LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Bitootessa ful. 8-13
  • Ilaalcha Yihowaa fi Yesuus Qabaadhaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ilaalcha Yihowaa fi Yesuus Qabaadhaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • ILAALCHA YIHOWAA QABAADHAA
  • GAD OF QABAA
  • “SIRRIITTI KAN YAADDAN TAʼAA”
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Qorumsi Isarra Gaʼus Amanamaa Taʼeera
    Fakkeenya Amantiisaanii Hordofaa
  • Dhiifama Gochuu Gooftaasaarraa Barateera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Bitootessa ful. 8-13

MATA DUREE QOʼANNAA 10

FAARFANNAA 31 Waaqayyoo Wajjin Deddeebiʼi

Ilaalcha Yihowaa fi Yesuus Qabaadhaa

“Kiristoos yeroo fooniin turetti rakkinni waan isa irra gaʼeef, isinis yaada Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa.”—1 PHE. 4:1.

YAADA IJOO

Mata duree kana keessatti Pheexiros ergamaan ilaalcha Yesuusirraa kan barate akkamitti akka taʼee fi nutis akkas gochuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.

1-2. Yihowaa jaallachuun maalfaa dabalata? Yesuus kana kan argisiise hoo akkamitti?

“WAAQA kee Yihowaa garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, humna kee guutuudhaan, sammuu kee guutuudhaanis jaalladhu.” (Luq. 10:27) Yesuus Seera Musee keessaa ajajni hundarra caalu isa kana akka taʼe ifa godheera. Garaa keenya guutuudhaan Yihowaa jaallachuu qabna; kunimmoo fedhii fi miira keenya dabalata. Isa jaallachuun lubbuu guutuudhaan isaaf buluu fi humna keenyas ni dabalata. Yihowaa jaallachuun sammuu keenya, jechuunis ilaalcha dhimmoota garaagaraatiif qabnus ni dabalata. Dhugaadha, ilaalcha Yihowaa guutummaatti hubachuu hin dandeenyu. Taʼus, Yesuus ilaalcha Abbaasaa guutummaatti waan calaqqisiiseef, “yaada Kiristoos” qoʼachuudhaan ilaalcha Yihowaa caalaatti hubachuu dandeenya.—1 Qor. 2:16.

2 Yesuus sammuusaa guutuudhaan Yihowaa jaallata. Wanta Waaqayyo isarraa barbaadu beeka; akkasumas rakkina kan isatti fidu taʼus wanta Yihowaan isarraa barbaadu raawwachuuf kutatee ture. Fedhii Abbaasaa raawwachuurratti waan xiyyeeffateef wanti kamiyyuu gufuu akka isatti taʼu hin heyyamne.

3. Pheexiros ergamaan Yesuusirraa maal barate? Kiristiyaanonni hoo maal akka godhan jajjabeesse? (1 Pheexiros 4:1)

3 Pheexirosii fi ergamoonni kaan Yesuus wajjin yeroo dabarsuu fi akkaataa inni itti yaadu barachuuf mirga argataniiru. Pheexiros geggeessaa hafuura qulqulluutiin xalayaasaa isa jalqabaa yeroo barreessetti Kiristiyaanonni yaada Kiristoos qabaachuuf akka of qopheessan jajjabeesseera.a (1 Pheexiros 4:1 dubbisi.) Yaanni, “Yaada Kiristoos qabaachuuf of qopheessaa” jedhamee hiikame afaan jalqaba ittiin barreeffameen loltoota waraanaaf qophaaʼuuf meeshaa waraanaa hidhatan argisiisa. Kanaafuu, Kiristiyaanonni yaada ykn ilaalcha Yesuus yoo qabaatan meeshaa waraanaa cimaa lola cubbuu fi addunyaa Seexanaa wajjin godhanirratti isaan gargaaru hidhatu jechuudha.—2 Qor. 10:3-5; Efe. 6:12.

4. Mata dureen kun gorsa Pheexiros hojiirra oolchuuf kan nu gargaaru akkamitti?

4 Mata duree kana keessatti akkaataa Yesuus itti yaaduu fi fakkeenyasaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla. Fakkeenya isaarraa (1) ilaalcha Yihowaa isa hundi keenya yaadaan tokkummaa akka qabaannu godhu qabaachuu, (2) gad of qabuu, akkasumas (3) kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuudhaan sirriitti kan yaannu taʼuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe baranna.

ILAALCHA YIHOWAA QABAADHAA

5. Pheexiros yeroo taʼe tokkotti ilaalcha Yihowaa utuu hin calaqqisiisin kan hafe akkamitti?

5 Pheexiros yeroo taʼe tokkotti ilaalcha Yihowaa utuu hin argisiisin hafeera. Yesuus gara Yerusaalem akka deemu, geggeessitoota amantaatti dabarfamee akka kennamu, akka dararamuu fi akka ajjeefamu ergamootasaatti himee ture. (Mat. 16:21) Pheexiros Yihowaan Yesuus inni abdii Israaʼelii fi Masiihicha abdachiifame taʼe akka ajjeefamu ni heyyama jedhee amanuun isatti ulfaatee taʼuu dandaʼa. (Mat. 16:16) Kanaafuu Yesuusiin kophaatti baasee, “Yaa Gooftaa, garaa ofitti hin jabaatin; matumaa wanti kun si irra hin gaʼu” isaan jedhe. (Mat. 16:22) Pheexiros ilaalcha Yihowaa utuu hin calaqqisiisin waan hafeef dhimma kanarratti Yesuus wajjin walii hin galle.

6. Yesuus ilaalchisaa ilaalcha Yihowaa wajjin akka wal simu kan argisiise karaa kamiini?

6 Ilaalchi Yesuus ilaalcha Abbaasaa isa samii wajjin guutummaatti kan wal simu ture. Yesuus Pheexirosiin, “Seexana nana, duuba koo deemi! Ati yaada namaa malee kan Waaqayyoo waan hin yaadneef gufuu natti taateetta” jedheera. (Mat. 16:23) Pheexiros akkas kan jedhe garaa qulqulluudhaan kakaʼee taʼuu dandaʼa; Yesuus garuu gorsasaa hin fudhanne. Kanarraa wanti barannu jira. Yesuus kaayyoo Yihowaa raawwachuuf dhiphachuu fi duʼuun akka isa barbaachisu beeka ture. Kanaafuu, Pheexiros yeroo kanatti ilaalchasaa ilaalcha Waaqayyoo wajjin walsimsiisuu akka qabu barateera.

7. Pheexiros ilaalchasaa ilaalcha Yihowaa wajjin walsimsiisuu akka barbaadu kan argisiise akkamitti? (Fakkii jiru ilaali.)

7 Pheexiros yeroo booda ilaalcha Yihowaa calaqqisiisuu akka barbaadu argisiiseera. Yeroon itti namoonni dhaqna hin qabanne kutaa saba Waaqayyoo itti taʼan gaʼee ture. Pheexiros Qorneelewosiif akka lallabu ramadamee ture; Qorneelewos namoota Yihudii hin taane keessaa nama jalqaba amantii Kiristiyaanaa fudhatedha. Yihudoonni yeroo baayʼee nama Yihudii hin taane wajjin hariiroo hin qaban turan; kanaafuu, Pheexiros itti gaafatamummaa kana baʼuuf gargaarsi kan isa barbaachisu taʼuunsaa nama hin ajaaʼibsiisu. Pheexiros ilaalcha Waaqayyo dhimma kanaaf qabu yeroo hubatu ilaalchasaa sirreesseera. Kanaan kan kaʼes, yeroo ergametti “mormii tokko malee” deemeera. (HoE. 10:28, 29) Achiis Qorneelewosii fi maatiisaatiif kan lallabe yeroo taʼu isaanis ni cuuphaman.—HoE. 10:21-23, 34, 35, 44-48.

Qorneelewos, Pheexirosii fi namoota isa wajjin turan gara kutaa fooqiirra jiruutti geessaa jira.

Pheexiros mana Qorneelewos seenaa jira (Keeyyata 7 ilaali)


8. Ilaalchi keenya ilaalcha Yihowaa wajjin akka walsimu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? (1 Pheexiros 3:8)

8 Pheexiros waggoota muraasa booda Kiristiyaanonni ‘yaadaan tokkummaa akka qabaatan’ jajjabeesseera. (1 Pheexiros 3:8 dubbisi.) Saba Yihowaa waan taaneef ilaalcha Yihowaa isa Dubbiisaa keessatti ibsame calaqqisiisuudhaan obboloota keenya wajjin yaadaan tokkummaa qabaachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, Yesuus duuka buutonnisaa jireenyasaanii keessatti Mootummichaaf dursa akka kennan jajjabeesseera. (Mat. 6:33) Babalʼisaan gumii keessanii tokko kana sammuutti qabachuudhaan gosa tajaajila yeroo guutuu tokkorratti hirmaachuuf murteessa taʼa. Yeroo kanatti garaa akka ofitti hin jabaanne isatti himuu mannaa carraaqqii inni godhu akka dinqisiifannu isaaf ibsuu fi gargaarsa isaaf gochuu qabna.

GAD OF QABAA

9-10. Yesuus baayʼee akka gad of qabu kan argisiise akkamitti?

9 Yesuus galgala ajjeefamuusaa dura turetti Pheexirosii fi ergamootasaa gad of qabuu ilaalchisee barumsa baayʼee barbaachisaa taʼe barsiiseera. Sana dura Yesuus Pheexirosii fi Yohaannis wantoota irbaata isaan wajjin nyaatu isa xumuraatiif barbaachisan akka qopheessan isaan ergee ture. Kunis miʼaa fi fooxaa keessummoonni irbaaticha dura miilasaanii dhiqachuuf itti fayyadaman qopheessuu kan dabalatu taʼuu hin oolu. Garuu gad of qabuudhaan miilasaanii kan dhiqu eenyu?

10 Yesuus hojii kana hojjechuudhaan baayʼee akka gad of qabu argisiiseera. Hojii yeroo baayʼee tajaajiltoonni hojjetan hojjechuunsaa ergamootasaa baayʼee ajaaʼibsiise. Yesuus uffata irraan uffatu ofirraa baasee fooxaa mudhiisaatti hidhachuudhaan bishaan miʼatti naqee miilasaanii dhiquu jalqabe. (Yoh. 13:4, 5) Miila ergamootasaa 12​nii dhiquun yeroo isatti fudhatee taʼuu dandaʼa; Yesuus miila Yihudaa isa dabarsee isa kennuuf jedhuullee dhiqeera. Yesuus gad of qabuudhaan hojii kana hojjeteera. Achiis akkana isaaniin jedhe: “Wantan isiniif godhe hubattaniittuu? Isin, ‘Barsiisaa’ fi ‘Gooftaa’ jettanii na waamtu; anis akkasuma waanan taʼeef kana jechuun keessan sirrii dha. Kanaafuu, ani Gooftaa fi Barsiisaa taʼee utuun jiruu miila keessan ergan dhiqee, isinis miila keessan waliif dhiquu qabdu.”—Yoh. 13:12-14.

Gad of qabuu dhugaan ilaalcha ofii keenyaa fi warra kaaniif qabnu dabalata

11. Pheexiros gad of qabuu akka barate kan argisiise akkamitti? (1 Pheexiros 5:5) (Fakkichas ilaali.)

11 Pheexiros gad of qabuu Yesuusirraa barateera. Yesuus gara samiitti erga deebiʼee booda Pheexiros namicha erga dhalatee kaasee naafa ture tokko fayyisuudhaan dinqii raawwate. (HoE. 1:8, 9; 3:2, 6-8) Namoonni baayʼeen dinqii kana arganii Pheexiros biratti walitti qabaman. (HoE. 3:11) Pheexiros hawaasa beekamtii fi aangoodhaaf iddoo guddaa kennu keessatti waan guddateef, yeroo kanatti xiyyeeffannaa warra kaanii argachuunsaa isa gammachiiseeraa? Lakki. Pheexiros gad of qabuudhaan namoonni Yihowaa fi Yesuusirratti akka xiyyeeffatan godheera. Namoota sanaan akkana jedheera: “Maqaan [Yesuusii] fi amantiin nuti maqaa isaa irratti qabnu, namichi isin argitanii fi beektan kun jabaa akka taʼu godheera.” (HoE. 3:12-16) Yaanni Pheexiros xalayaasaa keessatti amala gad of qabuu horachuun barbaachisaa taʼuusaa ilaalchisee barreesse yeroo Yesuus fooxaa mudhiisaatti hidhachuudhaan miila ergamootasaa itti dhiqe nu yaadachiisa.—1 Pheexiros 5:5 dubbisi.

Pheexirosii fi Yohaannis mana qulqullummaa keessa dhaabbatanii jiru. Pheexiros harkasaa gara samiitti ol kaasee jira; namichi erga dhalatee kaasee naafa turee fi fayye isaan bira dhaabbatee jira.

Pheexiros dinqii erga raawwatee booda namoonni Yihowaa fi Yesuusirratti akka xiyyeeffatan godheera. Nutis namoonni akka nu jajan ykn deebisanii waa akka nuu godhan utuu hin eegin warra kaaniif wanta gaarii gochuudhaan akka gad of qabnu argisiisuu dandeenya (Keeyyata 11-12 ilaali)


12. Akkuma Pheexiros amala gad of qabuu horachuu keenya itti fufuu kan dandeenyu akkamitti?

12 Nutis amala gad of qabuu horachuurratti fakkeenya Pheexiros hordofuu dandeenya. Gad of qabuu dhugaan wanta dubbii gaarii dubbachuu qofaan ibsamu miti. Yaanni Pheexiros itti fayyadame gad of qabuun ilaalcha ofii keenyaa fi warra kaaniif qabnu argisiisa. Wanta warra kaan fayyadu kan goonu jaalala Yihowaa fi namootaaf qabnuun kakaaneeti malee warri kaan akka nu jajaniif jennee miti. Namoonni carraaqqii keenya hubatanis hubachuu baatanis Yihowaa fi obboloota keenya karaa dandeenyu kamiiniyyuu gammachuudhaan kan tajaajillu yoo taʼe akka gad of qabnu argisiisna.—Mat. 6:1-4.

“SIRRIITTI KAN YAADDAN TAʼAA”

13. ‘Sirriitti kan yaadan taʼuun’ maalfaa akka dabalatu ibsi.

13 ‘Sirriitti kan yaadan taʼuun’ maalfaa dabalata? (1 Phe. 4:7) Kiristiyaanni sirriitti yaadu tokko murtoowwan gaggaarii ilaalcha Yihowaa calaqqisiisan gochuuf wanta isaaf dandaʼame hunda godha. Kiristiyaanni akkasii jireenyasaa keessatti wanti hariiroo Yihowaa wajjin qaburra caalu akka hin jirre beeka. Wanta hunda akka hin beekne waan hubatuuf ofiisaatiif ilaalcha madaalamaa qaba. Gad of qabuudhaan irra deddeebiʼee Yihowaatti kadhannaa dhiheessuudhaan akka isatti amanamu argisiisa.b

14. Pheexiros yeroo tokko Yihowaatti utuu hin amanamin kan hafe akkamitti?

14 Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti, “Halkan kana hundi keessan sababii kootiin ni gufattu” jechuudhaan barattootasaa akeekkachiiseera. Pheexiros ofitti amanannaadhaan, “Warri kaan hundi sababii keetiin yoo gufatan illee, ani matumaa hin gufadhu” jedhe. Gaafa sana galgala Yesuus, “Dammaqaa eegaa, kadhachuu keessanis itti fufaa” jedhee barattootasaa muraasa gorseera. (Mat. 26:31, 33, 41) Pheexiros dursee gorsa sana hordofeera utuu taʼee barataa Yesuus akka taʼe ija jabinaan dubbachuu dandaʼa ture. Inni garuu Gooftaasaa gane; kana gochuusaattis baayʼee gaabbe.—Mat. 26:69-75.

15. Yesuus galgala duʼuusaa dura turetti sirriitti akka yaadu kan argisiise akkamitti?

15 Yesuus guutummaatti Yihowaatti amanameera. Mudaa kan hin qabne taʼus irra deddeebiʼee kadhateera. Kunis ija jabina wanta Yihowaan barbaadu raawwachuuf isa dandeessisu isaaf argamsiiseera. (Mat. 26:39, 42, 44; Yoh. 18:4, 5) Pheexiros Yesuus irra deddeebiʼee kadhannaa akka dhiheesse arguunsaa dhiibbaa gaarii isarratti godheera.

16. Pheexiros sirriitti yaaduu akka barate kan argisiise akkamitti? (1 Pheexiros 4:7)

16 Yeroo booda Pheexiros caalaatti kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu barateera. Yesuus erga duʼaa kaafamee booda hojii lallabaa isaaniif kenname raawwachuu akka dandaʼaniif hafuura qulqulluu akka argatan Pheexirosii fi ergamoota kaaniif mirkaneesseera. Haa taʼu malee, Yesuus hafuura qulqulluu hamma argatanitti Yerusaalem keessa akka turan isaanitti himeera. (Luq. 24:49; HoE. 1:4, 5) Yeroo sanatti Pheexiros maal gochaa ture? Pheexirosis taʼe Kiristiyaanonni kan biroon “cimsanii kadhatu turan.” (HoE. 1:13, 14) Pheexiros yeroo booda xalayaasaa isa jalqabaarratti Kiristiyaanonni sirriitti akka yaadanii fi kadhannaadhaan Yihowaatti akka amanaman jajjabeesseera. (1 Pheexiros 4:7 dubbisi.) Pheexiros Yihowaatti amanamuu barateera; akkasumas gumichaaf akka utubaa taʼeera.—Gal. 2:9.

17. Dandeettiin uumamaan qabnu maaliyyuu yoo taʼe maal gochuu keenya itti fufuu qabna? (Fakkichas ilaali.)

17 Sirriitti kan yaannu taʼuuf yeroo hunda kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu qabna. Dandeettiin uumamaan qabnu maaliyyuu yoo taʼe yeroo hunda Yihowaatti kadhannaa dhiheessuun barbaachisaa akka taʼe ni hubanna. Kanaafuu, keessumaa yeroo murtoo guddaa gochuun nu barbaachisutti Yihowaan wanta nuuf wayyu akka beeku amanuudhaan qajeelfamasaa argachuuf ni kadhanna.

Pheexiros kadhannaadhaan Yihowaatti amanamuu barateera. Nutis keessumaa yeroo murtoo guddaa goonutti gargaarsa Yihowaa argachuuf kadhachuudhaan sirriitti akka yaannu argisiisuu dandeenya (Keeyyata 17 ilaali)c


18. Ilaalcha keenya ilaalcha Yihowaa wajjin caalaatti wal simsiisuu kan dandeenyu akkamitti?

18 Yihowaan amalootasaa calaqqisiisuu akka dandeenyu godhee nu uumuusaatti baayʼee galateeffanna. (Uma. 1:26) Dhugaadha, guutummaatti Yihowaa fakkaachuu hin dandeenyu. (Isa. 55:9) Garuu akkuma Pheexiros ilaalcha keenya caalaatti ilaalcha Yihowaa wajjin walsimsiisuu ni dandeenya. Ilaalcha Waaqayyoo qabaachuudhaan, gad of qabuu fi sirriitti yaaduu keenya itti fufuudhaan kana haa goonu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Ilaalcha Yihowaa qabaachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • Amala gad of qabuu horachuu kan dandeenyu akkamitti?

  • ‘Sirriitti kan yaannu taʼuu’ kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 30 Abbaa Koo, Waaqa Koo fi Michuu Koo

a Pheexiros Tokkoffaa 4:1 irratti “yaada” jedhamee kan ibsame “ilaalcha” jedhamees hiikamuu dandaʼa.

b Sirriitti kan yaadan taʼuu ykn karaa hafuuraa fayya buleeyyii taʼuu jechuun maal jechuu akka taʼe odeeffannoo dabalataa argachuuf jw.org ykn JW Library® irraa, “Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname” jalaa mata duree, “2 Ximotewos 1:7—‘Waaqayyo . . . Hafuura Sodaa Nuuf hin Kennine’” jedhu keessaa qabxii “Sammuu fayyaa” jedhu ilaali.

c IBSA FAKKII: Obboleettiin takka gaafannoo hojiitiif dabaree utuu eeggattuu garaa ishiitti kadhachaa jirti.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi