Waraannii fi Walitti Buʼiinsi Utuma Jiruu Nagaa Argachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?
Geeriin inni humna waraanaa keessatti tajaajilaa ture akkana jedheera: “Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu koo dura addunyaarratti gara jabinni, jalʼinni haqaa fi rakkinni kan baayʼate maaliif akka taʼe hin beekun ture. Amma garuu sammuun koo nagaa qaba. Waaqayyo addunyaa kana bakka nagaa qabu akka taasisu beeka.”
Akkas kan itti dhagaʼamu Geerii qofatti miti. Kitaabni Qulqulluun namoota kan biroos kan gargaare akkamitti akka taʼe ilaali.
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Yihowaa, ati gaarii dha, dhiifama gochuufis qophaaʼaa dha.”—Faarfannaa 86:5.
KANA BEEKUUN KAN SI GARGAARU AKKAMITTI? “Caqasni kun Yihowaan araara qabeessa akka taʼe naaf mirkaneesseera. Wantootan yeroon waraanarratti hirmaachaa turetti raawwadhe hundumaa akka naaf dhiisu beeka.”—Wilmaar, Kolombiyaa.
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Samiiwwan haaraa fi lafa haaraa uumaan jira; wantoonni duraanii hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan.”—Isaayyaas 65:17.
KANA BEEKUUN KAN SI GARGAARU AKKAMITTI? “Wantan yeroon waraana keessa turetti argeen kan kaʼe dhiphina sammuu wajjin waldhaansoon godha. Caqasni kun garuu Yihowaan yeroo dhihootti wantoota na jeeqan hundumaa akka balleessu na yaadachiisa. Sana booda yaadannoowwan kun sammuu koo fi garaa koo keessa hin taaʼan. Kun kennaa guddaadha.”—Zafiiraa, Yuunaayitid Isteetis.
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Bara isaatti namni qajeelaan ni lalisa, hamma addeessi dhabamtuttis nagaan ni baayʼata.”—Faarfannaa 72:7.
KANA BEEKUUN KAN SI GARGAARU AKKAMITTI? “Yeroo baayʼee caqasa kanarratti nan yaada. Yeroo dhihootti waraannii fi wantoonni suukanneessoon sababa waraanaatiin dhufan hundi ni badu; sana booda waaʼee ofii keenyaas taʼe waaʼee nageenya namoota jaallannuu yaaddaʼuun nu hin barbaachisu.”—Oleksaandiraa, Yuukreen.
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Namoonni kee warri duʼan deebiʼanii ni jiraatu. . . . Isin warri biyyoo keessa jiraattan, dammaqaa, ililchaas!”—Isaayyaas 26:19.
KANA BEEKUUN KAN SI GARGAARU AKKAMITTI? “Duguuggaan sanyii warra Tutisii irratti yeroo raawwatametti miseensonni maatii koo hundi ajjeefamaniiru jechuun ni dandaʼama. Caqasni kun garuu deebiʼee isaan arguu akkan dandaʼu naaf mirkaneessa. Yeroo isaan duʼaa kaʼan sagaleesaanii dhagaʼuuf hawwiidhaanan eeggadha.”—Maarii, Ruwaandaa.
KITAABNI QULQULLUUN AKKANA JEDHA: “Yeroo muraasaaf qofa malee, namoonni hamoon hin jiraatan . . . Garraamonni garuu lafa ni dhaalu, nagaa hedduu argataniis baayʼee ni gammadu.”—Faarfannaa 37:10, 11.
KANA BEEKUUN KAN SI GARGAARU AKKAMITTI? “Waraanichi kan dhaabbate taʼus ammayyuu jalʼinni haqaa fi namoonni hamoon jiru. Caqasni kun baayʼee na gargaareera. Yihowaan wanta hunda ni arga, haalan keessa jirus ni hubata. Yeroo dhihootti rakkoowwan kun hundi akka badanii fi akka irraanfataman waadaa galeera.”—Daaler, Taajikistaan.
Namoonni barruu kana keessatti caqasaman Dhugaa Baatota Yihowaa miliyoonaan lakkaaʼamanii fi gargaarsa Kitaaba Qulqulluutiin nagaa argatan keessaa muraasasaaniiti. Jibba sanyii, jibba lammummaa, jibba gosaa fi jibba dhuunfaa akkamitti injifachuun akka dandaʼamu barataniiru. (Efesoon 4:31, 32) Dhugaa Baatonni Yihowaa siyaasa keessa hin galan, jeequmsarrattis hin hirmaatan.—Yohaannis 18:36.
Dhugaa Baatonni Yihowaa obbolootasaanii addunyaa maratti argamanii fi jaalala qabeeyyii taʼanirraas deeggarsa ni argatu. (Yohaannis 13:35) Fakkeenyaaf, Oleksaandiraan ishiin olitti ibsamte sababa waraanaatiin obboleettii ishii wajjin gara biyya kan biraatti baqachuuf dirqamtee turte. Akkana jetteetti: “Akkuma daangaa ceeneen Dhugaa Baatota naannoo sanaa nu simachuuf achitti nu eegan argine. Deeggarsi isaan nuuf godhan jireenya biyya alaatti baruuf nu gargaareera.”
Walgaʼiiwwan keenyarratti akka argamtu miira hoʼaadhaan si affeerra; walgaʼiiwwan kanarratti waaʼee ergaa Kitaaba Qulqulluu isa nagaa argamsiisuu fi akkamitti hojiirra oolchuun akka dandaʼamu baranna. Bakka sitti dhihaatu argachuuf ykn Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin barreeffama Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhamutti fayyadamuudhaan Kitaaba Qulqulluu tolaan barachuuf jw.org ilaali.