MATA DUREE QOʼANNAA 18
FAARFANNAA 1 Amalawwan Yihowaa
‘Abbaa Murtii Guutummaa Lafaa’ Isa Gara Laafessa Taʼetti Amanamaa!
“Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?”—UMA. 18:25.
YAADA IJOO
Duʼaa kaʼuu jalʼootaa ilaalchisee gara laafinaa fi haqa Yihowaan qabu gadi fageenyaan hubachuuf nu gargaara.
1. Yihowaan Abrahaamiin barumsa nama jajjabeessu akkamii barsiise?
YIHOWAAN magaalota Sodoomii fi Gomoraa balleessuuf akka jedhu maleekaa tokkotti fayyadamee Abrahaamitti himee ture. Abrahaam Waaqayyorratti amantii cimaa kan qabu taʼus yaada kana hubachuun baayʼee isatti ulfaatee ture. Kanaafuu, akkana jedhee gaafate: “Ati dhuguma isa qajeelaa isa hamaa wajjin ni balleessitaa? . . . Abbaan murtii guutummaa lafaa wanta sirrii taʼe hin raawwatuu ree?” Yihowaan michuusaa jaallatamaa taʼe kana obsaan barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe barsiiseera: Waaqayyo matumaa qajeelota hin balleessu; hundi keenyayyuu barumsa kanarraa faayidaa fi jajjabina guddaa arganna.—Uma. 18:23-33.
2. Murtiin Yihowaa qajeelaa fi gara laafinarratti kan hundaaʼe akka taʼe wanti nuuf mirkaneessu maalidha?
2 Murtiin Yihowaa qajeelaa fi gara laafinarratti kan hundaaʼe akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu kan dandeenyu maaliifi? ‘Yihowaan garaa namaa akka ilaalu’ waan beeknuufi. (1 Sam. 16:7) Inni “garaa nama hundumaa” beeka. (1 Mot. 8:39; 1 Sen. 28:9) Kun wanta ajaaʼibsiisaa taʼedha. Murtiin Yihowaa hubannaa keenyaa oli. Phaawulos ergamaan hafuura qulqulluudhaan geggeeffamee Waaqa keenya Yihowaa ilaalchisee, “Murtiin isaa matumaa qoramuu hin dandaʼu” jechuunsaa sirriidha.—Rom. 11:33.
3-4. Yeroo tokko tokko gaaffiin akkamii nutti uumamuu dandaʼa? Mata duree kana keessatti maal ilaalla? (Yohaannis 5:28, 29)
3 Yihowaan yeroo hunda wanta sirrii akka raawwatu kan beeknu taʼus, yeroo tokko tokko akkuma Abrahaam gaaffiin nutti uumamuu dandaʼa. Tarii akkana jennee yaanna taʼa: ‘Namoonni akka namoota Sodoomii fi Gomoraa Yihowaan balleessee jiran abdii gara fuulduraa qabaachuu dandaʼuu? Isaan keessaa namoonni tokko tokko “jalʼoota duʼaa kaafaman” keessaa taʼuu ni dandaʼuu laata’?—HoE. 24:15.
4 Mee duʼaa kaʼuu ilaalchisee hubannaa arganne haa ilaallu. Dhiheenya kana, “duʼaa kaʼuu jireenyaa” fi “duʼaa kaʼuu murtii” ilaalchisee hubannaa qabnurratti sirreeffamni godhamee ture.a (Yohaannis 5:28, 29 dubbisi.) Hubannaan kun sirreeffamni dabalataa akka barbaachisu ifa godheera; mata duree kanaa fi isa itti aanurratti sirreeffama godhame kanarratti mariʼanna. Murtii qajeelaa Yihowaan kennu ilaalchisee jalqaba wanta nuti hin beekne, itti aansuudhaanimmoo wanta beeknu irratti mariʼanna.
WANTA NUTI HIN BEEKNE
5. Barreeffamoonni keenya namoota Sodoomii fi Gomoraatti balleeffaman ilaalchisee yaada akkamii kennanii turan?
5 Kanaan dura barreeffamoota keenyarratti gaaffii, ‘Namoota Yihowaan jalʼoota akka taʼanitti itti murteesserra maaltu gaʼa?’ jedhuuf ibsi kennamee ture. Namoonni akka namoota Sodoomii fi Gomoraatti Yihowaan balleesse abdii duʼaa kaʼuu hin qaban jennee dubbachaa turre. Haa taʼu malee, dhimma kanarratti gadi fageenyaan qorannaa erga goonee fi erga kadhannee booda gaaffiin, ‘Waaʼee dhimma kanaa mirkanaaʼoo taanee dubbachuu ni dandeenyaa?’ jedhu kaʼeera.
6. Fakkeenyonni waaʼee murtii Yihowaan namoota jalʼoota taʼanirratti dabarsee ibsan tokko tokko kamfaʼi? Wanti nuti hin beekne maalidha?
6 Mee gaaffilee yaada kanaa wajjin wal qabatan tokko tokko haa ilaallu. Kitaaba Qulqulluu keessatti seenaawwan Yihowaan namoota jalʼoota taʼanirratti murtii akka dabarse ibsan hedduun jiru; fakkeenyaaf, Yihowaan bara Nohitti isaa fi maatiisaatiin ala namoota lafarra jiraachaa turan hunda Bishaan Badiisaatiin balleesseera, Israaʼelotatti fayyadamee saboota torban Biyyattii Abdachiifamte keessa jiraachaa turan balleesseera, akkasumas maleekaa tokkotti fayyadamee halkan tokkotti loltoota Asoor 185,000 balleesseera. (Uma. 7:23; Kes. 7:1-3; Isa. 37:36, 37) Maarree, Kitaabni Qulqulluun namoonni yeroo sanatti balleeffaman hundi badiisni barabaraa akka isaanitti murteeffamee fi abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabne ni dubbataa? Lakki, hin dubbatu. Akkas kan jennu maaliifi?
7. Namoota Bishaan Badiisaatiin balleeffaman ykn namoota yeroo Israaʼelonni biyya Kanaʼaaniin qabatanitti balleeffaman ilaalchisee wanti nuti hin beekne maalidha? (Fakkii jiru ilaali.)
7 Yihowaan tokkoon tokkoon namaatiif murtii kan kennu akkamitti akka taʼe hin beeknu; namoonni balleeffaman sun waaʼee Yihowaa barachuu fi yaada geddarachuuf carraa argachuu fi dhiisuusaaniis hin beeknu. Kitaabni Qulqulluun waaʼee bara Bishaan Badiisaa yeroo dubbatu Nohiin “Isa qajeelummaa lallabu” jedhee waama. (2 Phe. 2:5) Haa taʼu malee, yeroo doonii guddaa sana ijaaraa turetti Bishaan Badiisaa sana ilaalchisee namoota lafarra jiran hunda dhuunfaatti haasofsiisuu fi dhiisuusaa hin dubbatu. Haaluma wal fakkaatuun, saboota Kanaʼaan sana ilaalchisees namoonni hamoo turan sun hundi waaʼee Yihowaa barachuu fi jijjiirama gochuuf carraa argachuu fi dhiisuusaanii hin beeknu.
Nohii fi maatiinsaa doonii guddaa ijaaraa jiru. Noh Bishaan Badiisaa dhufuusaa dura yeroo doonii ijaaraa ture sanatti namoota lafarra turan hunda waliin gaʼuuf duula lallabaa gurmeessuu fi dhiisuunsaa hin beekamu (Keeyyata 7 ilaali)
8. Namoota Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee wanti nuti hin beekne maalidha?
8 Waaʼee namoota Sodoomii fi Gomoraahoo maal jechuu dandeenya? Loox inni nama qajeelaa taʼe isaan gidduu jiraachaa ture. Haa taʼu malee, Loox hundasaaniitiif lallabeeraa? Waaʼee kanaa hin beeknu. Namoonni sun hamoota akka turan beekamaadha; garuu hundisaaniiyyuu wanta sirrii fi dogoggora taʼe beeku turanii? Dhiironni magaalaa sanaa keessummoota Loox gudeeduuf gareedhaan taʼanii dhufanii akka turan yaadadhu. Kitaabni Qulqulluun “isa xinnaadhaa hamma isa maanguddootti” akkas godhanii akka turan dubbata. (Uma. 19:4; 2 Phe. 2:7) Waaqa gara laafessa kan taʼe Yihowaan hundisaaniiyyuu abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabaanne isaanitti murteesseeraa? Akkas jechuu hin dandeenyu. Yihowaan magaalattii keessa namoonni qajeeloon kudhanillee akka hin jirre Abrahaamiif mirkaneesseera. (Uma. 18:32) Kanaafuu, namoonni sun jalʼoota turan; Yihowaan gochasaanii kanaaf isaan adabuunsaa sirrii ture. Maarree, hundisaaniiyyuu ‘jalʼoota duʼaa kaafaman’ keessaa tokko taʼuu hin dandaʼan jennee mirkanaaʼoo taanee dubbachuu ni dandeenyaa? Hin dandeenyu.
9. Solomooniin ilaalchisee wanti nuti hin beekne maalidha?
9 Kitaabni Qulqulluun waaʼee namoota qajeelota turanii fi yeroo booda jalʼoota taʼaniis ni dubbata. Solomoon Mootichi isaan keessaa tokkodha. Solomoon Yihowaa sirriitti beeka ture, eebba hedduus isarraa argateera; booda garuu, waaqolii sobaa waaqeffachuu jalqabe. Wanti inni godhe Yihowaa baayʼee dheekkamsiise; cubbuu inni raawwateen kan kaʼe Israaʼelonni waggoota dhibbaan lakkaaʼamaniif dararamaa jiraataniiru. Kitaabni Qulqulluun, Solomoon namoota amanamoo kan akka Daawit Mootichaa jiran dabalatee “abbootii isaa wajjin [akka] boqote” dubbata. (1 Mot. 11:5-9, 43; 2 Mot. 23:13) Maarree, akkaataan itti awwaalame abdii duʼaa kaʼuu akka qabu argisiisaa? Kitaabni Qulqulluun waaʼee kanaa hin dubbatu. Namoonni tokko tokko Kitaabni Qulqulluun, “Namni duʼe cubbuu isaa irraa bilisa baʼeera” waan jedhuuf Solomoon akka duʼaa kaʼutti yaadu taʼa. (Rom. 6:7) Haa taʼu malee, yaanni kun namoonni duʼan hundi duʼaa akka kaafaman kan argisiisu miti; namni tokko waan duʼeef qofa deebiʼee jiraachuuf mirga qaba jechuu miti. Duʼaa kaʼuun kennaa Waaqa jaalala qabeessa taʼerraa argannudha. Kennaa kanas namoota barabaraaf isa tajaajiluuf carraa akka argatan barbaaduuf kenna. (Iyo. 14:13, 14; Yoh. 6:44) Maarree, Solomoon kennaa kana ni argataa? Deebiisaa Yihowaatu beeka; nuti hin beeknu. Yihowaan wanta sirrii taʼe akka raawwatu garuu beekna.
WANTA BEEKNU
10. Yihowaan namoota balleessuu ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama? (Hisqiʼel 33:11) (Fakkichas ilaali.)
10 Hisqiʼel 33:11 dubbisi. Yihowaan murtii namootarratti dabarsu ilaalchisee maaltu akka isatti dhagaʼamu gaarummaadhaan kakaʼee nutti himeera. Pheexiros ergamaan ‘Yihowaan namni tokko illee akka badu hin barbaadu’ jechuudhaan yaada Hisqiʼel raajichi dubbate wajjin wal fakkaatu dubbateera. (2 Phe. 3:9) Yaanni kun baayʼee nu jajjabeessa! Yihowaan akkas gochuuf sababii gaʼaa hamma hin qabaannetti nama tokko barabaraaf hin balleessu. Inni Waaqa gara laafessa waan taʼeef, yeroo dandaʼamu hundumaatti gara laafina ni argisiisa.
Yeroo jalʼoonni duʼaa kaafamanitti namoonni akaakuu garaagaraa waaʼee Yihowaa barachuuf carraa ni argatu (Keeyyata 10 ilaali)
11. Namoonni duʼaa hin kaafamne eenyufaʼi? Kana akkamitti beekna?
11 Namoota abdii duʼaa kaʼuu hin qabne ilaalchisee maal beekna? Kitaabni Qulqulluun fakkeenyota muraasa qofa caqasa.b Yesuus Yihudaan Asqorotichi duʼaa akka hin kaafamne dubbateera. (Mar. 14:21; Yoh. 17:12)c Yihudaan taʼe jedhee, beekaa wanta Yihowaa fi Ilmasaa gaddisiisu raawwateera.d (Mar. 3:29) Haaluma wal fakkaatuun, Yesuus geggeessitoonni amantaa isa mormaa turan tokko tokko abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabaanne dubbateera. (Mat. 23:33) Phaawulos ergamaanis gantoonni yaada hin geddaranne abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabne akeekkachiiseera.—Ibr. 6:4-8; 10:29.
12. Gara laafina Yihowaa ilaalchisee maal beekna? Fakkeenya kenni.
12 Haa taʼu malee, gara laafina Yihowaa ilaalchisee maal beekna? Yihowaan ‘namni tokko illee akka badu akka hin barbaanne’ kan argisiise akkamitti? Namoota cubbuu cimaa raawwatan tokko tokkotti gara laafina kan argisiise akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Daawit Mootichi ejjaa fi ajjeechaa dabalatee cubbuuwwan ciccimoo taʼan raawwateera. Taʼus, Daawit yaada waan geddarateef, Yihowaan gara laafinaan kakaʼee dhiifama isaaf godheera. (2 Sam. 12:1-13) Minaasee Mootichi umuriisaa keessaa gara caalu wantoota suukanneessaa taʼan raawwachuudhaan dabarse. Taʼus, Yihowaan Minaaseen yaada waan geddarateef gara laafina isatti argisiiseera, akkasumas dhiifama isaaf godheera. (2 Sen. 33:9-16) Fakkeenyonni kun Yihowaan sababii gaʼaan gara laafina argisiisuuf dandeessisu hamma jiraatetti gara laafina akka argisiisu nu yaadachiisu. Namoonni kun cubbuu cimaa akka raawwatan waan hubataniif, akkasumas yaada waan geddarataniif duʼaa isaan ni kaasa.
13. (a) Yihowaan namoota Nanawweetti gara laafina kan argisiise maaliifi? (b) Yesuus yeroo booda waaʼee namoota Nanawwee maal jedhe?
13 Yihowaan namoota Nanawweetti gara laafina akka argisiises beekna. Waaqayyo Yoonaasiin, “Ani hammina jiraattota ishii argeera” jedhee ture. Yeroo cubbuusaaniirraa yaada geddaratan garuu gaarummaadhaan dhiifama isaaniif godheera. Yihowaan Yoonaas caalaa gara laafina argisiiseera. Waaqayyo namoonni Nanawwee “wanta sirrii fi wanta dogoggora taʼe gargar baafachuu [akka] hin dandeenye” raajiisaa isa aaree ture yaadachiiseera. (Yon. 1:1, 2; 3:10; 4:9-11) Boodas, Yesuus fakkeenya kanatti fayyadamee waaʼee haqaa fi gara laafina Yihowaa barsiiseera. Yesuus namoonni Nanawwee yaada geddaratan kun ‘yeroo murtiitti akka kaʼan’ dubbateera.—Mat. 12:41.
14. ‘Duʼaa kaʼuun murtii’ namoota Nanawweetiif hiika akkamii qaba?
14 Yaanni namoonni Nanawwee ‘yeroo murtiitti akka kaʼan’ ibsu hiika akkamii qaba? Yesuus waaʼee “duʼaa kaʼuu murtii” gara fuulduraatti raawwatamuu barsiiseera. (Yoh. 5:29) Yeroo akkas jedhu waaʼee Bulchiinsa Barkumee “qajeelonnis taʼan jalʼoonni” duʼaa itti kaafamanii dubbachuusaati. (HoE. 24:15) Duʼaa kaʼuun jalʼootaa “duʼaa kaʼuu murtiiti.” Kunis, Yihowaa fi Yesuus amala isaan argisiisanii fi deebii isaan barumsa isaaniif kennamuuf kennan akka ilaalanii fi akka gamaaggaman argisiisa. Namni Nanawwee duʼaa kaafame tokko waaqeffannaa qulqulluurratti hirmaachuu yoo dide, jiraachuusaa akka itti fufu Yihowaan isaaf hin heyyamu. (Isa. 65:20) Namoonni amanamummaadhaan Yihowaa waaqeffachuuf filatan hundi garuu abdii barabaraaf jiraachuu qabaatu.—Dan. 12:2.
15. (a) Namoonni Sodoomii fi Gomoraatti balleeffaman abdii duʼaa kaʼuu hin qaban jechuu kan hin qabne maaliifi? (b) Yaada Yihudaa 7rratti galmeeffame akkamitti hubachuu qabna? (Saanduqa, “Yihudaan Maal Jechuusaati?” jedhu ilaali.)
15 Yesuus waaʼee namoota Sodoomii fi Gomoraa yeroo dubbatu “Guyyaa Murtiitti” namoota isaa fi barumsasaa fudhachuu didan caalaa murtiin akka isaaniif salphatu dubbateera. (Mat. 10:14, 15; 11:23, 24; Luq. 10:12) Maal jechuusaati? Asirratti Yesuus arbeessee dubbachaa akka jirutti yaanna taʼa. Garuu akkas hin fakkaatu; yeroo waaʼee namoota Nanawwee dubbatetti kallattiidhaan dubbachaa akka ture yaadadhu.e Waaʼee namoota Sodoomii fi Gomoraa yeroo dubbatus kallattiidhaan dubbachaa kan jiru fakkaata. ‘Guyyaan Murtii’ yeroo lamaanuu ibse haala tokko kan argisiisu akka taʼe ifadha. Namoonni Sodoomii fi Gomoraa akkuma namoota Nanawwee wantoota gadhee taʼan raawwataniiru. Namoonni Nanawwee garuu yaada geddarachuuf carraa argataniiru. Kana malees, Yesuus “duʼaa kaʼuu murtii” ilaalchisee maal akka jedhe yaadadhu. Duʼaa kaʼuun kun ‘warra wanta hamaa hojjetan’ kan dabalatudha. (Yoh. 5:29) Kanaafuu, namoonni Sodoomii fi Gomoraa hamma tokko abdii kan qaban fakkaata. Isaan keessaa yoo xinnaate namoonni tokko tokko duʼaa kaʼuuf carraa argachuu dandaʼu; tarii waaʼee Yihowaa fi waaʼee Yesuus Kiristoos isaan barsiisuuf carraa ni arganna taʼa.
16. Yihowaan akkaataa namoota duʼaa kaasuuf filatu itti murteessu ilaalchisee maal beekna? (Ermiyaas 17:10)
16 Ermiyaas 17:10 dubbisi. Caqasni kun akkaataa Yihowaan murtii itti kennu ilaalchisee wanta nuti beeknu ibsa: Yihowaan yeroo hundumaa “garaa namaa [ni] ilaala, yaada keessa namaa jirus [ni] qora.” Eenyuunfaa duʼaa akka kaasu yeroo murteessutti, “tokkoon tokkoon namaatiif akka daandii isaatti [kenna].” Yihowaan yeroo barbaachisutti tarkaanfii cimaa kan fudhatu taʼus, yeroo dandaʼamu hundumaatti garuu gara laafina argisiisa. Kanaafuu, Kitaaba Qulqulluurraa hamma hin mirkaneeffannetti namni tokko abdii duʼaa kaʼuu hin qabu jennee matumaa yaaduu hin qabnu!
“ABBAAN MURTII GUUTUMMAA LAFAA WANTA SIRRII TAʼE” RAAWWATA
17. Namoonni duʼan gara fuulduraatti maal taʼu?
17 Addaamii fi Hewaan Seexana wajjin taʼuudhaan Yihowaarratti erga fincilanii kaasee namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman duʼaniiru. Duuti “diina” hundarra hammaatudha! (1 Qor. 15:26) Namoota kana hunda maaltu eeggataree? Duuka buutota Kiristoos keessaa namoonni muraasni, jechuunis namoonni 144,000 taʼan duʼaa kaʼanii samii keessatti jireenya hin badne argatu. (Mul. 14:1) Dhiironnii fi dubartoonni amanamoon Yihowaa jaallatan hedduun yeroo duʼaa kaʼuu qajeelotaatti duʼaa kaafamu; yeroo Bulchiinsa Barkumee Kiristoosittii fi yeroo qorumsa isa dhumaatti qajeelota taʼanii yoo itti fufan lafarra bara baraaf jiraatu. (Dan. 12:13; Ibr. 12:1) Kana malees, yeroo Bulchiinsa Barkumeetti “jalʼoonni” Yihowaa tajaajilanii hin beeknee fi “wanta hamaa hojjetan” jijjiirama godhanii amanamummaadhaan Yihowaa akka tajaajilan carraan isaaniif kennama. (Luq. 23:42, 43) Haa taʼu malee, namoonni tokko tokko akka malee hamoo taʼuu isaaniitiin kan kaʼe Yihowaa fi kaayyoosaarratti finciluuf waan kutataniif, duʼaa isaan kaasuu dhiisuuf murteesseera.—Luq. 12:4, 5.
18-19. (a) Murtii Yihowaan namoota duʼanirratti dabarsu ilaalchisee amanannaa qabaachuu kan dandeenyu maaliifi? (Isaayyaas 55:8, 9) (b) Mata duree itti aanurratti maal ilaalla?
18 Murtiin Yihowaan kennu hundi sirrii akka taʼe mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenyaa? Eeyyee! Akkuma Abrahaam hubatetti Yihowaan “[Abbaa] murtii guutummaa lafaa” mudaa hin qabne, ogeessaa fi gara laafessa taʼedha. Yihowaan Ilmasaa leenjisee hundarratti murtii akka dabarsu muudeera. (Yoh. 5:22) Abbaanis taʼe Ilmi wanta garaa tokkoon tokkoon namootaa keessa jiru arguu dandaʼu. (Mat. 9:4) Isaan haala akkamiiyyuu keessatti “wanta sirrii taʼe” raawwatu!
19 Yihowaan wanta hundarra wayyu akka beeku amanuuf haa kutannu. Nuti murtii kennuuf gaʼumsa hin qabnu; inni garuu qaba! (Isaayyaas 55:8, 9 dubbisi.) Kanaafuu, murtii hundumaa isaa fi Ilmasaa isa Mootii taʼeef haa dhiisnu; Yesuus haqaa fi gara laafina Abbaasaa guutummaatti calaqqisiisa. (Isa. 11:3, 4) Haa taʼu malee, murtii Yihowaa fi Yesuus yeroo rakkina guddaatti namootarratti dabarsan ilaalchisee maal jechuu dandeenya? Wanti nuti hin beekne maalidha? Wanti beeknu hoo maalidha? Mata dureen ittaanu gaaffilee kanaaf deebii kenna.
FAARFANNAA 57 Akaakuu Namootaa Hundumaaf Lallabuu
b Addaam, Hewaanii fi Qaayiniin ilaalchisee ibsa dabalataatiif Masaraa Eegumsaa, Amajjii 1, 2013, ful. 12, milj. ilaali.
c Yaanni Yohaannis 17:12 irratti argamuu fi “ilma badiisaa” jedhu Yihudaan erga duʼee booda abdii duʼaa kaʼuu akka hin qabne argisiisa.
d Weebsaayitii jw.org irraa mata duree “Cubbuun Dhiifama hin Qabne Maali Dha?” jedhu ilaali.
e Namni tokko mala arbeessuutti yoo fayyadame, qabxii tokko ibsuuf jecha wanta tokko guddisee dubbata; taʼus yaada akkasiitti kan fayyadamu yaanni isaa kallattiidhaan akka fudhatamu barbaadee miti. Yaanni Yesuus namoota Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee dubbate garuu yaada arbeeffame utuu hin taʼin yaada kallattiidhaan fudhatamuu dandaʼudha.