LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • wp22 Lakk. 1 ful. 6-7
  • 1 | Loogii Irraa Fagaadhu

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • 1 | Loogii Irraa Fagaadhu
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Barumsa Kitaaba Qulqulluu:
  • Maal Jechuu Dha?
  • Maal Gochuu Dandeessa?
  • 3 | Jibba Sammuu Kee Keessaa Baasi
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibba Injifachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibbi Hamma Kana kan Baayʼate Maaliifi?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
  • Jibba Injifachuu ni Dandeenya!
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2022
wp22 Lakk. 1 ful. 6-7
Namichi gurraachi suuraa namicha adii seeqaa jiruu qabatee jira, namichi adiin immoo suuraa namicha gurraacha seeqaa jiruu qabatee jira. Duubaan suuraa namoota aaraniitu mulʼata.

JIBBA INJIFACHUUN KAN DANDAʼAMU AKKAMITTI?

1 | Loogii Irraa Fagaadhu

Barumsa Kitaaba Qulqulluu:

“Waaqayyo [hin loogu]; kanaa mannaa, saba hundumaa keessaa namni isa sodaatuu fi wanta sirrii taʼe hojjetu isa biratti fudhatama qaba.”—HOJII ERGAMOOTAA 10:34, 35.

Maal Jechuu Dha?

Yihowaana lammummaa, sanyii, bifa ykn aadaa keenya irratti hundaaʼuudhaan nutti hin murteessu. Kanaa mannaa, wanta keessa keenya jiru irratti xiyyeeffata. Kitaabni Qulqulluun, “Namni wanta alaan mulʼatu ilaala; Yihowaan garuu garaa namaa ilaala” jedha.—1 Saamuʼel 16:7.

Maal Gochuu Dandeessa?

Wanta garaa namaa keessa jiru beekuu kan hin dandeenye taʼus, fakkeenya Waaqayyoo hordofuudhaan loogii irraa fagaachuu dandeenya. Namoota akka gareetti utuu hin taʼin, akka dhuunfaatti ilaaluuf carraaqqii godhi. Namoota sanyii ykn lammummaa sirraa adda taʼe qabaniif miira sirrii hin taane akka qabdu yoo hubatte, miira akkasii of keessaa baasuuf akka si gargaaru Yihowaa kadhadhu. (Faarfannaa 139:23, 24) Loogii irraa fagaachuuf akka si gargaaru Yihowaa cimsitee yoo kadhatte, inni kadhannaa kee akka dhagaʼuu fi akka si gargaaru mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa.—1 Pheexiros 3:12.

a Yihowaan maqaa Waaqayyooti.—Faarfannaa 83:18.

“Sana dura nama adii . . . wajjin taaʼee nagaadhaan haasaʼee iyyuu hin beeku. Amma garuu kutaa maatii obbolummaa addunyaa maraa taʼeera.”—TAAYITAS

Seenaa Dhugaa​—TAAYITAS

Jibba Injifateera

Taayitas.

Taayitas seera namoota wal caalchisutti waan aareef garee namoota yakka raawwatanii fi miira akka isaa qaban tokkotti makame. Akkana jedheera: “Magaalaa keessaa bakka namni gurraacha taʼe itti hin simatamne, fakkeenyaaf, hoteelaa fi mana dhugaatii dhaqnee lola kakaasna turre.” Taayitas jibbaan guutamee akka turee fi kun immoo nama dafee aaru akka isa taasise dubbateera. “Dhiiras taʼe durba nama akkamii iyyuu wajjin yoon wal lole jalqaba kan rukutu ana ture” jedheera.

Taayitas Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabu jijjiirama gochuu eegale. Kitaaba Qulqulluu dubbisuun isaa ilaalchi isaa akka jijjiiramu godheera. Keessumaa abdiin waaʼee addunyaa haaraa dubbatuu fi “Duutis kana booda hin jiraatu; gaddis taʼe iyyi yookiin dhiphinni kana booda hin jiraatu” jedhu baayʼee isa tuqeera.—Mulʼata 21:3, 4.

Jalqaba irratti Taayitas jibba garaa isaa keessa jiru balleessuun isatti ulfaatee ture. “Akkaataan itti yaaduu fi gocha koo irratti jijjiirama gochuun natti ulfaatee ture” jedheera. Taʼus, yaanni Hojii Ergamootaa 10:34, 35 irratti argamuu fi Waaqayyo namoota akka wal hin caalchisne dubbatu isa gargaareera.

Maarree buʼaan isaa maal ture? Akkana jedheera: “Dhugaa Baatonni Yihowaa sanyii fi bifti isaanii garaa gara taʼus, jaalala akka waliif qaban hubachuun koo, amantaa dhugaa akka hordofan na amansiiseera. Cuuphamee Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuu koo dura illee, obboleessi adiin tokko mana isaatti nyaata na affeereera. Kana amanuun baayʼee natti ulfaatee ture. Sana dura nama adii wajjin nyaata nyaachuu mitii wajjin taaʼee nagaadhaan haasaʼee iyyuu hin beeku. Amma garuu kutaa maatii obbolummaa addunyaa maraa taʼeera.”

Waaʼee seenaa Taayitas caalaatti beekuuf Masaraa Eegumsaa Hagayya 1, 2009 (Amaariffa) fuula 28-29 dubbisi; jw.org irratti ni argama.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi