Waraanni Suukanneessaadha
Waraanaa fi walitti buʼiinsa caalaa wanti miidhaa guddaa namootarraan geessisu hin jiru jechuun ni dandaʼama. Loltoonnii fi namoonni nagaan addunyaa maratti argaman miidhaa suukanneessaa waraanni geessisu ijuma isaaniitiin arganiiru.
LOLTOOTA
“Namoonni yommuu ajjeefamanii fi yommuu garmalee madaaʼan yeroo hundumaa ni argita. Yeroo hundumaa sodaatu sitti dhagaʼama.”—Geerii, Biritaaniyaa.
“Dugdi koo fi fuulli koo rasaasaan rukutame; ijoollee fi maanguddoota dabalatee namoonni hedduun yommuu ajjeefaman argeera. Waraanni gara jabeessa si taasisa.”—Wilmaar, Kolombiyaa.
“Namni tokko yommuu ija kee duratti rasaasaan rukutamu wanti argite sun sammuu kee keessaa hin badu. Namni sun yommuu iyyuu fi yommuu aadu irra deddeebiʼee gara sammuu keetti dhufa. Waaʼee nama sanaa matumaa hin irraanfattu”—Zafiiraa, Yuunaayitid Isteetis.
NAMOOTA NAGAA
“Matumaa deebiʼee gammachuu argachuu akkan hin dandeenye natti dhagaʼame. ‘Lubbuu koon dhabaa laata?’ jettee sodaatta; hunda caalaammoo, ‘Maatiin koo fi michoonni koo ni ajjeefamuu laata?’ jettee sodaatta.”—Oleksaandiraa, Yuukreen.
“Halkan saʼaatii 8 hanga guyyaa itti aanu halkan saʼaatii 5tti nyaata argachuuf hiriiruun baayʼee ulfaataadha. Isayyuu akka tasaa rasaasaanan rukutamaa laata jettee sodaatta.”—Daaler, Taajikistaan.
“Waraanaan kan kaʼe warra koo dhabeera. Kanaafuu, nama na jajjabeessu ykn nama kunuunsa naaf godhu tokkollee hin qabu.”—Maarii, Ruwaandaa.
Waraanni miidhaa cimaa kan isaanirraan geessise taʼus, namoonni olitti caqasne nagaa argachuu dandaʼaniiru. Kana malees, waraannii fi walitti buʼiinsi hundi dhiheenyatti akka dhaabbatu amanannaa guutuu qabu. Maxxansi Masaraa Eegumsaa kun, kun kan taʼu akkamitti akka taʼe Kitaaba Qulqulluurraa ragaa nuuf dhiheessa.