LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Bitootessa ful. 32
  • Kitaaba Qulqulluu Akka Daawwitiitti Fayyadami

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Kitaaba Qulqulluu Akka Daawwitiitti Fayyadami
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Yihowaan Akkamitti Na Ilaala?
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Amala Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Guddifachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
  • Waaʼee Bifa Koo Dhiphachuun Qabaa?
    Gaaffii Dargaggoonni Gaafatan 10f Deebii Kenname
  • Nama Akkamii Taʼuun Qaba
    Yihowaa ‘Gammachuudhaan Faarfadhaa’
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Bitootessa ful. 32

YAADA QOʼANNAADHAAF TAʼU

Kitaaba Qulqulluu Akka Daawwitiitti Fayyadami

Yaaqoob baratichi Kitaaba Qulqulluu daawwitii keessa keenya ilaaluuf nu dandeessisutti fakkeesseera. (Yaq. 1:22-25) Kitaaba Qulqulluu akka daawwitiitti fayyadamuu kan dandeenyu akkamitti?

Of eeggannoodhaan dubbisi. Daawwitii keessatti yeroo of ilaallu kan ariifannu yoo taʼe, wanta sirreeffamuu qabu tokko utuu hin sirreessin dhiisuu dandeenya. Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu kan dubbisnu ariitiidhaan yoo taʼe kallattii sirreeffama gochuun itti nu barbaachisu hubachuu dhiisuu dandeenya; kanaafuu, Dubbii Waaqayyoo of eeggannoodhaan dubbisuun keenya gaariidha.

Nama kan biraarratti utuu hin taʼin ofirratti xiyyeeffadhu. Daawwitii yeroo ilaallu xinnoo yoo jalʼisne hirʼina keenya utuu hin taʼin hirʼina warra kaanii nutti mulʼisa. Haaluma wal fakkaatuun, Kitaaba Qulqulluu yeroo dubbisnu dogoggora nama kan biraarratti xiyyeeffachuu dandeenya. Akkas gochuun garuu dogoggora keenya sirreessuuf nu hin gargaaru.

Ilaalcha madaalamaa qabaadhu. Yeroo daawwitii ilaallu hundatti hanqina keenyarratti qofa kan xiyyeeffannu yoo taʼe abdii kutachuu dandeenya. Yeroo Dubbii Waaqayyoo dubbisnu wanta Yihowaan nurraa eegu caalaa ofirraa eeguu dhiisuudhaan ilaalcha madaalamaa akka qabnu argisiisuu dandeenya.—Yaq. 3:17.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi