LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Ebla ful. 2-7
  • ‘Eenyuun Akka Tajaajiltan Filadhaa’

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Eenyuun Akka Tajaajiltan Filadhaa’
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • YESUUS YIHOWAA TAJAAJILUUF KAN FILATE MAALIIFI?
  • YIHOWAA WAAQEFFACHUUN KEENYA KAN ISAAF MALU MAALIIFI?
  • YIHOWAA TAJAAJILUUF KAN FILANNE MAALIIFI?
  • YIHOWAA TAJAAJILUU KEE ITTI FUFI
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Murtoowwan Yihowaatti Akka Amanamnu Argisiisan
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2023
  • Yihowaan “Waaqa Jiraataa” Akka Taʼe Yaadadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Ebla ful. 2-7

MATA DUREE QOʼANNAA 14

FAARFANNAA 8 Yihowaan Dawoo Keenya

‘Eenyuun Akka Tajaajiltan Filadhaa’

“Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla.”—IYA. 24:15.

YAADA IJOO

Mata dureen kun sababiiwwan Yihowaa tajaajiluuf itti filannee nu yaadachiisa.

1. Gammachuu dhugaa qabaachuuf maal gochuu qabna? Maaliif? (Isaayyaas 48:17, 18)

ABBAAN keenya inni samii baayʼee nu jaallata, yeroo ammaattis taʼe gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa akka jiraannu barbaada. (Lal. 3:12, 13) Dandeettiiwwan dinqisiisoo taʼan akka qabaannu godhee nu uume. Haa taʼu malee, dandeettii ofii keenyaan of bulchuu akka qabaannu godhee ykn wanta sirrii fi dogoggora taʼe ofii keenyaan akka murteessinu godhee nu hin uumne. (Lal. 8:9; Er. 10:23) Gammachuu dhugaa qabaachuu kan dandeenyu yoo isa tajaajillee fi ulaagaa isaatiin yoo jiraanne qofa akka taʼe beeka.—Isaayyaas 48:17, 18 dubbisi.

2. Seexanni maal jennee akka amannu barbaada? Yihowaanoo sobasaa kanaaf deebii akkamii kenne?

2 Seexanni gargaarsa Yihowaa malee gammachuu dhugaa qabaachuu akka dandeenyu, akkasumas ilmaan namootaa ofii isaaniitiin milkaaʼinaan of bulchuu akka dandaʼan akka amannu barbaada. (Uma. 3:4, 5) Yihowaan Seexanni sobduu taʼuusaa mirkaneessuuf ilmaan namootaa isarratti fincilan yeroo murtaaʼeef ofii isaaniitiin akka of bulchan heyyameera. Miidhaa gaddisiisaa bulchiinsi ilmaan namootaa geessise arguuf carraaqqii addaa gochuun nu hin barbaachisu. Gama biraatiin Kitaabni Qulqulluun fakkeenya dhiirotaa fi dubartoota Yihowaa tajaajiluudhaan jireenya gammachiisaa jiraatan hedduu qabateera. Isaan keessaa inni tokko Yesuus Kiristoosi. Mee jalqaba Yesuus Yihowaa tajaajiluuf kan filate maaliif akka taʼe haa ilaallu. Achiis Abbaa keenya isa samii waaqeffachuun isaaf mala kan jennu maaliif akka taʼe ilaalla. Xumurarrattimmoo sababiiwwan Yihowaa tajaajiluuf itti filanne tokko tokko ilaalla.

YESUUS YIHOWAA TAJAAJILUUF KAN FILATE MAALIIFI?

3. Yesuusiif affeerraan akkamii dhihaatee ture? Innoo filannaa akkamii godhe?

3 Yesuus yeroo lafarra turetti eenyuun tajaajiluu akka qabu filachuu qaba ture. Cuuphamee utuma baayʼee hin turin Seexanni siʼa tokko qofa yoo isa waaqeffate mootummoota lafarra jiran hundumaa akka isaaf kennu Yesuusiif waadaa galee ture. Yesuusis deebisee, “Seexana nana, na duraa deemi! ‘Waaqa kee Yihowaa waaqeffadhu; isa qofaaf tajaajila qulqulluu dhiheessi’ kan jedhu barreeffameera isaan jedhe.” (Mat. 4:8-10) Yesuus filannaa akkasii kan godhe maaliif ture? Mee sababiiwwan tokko tokko haa ilaallu.

4-5. Sababiiwwan Yesuus Yihowaa tajaajiluuf itti filate tokko tokko kamfaʼi?

4 Sababiin Yesuus Yihowaa tajaajiluuf itti filate inni guddaan jaalaladha. Yesuus Abbaasaatiif jaalala guddaa qaba ture. (Yoh. 14:31) Dabalataanis Yesuus Yihowaa tajaajiluuf kan filate akkas gochuun wanta sirrii gochuu qabu waan taʼeefi. (Yoh. 8:28, 29; Mul. 4:11) Yesuus Yihowaan madda jireenyaa, amanamaa fi arjaa akka taʼe beeka ture. (Far. 33:4; 36:9; Yaq. 1:17) Yihowaan yeroo hundumaa Yesuusitti dhugaa dubbata ture. Akkasumas Yesuus wanta qabu hundumaa isarraa argate. (Yoh. 1:14) Faallaa kanaatiin Seexanni namoonni cubbuu akka hojjetanii fi akka duʼan godheera. Inni sobduu, sassattuu fi ofittoodha. (Yoh. 8:44) Yesuus dhugaa kana waan beekuuf fakkeenya Seexanaa hordofuudhaan Yihowaarratti finciluuf matumaa yaadee hin beeku.—Filp. 2:5-8.

5 Sababii kan biraan Yesuus Yihowaa tajaajiluuf itti filatemmoo buʼaa amanamummaadhaan Yihowaa tajaajiluunsaa argamsiisu waan hubateef ture. (Ibr. 12:2) Yesuus amanamaa taʼee yoo jiraate maqaa Abbaasaa akka qulqulleessuu fi miidhaa Seexanni geessise hundumaa akka hambisu beeka ture.

YIHOWAA WAAQEFFACHUUN KEENYA KAN ISAAF MALU MAALIIFI?

6-7. Yeroo harʼaa namoonni hedduun Yihowaa kan hin tajaajille maaliifi? Nutoo Yihowaa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu maaliifi?

6 Yeroo harʼaa namoonni hedduun Yihowaa kan hin tajaajille waaʼee amalawwansaa gaggaarii taʼanii fi wantoota inni isaaniif godhe hunda waan hin beekneefi. Namoonni Ateenaa Phaawulos ergamaan isaaniif lallabe namoota akkasii turan.—HoE. 17:19, 20, 30, 34.

7 Phaawulos “jireenyaa fi hafuura, akkasumas wantoota hunda kan kennu” Waaqa dhugaa akka taʼe namoota isa dhaggeeffataniif ibseera. Itti dabaluudhaanis, “Nuti jireenya kan arganne, kan sochoonuu fi kan jiraannu isaani” jedheera. Waaqayyo isa “namoota saba hundumaa nama tokko irraa uume” waaqeffachuun keenya isaaf mala.—HoE. 17:25, 26, 28.

8. Wanti Yihowaan matumaa hin goone maalidha? Ibsi.

8 Yihowaan Uumaa waan taʼee fi uumama cufarratti olaantummaa waan qabuuf namoonni akka isa tajaajilan dirqisiisuu ni dandaʼa ture. Haa taʼu malee, matumaa akkas hin godhu. Kanaa mannaa, ragaa inni dhugumaan akka jiruu fi tokkoon tokkoon keenya garaadhaa akka jaallatu argisiisu nuuf kenneera. Hamma dandaʼame namoonni hedduun barabaraaf michootasaa akka taʼan barbaada. (1 Xim. 2:3, 4) Yihowaan waaʼee kaayyoosaa warra kaan akka barsiisnuu fi wantoota gaggaarii ilmaan namootaatiif godhe akka isaanitti himnu kan nu leenjise kanaafi. (Mat. 10:11-13; 28:19, 20) Gumii nuu kenneera, jaarsoliin jaalalaan akka nu kunuunsanis qophii nuu godheera.—HoE. 20:28.

9. Yihowaan jaalalasaa kan nutti argisiise akkamitti?

9 Yihowaan namoota inni jiraachuusaa amanuu hin barbaanneef wantoota gaggaarii gochuudhaan jaalalasaa argisiiseera. Fakkeenyaaf, waggoota kumaan lakkaaʼamuuf namoonni biliyoonaan lakkaaʼaman wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee ulaagaa mataa isaaniitiin geggeeffamuuf filataniiru. Taʼus, Yihowaan gaarummaadhaan kakaʼee wantoota jiraachuu fi jireenyatti gammaduuf isaan barbaachisu isaaniif kenneera. (Mat. 5:44, 45; HoE. 14:16, 17) Gaarummaasaatiin kan kaʼe michoota qabaachuu, ijoollee godhachuu fi hojii jabaatanii hojjetanitti gammaduu dandaʼaniiru. (Far. 127:3; Lal. 2:24) Ragaawwan kun Abbaan keenya inni samii ilmaan namootaa hunda akka jaallatu argisiisu. (Bau. 34:6) Mee sababiiwwan Yihowaa tajaajiluuf itti filanne tokko tokkoo fi filannoon keenya kun eebba akkamii akka nuuf argamsiisu haa ilaallu.

YIHOWAA TAJAAJILUUF KAN FILANNE MAALIIFI?

10. (a) Sababni guddaan Yihowaa itti tajaajillu maalidha? (Maatewos 22:37) (b) Obsa Yihowaarraa kan fayyadamte karaa kamiini? (Faarfannaa 103:13, 14)

10 Nutis akkuma Yesuus adda durummaadhaan Yihowaa kan tajaajillu jaalala guddaa waan isaaf qabnuufi. (Maatewos 22:37 dubbisi.) Waaʼee amalawwansaa yommuu barannu caalaatti isatti dhihaanna. Fakkeenyaaf, obsa inni nutti argisiise haa ilaallu. Israaʼelonni yommuu isaaf ajajamuu didanitti, “Maaloo, daandiiwwan keessan warra hamoo irraa deebiʼaa” jedhee isaan kadhateera. (Er. 18:11) Yihowaan mudaa akka qabnuu fi biyyoo akka taane ni yaadata. (Faarfannaa 103:13, 14 dubbisi.) Obsa Yihowaa fi amalootasaa nama hawwatan kan biroorratti yommuu xiinxaltu barabaraaf isa tajaajiluuf hin kakaatuu?

11. Sababiiwwan Abbaa keenya isa samii tajaajiluuf itti filanne kan biroon maalfaʼi?

11 Kana malees, Yihowaa kan tajaajillu akkas gochuun wanta sirrii gochuu qabnu waan taʼeefi. (Mat. 4:10) Dabalataanis amanamummaadhaan isa tajaajiluun keenya buʼaa gaarii akka argamsiisu beekna. Amanamummaadhaan isa tajaajiluun keenya maqaa Yihowaa qulqulleessa, Diyaabilos sobduu akka taʼe mirkaneessa, akkasumas Abbaa keenya gammachiisa. Yeroo ammaatti Yihowaa tajaajiluuf yoo filanne abdii barabaraaf isa tajaajiluu qabaanna.—Yoh. 17:3.

12-13. Muuxannoo Jeenii fi Paamirraa maal baranna?

12 Ijoollummaa keenyattillee Yihowaadhaaf jaalala cimaa yommuu umuriin keenya dabalaa deemutti guddachuusaa itti fufu horachuu dandeenya. Mee muuxannoo obbolaa lamaan Jeenii fi Paam jedhamanii haa ilaalu.a Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yommuu jalqabanitti umuriin Jeen waggaa 11 umuriin Paam immoo waggaa 10 ture. Warri isaanii fedhii kan hin qabne taʼanis Jeenii fi Paam sanbata sanbata hamma isaanii wajjin waldaa dhaqanitti Dhugaa Baatota Yihowaa wajjin Kitaaba Qulqulluu akka qoʼatan isaaniif heyyaman. Jeen akkana jetteetti: “Wanti Dhugaa Baatonni Yihowaa Kitaaba Qulqulluurraa na barsiisan dhiibbaa hiriyoonni koo qoricha sammuu namaa hadoochu akkan fudhadhuu fi jireenya naamusaan ala taʼe akkan jiraadhu narraan geessisan akkan dandamadhu na gargaareera.”

13 Waggoota muraasa boodas shamarran kun lamaanuu babalʼistoota taʼan. Boodas haadhaa fi abbaasaanii warra dulloomaniif kunuunsa utuma godhanii qajeelchitoota taʼanii tajaajiluu jalqaban. Jeen jireenya ishii duubatti deebitee yaaduudhaan akkana jetteetti: “Yihowaan michoota isaatiif amanamummaadhaan kunuunsa akka godhu ija kootiin argeera, akkasumas akkuma 2 Ximotewos 2:19 dubbatu Yihowaan ‘warra kan isaa taʼan beeka.’” Yihowaan warra isa jaallachuu fi isa tajaajiluuf filataniif kunuunsa akka godhu homaa hin shakkisiisu!

14. Dubbii fi gochi keenya maqaa Yihowaa arrabsoorraa qulqulleessuurratti gumaacha kan godhu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

14 Maqaan Yihowaa arrabsoo hundumaarraa akka qulqullaaʼu gumaacha gochuu barbaanna. Mee haala kanarratti yaadi: Michuu gaarummaa argisiisu, arjaa taʼee fi dhiifama namaaf godhu qabda haa jennu. Gaaf tokko namni taʼe tokko michuun kee kun gara jabeessaa akka taʼee fi amanamaa akka hin taane utuu dubbatuu dhageesse. Yeroo kanatti maal goota? Isaaf falmita. Haaluma wal fakkaatuun, Seexannii fi warri inni dhiibbaa irratti godhu waaʼee Yihowaa soba dubbachuudhaan maqaasaa balleessuuf yommuu yaalan waaʼeesaa dhugaa dubbachuudhaan maqaasaatiif falmina. (Far. 34:1; Isa. 43:10) Yihowaa lubbuu guutuudhaan tajaajiluu akka barbaannu dubbii fi gocha keenyaan argisiisna.

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Dubartiin takka gantoota bakka walgaʼiin naannoo itti geggeeffamu fuulduratti mormii dhiheessaa jiran ilaalaa jirti. 2. Boodas dubartiin sun hiriyoota gaaʼelaa tajaajila addabaabaayiirratti hirmaachaa jiran wajjin haasaʼaa jirti.

Maqaa Yihowaatiif falmuurratti gumaacha gochuu ni dandeessaa? (Keeyyata 14 ilaali)b


15. Phaawulos ergamaan galmasaa sirreessuunsaa kan isa fayyade akkamitti? (Filiphisiyus 3:7, 8)

15 Yihowaa karaa fudhatama qabuun ykn caalaatti tajaajiluuf galmawwan keenyarratti fedhiidhaan sirreeffama goona. Fakkeenyaaf, Phaawulos ergamaan duuka buutuu Kiristoos taʼuu fi Yihowaa tajaajiluuf jecha iddoo guddaa hawaasa keessatti qabu dhiisuuf filateera. (Gal. 1:14) Kanaan kan kaʼes, jireenya gammachiisaa jiraachuu fi mirga samii keessatti Kiristoosii wajjin bulchuu argachuu dandaʼeera. Inni murtoo Yihowaa tajaajiluuf godhetti matumaa gaabbee hin beeku, nutis hin gaabbinu.—Filiphisiyus 3:7, 8 dubbisi.

16. Muuxannoo Juuliyaarraa maal baranna? (Fakkiiwwanis ilaali.)

16 Jireenyi keenya Yihowaa tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu yoo goone ammas taʼe gara fuulduraatti jireenya gammachiisaa jiraanna. Mee muuxannoo obboleettii Juuliyaa jedhamtuu haa ilaallu. Juuliyaan dhugaa barachuu ishii dura ijoollummaa ishiitii kaastee waldaa keessatti faarfattuu turte. Dandeettii faarfachuu guddaa waan qabduuf leenjii sirbituu oppeeraa taʼuuf ishii gargaaru fudhachuu jalqabde. Utuma baayʼee hin turin beekamtii kan argatte yeroo taʼu, iddoowwan beekamootti sirbuu jalqabde. Mana barumsaa beekamaa taʼe keessaa utuu barachaa jirtuu hiriyaan daree ishii tokko waaʼee Waaqayyoo ishiitti hime, akkasumas maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe ishiidhaaf ibse. Utuma baayʼee hin turinis Juuliyaan torbanitti siʼa lama Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu jalqabde. Achiis sirbituu oppeeraa taʼuu mannaa jireenya ishii keessatti Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffachuuf murteessite. Murtoo kana gochuun ishiidhaaf salphaa hin turre. Akkana jetteetti: “Namoonni hedduun kennaa koo qisaasessaa akkan jiru natti himan, ani garuu jireenya koo guutummaatti Yihowaa tajaajiluuf itti fayyadamuun barbaade.” Maarree yeroo ammaatti murtoo waggaa 30 ol dura goote ilaalchisee maaltu ishiitti dhagaʼama? “Nagaa sammuu qaba, Yihowaanis gara fuulduraatti fedhii garaa kootii hundumaa akka naaf guutu amanannaa qaba” jetteetti.—Far. 145:16.

Fakkiiwwan garaagaraa: Hojiin argisiisa filannaa Juuliyaan goote argisiisu. 1. Namoota hedduu duratti waltajjiirraa yeroo sirbitu. 2. Gumiirratti abbaa manaa ishii wajjin yeroo faarfattu.

Jireenyi keenya Yihowaa tajaajiluurratti akka xiyyeeffatu yoo goone jireenya baayʼee gammachiisaa taʼe jiraanna (Keeyyata 16 ilaali)c


YIHOWAA TAJAAJILUU KEE ITTI FUFI

17. Dhumni sirna kanaa baayʼee dhihaachuunsaa warra Waaqayyoon tajaajiluu filatanii fi warra tajaajiluu hin jalqabnerratti dhiibbaa akkamii geessisa?

17 Dhumni sirna kanaa yeroo baayʼee dhihaate keessa jiraachaa jirra. Phaawulos ergamaan, “‘Yeroo muraasaaf’ malee, ‘inni dhufaa jiru sun ni dhufa, hin turus’” jedhee barreesseera. (Ibr. 10:37) Maarree kun dhiibbaa akkamii nurratti godha? Namoonni Yihowaa tajaajiluuf filachuuf yeroon isaan hafe gabaabbateera. (1 Qor. 7:29) Waaqayyoon tajaajiluuf filanneerra taanaanimmoo rakkinni kan nurra gaʼu “yeroo muraasaaf” qofa akka taʼe beekna.

18. Yesuusii fi Yihowaan maal akka goonu barbaadu?

18 Yesuus barattoonnisaa isa duukaa buʼuu akka jalqaban qofa utuu hin taʼin, isa duukaa buʼuusaanii akka itti fufan isaan jajjabeesseera. Kanaafuu, waggoota hedduudhaaf Yihowaa tajaajilleerra taanaan abdii kutachuu dhiisuuf haa murteessinu. (Mat. 16:24) Murtoo isa tajaajiluuf goonee wajjin wal simnee jiraachuuf carraaqqii cimaa gochuu qabna. Akkas gochuun salphaa taʼuu baatus ammumayyuu eebbawwan hedduu fi gammachuu nuuf argamsiisa!—Far. 35:27.

19. Muuxannoo Jiinirraa maal baranna?

19 Namoonni tokko tokko Yihowaa tajaajiluun aarsaa hedduu akka kaffalchiisu isaanitti dhagaʼama. Dargaggeessa yoo taate Yihowaa tajaajiluun waa akka si dhabsiisu sitti dhagaʼamaa? Obboleessi dargaggeessa taʼee fi Jiin jedhamu akkana jedheera: “Dhugaa Baatuu Yihowaa taʼuun bilisummaa akka nama dhabsiisu natti dhagaʼamee ture. Ijoolleen na faana guddatan affeerraa irratti argamuudhaan, jaalallee qabachuu fi geemii hammina of keessaa qabu taphachuudhaan yeroo gaarii waan dabarsan fakkaatu. Ani garuu yeroo koo walgaʼiiwwan irratti argamuu fi tajaajilarrattan dabarsa.” Maarree ilaalchi kun Jiinirratti dhiibbaa akkamii geessise? “Wantoota gadhee dargaggoonni kaan raawwatan tokko tokko gochuun jalqabe, yeroo muraasaafis gammadeera. Kun garuu gammachuu itti fufiinsa qabu naaf hin argamsiisne. Faayidaa ulaagaalee Kitaaba Qulqulluutiif ajajamuun argamsiisurratti yaaduun jalqabe; achiis Yihowaa garaa guutuudhaan tajaajiluufan murteesse. Yeroo sanaa kaasee Yihowaan kadhannaa koo hundaaf deebii akka naaf kenne natti dhagaʼama.”

20. Maal gochuuf kutachuu qabna?

20 Faarfatichi, “Namni mooraa kee keessa akka jiraatu filattee fi ofitti dhiheessite gammadaa dha” jedhee faarfateera. (Far. 65:4) Kanaafuu, Yihowaa tajaajiluu keenya itti fufuuf haa kutannu. Akkuma Iyyaasuu, “Anii fi maatiin koo garuu Yihowaa tajaajilla” haa jennu.—Iya. 24:15.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yesuus Yihowaa tajaajiluuf kan filate maaliifi?

  • Yihowaa waaqeffachuun keenya kan isaaf malu maaliifi?

  • Yihowaa tajaajiluuf kan filatte maaliifi?

FAARFANNAA 28 Michuu Yihowaa Taʼuu

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b IBSA FAKKII: Dubartiin takka bakka walgaʼii guddaan itti godhamutti wanta mormitoonni dubbatan erga dhaggeeffattee booda gara gaarii barreeffamaa keenya tokkotti dhihaattee dhugaa barachaa jirti.

c IBSA FAKKII: Hojiin argisiisa filannaa Juuliyaan jireenya ishii keessatti Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffachuuf goote argisiisu.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi