LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mwb23 Fulbaana ful. 15
  • Warri, Ijoolleen Keessan Ogummaa Waaqayyoo Akka Argatan Gargaaraa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Warri, Ijoolleen Keessan Ogummaa Waaqayyoo Akka Argatan Gargaaraa
  • Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Ijoolleen Keessan Akka Milkaaʼan Gargaaruuf Dhugaawwan Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluutti Fayyadamaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Warra “Kakaʼumsa Sirrii Qaban” Dafaa Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Guyyaa Guyyaadhaan Kitaaba Qulqulluu Dubbisuu fi Ogummaa Barbaaduu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
Dabalataan Ilaaluuf
Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
mwb23 Fulbaana ful. 15
Obboleettiin takka walg⁠a⁠ʼii gumii irratti yaada akka kennanii fi akka gaariitti akka hordofan ijoollee ishii gargaaraa jirti.

AKKA KIRISTIYAANA TOKKOOTTI JIRAACHUU

Warri, Ijoolleen Keessan Ogummaa Waaqayyoo Akka Argatan Gargaaraa

Karaa baayʼee gaariin warri ijoolleen isaanii ogummaa Waaqayyoo akka argatan gargaaruu itti dandaʼan inni tokko, walgaʼiiwwan Kiristiyaanaa irraa akka fayyadaman isaan gargaaruudha. Wanti ijoolleen walgaʼii irratti arganii fi dhagaʼan, akkasumas yaanni isaan walgaʼii irratti kennan, waaʼee Yihowaa akka baratanii fi baayʼee akka isatti dhihaatan isaan gargaara. (Kes 31:12, 13) Warra yoo taatan ijoolleen keessan walgaʼiiwwan irraa caalaatti akka fayyadamaniif maal gochuu dandeessu?

  • Walgaʼiiwwan irratti qaamaan argamuuf carraaqqii cimaa godhaa.—Fr 22:22

  • Galma Walgaʼiitti walgaʼii duraa fi booda obbolootaa fi obboleettotaa wajjin yeroo dabarsuuf carraaqaa.—Ibr 10:25

  • Miseensi maatii hundi barreeffama walgaʼii irratti qoʼatamu isa maxxanfame ykn isa bifa dijitaalaatiin jiru koppii mataa isaa akka qabaatu godhaa

  • Ijoolleen keessan jecha mataa isaaniitiin yaada kennuuf akka qophaaʼan isaan gargaaraa.—Mat 21:15, 16

  • Waaʼee walgaʼiiwwaniis taʼee waaʼee barumsa achitti argattanii wanta gaarii dubbadhaa

  • Ijoolleen keessan sochiiwwan akka Galma Walgaʼii qulqulleessuu fi maanguddoota gumii keessa jiranii wajjin haasaʼuu irratti akka hirmaatan isaan gargaaraa

Ijoolleen keessan Yihowaatti akka dhihaatan gargaaruun hojii guddaa gaafata; yeroo tokko tokkommoo humna keessanii ol akka taʼe isinitti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, gargaarsa Yihowaatti amanamuu dandeessu.—Isa 40:29.

VIIDIYOO WARRI, YIHOWAA FI JABINA INNI ISINIIF KENNUTTI AMANAMAA JEDHAMU ERGA ILAALTANII BOODA, GAAFFIIWWAN ARMAAN GADII DEEBISUUF YAALAA:

  • Dadhabbii cimaan Zaakii fi Liyaa irratti dhiibbaa kan godhe akkamitti?

  • Warri jabina argachuuf Yihowaa kadhachuu kan qaban maaliifi?

  • Zaakii fi Liyaan milkaaʼina argachuuf Yihowaatti kan amanaman karaawwan kamiini?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi