LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 7/14 ful. 2
  • Yihowaan Akkamitti Na Ilaala?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yihowaan Akkamitti Na Ilaala?
  • Tajaajila Mootummaa—2014
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kitaaba Qulqulluu Akka Daawwitiitti Fayyadami
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • “Jaalala Isa Dur Qabda Turte” Hin Dhiisin
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Tarkaanfiiwwan Dubbisa Macaafa Qulqulluurraa Buʼaa Argachuuf Gargaaran Torba
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2010
  • Amala Fedhii Ofii Aarsaa Gochuu Guddifachuu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2014
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2014
km 7/14 ful. 2

Yihowaan Akkamitti Na Ilaala?

1. Macaafni Qulqulluun Daawwitii wajjin kan wal fakkaatu akkamitti?

1 Daawwitiidhaan yeroo meeqa of ilaaltu? Kana gochuun keenya sirreeffama qaama keenyarratti gochuu qabnu waan nu hubachiisuuf, baayʼeen keenya siʼa hedduu daawwitiidhaan of ilaalla. Macaafni Qulqulluun daawwitiitti fakkeeffameera. Dubbii Waaqayyoo dubbisuun keenya, keessa keenya isa Yihowaan ilaalu ilaaluuf nu dandeessisa. (1 Sam. 16:7; Yaq. 1:22-24) Dubbiin Waaqayyoo, “yaadaa fi akeeka garaa namaas qoree faraduu” ni dandaʼa. (Ibr. 4:12) Guyyaa guyyaadhaan Macaafa Qulqulluu dubbisuufi irratti xiinxaluun keenya, kallattiiwwan hojii lallabaarratti caalaatti buʼa qabeeyyii taʼuuf nu dandeessisan cimsachuuf kan nu gargaaru akkamitti?—Far. 1:1-3.

2. Macaafni Qulqulluun akka of qorru nu gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

2 Macaafa Qulqulluutti Akka Daawwitiitti Itti Fayyadamaa: Tajaajiltoota Yihowaa amanamoo taʼan ilaalchisee seenaan Macaafa Qulqulluurratti argamu, Yihowaan amalawwan kamfaa akka dinqisiifatu nu barsiisa. Fakkeenyaaf, Daawit maqaa Yihowaatiif hinaaffaa akka qabu argisiiseera. (1 Sam. 17:45, 46) Isaayaas, naannoo tajaajilaa rakkisaa taʼetti lallabuuf fedhiidhaan of dhiheesseera. (Isa. 6:8, 9) Jaalalli guddaan Yesus Abbaasaa isa samiitiif qabu, tajaajilasaa akka baʼaatti utuu hin taʼin akka madda jajjabinaafi gammachuutti akka ilaalu isa godheera. (Yoh. 4:34) Kiristiyaanonni jaarraa jalqabaa, hinaaffaadhaan lallabaniiru, Yihowaatti amanamaniiru, akkasumas abdii akka hin kutanne murteessanii turan. (HoE. 5:41, 42; 2 Qor. 4:1; 2 Xim. 4:17) Fakkeenyota akkasiirratti xiinxaluun keenya, qulqullina tajaajila keenyaa fooyyessuuf yaaduudhaan akka of ilaallu nu gargaara.

3. Utuu yeroo hin balleessin sirreeffama barbaachisu gochuu kan qabnu maaliifi?

3 Mudaa Qabdan Sirreessaa: Mudaa ofirratti argine callisnee bira darbina taanaan, daawwitii ilaaluun keenya faayidaa hin qabu. Yihowaan kaayyoodhaan of ilaalluufi sirreeffama barbaachisaa taʼe gochuuf akka nu gargaaru isa kadhachuu ni dandeenya. (Far. 139:23, 24; Luq. 11:13) Yeroon hafe xinnoo waan taʼeef, akkasumas lubbuun namootaa balaarra waan jiruuf, utuu yeroo hin balleessin jijjiirama barbaachisu gochuu qabna.—1 Qor. 7:29; 1 Xim. 4:16.

4. Namni Dubbii Waaqayyoo sirriitti ilaaluufi wanta hubate hojiirra oolchu buʼaa akkamii argata?

4 Keessi nama tokkoo inni Yihowaan ilaalu, alasaa caalaa baayʼee barbaachisaadha. (1 Phe. 3:3, 4) Namni Dubbii Waaqayyoo sirriitti ilaaluufi tarkaanfii fudhatu buʼaa akkamii argata? ‘Dhagaʼee hojiirra kan oolchu malee, kan hin irraanfanne waan taʼeef, gochasaatti ni gammada.’ (Yaq. 1:25) Eeyyee, “ulfinni gooftichaa nu irraa akka calaqqisu” waan goonuuf, tajaajiltoota gammachuufi milkaaʼina qabnu taana.—2 Qor. 3:18.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi