MATA DUREE QOʼANNAA 30
FAARFANNAA 97 Jireenyi Dubbii Waaqayyoo Irratti Hundaaʼa
Barumsa Buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurraa Barachuu Keessan Itti Fufaa!
“Isin wantoota kana kan beektanii fi dhugaa . . . sana keessa jabaattanii kan dhaabbattan taʼus, yeroo hundumaa waaʼee wantoota kanaa isin yaadachiisuu nan barbaada.”—2 PHE. 1:12.
YAADA IJOO
Wantoonni jalqaba Kitaaba Qulqulluu yeroo qoʼannetti baranne, yeroo ammaattis nu fayyaduu kan dandaʼan akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Jalqaba yeroo dhugaa barattetti barumsawwan Kitaaba Qulqulluu kan si fayyadan akkamitti?
BARUMSAWWAN buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jireenya keenya jijjiiraniiru. Fakkeenyaaf, yommuu maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe barannetti michuusaa taʼuuf tarkaanfii jalqabaa fudhanne. (Isa. 42:8) Namoonni duʼan haala akkamii keessatti akka argaman yommuu hubannetti, namoonni jaallannuu fi duʼanii jiran dhiphachaa jiruu laata jennee yaaddaʼuu dhiisne. (Lal. 9:10) Kana malees, Waaqayyo lafa gara jannataatti jijjiiruuf waadaa inni gale yeroo barannetti, waaʼee gara fuulduraa yaaddaʼuu dhiisne. Waggaa 70 ykn 80 qofa utuu hin taʼin barabaraaf jiraachuu akka dandeenyu mirkanaaʼoo taane.—Far. 37:29; 90:10.
2. Pheexiros Lammaffaan 1:12, 13 Kiristiyaanonni bilchaatoonillee barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurraa fayyadamuu akka dandaʼan kan nu hubachiisu akkamitti?
2 Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu matumaa salphisnee ilaaluu hin qabnu. Pheexiros ergamaan xalayaasaa isa lammaffaarratti Kiristiyaanota ‘dhugaa keessa jabaatanii dhaabbataniif’ barreesseera. (2 Pheexiros 1:12, 13 dubbisi.) Haa taʼu malee, yeroo sanatti namoonni hamoon obboloota dhugaarraa fageessuu barbaadan gumii keessa jiru turan. (2 Phe. 2:1-3) Pheexiros barumsa sobaa namoonni kun barsiisanirraa obboloonni akka of eeganiif isaan cimsuu barbaadee ture. Akkas gochuudhaafis barumsawwan kanaan dura baratan tokko tokko isaan yaadachiiseera. Barumsawwan kun amanamummaa isaanii hamma dhumaatti akka eeggatan isaan gargaara.
3. Kiristiyaanonni hundi barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti xiinxaluusaanii itti fufuu kan qaban maaliif akka taʼe fakkeenyaan ibsi.
3 Karaa hafuuraa bilchaachaa yommuu deemnu barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurraa wanta haaraa barachuu dandeenya. Fakkeenyaaf, namni nyaata qopheessuurratti muuxannoo qabu tokkoo fi namni muuxannoo hin qabne tokko nyaata tokko qopheessuuf wantoota wal fakkaatanitti fayyadamuu dandaʼu. Haa taʼu malee, yeroo booda namni muuxannoo qabu sun wantootuma sanatti fayyadamee nyaataa haaraa fi miʼaawaa taʼe akkamitti qopheessuun akka dandaʼamu barachuu dandaʼa. Haaluma wal fakkaatuun, obboloonni yeroo dheeraadhaaf Yihowaa tajaajilanii fi qoʼattoonni Kitaaba Qulqulluu haaraa taʼan barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokkorraa wanta adda addaa barachuu dandaʼu. Erga cuuphamnee booda haalli keenya jijjiiramee ykn mirga tajaajilaa haaraa argannee taʼuu dandaʼa. Barumsawwan Kitaaba Qulqulluu yeroo dheeraa dura barannerratti yeroo yaannu karaa haaraa itti hojiirra oolchinu argachuu dandeenya. Mee Kiristiyaanni bilchaataa taʼe tokko barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu sadiirraa maal hubachuu akka dandaʼu haa ilaallu.
YIHOWAAN UUMAADHA
4. Yihowaan Uumaa akka taʼe barachuun keenya akkamitti nu fayyade?
4 “Inni wantoota hundumaa tolche . . . Waaqayyo dha.” (Ibr. 3:4) Dacheen keenyas taʼe jireenyi dacheerratti argamu Uumaa ogummaa fi humna guddaa qabuun akka uumame beekna. Kan nu uume isa waan taʼeef guutummaa guutuutti nu beeka. Kana malees, inni nuuf yaada. Yihowaan wanta nuuf wayyu beeka. Dhugaa kana, jechuunis Yihowaan Uumaa akka taʼe beekuun keenya baayʼee nu fayyadeera; jireenyi keenya kaayyoo akka qabaatu godheera.
5. Dhugaan amala gad of qabuu akka horannu nu gargaaru isa kamidha? (Isaayyaas 45:9-12)
5 Yihowaan Uumaa akka taʼe beekuun gad of qabuu akka qabnu nu hubachiisa. Iyyoob ofiisaa fi ilmaan namootaa kaanirratti garmalee yeroo xiyyeeffatetti, Yihowaan Uumaa hundumaa dandaʼu akka taʼe Iyyoobiin yaadachiiseera. (Iyo. 38:1-4) Yaadachiisni kun daandiin Waaqayyoo daandii namaarra baayʼee akka caalu akka hubatu isa gargaareera. Yeroo booda Isaayyaas raajichi, “Supheen Suphe Dhooftuudhaan, ‘Maal tolchaa jirta?’ jechuu qabaa?” jechuudhaan yaada kanaa wajjin haala walsimu barreesseera.—Isaayyaas 45:9-12 dubbisi.
6. Uumaan keenya ogummaa fi humna guddaa akka qabu yaaduu kan qabnu yoomi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
6 Kiristiyaanni tokko muuxannoo argachaa yommuu deemu Yihowaa fi Dubbisaa irraa qajeelfama argachuuf yaaluu mannaa yaadasaatti garmalee amanamuu dandaʼa. (Iyo. 37:23, 24) Haa taʼu malee namni tokko ogummaa fi guddina Uumaan keenya qaburratti gadi fageenyaan yoo yaade hoo? (Isa. 40:22; 55:8, 9) Dhugaan buʼuuraa kun namni kun akka gad of qabuu fi yaada mataasaatiif ilaalcha madaalamaa akka qabaatu isa gargaara.
Yaada keenyaaf ilaalcha sirrii qabaachuuf maaltu nu gargaara? (Keeyyata 6 ilaali)d
7. Raahelaan sirreeffama jaarmiyichi godhe fudhachuuf maal goote?
7 Raahelaan ishiin Islooveeniyaa keessa jiraattu waaʼee Uumaa yaaduun ishii sirreeffama jaarmiyichi godhe fudhachuuf ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Yeroo tokko tokko jijjiirama obboloonni dura buutota taʼan godhan fudhachuun naaf salphaa miti. Fakkeenyaaf, Gabaasa Qaama Olaanaa 2023 Lakk. 8 ergan ilaalee boodallee, obboleessi areedasaa guddifate tokko haasaa yeroo dhiheessu yeroo jalqabaatiif yeroon argetti baayʼeen naʼe. Kanaafuu, Yihowaan jijjiirama kanatti baruuf akka na gargaarun kadhadhe.” Raahelaan Yihowaan Uumaa samii fi lafaa waan taʼeef jaarmiyaasaa kallattii sirrii taʼeen geggeessuu akka dandaʼu hubatteetti. Hubannaa haaraa arganne ykn qajeelfama haaraa nuuf kenname fudhachuun yoo sitti ulfaate, ogummaa fi humna guddaa Uumaan keenya qaburratti gad of qabuudhaan maaliif hin xiinxaltu?—Rom. 11:33-36.
WAAQAYYO RAKKINNI AKKA JIRAATU KAN HEYYAME MAALIIFI?
8. Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuun kee kan si fayyade akkamitti?
8 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliifi? Namoonni deebii gaaffii kanaa hin beekne tokko tokko Waaqayyotti aaru ykn Waaqayyo hin jiru jedhanii yaadu. (Fak. 19:3) Ati garuu rakkina kan fide Yihowaa utuu hin taʼin, cubbuu dhaaluu keenyaa fi mudaa qabaachuu keenya akka taʼe beekta. Kana malees, Yihowaan obsuunsaa namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman waaʼeesaa akka beekanii fi rakkinaaf furmaata dhaabbataa kan kennu akkamitti akka taʼe hubachuuf akka isaan gargaare baratteetta. (2 Phe. 3:9, 15) Dhugaa kana beekuun kee si jajjabeesseera, akka isatti dhihaattus si taasiseera.
9. Sababa itti Yihowaan rakkina heyyame yaadachuun kan nu barbaachisu haalawwan akkamii keessatti taʼuu dandaʼa?
9 Yihowaan rakkina akka hambisu yeroo eegaa jirru kanatti obsa qabaachuun barbaachisaa akka taʼe ni hubanna. Haa taʼu malee dhiphinni, jalʼinni haqaa ykn gaddi nurra ykn nama jaallannurra yommuu gaʼu, ‘Yihowaan dafee tarkaanfii kan hin fudhanne maaliifi?’ jennee yaaduu dandeenya. (Ibr. 1:2, 3) Yeroo akkasiitti sababa itti Yihowaan namoota qajeeloorra rakkinni akka gaʼu heyyamerratti xiinxaluun keenya gaariidha.a (Far. 34:19) Kana malees, kaayyoo inni rakkina barabaraaf balleessuuf qaburratti xiinxaluu dandeenya.
10. Obboleettiin Aan jedhamtu haadha ishii duʼaan erga dhabdee booda jajjabaachuuf maaltu ishii gargaare?
10 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuun keenya rakkina dandamachuuf nu gargaara. Aan ishiin odola Maayoottee isa Garba Hindiirratti argamu keessa jiraattu akkana jetteetti: “Waggoota muraasa dura haati koo yommuu duutu baayʼeen gadde. Haa taʼu malee, maddi rakkinaa Yihowaa akka hin taane irra deddeebiʼeen of yaadachiisa ture. Yihowaan rakkina hundumaa balleessuu fi namoota duʼaan dhabne duʼaa kaasuuf baayʼee hawwa. Dhugaawwan kanarratti xiinxaluun koo nagaa sammuu guddaa naaf kenna.”
11. Yihowaan rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuun keenya lallabuu keenya itti fufuuf kan nu gargaaru akkamitti?
11 Waaqayyo rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe beekuun keenya lallabuu keenya itti fufuuf nu kakaasa. Pheexiros obsi Yihowaa warra yaada geddarataniif fayyina akka argamsiisu erga ibsee booda akkana jedhee barreesseera: “Amala qulqulluu qabaachuu fi hojiiwwan Waaqayyoof kan bultan taʼuu keessan argisiisan hojjechuudhaan namoota akkamii taʼuu akka qabdan itti yaadaa.” (2 Phe. 3:11) ‘Hojiiwwan Waaqayyoof kan bulle taʼuu keenya argisiisan’ keessaa tokko tajaajila keenyadha. Akkuma Abbaa keenyaa nutis namoota ni jaallanna. Namoonni addunyaa haaraa Waaqayyo fiduu fi qajeelummaan keessa buufatu keessa akka jiraatan barbaanna. Yihowaan namoota naannoo kee jiraniif obsaan carraa isa waaqeffachuu kennaa jira. Atis Waaqayyoo wajjin hojjechuu fi dhumni dhufuusaa dura hamma dandaʼametti namoonni hedduun waaʼeesaa akka beekan gargaaruuf mirga guddaa argatteetta.—1 Qor. 3:9.
“GUYYOOTA DHUMAA” KEESSA JIRAACHAA JIRRA
12. “Guyyoota dhumaa” keessa jiraachaa akka jirru beekuun keenya kan nu fayyade akkamitti?
12 Kitaabni Qulqulluun amala namoonni “guyyoota dhumaatti” jiraatan argisiisan sirriitti ibsa. (2 Xim. 3:1-5) Raajiin kun raawwiisaa argachaa kan jiru akkamitti akka taʼe hubachuuf naannuma keenya ilaaluun qofti gaʼaadha. Amalli namootaa caalaatti mancaʼaa yommuu deemu arguun keenya Dubbiin Waaqayyoo dhugaa akka taʼe caalaatti mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.—2 Xim. 3:13-15.
13. Fakkeenya Yesuus dubbatee fi Luqaas 12:15-21rratti argamu wajjin haala wal simuun maal jennee of gaafachuu dandeenya?
13 Guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru beekuun keenya miira ariitii qabaachuuf nu gargaara. Mee fakkeenya Yesuus dubbatee fi Luqaas 12:15-21rratti argamurraa miira ariitii qabaachuu ilaalchisee maal akka barannu haa ilaallu. (Dubbisi.) Namichi sooressi sun “gowwaa” kan jedhame maaliifi? Sooressa waan taʼeef utuu hin taʼin wanta dursi kennamuufii qabuuf dursa waan hin kennineefi. Namichi kun ‘ofii isaatiif qabeenya kuufateera; Waaqayyo biratti garuu badhaadhaa hin turre.’ Dhimmi kun baayʼee ariifachiisaa kan ture maaliifi? Waaqayyo namicha kanaan, “Halkanuma kana lubbuu kee si irraa fudhachuu barbaadu” jedheera. Harʼas dhuma sirna kanaatti yeroo dhihaachaa jirru kanatti akkana jennee of gaafachuu dandeenya: ‘Galmawwan koo miira ariitii akkan qabu argisiisuu? Ijoolleen koo galmawwan akkamii akka baafatanan jajjabeessa? Humna koo, yeroo koo fi maallaqa koo adda durummaadhaan ofii koof qabeenya kuufachuuf moo samiirratti qabeenya kuufachuufan itti fayyadama?’
14. Muuxannoon Miikii akka argisiisutti ragaawwan Kitaaba Qulqulluu guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru argisiisan irratti xiinxaluun keenya gaarii kan taʼe maaliifi?
14 Ragaawwan guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru argisiisan irratti yaaduun keenya ilaalcha jireenyaaf qabnu guutummaa guutuutti jijjiira. Muuxannoon Miikii kun dhugaa taʼuusaa argisiisa. Akkana jetteetti: “Mana barumsaa sadarkaa lammaffaa yeroon xumuretti hojii waaʼee bineeldotaa qorachuuf na gargaaru argachuu barbaadeen ture. Qajeelchituu yeroo hundaa taʼuu fi bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemee tajaajiluufis galma qaban ture. Michoonni koo bilchaatoo taʼan hojiin yaade sana hojjechaa qajeelchaa taʼee bakka gargaarsi barbaachisu deemee tajaajiluu kanan dandaʼu taʼuu koo sirriitti akkan irratti yaadu na jajjabeessan. Akkasumas sirni kun dhiheenyatti akka badu na yaadachiisan. Gama biraatiin garuu addunyaa haaraa keessatti waaʼee bineeldotaa barabaraaf qorachuuf yeroo nan argadha. Kanaafuu, leenjii yeroo gabaabaa fudhachuufan murteesse. Kunis hojii qajeelchaa yeroo hundaa taʼee tajaajiluu fi yeroo boodammoo gara Ikuwaador bakka gargaarsi caalaatti barbaachisu deemee tajaajiluuf na dandeessisu naaf argamsiiseera.” Yeroo ammaatti Miikii fi abbaan manaa ishii biyyattii keessatti hojii aanaarratti hirmaatu.
15. Fakkeenyi Yaaqoob namoota yeroo ammaatti misiraachichaaf fedhii hin argisiisnetti abdii kutachuu akka hin qabne kan nu hubachiisu akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)
15 Namoonni jalqabarratti misiraachicha fudhachuu yoo didan abdii kutachuu hin qabnu. Namoonni yeroo booda jijjiiramuu dandaʼu. Mee fakkeenya Yaaqoob isa obboleessa Yesuus taʼe haa ilaallu. Yesuus ijoollee yeroo turetti, yeroo Masiihii taʼettii fi yeroo inni nama kamiyyuu caalaa barsiisaa turetti ilaalaa ture. Haa taʼu malee, Yaaqoob waggoota hedduudhaaf duuka buutuu Yesuus hin turre. Barataa Yesuus kan taʼe erga obboleessisaa duʼaa kaʼee boodadha; sana booda barataa hinaaffaa qabu taʼeera.b (Yoh. 7:5; Gal. 2:9) Firoota keenya fedhii hin argisiisnee fi namoota kanaan dura ergaa keenya fudhachuu didanitti abdii kutachuu dhiisuun keenya baayʼee barbaachisaadha. Guyyoota dhumaa keessaa jiraachaa waan jirruuf hojiin lallabaa hojjennu baayʼee ariifachiisaa akka taʼe yaadadhu. Wanti amma isaanitti himnu yeroo booda, tariimmoo rakkinni guddaan erga jalqabee boodallee isaan gargaaruu dandaʼa.c
Firoota keenya hin amannetti abdii akka hin kutanne maaltu nu gargaara? (Keeyyata 15 ilaali)e
YAADACHIISAWWAN YIHOWAATIIF GALATEEFFACHUU KEESSAN ITTI FUFAA
16. Yaadachiisawwan Yihowaarraa kan fayyadamte akkamitti? (Saanduqa, “Warra Kaan Gargaaruuf Itti Fayyadami” jedhus ilaali.)
16 Nyaatawwan hafuuraa nuuf dhihaatan keessaa tokko tokko namoota barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu hin beekneef kan qophaaʼanidha. Fakkeenyaaf, haasaan sabaa torban torbaniin dhihaatu, mata dureewwanii fi viidiyoowwan jw.org irratti baʼan tokko tokko, akkasumas barruuleen keenya tokko tokko adda durummaadhaan namoota Dhugaa Baatota Yihowaa hin taaneef kan qophaaʼanidha. Taʼus nuunis nu fayyadu. Jaalala Yihowaadhaaf qabnu nuuf cimsu, amantii Dubbiisaarratti qabnu nuuf guddisu, akkasumas dhugaawwan Kitaaba Qulqulluu yeroo warra kaan barsiisnu caalaatti buʼa qabeeyyii akka taanu nu gargaaru.—Far. 19:7.
17. Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluurratti xiinxaluu kan dandeessa haalawwan akkamii keessattidha?
17 Dhugaa Baatota Yihowaa waan taaneef hubannaan dhugaa Kitaaba Qulqulluu ilaalchisee qabnu yeroo fooyyaʼu baayʼee gammanna. Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu jalqaba dhugaa akka fudhannu nu gargaaranis baayʼee dinqisiifanna. Qajeelfama jaarmiyaa Yihowaatiif bitamuu mannaa yaada keenyaan geggeeffamuuf yoo qoramne, jaarmiyicha geggeessaa kan jiru Uumaa hundumaa dandaʼuu fi ogummaa guddaa qabu akka taʼe gad of qabuudhaan yaadachuu qabna. Nurra ykn nama jaallannurra rakkinni yommuu gaʼu obsuu fi Yihowaan rakkinni akka jiraatu kan heyyame maaliif akka taʼe yaaduu dandeenya. Yeroo keenyaa fi qabeenya keenya akkamitti itti fayyadamuu akka qabnu yeroo murteessinu guyyoota dhumaa keessa akka jiraannuu fi dhumni dhufuusaa dura yeroon hafe gabaabaa akka taʼe yaadachuu dandeenya. Yaadachiisawwan Yihowaa nu cimsuu, hojiidhaaf nu kakaasuu fi ogeeyyii akka taanu nu gargaaruu isaanii akka itti fufan haa goonu.
FAARFANNAA 95 Ifichi Dabalaa Jira
a Mata duree, “Rakkinni Hundi Yeroo Dhihootti Kan Badu Maaliifi?” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Waxabajjii 1, 2007, ful. 3-10rratti argamu ilaali.
b Birooshura Namoota Jaalladhu—Barattoota Godhi jedhamurraa barumsa 8ffaa ilaali.
c Mata duree, “Murtii Yihowaan Gara Fuulduraatti Dabarsu Ilaalchisee Maal Beekna?” jedhuu fi maxxansa Masaraa Eegumsaa Caamsaa 2024 ful. 8-13rratti argamu ilaali.
d IBSA FAKKII: Jaarsi tokko yaada kennaa jira; qaamni jaarsolii garuu yaadasaarratti walii hin galle. Boodas urjiilee samii keessa jiran erga ilaalee booda Uumaan dandeettii fi ogummaa guddaa akka qabu yaade, achiis wanti Yihowaan barbaadu wanta inni barbaadurra baayʼee akka caalu hubate.
e IBSA FAKKII: Obboleettiin tokko qoʼannaa dhuunfaa ishiirratti ragaa guyyoota dhumaa keessa jiraachaa akka jirru argisiisu qoraa jirti. Kunis obboleettii ishiitiif bilbiltee akka dhugaa ishiidhaaf baatu ishii kakaaseera.