LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Onkoloolessa ful. 12-17
  • Jaalalli Waaqayyoo Jabaatee Dhaabbata

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Jaalalli Waaqayyoo Jabaatee Dhaabbata
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • JAALALLI YIHOWAA BARUMSA BUʼUURAA KITAABA QULQULLUU AKKA TAʼE YAADADHU
  • JAALALA YIHOWAAN SIIF QABURRATTI XIINXALI
  • MADDA SHAKKII KEETII ADDA BAAFADHU
  • AMANAMAA TAATEE JIRAACHUUF FILADHU
  • Yihowaan Baayʼee Si Jaallata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yihowaan Akka Si Jaallatu Amani
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Shakkii Kee Balleessuu kan Dandeessu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Jaalalli Yihowaa Inni Amanamaan Siif Hiika Akkamii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2021
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Onkoloolessa ful. 12-17

MATA DUREE QOʼANNAA 41

FAARFANNAA 108 Jaalala Waaqayyoo isa Amanamaa

Jaalalli Waaqayyoo Jabaatee Dhaabbata

“ Inni gaarii waan taʼeef, Yihowaadhaaf galata galchaa; jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata.”—FAR. 136:1.

YAADA IJOO

Mata dureen kun jaalala Yihowaa ilaalchisee wanta Kitaabni Qulqulluun dubbatu amanuun keenya, yeroo rakkinni nu mudatu abdii akka hin kutanne kan nu gargaaru akkamitti akka taʼe ibsa.

1-2. Kiristiyaanota hedduu rakkoowwan akkamiitu isaan mudata?

MEE doonii galaana obomboleettii cimaadhaan raafamu keessa jiru tokko yaadi. Dambalii guddaan olii fi gadi isa raasaa jira. Namni tokko qofoodhaan yoo isa dhaabuu baate dambaliin kun bakkuma barbaadetti isa geessa. Qofoon, dooniin kun akka tasgabbaaʼuu fi dambaliidhaan oofamee akka hin deemne isa gargaara.

2 Rakkoowwan ciccimoon yeroo si mudatan akkuma doonii kanaa akka taate sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Miirri kee jijijjiiramuu dandaʼa. Guyyaa tokko Yihowaan akka si jaallatuu fi akka si deeggaru sitti dhagaʼama; guyyaa kan biraa garuu haala keessa jirtu kan argu taʼuusaayyuu shakkuu dandeessa. (Far. 10:1; 13:1) Tarii michuun kee tokko wanta si jajjabeessu dubbatee yeroodhaaf miirri gaariin sitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. (Fak. 17:17; 25:11) Taʼus, ammas deebitee shakkuu jalqabda. Yihowaan akka abdii sitti kutatellee sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Maarree, akka fakkeenyaatti qofoo kee gadi buusuu kan dandeessu akkamitti? Jecha biraatiin, Yihowaan akka si jaallatuu fi akka si deeggaru mirkanaaʼaa taʼuu fi mirkanaaʼaa taatee itti fufuu kan dandeessu akkamitti?

3. Faarfannaa 31:7 fi 136:1 irratti akka ibsametti “jaalala amanamaa” jechuun maal jechuudha? Yihowaan amala kana argisiisuurratti fakkeenya hundarra caaludha kan jennu maaliifi? (Fakkichas ilaali.)

3 Karaan itti yeroo rakkinaatti jabaattee dhaabbachuu dandeessu inni tokko jaalala Yihowaa isa amanamaa yaadachuudha. (Faarfannaa 31:7; 136:1 dubbisi.) “Jaalalli amanamaan” jaalala cimaa itti fufiinsa qabuu fi namni tokko nama kan biraatiif qabu argisiisa. Yihowaan jaalala amanamaa argisiisuurratti fakkeenya hundarra caaludha. Kitaabni Qulqulluun ‘jaalalli isaa inni amanamaan baayʼee’ akka taʼe dubbata. (Bau. 34:6, 7) Akkasumas Kitaabni Qulqulluun Yihowaa ilaalchisee, “Warra si waammatan hundumaatti jaalala amanamaa hedduu ni argisiista” jedha. (Far. 86:5) Mee kun maal jechuu akka taʼe yaadi: Yihowaan tajaajiltootasaa amanamoo matumaa hin dhiisu. Yihowaan amanamaa akka taʼe yaadachuun kee qorumsi cimaan yeroo sirra gaʼu jabaattee dhaabbachuuf si gargaara.—Far. 23:4.

Qofoo sharaa dooniitti hidhamee bishaan keessa jiruu fi yeroo obomboleettiin kaʼu dooniin sun oofamee akka hin deemne gargaaru.

Akkuma qofoon dooniin tokko obomboleettiidhaan akka hin fudhatamne gargaaru, amanannaan jaalala Yihowaarratti qabnus yeroo rakkinni nu mudatu akka tasgabboofnu nu gargaara (Keeyyata 3 ilaali)


JAALALLI YIHOWAA BARUMSA BUʼUURAA KITAABA QULQULLUU AKKA TAʼE YAADADHU

4. Barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu tokko tokko kamfaʼi? Barumsawwan kanatti cimsinee kan amannuhoo maaliifi?

4 Wanti yeroo rakkinaatti jabaannee dhaabbachuuf nu gargaaru inni kan biraan, jaalalli Yihowaa barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka taʼe yaadachuudha. “Barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu” yaada jedhu yeroo dhageessu maaltu gara sammuu keetti dhufa? Tarii dhugaawwan Dubbii Waaqaarraa baratte yaadda taʼa. Fakkeenyaaf, maqaan Waaqayyoo Yihowaa akka taʼe, Yesuus Ilma Waaqayyoo isa tokkicha akka taʼe, namoonni duʼan homaa akka hin beeknee fi lafti gara jannataatti jijjiiramtee namoonni barabaraaf akka irra jiraatan baratteetta. (Far. 83:18; Lal. 9:5; Yoh. 3:16; Mul. 21:3, 4) Barumsawwan kana amantee erga fudhattee booda namni kamiyyuu amantii barumsawwan kanarratti qabdu salphaatti si jijjiirsisuu hin dandaʼu. Maaliif? Barumsawwan kun dhugaarratti akka hundaaʼan waan hubatteefi. Jaalalli Yihowaa barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka taʼetti yaaduun kee, Yihowaan akka siif hin yaanne ykn haala keessa jirtu akka hin hubanne shakkii sitti dhagaʼamu of keessaa baasuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe haa ilaallu.

5. Barumsawwan sobaa garagalchuun kan dandaʼamu akkamitti akka taʼe ibsi.

5 Kitaaba Qulqulluu qoʼachuu yeroo jalqabdetti barumsawwan sobaa dhiisuuf maaltu si gargaare? Wanta Kitaaba Qulqulluurraa baratte wanta amantaa kee keessatti baratte wajjin wal bira qabuu kee taʼuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, kanaan dura Yesuus Waaqa Hundumaa Dandaʼu akka taʼetti amanaa turte haa jennu. Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa yeroo deemtu garuu, ‘Barumsi kun dhugaadhaa?’ jettee of gaafatte. Kitaaba Qulqulluu erga qortee booda barumsi kun soba akka taʼe mirkaneeffachuu dandeesse. Achiis barumsa sobaa kana dhugaa Kitaaba Qulqulluu, Yesuus “angafa uumama hundumaa” fi “Ilma Waaqayyoo isa tokkicha” akka taʼe ibsuun bakka buuste. (Qol. 1:15; Yoh. 3:18) Dhugaadha, barumsawwan sobaa akkuma “dahoowwan jajjaboo” garagalchuuf ulfaataa taʼuu dandaʼu. (2 Qor. 10:4, 5) Haa taʼu malee, erga garagalchitee booda barumsawwan sobaa dhiiste kanatti hin deebitu.—Filp. 3:13.

6. ‘Jaalalli Yihowaa inni amanamaan barabaraaf jabaatee akka dhaabbatu’ mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

6 Barumsa Kitaaba Qulqulluu waaʼee jaalala Yihowaa ibsu wajjin haala wal qabateenis mala wal fakkaatutti fayyadamuu dandeessa. Qorumsi tokko yeroo sirra gaʼu jaalala Yihowaa shakkuu yoo jalqabde, ‘Ilaalchi koo kun sirriidhaa?’ jedhii of gaafadhu. Jaalala Yihowaa ilaalchisee shakkii qabdu, yaada Faarfannaa 136:1 irra jiruu fi caqasa ijoo mata duree kanaa taʼe wajjin wal bira qabi. Yihowaan jaalallisaa “amanamaa” akka taʼetti kan ibse maaliifi? Yaanni, “Jaalalli isaa inni amanamaan bara baraaf jabaatee dhaabbata” jedhu faarfannaa kana keessatti siʼa 26 kan irra deddeebiʼame maaliifi? Akkuma olitti ilaalle, jaalalli amanamaan Yihowaan sabasaatiif qabu barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu keessaa tokkodha; akkuma barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu kan biroo salphaatti amantee fudhattee jechuudha. Miirri Yihowaan gatii akka hin qabnetti akka si ilaalu ykn akka si hin jaallanne sitti dhagaʼamu sobadha. Akkuma barumsa sobaa kamiyyuu hin fudhanne, yaada kanas hin fudhatin.

7. Caqasoonni Kitaaba Qulqulluu Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessan tokko tokko kamfaʼi?

7 Kitaabni Qulqulluun yaadawwan Yihowaan akka nu jaallatu nuuf mirkaneessan hedduu qabateera. Fakkeenyaaf, Yesuus duuka buutotasaatiin, “Isin dimbiixiiwwan hedduu caalaa gatii guddaa qabdu” jedheera. (Mat. 10:31) Yihowaanis sabasaatiin, “Ani sin jabeessa, eeyyee, sin gargaara, ani dhugumaan harka qajeelummaa koo isa mirgaatiin cimsee sin qaba” jedheera. (Isa. 41:10) Jechoonni kun baayʼee garaa namaa tuqu. Yesuus, ‘Gatii guddaa qabaachuu dandeessu’ hin jenne; Yihowaanis, ‘Sin gargaara taʼa’ hin jenne. Kanaa mannaa, “Gatii guddaa qabdu,” akkasumas “Sin gargaara” nuun jedhaniiru. Rakkina keessa yeroo taatutti Yihowaan akka si jaallatu shakkitee beekta yoo taʼe, caqasoonni kun miirri gaariin akka sitti dhagaʼamu qofa utuu hin taʼin, Yihowaan akka si jaallatu siif mirkaneessu. Caqasoonni kun dhugaarratti kan hundaaʼanidha. Kanarratti kadhannaadhaan yoo xiinxalte, akkuma 1 Yohaannis 4:16 irratti ibsame, “Nuti jaalala Waaqayyo nuuf qabu beekneerra, amanneerras” jechuuf kakaʼuu dandeessa.a

8. Yeroo tokko tokko jaalala Yihowaan siif qabu yoo shakkite maal gochuu dandeessa?

8 Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko jaalala Yihowaan siif qabu yoo shakkite hoo? Miira sitti dhagaʼamu wanta beektu wajjin wal bira qabi. Miirri keenya ni jijijjiirama, dhugaan garuu hin jijjiiramu; jaalala Yihowaa ilaalchisee wanti Kitaaba Qulqulluurraa barannemmoo dhugaadha. Yihowaan akka nu hin jaallannetti yaaduun, amalasaa baayʼee barbaachisaa taʼe kana salphisnee ilaaluu taʼa.—1 Yoh. 4:8.

JAALALA YIHOWAAN SIIF QABURRATTI XIINXALI

9-10. Yesuus Yohaannis 16:26, 27 irratti “Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata” yeroo jedhu maal jechuu isaati? (Fakkichas ilaali.)

9 Yaada Yesuus, “Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata” jechuudhaan duuka buutotasaatti dubbate qoruudhaan waaʼee jaalala Yihowaa caalaatti barachuu dandeenya. (Yohaannis 16:26, 27 dubbisi.) Yesuus yaada kana kan dubbate barattootasaatti miirri gaariin akka dhagaʼamuuf qofa hin turre. Yaanni naannoo caqasa kanaatti argamu Yesuus yeroo kanatti waaʼee miirasaanii dubbachaa akka hin turre argisiisa. Kanaa mannaa, waaʼee dhimma kan biraa, jechuunis waaʼee kadhannaa dubbachaa ture.

10 Yesuus isatti utuu hin taʼin karaasaa kadhannaa dhiheessuu akka qaban barattootasaatti himaa ture. (Yoh. 16:23, 24) Kana beekuunsaanii barbaachisaa ture. Yesuus erga duʼaa kaʼee booda barattoonnisaa isatti kadhannaa dhiheessuu barbaadanii taʼuu dandaʼa. Kana malees, Yesuus michuusaaniiti. Jaalalli inni isaaniif qabu kadhannaasaanii akka dhagaʼuu fi Abbaatti akka isaaniif dhiheessu isa kakaasa jedhanii yaadanii taʼuu dandaʼa. Yesuus garuu akkasitti yaaduu akka hin qabne isaanitti himeera. Maaliif? Sababiinsaas, ‘Abbaan ofii isaatiif iyyuu akka isaan jaallatu’ isaanitti himeera. Dhugaan kun barumsawwan buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu waaʼee kadhannaa ibsan keessaa tokkodha. Mee kun siif maal jechuu akka taʼe yaadi: Kitaaba Qulqulluu qoʼachuudhaan Yesuusiin beekuu fi jaallachuu dandeesseetta. (Yoh. 14:21) Taʼus, akkuma barattoota jaarraa jalqabaatti turanii, atis Waaqayyo ‘ofii isaatiif iyyuu akka si jaallatu’ beekuudhaan kadhannaa isatti dhiheessuu dandeessa. Yihowaatti kadhannaa yeroo dhiheessitu hundatti jechoota kanarratti amantii akka qabdu argisiista.—1 Yoh. 5:14.

Fakkiiwwan garaagaraa: Obboleessi tokko barcumarra taaʼee waaʼee dhimmoota barbaachisoo sadii amanannaadhaan kadhachaa jira. 1. Haadha manaasaa dhukkubsattee ciistuuf nyaata kennaa jira. 2. Intallisaa isa wajjin Kitaaba Qulqulluu qoʼachaa jirti. 3. Nagahee hedduu ilaalaa jira.

Yihowaan ‘ofii isaatiif iyyuu akka si jaallatu’ beekuudhaan amanannaadhaan kadhannaa isatti dhiheessuu dandeessa (Keeyyata 9-10 ilaali)b


MADDA SHAKKII KEETII ADDA BAAFADHU

11. Yihowaan akka nu jaallatu yoo shakkine Seexanni kan gammadu maaliifi?

11 Jaalala Yihowaa ilaalchisee shakkiin akka nutti dhagaʼamu wanti godhu maalidha? Tarii Seexanadha jettee deebista taʼa; kun hamma tokko dhugaadha. Diyaabilos nu ‘liqimsuu barbaada’; kanaafuu, Yihowaan akka nu jaallatu yoo shakkine ni gammada. (1 Phe. 5:8) Jaalalli Yihowaan nuuf qabu furii akka nuuf qopheessu isa kakaaseera; Seexannimmoo kun akka nuuf hin malle akka nutti dhagaʼamu barbaada. (Ibr. 2:9) Haa taʼu malee, Yihowaan kan nu jaallatu taʼuusaa yoo shakkine kan gammadu eenyu? Seexanadha. Haala rakkisaa keessatti abdii yoo kutanne hoo kaayyoo eenyutu milkaaʼa? Kanuma Seexanaati. Seexanni Yihowaan akka nu hin jaallanne akka yaannu barbaada; kun garuu dhugaa miti. Yihowaan kan hin jaallanne Seexanadha. Taʼus, “malawwan haxxummaa” inni itti fayyadamu keessaa tokko, Yihowaan akka nu hin jaallannee fi akka nu hin barbaanne akka nutti dhagaʼamu gochuudha. (Efe. 6:11) Wanta diinni keenya gochuuf yaalaa jiru yoo hubanne kutannoo ‘Diyaabilosiin mormuuf’ goone cimsachuu dandeenya.—Yaq. 4:7.

12-13. Cubbuun dhaalle jaalala Yihowaan nuuf qabu akka shakkinu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

12 Wanti jaalala Yihowaan nuuf qabu akka shakkinu godhu kan biraanis jira. Wanti kun maalidha? Cubbuu dhaalledha. (Far. 51:5; Rom. 5:12) Cubbuun namni Uumaa isaarraa akka gargar baʼu godheera. Akkasumas sammuu, garaa fi qaamasaa miidheera.

13 Cubbuun miirri balleessaa, dhiphinni, sodaanii fi qaaniin akka nutti dhagaʼamu gochuudhaan miira keenyarratti dhiibbaa godha. Yeroo cubbuu hojjennu miirri akkasii nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Cubbamoota akka taane, jechuunis kaayyoo itti uumamne wajjin walsimnee jiraachaa akka hin jirre beekuun keenyas miirri akkasii akka nutti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. (Rom. 8:20, 21) Akkuma konkolaataan gommaansaa ciise sirriitti deemuu hin dandeenye, nutis mudaa waan qabnuuf akka jalqaba uumamnetti dandeettii keenya guutuudhaan hojjechuu hin dandeenyu. Kanaafuu, darbee darbee Yihowaan akka nu jaallatu shakkuun keenya nu ajaaʼibsiisuu hin qabu. Miirri akkasii yoo sitti dhagaʼame Yihowaan, “Waaqa guddaa fi sodaachisaa” ‘warra isa jaallatanii fi ajajawwan isaa eeganitti jaalala amanamaa argisiisu’ akka taʼe yaadadhu.—Nah. 1:5.

14. Furicharratti xiinxaluun miira Yihowaan matumaa nu hin jaallatu jedhu balleessuuf kan nu gargaaru akkamitti? (Roomaa 5:8) (Saanduqa, “‘Humna Cubbuun Gowwoomsuuf Qabu’ Irraa Of Eeggadhaa” jedhus ilaali.)

14 Dhugaadha, darbee darbee jaalalli Yihowaa akka nuuf hin malle nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Dhugumammoo nuuf hin malu; wanti jaalalasaa adda godhus kanadha. Carraaqqii keenyaan Yihowaan akka nu jaallatu gochuu hin dandeenyu. Taʼus, furichi cubbuu keenya nuuf haguuga; Yihowaan qophii kana kan nuuf godhe waan nu jaallatuufi. (1 Yoh. 4:10) Yesuus namoota mudaa hin qabne utuu hin taʼin cubbamoota fayyisuuf akka dhufe yaadadhu. (Roomaa 5:8 dubbisi.) Nu keessaa namni wanta hunda karaa mudaa hin qabneen raawwachuu dandaʼu hin jiru; Yihowaanis kana nurraa hin eegu. Jaalala Yihowaan nuuf qabu akka shakkinu kan godhu cubbamoota taʼuu keenya akka taʼe yoo hubanne, ilaalcha akkasii mormuuf caalaatti kutannoo qabaanna.—Rom. 7:24, 25.

“Humna Cubbuun Gowwoomsuuf Qabu” Irraa Of Eeggadhaa

Kitaabni Qulqulluun cubbuun gowwoomsuuf humna akka qabu dubbata. (Ibr. 3:13) Cubbuun gocha dogoggoraa akka raawwannu nu kakaasuu malees, jaalala Yihowaan nuuf qabu yeroo hundumaa akka shakkinu godha. Eeyyee, cubbuun ‘humna gowwoomsuu’ qaba.

Warri kaan nu gowwoomsuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼamuu dandaʼa. Fakkeenyaaf, namni tokko nu gowwoomsee maallaqa keenya nu jalaa fudhachuu akka hin dandeenye nutti dhagaʼama taʼa. Haa taʼu malee, yoo of eeggachuu baanne maallaqa keenya hundumaa dhabuu dandeenya.

Haaluma wal fakkaatuun, cubbuun dhaalle Yihowaan akka nu hin jaallanne nu amansiisuuf yeroo yaalu akka hin gowwoomfamneef dammaqoo taʼuu qabna. Cubbuun dhaalle dadhabina keenya, balleessaa keenyaa fi dogoggora keenyarratti akka xiyyeeffannu nu gochuu dandaʼa. Kun garuu “humna cubbuun gowwoomsuuf qabu” waan taʼeef irraa fagaachuu qabna.

AMANAMAA TAATEE JIRAACHUUF FILADHU

15-16. Yihowaadhaaf amanamoo taanee yoo jiraanne waaʼee maalii mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya? Maaliif? (2 Saamuʼel 22:26)

15 Yihowaan isatti “maxxanuudhaan” filannaa sirrii akka goonu barbaada. (Kes. 30:19, 20) Akkas yoo goone innis nuuf amanamaa akka taʼu mirkanaaʼoo taʼuu dandeenya. (2 Saamuʼel 22:26 dubbisi.) Isaaf amanamoo taanee hamma jiraannetti haala akkamiiyyuu keessatti nu gargaara.

16 Akkuma qofoon, doonii tokko cimsee dhaabu, nutis qorumsa keessatti cimnee dhaabbachuuf sababii gaʼaa qabna. Yihowaan akka nu jaallatuu fi akka nu deeggaru beekna. Wanti Kitaabni Qulqulluun barsiisus kanadha. Akka inni nu jaallatu yoo shakkine miira nutti dhagaʼamurratti utuu hin taʼin, wanta dhugaa akka taʼe beeknu irratti xiinxaluu dandeenya. Kanaafuu, dhugaa Kitaaba Qulqulluu jaalalli Yihowaa inni amanamaan barabaraaf jabaatee akka dhaabbatu ibsurratti amanannaa qabnu eeggannee itti haa fufnu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Jaalalli Yihowaa barumsa buʼuuraa Kitaaba Qulqulluu akka taʼetti ilaaluun keenya kan nu fayyadu akkamitti?

  • Cubbuun dhaalle jaalala Yihowaan nuuf qabu akka shakkinu gochuu kan dandaʼu akkamitti?

  • Jaalala Yihowaan nuuf qabu ilaalchisee shakkii qabnu injifachuu kan dandeenyu akkamitti?

FAARFANNAA 159 Yihowaadhaaf Ulfina Kennaa

a Fakkeenyonni kan biroon Keessa Deebii 31:8, Faarfannaa 94:14 fi Isaayyaas 49:15 irratti ni argamu.

b IBSA FAKKII: Obboleessi tokko haadha manaasaa dhukkubsattu kunuunsuuf akka isa gargaaru, maallaqasaatti ogummaadhaan fayyadamuu akka dandaʼuu fi intallisaa Yihowaa akka jaallattu godhee leenjisuuf akka isa gargaaru Yihowaa kadhachaa jira.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi