LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Fulbaana ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qabiyyee Weedduu Weedduu Caaluu
    Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa
  • Yihowaan Warra Dadhabaniif Humna ni Kenna
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii—2017
  • Simbirroota Samii Irraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2016
  • “Isin Keessaa Namni Tokko Illee hin Badu”
    Waaʼee Mootummaa Waaqayyoo ‘Guutummaatti Dhugaa Baʼuu’
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Fulbaana ful. 31

Gaaffii Dubbistootaa

Barreessaan Fakkeenya 30:18, 19 ‘karaan dhiirri tokko shamarree wajjin itti deemu hubannaa isaatii ol akka taʼe’ dubbateera. Maal jechuusaati?

Hayyoota tokko tokko dabalatee namoonni baayʼeen yaanni kun isaan burjaajessa. Hiika Addunyaa Haaraa irraa caqasichi guutuunsaa akkana jedha: “Wantoonni hubannaa kootii ol taʼan [ykn, “baayʼee na dinqisiisan,” milj.] sadii jiru, wantoonni ani hin hubanne afuri: Karaa risaan samii irra itti barrisu, karaa bofti qarsaa irra itti deemu, karaa dooniin galaana irra itti deemu, akkasumas karaa dhiirri shamarree wajjin itti deemu.”—Fak. 30:18, 19.

Kanaan dura yaanni “karaa dhiirri shamarree wajjin itti deemu” jedhu wanta gaarii hin taane argisiisa jennee yaanna turre. Maaliif? Yaanni naannoo caqasa kanaa jiru waaʼee wantoota gaarii hin taanee fi matumaa “Na gaʼa!” hin jennee ibsa. (Fak. 30:15, 16) Lakkoofsi 20ni immoo waaʼee “dubartii ejjituu” homaa akka hin balleessine dubbattuu ibsa. Kanaafuu, caqasichi akkuma risaan samiirra barrisu, bofti qarsaarra deemu ykn dooniin galaanarra deemu mallattoo utuu hin dhiisin deemu, namni tokkos utuu irratti hin beekamin wanta tokko raawwachuu akka dandaʼu argisiisa jennee yaanna turre. Kanaan kan kaʼe, yaanni “karaa dhiirri shamarree wajjin itti deemu” jedhu wanta gaarii hin taane, jechuunis dargaggeessa shamarree gowwaa tokko utuu ishiin hin beekin sossobee ishii wajjin saalqunnamtii raawwatu argisiisa jennee yaanna turre.

Haa taʼu malee, caqasni kun waaʼee wanta gaarii dubbata jennee yaaduuf sababii gaʼaa qabna. Barreessaan kun wantootuma isa dinqisiisan tarreessaa jira.

Afaan jalqaba ittiin barreeffameen caqasni kun waaʼee wanta gaarii akka dubbatu argisiisa. Galmeen jechootaa waaʼee Kitaaba Qulqulluu ibsu tokko jechi Afaan Ibrootaa Fakkeenya 30:18 irratti ‘hubannaadhaa ol’ jedhamee hiikame, “taatee nama ajaaʼibsiisu, darbees wanta hin dandaʼamne fakkaatu argisiisa” jedha.

Kana malees, Yunivarsiitii Harvaardi isa Yuunaayitid Isteetisitti argamutti piroofeesara kan taʼan Kirawufoordi Tooyi yaanni Kitaaba Qulqulluu kun wanta gaarii hin taane akka hin argisiisne dubbataniiru. Akkana jedhaniiru: “Barreessaan kun wantoonni achirratti tarreeffaman baayʼee dinqisiisoo akka taʼan dubbachaa jira.”

Kanaafuu, yaanni Fakkeenya 30:18, 19 irratti argamu waaʼee wantoota baayʼee ajaaʼibsiisoo hubannaa keenyaa ol taʼanii ibsa jedhanii yaaduun sirrii fakkaata. Akkuma barreessaa Kitaaba Qulqulluu kanaa karaa risaan samiirra itti barrisu, karaa bofti miila utuu hin qabaatin qarsaarra itti deemu, karaa dooniin galaanarra itti deemu, akkasumas karaa dhiirrii fi shamarreen tokko wal jaallatanii gammachuudhaan waliin jiraatan yeroo ilaallu baayʼee ajaaʼibsiifamna.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi