MATA DUREE QOʼANNAA 50
FAARFANNAA 48 Guyyaa Guyyaadhaan Yihowaa Wajjin Deddeebiʼuu
Akkuma Yihowaa Gad Of Qabaa
“Ijoollee jaallatamoo waan taataniif, Waaqayyoon kan fakkaattan taʼaa.”—EFE. 5:1.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti karaawwan afuriin akkuma Yihowaa gad of qabuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Yihowaan kan gad of qabu taʼuunsaa kan nu dinqisiisu maaliifi?
YEROO harʼaatti waaʼee namoota aangoo qabanii yommuu yaaddu amalli gad of qabuu gara sammuu keetti ni dhufaa? Dhufuu dhiisuu dandaʼa. Yihowaan garuu hundumaa kan dandaʼu taʼus gad of qaba. (Far. 113:5-8) Akka Yihowaatti kan gad of qabu hin jiru; isa keessa of tuulummaa wanti jedhamu hin jiru. Mata duree kana keessatti amaloota Yihowaa afurii fi amaloonni kun akka inni gad of qabu akkamitti akka argisiisan ilaalla. Kana malees, Yesuus fakkeenya Abbaasaa hordofuudhaan kan gad of qabe akkamitti akka taʼe ilaalla. Wantoota kana qoruun keenya caalaatti Yihowaatti dhihaachuu fi fakkeenyasaa hordofuudhaan amala gad of qabuu caalaatti argisiisuuf nu gargaara.
YIHOWAAN WAAQA SALPHAATTI ITTI DHIHAACHUUN DANDAʼAMUDHA
2. Faarfannaan 62:8 waaʼee Yihowaa maal nu barsiisa? (Fakkii ilaali.)
2 Yeroo baayʼee namoota kooranitti dhihaachuun salphaa miti. Of tuulummaansaanii namoonni isaanitti dhihaachuun akka isaanitti ulfaatu godha ykn guutummaatti akka isaanirraa fagaatan taasisa. Yihowaan garuu kanarraa baayʼee addadha. Abbaan keenya inni samii waan gad of qabuuf, kadhannaa akka isatti dhiheessinuu fi wanta nu yaaddessu akka isatti himnu nu affeereera. (Faarfannaa 62:8 dubbisi.) Akkuma abbaa gaariin tokko wanta ijoolleesaa yaaddesse dhaggeeffachuu barbaadu, Yihowaanis kadhannaa tajaajiltootasaa dhaggeeffachuu barbaada. Kadhannaan tajaajiltoonnisaa dhiheessan hedduun Dubbiisaa keessatti akka galmaaʼuyyuu godheera. Kunimmoo isatti akka dhihaannu akka barbaadu argisiisa. (Iya. 10:12-14; 1 Sam. 1:10-18) Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko Yihowaatti dhihaachuun akka nuuf hin malle yoo nutti dhagaʼame hoo?
Abbaan fakkeenya Yihowaa hordofu tokko, ilmasaa utuu taphatuu miʼa habaaboo cabse tokko gad of qabuudhaan dhaggeeffachaa jira (Keeyyata 2 ilaali)
3. Yihowaan yeroo hundumaa kadhannaadhaan akka isatti dhihaannu akka barbaadu akkamitti beekna?
3 Jaalallisaa akka nuuf hin malle yoo nutti dhagaʼamellee kadhannaadhaan Yihowaatti dhihaachuu ni dandeenya. Akkas kan jennu maaliifi? Yesuus fakkeenya waaʼee ilma badee dubbaterratti Yihowaa abbaa jaalala qabeessa taʼetti fakkeesseera. Ilmi kun dogoggora hedduu waan raawwateef abbaansaa akka isa hin simanne isatti dhagaʼamee ture. Maarree, abbaan kun ilmisaa yeroo gara manaa dhufu maal godhe? Yesuus abbaan kun akkuma ilmasaa argeen “fiigee isatti [maramee] isa dhungate” jedheera. (Luq. 15:17-20) Yihowaan akkuma abbaa kanaati. Waan gad of qabuuf namni miira balleessaatiin ykn dhiphinaan garaansaa caccabe tokko akkuma kadhachuu jalqabeen xiyyeeffannaa isaaf kennee isa dhaggeeffata. (Faru. 3:19, 20) Yihowaan gara laafinaan kakaʼee isa jajjabeessuuf, akkasumas dhiifama akka isaaf godhee fi akka isa jaallatu isaaf mirkaneessuuf akka fakkeenyaatti gara isaatti fiiga. (Isa. 57:15) Maarree, Yihowaan yeroo harʼaatti gara keenyatti kan fiigu akkamitti? Yeroo baayʼee akkas kan godhu jaarsolii, miseensota maatii keenya dhugaa baatota taʼanii fi obboloota keenyatti fayyadameeti. (Yaq. 5:14, 15) Yihowaan akkasitti kan nu gargaaru akka isatti dhihaannu waan barbaaduufi.
4. Namoonni Yesuusitti dhihaachuun kan isaaniif salphate maaliif ture?
4 Yesuus fakkeenya Abbaasaa hordofeera. Akkuma Abbaasaa gad of qaba ture. Kanaan kan kaʼe yeroo inni lafarra ture namoonni salphaatti isatti dhihaatu turan. Gaaffii isa gaafachuu hin sodaatan turan. (Mar. 4:10, 11) Dhimma tokkorratti yaada akka kennan yeroo isaan gaafatutti bilisummaadhaan yaadasaanii ibsu turan. (Mat. 16:13-16) Yesuus nama gaarii, araara qabeessaa fi obsa qabeessa akka taʼe waan beekaniif, yeroo dogoggoranitti hin sodaatan. (Mat. 17:24-27) Dhugumayyuu Yesuus fakkeenya Abbaasaa sirriitti waan hordofeef duuka buutonnisaa Yihowaa caalaatti beekuu dandaʼaniiru. (Yoh. 14:9) Yihowaan akka geggeessitoota amantaa bara sanatti turanii gara jabeessa, kan kooruu fi kan namatti hin dhihaanne akka hin taane barataniiru. Kanaa mannaa kan gad of qabudha; isatti dhihaachuunis salphaadha.
5. Amalli gad of qabuu warri kaan salphaatti akka nutti dhihaatan kan taasisu akkamitti?
5 Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Amala gad of qabuu horachuun keenya warri kaan nutti dhihaachuun akka isaaniif salphatu godha. Gad of hin qabnu taanaan warra kaanitti hinaafuu fi kooruu dandeenya, akkasumas dhiifama gochuu dhiisuu dandeenya; kunimmoo warri kaan akka nurraa fagaatan taasisa. Kan gad of qabnu yoo taʼe garuu gaarummaa fi obsa argisiisna, akkasumas warra kaaniif dhiifama goona; kunimmoo warri kaan akka nutti dhihaatan taasisa. (Qol. 3:12-14) Keessumaa jaarsoliin warri kaan isaanitti dhihaachuun akka isaaniif salphatu gochuuf carraaquu qabu. Kana gochuufimmoo obboloota isaanii wajjin taʼuu qabu. Kanaafuu, utuu hin barbaachisin viidiyoo konfiransiidhaan walgaʼiirratti argamuuf hin yaalan; kanaa mannaa, qaamaan walgaʼiirratti argamuuf ni carraaqu. Hamma haalli isaanii isaaniif heyyamettis obbolootasaanii wajjin manaa gara manaa tajaajiluuf ni carraaqu. Obboloonni jaarsolii wajjin caalaatti wal baruun isaanii yeroo gargaarsi isaan barbaachisutti isaan haasofsiisuun akka isaaniif salphatu godha.
YIHOWAAN YAADASAATTI HIN CICHU
6-7. Yihowaan tajaajiltoonnisaa yommuu isa kadhatan yaadasaa jijjiiruuf fedhii akka qabu fakkeenya argisiisu dubbadhu.
6 Namoonni kooran yeroo baayʼee wanta caalaatti gaarii taʼe kan beeku isaan qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama, akkasumas yaadasaanii jijjiiruuf fedhii hin qaban. Yihowaan garuu yeroo hundumaa wanta caalaatti gaarii taʼe kan beeku taʼus, waan gad of qabuuf, yaadasaatti hin cichu. Mee Miiriyaam ishii obboleettii Musee taatee wajjin haala wal qabateen maal akka godhe haa ilaallu. Miiriyaam Aaronii wajjin taʼuudhaan Musee isa bakka buʼaa Yihowaa taʼerratti gungumtee turte. Karaa kan biraatiin Miiriyaam Yihowaadhaaf kabaja akka hin qabne argisiisaa turte jechuudha. Kanaan kan kaʼes, Yihowaan Miiriyaamitti aaruudhaan dhukkuba nadaayiitiin ishii rukute. Haa taʼu malee, Aaron Museen akka ishii gargaaru isa kadhate; Museenis Yihowaan akka ishii fayyisu kadhate. Maarree Yihowaan maal godhe? Haala akkasii keessatti namni kooru tokko yaadasaa hin jijjiiru; Yihowaan garuu yaadasaa jijjiireera. Waan gad of qabuuf Musee dhagaʼuudhaan ishii fayyiseera.—Lak. 12:1-15.
7 Yihowaan Hisqiyaas Mootichaa wajjin haala wal qabateenis akka gad of qabu argisiiseera. Yihowaan raajiisaatti fayyadamuudhaan Hisqiyaas akka duʼu isatti hime. Hisqiyaas garuu Yihowaan akka isa fayyisuuf cimsee kadhate. Yihowaanis gaarummaadhaan kakaʼee umurii isaarratti waggaa 15 isaaf dabale. (2 Mot. 20:1, 5, 6) Eeyyee, Yihowaan kan gad of qabu taʼuunsaa, gara laafessa akka taʼuu fi yaadasaatti akka hin cichine isa taasiseera.
8. Fakkeenya Yesuus yaadasaatti akka hin cichine argisiisu dubbadhu. (Maarqos 3:1-6)
8 Yesuus fakkeenya Abbaasaa hordofeera. Yesuus yeroo lafarra turetti, yeroo dandaʼamu hundatti warra kaaniif wanta gaarii gochuurraa duubatti hin jenne. Fakkeenyaaf, namoonni mata jabeeyyii taʼan kan isa morman taʼus, Yesuus guyyaa Sanbataatti namoota fayyiseera. (Maarqos 3:1-6 dubbisi.) Yeroo harʼaattis gumii Kiristiyaanaa yeroo geggeessutti yaadasaatti akka hin cichine argisiisuusaa itti fufeera. Fakkeenyaaf, yommuu namni gumii keessa jiru tokko cubbuu cimaa hojjetu, gochasaa akka sirreessu carraa gaʼaa isaaf kennuudhaan obsa isatti argisiisa.—Mul. 2:2-5.
9. Yaada keenyaa fi gocha keenyaan fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
9 Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Yaadaa fi gocha keenyaan akkuma Yihowaa yaada keenyatti akka hin cichine argisiisuuf carraaquu qabna. (Yaq. 3:17) Warri fakkeenya Yihowaa hordofan ijoolleensaanii wanta humna isaaniitii ol taʼe akka raawwatan isaanirraa hin eegan. Gama kanaan Yaaqoob fakkeenya gaarii taʼa; ijoolleesaaf akka yaadu argisiiseera. (Uma. 33:12-14) Warri gad of qabanii fi yaada isaaniitti hin cichine mucaasaanii tokko isa kan biraa wajjin wal bira hin qaban. Jaarsoliin gumiis yaadasaaniitti cichuu hin qaban. Karaan kana gochuu itti dandaʼan tokko qajeelfamni Kitaaba Qulqulluu hamma hin cabnetti murtoo jaarsoliin harki caalaan irratti walii galan fudhachuudhaani. (1 Xim. 3:2, 3) Hundumti keenyayyuu ilaalcha warra kaanirraa adda taʼe yoo qabaannellee yaada warra kaanii hubachuuf carraaquu qabna. (Rom. 14:1) Eeyyee obboloonni hundi, ‘yaada ofiitti kan hin cichine taʼuun isaanii namoota hundumaa biratti akka beekamu’ gochuuf carraaquu qabu.—Filp. 4:5.
Abbaan tokko ijoolleensaa tajaajilarratti wanta humna isaaniitii ol taʼe akka raawwatan isaanirraa hin eegu (Keeyyata 9 ilaali)
YIHOWAAN OBSA QABEESSADHA
10. Yihowaan obsa kan argisiise karaawwan kamiini?
10 Namoonni of tuulan obsa waan hin qabneef, waa yeroo isaan jalaa turu eeguuf fedhii hin qaban. Kanarraa haala adda taʼeen, Yihowaan obsa guddaa qaba. Fakkeenyaaf, bara Nohitti hamoota balleessuusaa dura waggaa 120 akka eegu dubbateera. (Uma. 6:3) Kanaan kan kaʼes, Noh ijoolleesaa guddisuu fi maatiisaa wajjin doonii ijaaruuf yeroo argatee ture. Boodas, maleekaan bakka buʼaa Yihowaa taʼe tokko, Abrahaam badiisa Sodoomii fi Gomoraa ilaalchisee gaaffii yeroo isa gaafatu obsaan isa dhaggeeffateera. Namni of tuulu tokko, ‘Akkamitti gaaffii akkasii na gaafatta?’ jechuu dandaʼa. Maleekaan sun garuu fakkeenya Yihowaa hordofuudhaan Abrahaamitti obsa argisiiseera.—Uma. 18:20-33.
11. Akkuma 2 Pheexiros 3:9 irratti ibsame Yihowaan bara keenyatti obsa argisiisaa kan jiru maaliifi?
11 Bara keenyattis Yihowaan obsa argisiisaa jira. Sirna kana balleessuuf yeroon inni murteesse hamma gaʼutti eegaa jira. Garuu kan obsu maaliifi? ‘Hundumtuu yaada akka geddarataniif malee, namni tokko illee akka badu waan hin barbaanneefi.’ (2 Pheexiros 3:9 dubbisi.) Obsi Yihowaa buʼaa argamsiise qabaa? Eeyyee! Namoonni miliyoonaan lakkaaʼamanii fi garaa qajeelaa qaban Yihowaa beekuu dandaʼaniiru. Kana boodas namoonni dabalataa miliyoonaan lakkaaʼaman Yihowaa akka beekan ni abdanna. Taʼus, obsi Yihowaa daangaa qaba. Yihowaan namoota kan jaallatu taʼus, yeroo hundumaa wanta barbaadan akka godhan isaaniif hin heyyamuu. Hamminni barabaraaf akka itti fufu hin heyyamu.—Ibr. 2:3.
12. Yesuus obsa argisiisuurratti fakkeenya Yihowaa kan hordofe akkamitti?
12 Yesuus fakkeenya Abbaasaa hordofeera. Yesuus waggoota kumaan lakkaaʼamaniif obsa argisiisuurratti fakkeenya Yihowaa hordofeera. Seexanni maqaa Yihowaa fi maqaa namoota amanamoo yeroo balleessu ilaaleera. (Uma. 3:4, 5; Iyo. 1:11; Mul. 12:10) Kana malees, rakkinni hedduun yeroo namootarra gaʼu argeera. Yesuus, “hojii Diyaabilos diiguuf” hammam akka hawwu mee yaadi. (1 Yoh. 3:8) Yesuus hojii Diyaabilos guutummaatti diiguuf, Yihowaan hamma isaaf heyyamutti obsaan akka eegu maaltu isa gargaare? Wanti isa gargaare inni tokko gad of qabuu isaati. Yesuus yeroo itti dhumni dhufu kan murteessu Yihowaa akka taʼe beeka.—HoE. 1:7.
13. Yesuus ergamootasaatti obsa kan argisiise akkamitti? Kana kan godhe hoo maaliifi?
13 Yesuus yeroo lafarra turetti ergamoota isaattis obsa argisiiseera. Fakkeenyaaf, isaan keessaa eenyu akka caalu irra deddeebiʼanii yeroo wal falmanitti abdii isaanitti hin kutanne. Kanaa mannaa, obsa isaanitti argisiisuusaa itti fufeera. (Luq. 9:46; 22:24-27) Yeroo booda jijjiirama barbaachisu akka godhan amantii qaba ture. Atoo irra deddeebitee dogoggora wal fakkaatu raawwattee beektaa? Taanaan, Mootii gad of qabuu fi obsa qabeessa taʼe akkasii qabaachuu keetti hin galateeffattuu?
14. Obsa horachuu kan dandeenyu akkamitti?
14 Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? “Yaada Kiristoos” yommuu qabaannu, yaadaa fi gocha keenyaan fakkeenya Yihowaa hordofuu ni dandeenya. (1 Qor. 2:16) Maarree, yaada Kiristoos akka qabaannu maaltu nu gargaara? Karaan qaxxaamuraa kana gochuu itti dandeenyu hin jiru. Wangeelota dubbisuu qabna. Achiis wanti dubbisne, ilaalcha Yesuus dhimmoota garaagaraatiif qabu kan mulʼisu akkamitti akka taʼe irratti xiinxaluu qabna. Kana malees, Yihowaan akkuma Yesuus gad of qabuu fi obsa qabaachuuf akka nu gargaaru kadhachuu qabna. Yaada Kiristoos caalaatti qabaachaa yommuu deemnu, akkuma Yihowaa ofii keenyattis taʼe obboloota keenyatti caalaatti obsa argisiisna.—Mat. 18:26-30, 35.
YIHOWAAN NAMOOTA GAD OF QABAN NI KABAJA
15. Yihowaan namoota gad of qaban akka jaallatu fakkeenyota argisiisan caqasi. (Faarfannaa 138:6)
15 Faarfannaa 138:6 dubbisi. Yihowaan inni uumama cufa keessatti hundarra caalu namoota gad qabaniif xiyyeeffannaa addaa kenna. Mee bara duriitti namoota gad of qabanii fi Yihowaan bakka guddaa kenneef tokko tokko haa ilaallu. Isaan keessaa tokko tokko sirriitti beekuu dhiisuu dandeenya; taʼus, seenaan isaanii Kitaaba Qulqulluu keessatti galmeeffameera. Fakkeenyaaf, Dibooraan maatii Yisihaaqii fi Yaaqoob gara waggaa 125f amanamummaadhaan tajaajilteetti. Waaʼee dubartii amanamtuu kanaa wanta hedduu beekuu baannus, Yihowaan hammam jaallatamtuu akka taate Museen akka barreessu godheera. (Uma. 24:59; 35:8, milj.) Jaarraa hedduu boodas Yihowaan, Daawit isa tiksee ture filatee mootii Israaʼel akka taʼu godheera. (2 Sam. 22:1, 36) Yesuus dhalatee utuma baayʼee hin turinimmoo, Waaqayyo maleekaa tokko ergee Masiihichi Beetaliheemitti akka dhalate tiksitoonni naannoo sana turan jalqaba akka beekan gochuudhaan isaan kabajeera. (Luq. 2:8-11) Akkasumas Yoseefii fi Maariyaam Yesuusiin yeroo gara mana qulqullummaatti fidan, Simiʼoonii fi Haannaan warri maanguddoota turan Ilmasaa akka beekan gochuudhaan isaan kabajeera. (Luq. 2:25-30, 36-38) Eeyyee, “Yihowaan guddaa taʼus, isa gad of qabu ni arga.”
16. Yesuus warra kaan kabajuurratti fakkeenya Abbaasaa kan hordofe akkamitti?
16 Yesuus fakkeenya Abbaasaa hordofeera. Yesuus akkuma Abbaasaa namoota gad of qaban kabajeera. “Namoota hin barannee fi iddoo guddaa hin qabne” dhugaa waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ibsu barsiiseera. (HoE. 4:13; Mat. 11:25) Kana malees, karaa akka isaan jaallatuu fi akka isaan kabaju argisiisuun namoota dhukkubsatan fayyiseera. (Luq. 5:13) Galgala ajjeefamuusaa dura turetti miila ergamootasaa dhiqeera; hojii akkasii kan hojjetan yeroo baayʼee tajaajiltootadha. (Yoh. 13:5) Gara samiitti ol baʼuusaa duras duukaa buutotasaa yeroo sanatti turanii fi warra gara fuulduraatti duuka buutotasaa taʼaniif hojii barbaachisaa kennuudhaan isaan kabajeera; hojiin kun namoonni jireenya barabaraa akka argatan gargaara.—Mat. 28:19, 20.
17. Warra kaan kabajuu kan dandeenyu akkamitti? (Fakkichas ilaali.)
17 Fakkeenya Yihowaa hordofuu kan dandeenyu akkamitti? Akkaataan guddinaasaanii, biftisaanii ykn sadarkaan barumsaa isaanii maaliyyuu yoo taʼe, namoota dhagaʼuu barbaadan hundumaaf misiraachoo lallabuudhaan akka isaan kabajnu argisiisuu dandeenya. Akkasumas dandeettiin ykn itti gaafatamummaan qabnu maaliyyuu yoo taʼe obboloonnii fi obboleettonni keenya akka nu caalanitti yaaduudhaan isaan kabajuu dandeenya. (Filp. 2:3) Yihowaan karaa kanaa fi kan birootiin wal kabajuuf ‘dursa yeroo fudhannu’ yommuu argu baayʼee gammada.—Rom. 12:10; Sef. 3:12.
Namoota hundumaaf misiraachicha lallabuudhaan gad of qabuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu dandeenya (Keeyyata 17 ilaali)a
18. Gad of qabuurratti fakkeenya Yihowaa hordofuu kan barbaaddu maaliifi?
18 Gad of qabuurratti fakkeenya Abbaa keenya isa samii hordofuuf kan carraaqnu yoo taʼe, namoonni salphaatti nutti dhihaatu, yaada keenyatti kan hin cichine taana, akkasumas caalaatti obsa qabeeyyii taana. Kana malees, akkuma Yihowaa warra kaan ni kabajna. Eeyyee, Waaqa keenya isa gad of qabutti dhihaachuuf carraaqqii gochuun keenya, isa biratti caalaatti akka jaallatamnu nu taasisa.—Isa. 43:4.
FAARFANNAA 159 Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa
a IBSA FAKKII: Obboleettonni namoota mana sirreessaa keessa jiran barsiisuudhaan gad of qabuurratti fakkeenya Yihowaa hordofaa jiru.