LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Fulbaana ful. 11
  • Yihowaan Warra Hafuurri Isaanii Caccabe ni Oolcha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Warra Hafuurri Isaanii Caccabe ni Oolcha
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Dhiphina Dandamachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
  • ‘Waaqayyotti Dhihaachuun Nuuf Gaariidha!’
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Fulbaana ful. 11

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Yihowaan Warra Hafuurri Isaanii Caccabe ni Oolcha

Darbee darbee hundi keenyayyuu gaddi nutti dhagaʼama. Gaddi nutti dhagaʼamuun isaa karaa hafuuraa akka laafne kan argisiisu miti. Yihowaaniyyuu yeroo itti gadde tokko tokko akka qabu ibseera. (Uma 6:5, 6) Garuu yeroo baayʼee ykn yeroo hunda garmalee kan gaddinu yoo taʼe maal gochuu qabna?

Gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhadhu. Yihowaan miira nutti dhagaʼamuuf xiyyeeffannaa guddaa kenna. Yommuu gammannus taʼe yommuu gaddinu beeka. Sababii wanta tokko itti yaannee fi miirri sun itti nutti dhagaʼame nu hubata. (Fr 7:9b) Hunda caalaammoo Yihowaan waaʼee keenya ni yaada; akkasumas gadda nutti dhagaʼamu ykn dhiphina sammuu akka dandamannu nu gargaara.—Fr 34:18.

Fayyaa sammuu keetiif kunuunsa godhi. Miirawwan gaarii hin taane gammachuu keenyaa fi waaqeffannaa keenya irratti dhiibbaa gochuu dandaʼu. Kanaafuu, garaa keenyaaf, jechuunis keessa namummaa keenyaaf eegumsa gochuu qabna.—Fak 4:23.

VIIDIYOO OBBOLOONNI KEENYA NAGAA ARGACHAA KAN JIRAN AKKAMITTI?—DHIPHINNI SAMMUU JIRAATUS JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dhiphina sammuu dandamachuuf Niikiin tarkaanfiiwwan qabatamaa akkamii fudhatteetti?

  • Niikiin gargaarsa yaalii fayyaa argachuun akka ishii barbaachisu kan ishiitti dhagaʼamee maaliifi? —Mat 9:12

  • Niikiin gargaarsa argachuuf Yihowaatti akka amanamtu kan argisiiste karaawwan kamiini?

“Masaraa Eegumsaa” Lakk. 1 2023, “Fayyummaa Sammuu​—⁠Gargaarsa Kitaaba Qulqulluurraa Argamu.”

Nama Masaraa Eegumsaa maxxansa sabaa Lakk. 1 2023 yoo fudhate fayyadamuu dandaʼu beektaa?

Fayyaa sammuu keenyaa eeguuf tarkaanfiiwwan qabatamaa akkamii fudhachuu dandeenya?

(Barsiifata sirreeffama irratti gochuu barbaaddu irratti mallattoo godhi.)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi