SEENAA JIREENYAA
‘Lolichi kan Yihowaati’
AMAJJII 28, 2010 magaalaa bareedduu Faransaayi Istiraasbargi jedhamtu keessan ture. Achi kanan deeme garuu daawwachuuf hin turre. Obboloota kan biroo wajjin Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa (ECHR) duratti mirga Dhugaa Baatota Yihowaatiif falmuuf ture. Mootummaan Faransaayi Dhugaa Baatonni Yihowaa qaraxa yuuroo miliyoona 64 (doolaara Ameerikaa 89,000,000) kaffaluu akka qaban beeksisee ture; nutis kun seeraan ala akka taʼe mirkaneessuuf achitti argamne. Hunda caalaa garuu kun maqaa Yihowaa fi sabasaa, akkasumas mirga waaqeffannaasaanii balaadhaaf saaxila ture. Wanti dhaddacha sanarratti taʼe ‘lolichi kan Yihowaa’ akka taʼe mirkaneesseera. (1 Sam. 17:47) Mee kun akkamitti akka taʼe isiniifan ibsa.
Falmiin kun kan jalqabe dhuma bara 1990maniitti yeroo mootummaan Faransaayi waajjirri damee keenya buusii bara 1993 hanga 1996tti argaterraa qaraxa akka kaffalu gaafatetti ture. Yeroo kanatti manneen murtii Faransaayi keessa jiranirraa haqa argachuuf kan yaalle taʼus nuuf hin milkoofne. Manni murtii olaanaa ol iyyannoo dhagaʼus erga nutti murteessee booda mootummaan maallaqa herrega waajjira damee keessa jiruu fi yuuroo miliyoona afurii fi walakkaa (doolaara Ameerikaa 6,300,000) taʼu ni fudhate. Sana booda wanti gochuu dandeenyu dhimma keenya gara Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaatti dhiheeffachuu ture. Haa taʼu malee, manni murtichaa dhimma keenya ilaaluusaa dura abbootii seeraa mootummaa Faransaayii fi bakka buutota mana murtichaa wajjin wal arginee walii galuu kan dandeenyu taʼuusaa adda baafachuu barbaade.
Bakka buutuun mana murtichaa maallaqa gaafatamne keessaa hamma tokko kaffallee dhimmicha akka furru dhiibbaa nurratti gooti jennee yaannee turre. Haa taʼu malee, yuuroo tokkittiillee kaffaluun qajeelfama Kitaaba Qulqulluu wajjin akka wal faallessu ifatti hubannee turre. Obboloonnii fi obboleettonni buusii kan godhan hojii Mootummaa Waaqayyoo deeggaruufi; kanaafuu, buusiin isaan godhan kan mootummaa Faransaayi taʼuu hin dandaʼu. (Mat. 22:21) Taʼus, kabaja mana murtichaatiif qabnuun kan kaʼe walgaʼii sanarratti argamne.
Garee seeraa keenya Mana Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa fuulduratti, 2010
Walgaʼiin kun galma bareedaa mana murtichaa keessatti argamu tokkotti geggeeffame. Walgaʼichi kan jalqabame haala gaariidhaan hin turre. Bakka buutuun mana murtichaa Dhugaa Baatonni Yihowaa maallaqa mootummaan Faransaayi isaan gaafate muraasa kaffaluu akka qaban dubbatte. Nutis akkuma tasaa, “Mootummaan herrega baankii keenya keessaa yuuroo miliyoona afurii fi walakkaa akka fudhate beektaa?” jennee ishii gaafanne.
Kunis baayʼee ishii naasise. Gareen seeraa mootummaa Faransaayi dhimmichi dhugaa taʼuusaa yeroo mirkaneessan ilaalchi ishiin dhimma kanaaf qabdu guutummaatti jijjiirame. Achiis isaanitti dheekkamtee walgaʼicha addaan kutte. Anis Yihowaan karaa nuti matumaa hin eegneen dhimmicha akka injifannuuf wanta hunda akka jijjiiren hubadhe. Baayʼee gammannee, akkasumas wanta taʼe amanuu dadhabnee bakka sanaa baane.
Waxabajjii 30, 2011 Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa sagalee tokkoon nuuf murteesse. Qaraxni nutti murtaaʼee ture seeraan ala akka taʼee fi mootummaan maallaqa fudhatee ture dhalasaa wajjin akka deebisu murteesse. Murtiin seena qabeessa taʼe kun waaqeffannaa qulqulluun Faransaayi keessatti hanga ammaatti eegumsa akka argatu godheera. Gaaffiin utuu itti hin yaadin gaafanne sun akkuma dhagaa adda Goliyaad rukute sanaa dhimmicha akka injifannu godheera. Injifannoo kana kan arganne maaliifi? Akkuma Daawit Goliyaadiin jedhe, ‘lolichi kan Yihowaa’ waan taʼeefi.—1 Sam. 17:45-47.
Injifannoo seeraa kan arganne yeroo kanatti qofa hin turre. Mootummoonni humna guddaa qabanii fi geggeessitoonni amantaa kan nu morman taʼanis, manneen murtii olaanoo biyyoota 70 fi manneen murtii idil addunyaa duratti dhimmoota seeraa 1,225 irratti injifannoo arganneerra. Injifannoowwan kun seera biratti beekamtii argachuu, namootaaf lallabuu, ayyaanota sabboonummaarratti hirmaachuu diduu fi dhiiga fudhachuu diduu dabalatee mirgoota buʼuuraa keenya nuuf kabachiisaniiru.
Waajjira muummee Dhugaa Baatota Yihowaa Niwu Yoorki Yuunaayitid Isteetisitti argamu keessa utuun tajaajiluu dhimma seeraa Awurooppaa kanarratti kanan hirmaadhe akkamitti?
MAATII HINAAFFAA QABUTU NA GUDDISE
Warri koo Joorjii fi Luusiil mana barumsaa Giiliyaad kutaa 12ffaarraa eebbifaman; bara 1956 yeroon dhaladhetti Itoophiyaa keessatti tajaajilaa turan. Filiphoos isa jaarraa jalqabaatti lallabaa wangeelaa ture yaadatti qabachuudhaan Filiippi jedhanii maqaa naa baasan. (HoE. 21:8) Waggaa ittaanutti mootummaan waaqeffannaa keenya dhorke. Yeroo sanatti mucaa xinnoo kanan ture taʼus maatiin koo dhoksaadhaan yeroo waaqeffatan nan yaadadha. Ijoollee waanan tureef wanti isaan godhan kun gammachiisaa akka taʼe natti dhagaʼama ture. Kan nama gaddisiisu bara 1960tti abbootiin taayitaa biyyattiidhaa nu ariʼan.
Naataan Noor (karaa bitaa) Finfinnee, Itoophiyaa keessatti maatii keenya yeroo daawwatu, 1959
Achiis maatiin keenya Kaansas, Yuunaayitid Isteetis magaalaa Wiichitaa jedhamtu keessa jiraachuu jalqabe; taʼus warri koo miira misiyoonummaa qabatanii itti fufaniiru. Anii fi obboleettiin koo hangafaa Juudiin, akkasumas obboleessi koo quxusuun Leesliin (isaanis Itoophiyaa keessatti dhalatan) Yihowaa akka jaallannuu fi garaa keenya guutuu akka isa tajaajillu nu barsiisaniiru. Anis umuriin koo waggaa 13 yeroo guutu nan cuuphame. Waggaa sadi booda bakka gargaarsi caalaatti barbaachisutti tajaajiluuf gara Peeruu magaalaa Areekiipaa deemne.
Bara 1974 umuriin koo waggaa 18 yeroo guutu waajjirri damee Peeruu anii fi obboloonni kan biroon afur qajeelchitoota addaa taanee akka tajaajillu nu ramade. Achiis gaarreen Andas keessatti naannoowwan kanaan dura itti hin lallabamne keessa tajaajiluu jalqabne. Ramaddiin keenya namoota naannichaa Afaan Kiichuwaa fi Ayimaaraa dubbataniif lallabuu dabalata. Yeroo kanatti mana motaraan harkifamuun imalla turre. Hiyyummaan, dhukkubnii fi duuti akka badu Kitaaba Qulqulluurraa namoota naannichaatti yeroo himaa turre sana yommuun yaadadhu baayʼeen gammada. (Mul. 21:3, 4) Namoonni baayʼeen ergaa Mootummichaa fudhataniiru.
Mana motaraan harkifamu, 1974
WAAJJIRA MUUMMEETTIN RAMADAME
Bara 1977tti Albarti Shiroodar inni yeroo sanatti miseensa Qaama Olaanaa Dhugaa Baatota Yihowaa ture Peeruu yeroo daawwatetti Beetel isa waajjira muummeetti argamu galuuf foormii akkan guutu na jajjabeesse. Kanaafuu foormicha nan guute. Achiis utuma baayʼee hin turin Waxabajjii 17, 1977tti Beetel isa Biruukiliinitti argamutti tajaajiluun jalqabe. Waggoottan arfan itti aananitti dippaartimantii qulqullinaa fi suphaa keessatti hojjedheera.
Guyyaa cidha keenyaa, 1979
Waxabajjii 1978tti walgaʼii idil addunyaa Niwu Orliinsi, Luuziyaanaa keessatti geggeeffamerratti Elzaabet Avaalon wajjin wal barre. Elzaabet akkuma koo maatii Dhugaa Baatota Yihowaa dhugaadhaaf dursa kennan keessatti guddatte. Waggoota afuriif qajeelchituu yeroo hundaa taatee tajaajilaa turte; tajaajila yeroo guutuu keessa galuufis fedhii qabdi turte. Sana booda caalaatti wal barree baayʼee wal jaallanne. Achiis Onkoloolessa 20, 1979tti gaaʼela dhaabbannee Beetel keessa waliin tajaajiluu jalqabne.
Obboloonnii fi obboleettonni gumii jalqaba itti ramadamnee fi Biruukiliin Ispaanish jedhamu keessa turan jaalala guddaa nutti argisiisaniiru. Sana boodas gumii sadi keessatti tajaajilleerra; isaanis Beetelitti tajaajiluu keenya akka itti fufnu nu deeggaraniiru. Deeggarsa gumiiwwan kun nuu godhaniif, akkasumas warra keenya dullooman kunuunsuurratti gargaarsa michoonnii fi miseensonni maatii keenya nuu godhaniif ni galateeffanna.
Miseensota maatii Beetel Gumii Biruukiliin Ispaanish keessatti tajaajilan, 1986
DIPPAARTIMANTII SEERAA KEESSATTI TAJAAJILUU
Amajjii 1982 Dippaartimantii Seeraa keessatti akkan tajaajilun ramadame. Waggaa sadi boodammoo yunivarsiitii galee seera akkan baradhuu fi abukaatoo akkan taʼun gaafatame. Yunivarsiitii yeroon turetti mirgoonni buʼuuraa namoonni hedduun Yuunaayitid Isteetis keessattis taʼe addunyaa manatti salphisanii ilaalan tokko tokko, injifannoo seeraa Dhugaa Baatonni Yihowaa argataniin akka argaman yeroon beeku baayʼee na dinqisiise. Dhimmoonni kun daree keessatti balʼinaan irratti mariʼatamu turan.
Bara 1986tti umuriin koo waggaa 30 yeroo guutu ilaaltuu olaanaa Dippaartimantii Seeraa taʼeen muudame. Mirga kana argachuu kootti kanan gammade taʼus, dargaggeessa waanan turee fi hojichi hammam wal xaxaa akka taʼe waanan hin beekneef yaaddaʼeen ture.
Bara 1988tti heyyama abukaatoon argadhe; haa taʼu malee, yunivarsiitii galee barachuun koo hariiroon Yihowaa wajjin qaburratti dhiibbaa akkamii akka godhe hin hubannen ture. Barumsi sadarkaa olaanaa namni tokko iddoo guddaa argachuu akka barbaaduu fi namoota akkasaa hin baranne akka tuffatu isa taasisuu dandaʼa. Elzaabet garuu na gargaarteetti. Sochiiwwan hafuuraa yunivarsiitii galuu koo dura irratti hirmaachaa ture deebiʼee akkan itti fufu na gargaarteetti. Yeroo kan natti fudhate taʼus suutuma suuta karaa hafuuraa bayyanachuu dandaʼeera. Jireenya keessatti wanti iddoo guddaa qabu beekumsa hedduu qabaachuu akka hin taane muuxannoo koorraa hubadheera. Wanti jireenya keessatti iddoo guddaa qabu Yihowaa wajjin hariiroo cimaa qabaachuu fi isaafis taʼe sabasaatiif jaalala guddaa qabaachuudha.
MISIRAACHICHAAF FALMUU FI SEERA DURATTI FUDHATAMA AKKA ARGATU GOCHUU
Barumsa seeraa ergan xumuree booda Dippaartimantii Seeraa Beetelitti argamu qindeessuurratti gargaarsa gochuu fi jaarmiyichaaf falmuurratti xiyyeeffachuun jalqabe. Jaarmiyichi saffisaan guddachaa fi jijjiirama gochaa waan tureef hojiin koo ulfaataa taʼus gammachiisaa ture. Fakkeenyaaf, kanaan dura barreeffamoota keenya namootaaf erga kenninee booda buusii akka godhan isaan gaafanna turre; bara 1991 kaasee garuu karaa kana gochuu keenya itti dhaabuu dandeenyu ilaalchisee Dippaartimantiin Seeraa qajeelfama kennuurratti gargaarsa akka godhu gaafatame. Sana booda Dhugaa Baatonni Yihowaa barreeffamoota kana kaffaltii malee raabsuu jalqaban. Kunis hojii Beetelittis taʼe dirreerratti hojjetamu salphiseera; akkasumas rakkoowwan qaraxa wajjin wal qabatan hambiseera. Namoonni tokko tokko kun maallaqa hedduu nu baasisuu akka dandaʼuu fi tajaajila keenyatti gufuu taʼuu akka dandaʼu isaanitti dhagaʼamee ture. Wanti taʼe garuu faallaa kanaati. Lakkoofsi tajaajiltoota Yihowaa bara 1990 kaasee dachaadhaan dabaleera; akkasumas yeroo ammaatti namoonni nyaata hafuuraa jireenya argamsiisu kaffaltii malee argachaa jiru. Jijjiiramni kunii fi sirreeffamoonni kan biroon jaarmiyichi godhe milkaaʼuu kan dandaʼan gargaarsa Yihowaa fi qajeelfama garbichi amanamaanii fi ogeessi kennuun akka taʼe ofuma kootiin ragaa baʼuu nan dandaʼa.—Bau. 15:2; Mat. 24:45.
Injifannoo seeraa kan arganne abukaatota ciccimoo waan qabnuuf miti. Yeroo baayʼee abbootiin murtii akka nuuf murteessan kan isaan kakaasu amala gaarii sabni Yihowaan qabanidha. Bara 1998tti miseensonni Qaama Olaanaa sadi haadhotii manaasaanii wajjin walgaʼii addaa Kuubaa keessatti geggeeffamerratti yeroo argamanitti kun dhugaa taʼuusaa argeera. Obboloonni kun gaarummaa fi kabaja argisiisuunsaanii wanta afaaniin isaanitti dubbannu caalaa nuti siyaasa keessa akka hin galle abbootii taayitaa amansiiseera.
Haa taʼu malee, yeroo dhimma tokko nagaadhaan furuun hin dandaʼamnetti mana murtiitti ‘misiraachichaaf falmuu fi seera duratti fudhatama akka argatu gochuun’ nu barbaachisa. (Filp. 1:7) Fakkeenyaaf, abbootiin taayitaa Awurooppaa fi Kooriyaa Kibbaa waggoota hedduudhaaf tajaajila loltummaa kennuu diduu ilaalchisee mirga keenya nuuf hin kabajan turan. Kanaan kan kaʼes, Awurooppaa keessatti obboloonni gara 18,000 taʼan, Kooriyaa Kibbaa keessattimmoo obboloonni 19,000 ol taʼan tajaajila loltummaa kennuuf qalbiinsaanii waan isaaniif hin heyyamneef hidhamaniiru.
Dhumarrattis Adoolessa 7, 2011 Manni Murtii Mirga Namummaa Awurooppaa dhimma Baayaatiyaanii fi Armeeniyaa irratti murtii seena qabeessa dabarse; murtiin kunis biyyoonni Awurooppaa keessa jiran hundi namoota sababa amantaasaaniitiin tajaajila loltummaa hin kennineef tajaajila kan biraarratti hirmaachuu akka heyyaman godheera. Waxabajjii 28, 2018tti Manni Murtii Heeraa Kooriyaa Kibbaas murtii wal fakkaatu dabarseera. Obboloota dargaggoota kana keessaa muraasnisaanii ejjennoosaanii laaffisaniiru utuu taʼee injifannoon akkasii hin argamu ture.
Dippaartimantiin Seeraa waajjira muummeetti argamuu fi dippaartimantoonni seeraa addunyaa maratti argaman mirga waaqeffannaa keenya kabachiisuuf jabaatanii hojjechaa jiru. Obbolootaa fi obboleettota keenya mootummaarraa mormiin isaanirra gaʼu bakka buunee falmuuf mirga arganneerra. Mana murtiitti injifannus injifachuu baannus falmiin goonu bulchitoota, moototaa fi sabootaaf dhugaa baʼuuf nu dandeessiseera. (Mat. 10:18) Abbootiin murtii, bakka buutonni mootummaa, miidiyaaleenii fi namoonni kan biroon caqasoota dhimma keenya deeggaruuf afaaniinis taʼe barreeffamaan dhiheessinu ni dhagaʼu, akkasumas ni ilaalu. Namoonni garaa qajeelaa qaban waaʼee Dhugaa Baatota Yihowaa fi barumsisaanii maalirratti akka hundaaʼe barataniiru. Isaan keessaa tokko tokkommoo obboloota keenya taʼaniiru.
YIHOWAA GALATOOMI!
Waggoottan 40n darbanitti dhimmoota seeraarratti waajjiroota damee addunyaa maratti argaman deeggaruuf, akkasumas manneen murtii olaanoo fi abbootii taayitaa aangoo guddaa qaban hedduu duratti dhihaachuuf mirga argadheera. Obboloota Dippaartimantii Seeraa waajjira muummee fi waajjiroota damee addunyaa maratti argaman keessatti na wajjin hojjetan baayʼeen jaalladha, akkasumas nan dinqisiifadha. Jireenyi koo eebba hedduu fi gammachuudhaan kan guutamedha.
Elzaabet waggoottan 45nan darbanitti yeroo gaariittis taʼe yeroo gaarii hin taanetti amanamummaa fi jaalalaan na deeggarteetti. Dhukkuba humna ishii dhabsiisu wajjin waldhaansoo utuma gootuu kana gochuu ishiitti baayʼeen ishii dinqisiifadha.
Jabinaa fi injifannoo argachuu kan dandeenyu humna keenyaan akka hin taane ofuma keenyaan arguu dandeenyeerra. Akkuma Daawit jedhe, “Yihowaan saba isaatiif jabina dha.” (Far. 28:8) Eeyyee, ‘lolichi kan Yihowaati.’