fayyadamaa Jirtuu?

Kitaabni Qulqulluun inni sagaleedhaan waraabamee qophaaʼe maalidha? Kitaabni Qulqulluun inni sagaleedhaan qophaaʼe waraabbii Hiika Addunyaa Haaraa isa haareffameeti. Waraabbiin kun hamma dandaʼame irraa jalaan afaanota hedduudhaan ni qophaaʼa. Kitaaba sagaleedhaan waraabamee qophaaʼe kana wanti adda godhu taatota Kitaaba Qulqulluu keessa jiraniif sagalee namoota garaagaraa fayyadamuu isaati. Ergaa Kitaaba Qulqulluu sirriitti dabarsuuf jechoonni sagalee fi miira sirrii taʼeen dubbifamu.

Namoonni tokko tokko Kitaaba Qulqulluu isa sagaleedhaan qophaaʼe kana irraa fayyadamaa kan jiran akkamitti? Namoonni dhaabbataadhaan waraabbii kana dhaggeeffatan hedduun akkaataa inni Dubbii Waaqayyoo itti ifa godhu jaallataniiru. Namoonni garaagaraa taatota garaagaraa bakka buʼanii yommuu dubbisan dhagaʼuun isaanii taateewwan Kitaaba Qulqulluu yaadaan ilaaluu fi wanta barreeffame caalaatti hubachuuf akka isaan gargaare itti dhagaʼameera. (Fak 4:5) Kana malees namoonni baayʼeen yeroo dhiphatanitti waraabbii kana dhaggeeffachuun isaanii akka isaan tasgabbeesse hubataniiru.—Fr 94:19.

Dubbiin Waaqayyoo sagalee ol kaʼaadhaan yommuu dubbifamu dhagaʼuun keenya jireenya keenya irratti dhiibbaa guddaa geessisa. (2Se 34:19-21) Kitaabni Qulqulluun guutuun isaa ykn gartokkeen isaa afaan hubachuu dandeessuun sagaleedhaan waraabamee qophaaʼeera yoo taʼe, waraabbii kana dhaggeeffachuu sochii hafuuraa dhaabbataadhaan godhatu keessaa tokko godhachuu ni dandeessaa?

VIIDIYOO KITAABA QULQULLUU SAGALEEDHAAN QOPHEESSUU—GABAABFAMEE KAN FUDHATAME JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFII ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

Kitaaba Qulqulluu sagaleedhaan qopheessuu ilaalchisee wanti si dinqisiise maalidha?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi