MATA DUREE QOʼANNAA 39
FAARFANNAA 54 “Karichi isa Kana”
Warra “Kakaʼumsa Sirrii Qaban” Dafaa Gargaaraa
“Warri jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban [hundi] amantoota taʼan.”—HOE. 13:48.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatanii fi walgaʼiirratti akka argaman affeeruu kan qabnu yoom akka taʼe ilaalla.
1. Namoonni misiraachicha fudhachuurratti garaagarummaa akkamii qabaachuu dandaʼu? (Hojii Ergamootaa 13:47, 48; 16:14, 15)
NAMOONNI jaarraa tokkoffaatti turan hedduun waaʼee Yesuus akkuma dhagaʼaniin yeruma sana dhugaa fudhataniiru. (Hojii Ergamootaa 13:47, 48; 16:14, 15 dubbisi.) Haaluma wal fakkaatuun yeroo harʼaas, namoonni tokko tokko misiraachicha yommuu dhagaʼan baayʼee gammadu. Namoonni jalqabarratti ergaa Mootummichaatiif fedhii hin qabnellee, yeroo booda misiraachichaaf garaasaanii balʼisanii banuu dandaʼu. Tajaajila keenyarratti namoota “kakaʼumsa sirrii qaban” yommuu argannu maal gochuu qabna?
2. Hojiin barattoota gochuu hojii qonnaan bulaan tokko hojjetuu wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?
2 Mee fakkeenya tokko haa ilaallu. Hojiin barattoota gochuu hojii qonnaan bulaan tokko hojjetuu wajjin wal fakkaata. Maasii qonnaan bulaa tokkoo keessaa midhaan tokko tokko warra kaan dursee bilchaachuu dandaʼa. Kanaafuu, qonnaan bulaan sun midhaan sana dafee sassaaba; taʼus, warra hin bilchaanne bishaan obaasuu fi kunuunsuusaa itti fufa. Haaluma wal fakkaatuun, nama ergaa keenya fudhachuuf fedhii qabu tokko yommuu argannu, barataa Kiristoos akka taʼu dafnee isa gargaaruuf ni carraaqna. Gama biraatiin immoo, namoota faayidaa ergaan keenya qabu hubachuuf yeroon isaan barbaachisu fedhii isaanii guddisuu keenya itti fufna. (Yoh. 4:35, 36) Namoonni qophaaʼoo taʼuu fi dhiisuusaanii beekuun keenya akkamitti isaan gargaaruu akka qabnu murteessuuf nu gargaara. Mee amma namoota ergaa keenya fudhachuuf qophaaʼoo taʼan jalqaba yeroo haasofsiisnutti maal gochuu akka dandeenyu haa ilaallu. Namoonni akkasii guddina gochuusaanii akka itti fufaniif akkamitti isaan gargaaruu akka dandeenyus ni ilaalla.
NAMOOTA MISIRAACHICHA FUDHACHUUF QOPHAAʼOO TAʼAN
3. Tajaajila keenyarratti namoota fedhii qaban yommuu argannu maal gochuu qabna? (1 Qorontos 9:26)
3 Tajaajila keenyarratti namoota fedhii qaban yommuu argannu, daandii gara jireenyaatti geessurra yeruma sana deemuu akka jalqaban isaan gargaaruu barbaanna. Yeroo akkasiitti, jalqabuma yeroo isaan mariisisnu qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu akka jalqabanii fi walgaʼiirratti akka argaman isaan affeeruu qabna.—1 Qorontos 9:26 dubbisi.
4. Muuxannoo waaʼee shamarree akkuma misiraachicha dhageesseen qoʼannaa jalqabe tokkoo ibsu dubbadhu.
4 Qoʼannaa akka jalqaban affeeruu. Namoonni haasofsiisnu tokko tokko yeruma sana qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabuuf fedhii qabu. Fakkeenyaaf, Kaanaadaatti guyyaa Kamisaa tokko, shamarreen tokko gaarii barreeffamaa bira dhaqxee birooshura Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu fudhatte. Obboleettiin gaarii sana bira turte birooshura sanatti fayyadamtee tolaan Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu akka dandeessu ishiitti himte. Shamarreen sunis qoʼachuuf walii galuudhaan teessoo ishii ishiidhaaf kennite. Shamarreen kun guyyuma sana gara boodaa obboleettii sanaaf barreessitee qoʼannaa sana yoom akka jalqaban ishii gaafatte. Obboleettiin sun dhuma torbaniirratti dhufuu akka dandeessu yommuu ishiitti himtu, shamarreen sun, “Boru yoo taʼehoo, boru nan dandaʼa” ishiidhaan jette. Kanaafuu, guyyuma Jimaataa sana qoʼannaa jalqaban. Shamarreen kun walgaʼii dhuma torban sanaatti godhamurratti argamte, achiis saffisaan guddina gochuu ishii itti fufte.
5. Namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan yommuu affeerru hubannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
5 Dhugaadha, namoonni nu dhaggeeffatan hundi akkuma shamarree kanaa qoʼachuuf fedhii ni qabaatu jennee hin eegnu. Fedhii namoota tokko tokkoo guddisuuf carraaqqii dabalataa gochuun barbaachisaa taʼuu dandaʼa. Jalqaba dhimma nama haasofsiisaa jirru hawwaturratti mariʼachuun nu barbaachisuu dandaʼa. Taʼus, ilaalcha gaarii qabaachuudhaan nama sanaaf xiyyeeffannaa kennuu keenya yoo itti fufne, yeroo gabaabaa keessatti qoʼannaa jalqabsiisuu dandeenya. Qoʼannaa akka jalqabu affeeruuf maal jechuu dandeenya? Gaaffiin kun obbolootaa fi obboleettota qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu jalqabsiisuurratti buʼa qabeeyyii taʼan muraasaaf dhihaatee ture.
Namoonni kun Kitaaba Qulqulluu qoʼachuun akka isaan gammachiisu gochuu kan dandeenyu akkamitti? (Keeyyata 5 ilaali)a
6. Namni fedhii qabu tokko mariʼachuusaa akka itti fufu gochuu kan dandeenyu akkamitti?
6 Babalʼistoonnii fi qajeelchitoonni waaʼee qoʼannaa jalqabsiisuu gaafataman kun, biyyoota tokko tokkotti yommuu qoʼannaa akka jalqaban affeerru, jechoota “qoʼannaa,” “barumsa Kitaaba Qulqulluu” ykn “sin barsiisa” jedhanitti fayyadamuun gaarii akka hin taane ibsaniiru. Jechoota “mariʼachuu,” “haasaʼuu” fi “Kitaaba Qulqulluu caalaatti baruu” jedhanitti fayyadamuun gaarii akka taʼe hubataniiru. Namni sun mariʼachuusaa akka itti fufu gochuuf akkas jechuu dandeessu: “Kitaabni Qulqulluun gaaffilee guguddoo nutti uumamaniif deebii kan kennu taʼuunsaa baayʼee nama ajaaʼiba” ykn “Kitaabni Qulqulluun kitaaba amantaa qofa miti, yaada nu gargaaru hedduu qabateera.” Achiis, “Wanta kanarratti mariʼachuun yeroo dheeraa nutti hin fudhatu, daqiiqaa 10 hanga 15 keessatti wanta gaarii tokko barachuu dandeenya” jechuu dandeessu. Yeroo isaan affeerrutti jechoota dirqama keessa akka galan akka isaanitti dhagaʼamu godhan kan akka “beellama” ykn “torban torbaniin” jedhanitti fayyadamuu hin qabnu.
7. Namoonni tokko tokko jalqaba dhugaa Kitaaba Qulqulluu kan hubatan yoomi? (1 Qorontos 14:23-25)
7 Walgaʼiirratti isaan affeeraa. Yeroo Phaawulos tajaajilaa turetti namoonni tokko tokko dhugaa Kitaaba Qulqulluu yeroo jalqabaatiif kan hubatan, yeroo walgaʼiirratti argamanitti taʼuu hin oolu. (1 Qorontos 14:23-25 dubbisi.) Harʼas yeroo baayʼee haalli akkasii ni uumama. Namoonni haaraa hedduun walgaʼiirratti argamuu yeroo jalqaban saffisaan guddina godhu. Maarree isaan affeeruu kan qabnu yoomi? Kitaabni Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamu barumsa 10ffaa irratti walgaʼiirratti akka argaman affeera. Haa taʼu malee, walgaʼiirratti akka argaman affeeruuf hanga boqonnaa sana bira gaʼanitti eeguu hin qabnu. Jalqabuma yeroo haasofsiistanitti, namni haasofsiistan sun walgaʼii dhuma torbaniirratti akka argamu affeeruu dandeessu. Tariimmoo mata duree haasaa sabaa ykn Masaraa Eegumsaa torban sana qoʼatamurraa qabxii tokko itti himuu dandeessu.
8. Walgaʼii keenyarratti akka argaman yeroo affeerrutti waaʼee maalii isaanitti himuu dandeenya? (Isaayyaas 54:13)
8 Nama tokko walgaʼiirratti yommuu affeertan, walgaʼiin keenya sirna amantaa namni sun kanaan dura beekuurraa akkamitti adda akka taʼe ibsaafii. Barattuun Kitaaba Qulqulluu tokko yeroo jalqabaatiif Qoʼannaa Masaraa Eegumsaa irratti yommuu argamtu, “Namichi qoʼannaa kana geggeessu maqaa nama hundumaa beekaa?” jettee barsiistuu ishii gaafatte. Obboleettiin sunis akkuma maqaa miseensota maatii keenyaa beeknu, hundi keenyayyuu maqaa namoota walgaʼiirratti argamanii beekuuf ni carraaqna ishiidhaan jette. Barattuun sunis kun isa ishiin waldaa ishii keessatti beekturraa baayʼee adda akka taʼe hubatte. Haaluma wal fakkaatuun, namoota haaraa hedduudhaaf kaayyoon walgaʼii keenyaa haaraadha. (Isaayyaas 54:13 dubbisi.) Nuti kan walitti qabamnu Yihowaa waaqeffachuuf, isarraa barachuu fi wal jajjabeessuufi. (Ibr. 2:12; 10:24, 25) Kanaan kan kaʼes, walgaʼiiwwan keenya qindoomina kan qabanii fi hojiidhaaf kan nama kakaasanidha. Kan walitti qabamnus sirna amantaa tokko raawwachuuf utuu hin taʼin barachuufi. (1 Qor. 14:40) Bakki walgaʼii keenyas barachuuf mijataa kan taʼedha. Siyaasarraa walaba waan taaneef garee siyaasaa tokko isa kan biraarra hin caalchisnu; akkasumas dhimmoota dhuunfaarratti wal hin falminu. Viidiyoo Galma Walgaʼii Keenya Keessatti Maaltu Raawwatama? jedhamu dursinee barataa keenyatti argisiisuun gaarii taʼuu dandaʼa. Taanaan wanta walgaʼii keenyarratti raawwatamu dursee beekuu dandaʼa.
9-10. Nama tokko walgaʼiirratti yommuu affeerru miseensa akka taʼu ykn akka hirmaatu dhiibbaan akka isarratti hin godhamne isaaf mirkaneessuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
9 Namoonni tokko tokko walgaʼiirratti argamuurraa duubatti kan jedhan miseensa akkan taʼu nan gaafatama jedhanii waan sodaataniifi. Keessummoonni walgaʼii keenyarratti akka argaman akka barbaannuu fi namni kamiyyuu miseensa akka taʼu ykn akka hirmaatu dhiibbaa akka irratti hin goone isaaf mirkaneessaa. Warra ijoollee qaban dabalatee maatiiwwan hundi walgaʼii keenyarratti argamuu dandaʼu. Walgaʼii keenyarratti ijoolleedhaaf barumsi kophaatti kennamu hin jiru. Kanaa mannaa, warrii fi ijoolleen waliin taaʼanii baratu. Kanaafuu, warri ijoolleensaanii eenyu faana akka jiranii fi maal barachaa akka jiran beekuu dandaʼu. (Kes. 31:12) Namoonni buusii akka godhan hin gaafannu ykn qodaa buusii hin naannessinu. Kanaa mannaa ajaja Yesuus, “Tola waan fudhattaniif, tola kennaa” jechuudhaan kenne hordofna. (Mat. 10:8) Kana malees, namni sun walgaʼiirratti hirmaachuuf uffata gatii guddaa qabu uffachuun akka isa hin barbaachisne itti himuu dandeenya. Waaqayyo garaa ilaala malee, ala nama sanaa hin ilaalu.—1 Sam. 16:7.
10 Namni sun walgaʼiirratti yoo argame kophummaan akka itti hin dhagaʼamneef wanta isiniif dandaʼame hunda godhaa. Jaarsolii fi babalʼistoota kan biroo wajjin wal isa barsiisaa. Simannaa gaariin akka isaaf godhame yoo isatti dhagaʼame deebiʼee dhufuuf caalaatti kakaʼuu dandaʼa. Walgaʼiin yeroo godhamutti Kitaaba Qulqulluu hin qabu yoo taʼe kan keessanirraa itti argisiisaa, akkasumas haasaa dhihaatu ykn qoʼannaa geggeeffamu akka hordofu gargaaraa.
Namni tokko hammuma dafee walgaʼiirratti argame dafee fayyadamuu dandaʼa (Keeyyata 9-10 ilaali)
QOʼANNAA JALQABSIISUU KAN QABDAN YOOMI?
11. Yeroo fi sagantaasaa akka kabajjan argisiisuu kan dandeessan akkamitti?
11 Qoʼannaa geggeessuu ilaalchisee maalfaa sammuutti qabachuu qabna? Yeroo fi sagantaa nama sanaa kabajaafii. Fakkeenyaaf, beellama qabattaniittu taanaan, saʼaatii eeguu ilaalchisee ilaalchi namoonni naannichaa qaban maaliyyuu yoo taʼe yeroodhaan argamaa. Kana malees, yeroo jalqabaatiif yommuu qoʼachiistan gabaabsuun keessan gaarii taʼuu dandaʼa. Babalʼistoonni muuxannoo qaban tokko tokko namni sun marii dabalataa gochuuf fedhii yoo qabaatellee, dafanii xumuruun gaarii akka taʼe dubbataniiru. Akkasumas baayʼee hin dubbatinaa. Namni sun yaadasaa akka ibsu yeroo gaʼaa isaaf kennaa.—Fak. 10:19.
12. Qoʼannaa yeroo jalqabsiisnee kaasee galmi keenya maal taʼuu qaba?
12 Qoʼannaa yeroo jalqabsiisnee kaasee galmi keenya namni sun Yihowaa fi Yesuusiin akka beeku, akkasumas jaalala akka isaaniif qabaatu gargaaruu taʼuu qaba. Kanas kan goonu namoonni nurratti ykn beekumsa Kitaaba Qulqulluu keenyarratti utuu hin taʼin, Dubbii Waaqayyoorratti akka xiyyeeffatan gochuudhaani. (HoE. 10:25, 26) Phaawulos yeroo baayʼee barumsisaa, Yesuus Kiristoos isa Yihowaan akka isa beeknuu fi akka isa jaallannu nu gargaaruuf ergerratti kan xiyyeeffate ture. (1 Qor. 2:1, 2) Kana malees, Phaawulos barattoonni haaraan amaloota gaggaarii warqii, meetii fi dhagaa gati jabeessatti fakkeeffamuu dandaʼan akka horatan isaan gargaaruun barbaachisaa akka taʼe ifa godheera. (1 Qor. 3:11-15) Amaloonni gaggaariin kun amantii, ogummaa, hubannaa fi Yihowaa sodaachuu dabalatu. (Far. 19:9, 10; Fak. 3:13-15; 1 Phe. 1:7) Barattoonni kee amantii cimaa akka qabaatanii fi Abbaasaanii isa samii jaalala qabeessa taʼe wajjin hariiroo dhuunfaa akka qabaatan gargaaruudhaan fakkeenya Phaawulos hordofi.—2 Qor. 1:24.
13. Namoota fedhii qaban yeroo gargaarrutti obsaa fi hubannaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti? (2 Qorontos 10:4, 5) (Fakkichas ilaali.)
13 Obsa argisiisuu fi hubannaa qabaachuudhaan akkaataa Yesuus itti barsiisaa ture hordofi. Gaaffiiwwan nama sana dhiphisan hin gaafatin. Barbaachisaa taanaan qabxiilee hubachuuf isatti ulfaatan bira darbuudhaan yeroo kan biraa itti deebiʼuu dandeessa. Barumsa tokko akka fudhatu dhiibbaa isarratti gochuu mannaa, akka irratti yaaduu fi ilaalchasaa akka jijjiiru yeroo isaaf kenni. (Yoh. 16:12; Qol. 2:6, 7) Kitaabni Qulqulluun barumsa sobaa ‘dahoowwan jajjaboo garagalchuun’ nu barbaachisutti fakkeessa. (2 Qorontos 10:4, 5 dubbisi.) Dahoo kana mataa barataa keerratti jijjigsuu mannaa, Yihowaa dahoosaa akka godhatu isa gargaari.—Far. 91:9.
Dhugaan garaa barattoota keessanii keessatti akka hidda gad fageeffatu yeroo kennaafii (Keeyyata 13 ilaali)
NAMOOTA WALGAʼIIRRATTI ARGAMAN AKKAMITTI GARGAARUU DANDEENYA?
14. Namoonni haaraan yommuu walgaʼiirratti argaman maal gochuu qabna?
14 Yihowaan namoonni aadaan isaanii, sadarkaan hawaasa keessatti qaban ykn akkaataan guddinaa isaanii maaliyyuu yoo taʼe namoota hundumaa wal qixa akka ilaallu barbaada. (Yaq. 2:1-4, 9) Maarree, namoota haaraa walgaʼii keenyarratti argamanitti jaalala argisiisuu kan dandeenyu akkamitti?
15-16. Namoonni walgaʼii keenyarratti argaman kophummaan akka isaanitti hin dhagaʼamne gargaaruu kan dandeenyu akkamitti?
15 Namoonni tokko tokko walgaʼiiwwan keenyarratti kan argaman, maal akka fakkaatu ilaaluuf qofa jedhaniiti ykn namni bakka biraa jiraatu tokko akka hirmaatan waan isaan jajjabeesseef taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, namoota gara walgaʼii keenyaa dhufanitti siqnee haasofsiisuurraa duubatti jechuu hin qabnu. Qaaniin akka isaanitti dhagaʼamu utuu hin godhin miira hoʼaadhaan isaan simadhaa. Akka isinii wajjin taaʼan affeeraa. Kitaaba Qulqulluu fi barreeffamoota qoʼannaa keessan isaanitti argisiisaa ykn koppii mataa isaanii isaaniif kennaa. Bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuuf wanti kan biraan gochuu dandeessan yoo jiraate yaadaa. Namichi gara walgaʼii dhufee ture tokko akka warra kaaniitti waan hin uffanneef dhiphatee akka ture obboleessa isa simatetti himeera. Obboleessichis Dhugaa Baatonni Yihowaa walgaʼiidhaaf akka gaariitti kan uffannu taʼus, akkuma namoota kaanii akka taane isaaf ibsuudhaan isa tasgabbeesseera. Namichi kun yeroo booda guddina godhee cuuphameera; wanta obboleessi kun isaan jedhes matumaa hin irraanfanne. Haa taʼu malee, namni haaraan yommuu walgaʼiirratti argamu walgaʼii dura ykn booda xiyyeeffannaa isaaf kennuu kan qabnu taʼus, dhimma dhuunfaasaa keessa galuu hin qabnu.—1 Phe. 4:15.
16 Kana malees, yeroo waliin haasofnu, yeroo yaada kenninuu fi yeroo kutaa dhiheessinutti namoota Dhugaa Baatota hin taaneefis taʼe amantii isaaniitiif kabaja akka qabnu argisiisuudhaan, namoonni haaraan bilisummaan akka isaanitti dhagaʼamu gochuu dandeenya. Jechoota isaan gufachiisan ykn akka arrabsootti ilaalan dubbachuurraa of qusadhaa. (Tit. 2:8; 3:2) Fakkeenyaaf, matumaa wanta isaan itti amanan akka tuffannu karaa argisiisuun dubbachuu hin qabnu. (2 Qor. 6:3) Gama kanaan obboloonni haasaa sabaa dhiheessan of eeggannoo guddaa gochuu qabu. Kana malees, yaadawwanii fi jechoota namoonni Dhugaa Baatota hin taane hubachuu hin dandeenye ibsuudhaan keessummoota walgaʼiirratti argamaniif akka yaadan argisiisuu dandaʼu.
17. Tajaajila keenyarratti namoota ‘kakaʼumsa sirrii qaban’ yommuu argannu kaayyoon keenya maal taʼuu qaba?
17 Guyyaan darbaa yommuu deemu hojiin barattoota gochuu caalaatti ariifachiisaa taʼaa deema; kanaafuu “[warra] jireenya bara baraa argachuuf kakaʼumsa sirrii qaban” barbaaduu keenya itti fufuu qabna. (HoE. 13:48) Akkas yommuu goonu namoonni Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatanii fi walgaʼiirratti akka argaman affeeruurraa duubatti jechuu hin qabnu. Taanaan, namoonni daandii “gara jireenyaatti geessu” irra deemuu akka jalqaban isaan gargaaruu dandeenya.—Mat. 7:14.
FAARFANNAA 64 Hojii Makaraa Irratti Gammachuudhaan Hirmaachuu
a IBSA FAKKII: Obboloonni lama loltuu soorama baʼee fi barandaa isaarra taaʼee bashannanaa jiru tokko haasofsiisaa jiru; obboleettonni lama haadha hojiin itti baayʼatu tokkoof gabaabsanii dhugaa baʼaa jiru.