MATA DUREE QOʼANNAA 33
FAARFANNAA 4 “Yihowaan Tiksee Koo Ti”
Yihowaan Akka Si Jaallatu Amani
‘Jaalala amanamaadhaan ofitti si harkiseera.’—ER. 31:3.
YAADA IJOO
Mata duree kana keessatti Yihowaan akka nu jaallatu amanuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi akka inni nu jaallatu amantii qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.
1. Yihowaadhaaf kan of murteessite maaliifi? (Fakkiiwwanis ilaali.)
YEROO Yihowaadhaaf itti of murteessite ni yaadattaa? Murtoo kana kan goote waan isa beektee fi waan isa jaallateef ture. Jireenya kee keessatti fedhiisaatiif dursa kennuuf, akkasumas garaa kee guutuu, lubbuu kee guutuu, sammuu kee guutuu fi humna kee guutuudhaan isa jaallachuu kee itti fufuuf waadaa isaaf galteetta. (Mar. 12:30) Yeroo sanaa kaasee jaalalli ati isaaf qabdu caalaatti cimaa deemeera. Maarree namni tokko, “Dhuguma Yihowaa ni jaallattaa?” jedhee yoo si gaafate maal jettee deebista? Mamii tokko malee, “Eenyuuniyyuu ykn wanta kamiyyuu caalaa isa nan jaalladha” jettee akka deebistu hin shakkisiisu.
Yommuu of murteessitee cuuphamtetti Yihowaa hammam jaallattee akka turte ni yaadattaa? (Keeyyata 1 ilaali)
2-3. Yihowaan maal akka amannu barbaada? Mata duree kana keessatti maalirratti mariʼanna? (Ermiyaas 31:3)
2 Haa taʼu malee, namni tokko, “Yihowaan akka si jaallatu ni amantaa?” jedhee yoo si gaafate hoo, maal jettee deebista? Tarii jaalalli Yihowaa akka siif hin malle yaaduudhaan deebii kennuuf ni mamtaa? Obboleettiin ijoollummaa ishiitti akka hin jaallatamne ishiitti dhagaʼamu tokko akkas jetteetti: “Yihowaa akkan jaalladhu beeka. Kana matumaa hin shakku. Haa taʼu malee, ‘Yihowaan dhuguma na jaallataa?’ isa jedhu yeroo baayʼee nan shakka.” Garuu Yihowaan dhuguma waaʼee kee maaltu isatti dhagaʼama?
3 Yihowaan akka inni si jaallatu mirkanaaʼaa akka taatu barbaada. (Ermiyaas 31:3 dubbisi.) Waaʼeesaa caalaatti akka barattuu fi michuusaa akka taatuyyuu ofitti si harkiseera. Yommuu isaaf of murteessitee cuuphamtetti immoo jaalala amanamaa sitti argisiisuu jalqabe. Jaalalli kun baayʼee cimaa fi itti fufiinsa kan qabudha. Jaalallisaa kun siin dabalatee, tajaajiltootasaa amanamoo, ‘gatii guddaa akka qabanitti’ ilaaluuf isa kakaasa. (Mil. 3:17, milj.) Akkuma Phaawulos ergamaan Yihowaan akka isa jaallatu mirkanaaʼaa taʼe, atis akka inni si jaallatu mirkanaaʼaa akka taatu barbaada. Phaawulos amantii guutuudhaan, “Duuti yookiin jireenyi yookiin maleekonni yookiin mootummoonni yookiin wantoonni amma jiran yookiin wantoonni dhufuuf jiran yookiin humnoonni yookiin ol kaʼiinsi yookiin gad fageenyi yookiin uumamni kan biraan akkamii iyyuu jaalala Waaqayyoo . . . irraa gargar nu baasuu akka hin dandeenye hubadheera” jedheera. (Rom. 8:38, 39) Mata duree kana keessatti Yihowaan akka nu jaallatu amantii cimaa qabaachuu kan qabnu maaliif akka taʼee fi kana gochuuf maaltu akka nu gargaaru ilaalla.
YIHOWAAN AKKA NU JAALLATU AMANUU KAN QABNU MAALIIFI?
4. Malawwan haxxummaa Seexanaa mormuu kan dandeenyu akkamitti?
4 Yihowaan akka nu jaallatu amannee fudhachuudhaan “malawwan haxxummaa” Seexanaa mormuu ni dandeenya. (Efe. 6:11) Seexanni Yihowaa akka hin tajaajille nu dhowwuuf wanta gochuu dandaʼu kamiyyuu ni godha. Malawwan haxxummaa Seexanaa keessaa inni guddaan Yihowaan akka nu hin jaallanne soba babalʼisuudha. Seexanni carraa argate kamittiyyuu akka fayyadamu hin dagatinaa. Seexanni yeroo baayʼee kan nu haleelu yommuu balaadhaaf saaxilamnuttidha; fakkeenyaaf, wanta kanaan dura dabarsineen, rakkoowwan yeroo ammaatti nu mudachaa jiraniin ykn yaaddoo gara fuulduraa ilaalchisee nutti dhagaʼamuun kan kaʼe yeroo miirri keenya jeeqamu kana gochuuf yaala. (Fak. 24:10) Seexanni leenca bineensa dadhabde qabachuuf yaalu wajjin wal fakkaata. Kanaafuu, Seexanni abdii nu kutachiisuuf yeroo karaa miiraa dadhabnee jirrutti fayyadamuuf yaala. Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu jaallatu amanannaa qabnu cimsachuu keenya yoo itti fufne, Seexanaa fi mala haxxummaasaa ‘cimsinee mormuuf’ caalaatti hidhachuu dandeenya.—1 Phe. 5:8, 9; Yaq. 4:7.
5. Yihowaan akka nu jaallatuu fi iddoo guddaa akka nuuf kennu mirkanaaʼoo taʼuu kan qabnu maaliifi?
5 Yihowaan akka nu jaallatu amanuudhaan caalaatti isatti dhihaachuu ni dandeenya. Mee akkas kan jennu maaliif akka taʼe haa ilaallu. Yihowaan kan nu uume fedhii jaallachuu fi jaallatamuu akka qabaannu godheeti. Namni tokko yommuu jaalala nutti argisiisu, nutis jaalala isatti argisiisuuf kakaana. Kanaafuu, Yihowaan akka nu jaallatuu fi iddoo guddaa akka nuuf kennu caalaatti mirkanaaʼaa taʼaa yommuu deemnu, nutis caalaatti isa jaallachuuf kakaana. (1 Yoh. 4:19) Caalaatti isa jaallachaa yommuu deemnu, innis caalaatti nu jaallata. Kitaabni Qulqulluun, “Waaqayyotti dhihaadhaa, innis isinitti ni dhihaata” jechuudhaan ifatti dubbata. (Yaq. 4:8) Haa taʼu malee, Yihowaan akka nu jaallatu amanannaa qabnu cimsachuu kan dandeenyu akkamitti?
YIHOWAAN AKKA NU JAALLATU AMANUUF MAALTU NU GARGAARUU DANDAʼA?
6. Yihowaan akka nu jaallatu amanuuf maal jennee kadhachuu dandeenya?
6 Yihowaan akka si jaallatu amanuuf akka si gargaaru kadhachuu kee itti fufi. (Luq. 18:1; Rom. 12:12) Yihowaan akka inni si ilaalutti of ilaaluu akka dandeessuuf, barbaachisaa taanaan guyyaa guyyaadhaan irra deddeebiʼii kadhadhu. Dhugaadha, garaan kee sitti murteessa taanaan kana amantee fudhachuun salphaa miti. Haa taʼu malee, Yihowaan garaa keerra akka caalu yaadadhu. (1 Yoh. 3:19, 20) Inni hamma ati of beektu caalaa si beeka, wanta ati arguu hin dandeenye ni arga. (1 Sam. 16:7; 2 Sen. 6:30) Kanaafuu, miira kee ‘isa duratti dhangalaasuudhaan’ akka inni si jaallatu amanuuf akka si gargaaru kadhachuu kee itti fufi. (Far. 62:8, milj.) Achiis yaadawwan armaan gadii hojiirra oolchuudhaan kadhannaa kee wajjin haala wal simuun tarkaanfii fudhadhu.
7-8. Kitaabni Faarfannaa Yihowaan akka nu jaallatu kan nuuf mirkaneessu akkamitti?
7 Wanta Yihowaan dubbate amani. Yihowaan hafuurasaatti fayyadamee namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan waaʼeesaa dhugaa jiru akka ibsan godheera. Daawit Faarfannaasaa keessaa isa tokkorratti Yihowaan hammam akka nuuf yaadu karaa namatti toluun ibseera. “Yihowaan warra garaan isaanii cabetti dhihoo dha; warra abdii kutatanis ni oolcha” jedheera. (Far. 34:18, milj.) Yommuu abdii kutattu kophaa kee akka taate sitti dhagaʼamuu dandaʼa. Haa taʼu malee, Yihowaan yeroo kamiyyuu caalaa akka isa barbaaddu waan beekuuf, yeroo akkasiitti sitti dhihaachuuf waadaa galeera. Daawit Faarfannaasaa kan biraarratti, “Imimmaan koo qalqalloo kee keessatti walitti qabi” jedhee barreesseera. (Far. 56:8) Yihowaan yeroo ati gaddituu fi dhiphattu ni arga. Inni baayʼee siif yaada, haala keessa jirtus ni arga. Inni akka fakkeenyaatti imimmaan kee walitti ni qaba; akkasumas akkuma imaltuun bara durii tokko bishaan qalqallootti qabatee deemuuf bakka guddaa kennu, Yihowaanis imimmaan keetiif iddoo guddaa kenna. Faarfannaa 139:3 irratti Daawit, “Daandiiwwan koo hundumaa akka gaariitti beekta” jedheera. Yihowaan daandiiwwan kee hundumaa ni ilaala, garuu wanta gaarii ati gooturratti xiyyeeffata. (Ibr. 6:10) Maaliif? Carraaqqii ati isa gammachiisuuf gootu hundumaa waan dinqisiifatuufi.a
8 Yihowaan caqasoota nama jajjabeessanii fi Dubbiisaa keessatti argaman akkasiitti fayyadamee, “Hammam akkan si jaalladhuu fi akkan siif yaadu akka beektun barbaada” jechaa jira. Haa taʼu malee, akkuma dursinee ilaalle, Seexanni Yihowaan akka si hin jaallanne si amansiisuu barbaada. Kanaafuu, darbee darbee Yihowaan akka si jaallatu yoo shakkite, takka dhaabbadhuutii, ‘Eenyuunan amana? “Abbaa sobaa” moo “Waaqa dhugaa”?’ jedhii of gaafadhu.—Yoh. 8:44; Far. 31:5.
9. Yihowaan namoota isa jaallataniif waadaa akkamii galeera? (Baʼuu 20:5, 6)
9 Yihowaan namoota isa jaallataniif maal godha? Mee wanta Yihowaan Musee fi Israaʼelotaan jedhe haa ilaallu. (Baʼuu 20:5, 6 dubbisi.) Yihowaan namoota isa jaallatanitti jaalala amanamaa argisiisuu isaa itti fufuuf waadaa galeera. Jechoonni kun Waaqni keenya inni amanamaan, tajaajiltootasaa jaalala isatti argisiisanitti deebisee jaalala argisiisuu matumaa akka hin dhiisne nuuf mirkaneessu. (Nah. 1:5) Kanaafuu, darbee darbee Yihowaan akka si jaallatu yoo shakkite, takka dhaabbadhuutii, ‘Ani Yihowaa nan jaalladhaa?’ jedhii of gaafadhu. Isa kan jaallattuu fi isa gammachiisuuf wanta siif dandaʼame gochaa kan jirtu yoo taʼe, innis baayʼee akka si jaallatu mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. (Dan. 9:4; 1 Qor. 8:3) Jecha biraatiin Yihowaa akka jaallattu hin shakkitu yoo taʼe, inni akka si jaallatu maaliif shakkitaree? Inni yeroo hundumaa akka si jaallatuu fi matumaa akka si hin dhiisne guutummaatti mirkanaaʼaa taʼuu ni dandeessa.
10-11. Yihowaan furicha akkamitti akka ilaaltu barbaada? (Galaatiyaa 2:20)
10 Furicharratti xiinxali. Aarsaan furii Yesuus Kiristoos kennaa Yihowaan ilmaan namootaatiif kenne keessaa isa hundarra caaludha. (Yoh. 3:16) Haa taʼu malee, kennaa dhuunfaatti siif kennamedhaa? Eeyyee! Mee fakkeenya Phaawulos ergamaa haa ilaallu. Phaawulos Kiristiyaana taʼuusaa dura cubbuuwwan ciccimoo tokko tokko akka raawwatee fi dadhabinasaa wajjin qabsaaʼuusaa itti fufuun akka isa barbaachise yaadadhu. (Rom. 7:24, 25; 1 Xim. 1:12-14) Taʼus, Phaawulos furicha kennaa Yihowaan dhuunfaatti isaaf kenne akka taʼetti ilaaleera. (Galaatiyaa 2:20 dubbisi.) Yihowaan yaada kana Phaawulos Dubbiisaa keessatti akka barreessu hafuurasaatiin akka isa kakaase yaadadhu. Wanti Kitaaba Qulqulluu keessa jiru hundimmoo barumsa akka irraa argannuuf barreeffame. (Rom. 15:4) Yaanni Phaawulos kun Yihowaan furicha akkamitti akka ilaaltu akka barbaadu argisiisa; kennaa Yihowaa biraa dhuunfaatti siif kenname akka taʼetti akka ilaaltu barbaada. Furicha akkasitti yommuu ilaaltu, Yihowaan dhuunfaatti akka si jaallatu, amanannaan qabdu ni cima.
11 Yihowaan, Yesuus akka nuuf duʼuuf gara lafaatti waan isa ergeef baayʼee isa galateeffanna. Sababiin Yesuus gara lafaa itti dhufe inni kan biraan waaʼee Waaqayyoo dhugaa barsiisuudha. (Yoh. 18:37) Yesuus, dhugaa Yihowaan ijoolleesaa hammam akka jaallatu ibsus barsiiseera.
YESUUS, YIHOWAAN BAAYʼEE AKKA NU JAALLATU BARSIISEERA
12. Wanta Yesuus, Yihowaa ilaalchisee dubbatetti kan amannu maaliifi?
12 Yesuus yeroo lafarra turetti Yihowaan Waaqa akkamii akka taʼe warra kaanitti himuun isa gammachiisa ture. (Luq. 10:22) Wanta Yesuus Yihowaa ilaalchisee dubbate amanuuf sababii quubsaa qabna. Sababiinsaas, Yesuus gara lafaa dhufuusaa dura waggoota biliyoonaan lakkaaʼamaniif Yihowaa wajjin samii keessa jiraateera. (Qol. 1:15) Yesuus Yihowaan hammam akka isa jaallatu beeka; maleekotaa fi ilmaan namootaa amanamoo taʼanitti yommuu inni jaalala argisiisus argeera. Yesuus warri kaan Waaqayyo akka isaan jaallatu akka amanan kan isaan gargaare akkamitti?
13. Yesuus, Yihowaa akkamitti akka ilaallu barbaada?
13 Yesuus, Yihowaadhaaf ilaalcha inni qabu akka qabaannu barbaada. Yesuus Wangeelota keessatti Yihowaa al 160 ol “Abbaa” jedhee waameera. Duuka buutotasaatti yommuu dubbatummoo “Abbaa keessan” ykn ‘Abbaa keessan isa samii’ jedheera. (Mat. 5:16; 6:26) Qabxiin qoʼannaa Maatewos 5:16f kenname akkas jedha: “Sana dura tajaajiltoonni Waaqayyoo Yihowaa waamuu fi isa ibsuuf maqaawwan, ‘Hundumaa kan Dandaʼu,’ ‘Isa Hundaa Olii’ fi ‘Uumaa Isa Guddaa’ jedhan dabalatee maqaawwan ulfinaa hedduu fayyadamu turan. Yesuus garuu jecha salphaa ‘Abbaa’ jedhuu fi namoonni guyyaa guyyaadhaan itti fayyadamanitti fayyadameera; jechi kun Waaqayyo tajaajiltootasaa wajjin hariiroo cimaa akka qabu argisiisa.” Eeyyee, Yesuus Yihowaa akka inni ilaalutti akka ilaallu barbaada; Abbaa jaalala qabeessa ijoollee isaatiif bakka guddaa kennu akka taʼetti akka isa ilaallu barbaada. Mee fakkeenyota Yesuus jecha “Abbaa” jedhutti akka fayyadame argisiisan lama haa qorru.
14. Yesuus tokkoon tokkoon keenya Abbaa keenya isa samii biratti iddoo guddaa akka qabnu kan argisiise akkamitti? (Maatewos 10:29-31) (Fakkichas ilaali.)
14 Tokkoffaa, wanta Yesuus Maatewos 10:29-31 irratti dubbate haa ilaallu. (Dubbisi.) Dimbiixonni simbirroota xixinnoo matumaa Yihowaa jaallachuu ykn waaqeffachuu hin dandeenyedha. Haa taʼu malee, Abbaan keenya dimbiixii tokkoofillee iddoo guddaa waan kennuuf yeroo ishiin lafarra buutu ni beeka. Maarree, tokkoon tokkoon tajaajiltootasaa amanamoo jaalalaan kakaʼanii isa waaqeffataniif kana caalaa iddoo guddaa hin kennuu? Qabxiin qoʼannaa lakkoofsa 30f kenname yaada, “rifeensi mataa keessanii hundi iyyuu lakkaaʼameera” jedhu ilaalchisee akkas jedha: “Yihowaan waaʼee keenya wantoota xixinnoo taʼanillee adda baasee beekuunsaa, tokkoon tokkoon duuka buutota Kiristoosiif iddoo guddaa akka kennu mirkanaaʼoo taʼuuf nu gargaara.” Eeyyee, Yesuus tokkoon tokkoon keenya Abbaa keenya isa samii biratti iddoo guddaa akka qabnu akka amannu barbaada.
Yihowaan dimbiixii tokkoof iddoo guddaa waan kennuuf yeroo ishiin lafarra buutu ni beeka. Ati amanamummaadhaan waan isa waaqeffattuu fi waan isa jaallattuuf kana caalaa iddoo guddaa siif kenna! (Keeyyata 14 ilaali)
15. Yaanni Yesuus, Yohaannis 6:44 irratti dubbate waaʼee Abbaa keenya isa samii maal nu hubachiisa?
15 Mee ammammoo fakkeenya Yesuus jecha “Abbaa” jedhutti akka fayyadame argisiisu isa lammaffaa haa ilaallu. (Yohaannis 6:44 dubbisi.) Abbaan kee inni samii dhuunfaatti gara dhugaatti si harkiseera. Garuu akkas kan godhe maaliifi? Garaa kee keessatti kakaʼumsa sirrii akka qabdu waan argeefi. (HoE. 13:48) Qabxiin qoʼannaa caqasa kanaaf kenname akka argisiisutti, Yesuus yaada Yohaannis 6:44 irra jiru kan dubbate, yaada Ermiyaas 31:3 irra jiru sammuutti qabatee taʼuu dandaʼa. Caqasichi akkas jedha: “Jaalala amanamaadhaan kanan ofitti si harkise [ykn, jaalala amanamaa sitti argisiisuu koo kanan itti fufe] kanaafi.” (Er. 31:3; milj.; Hoseʼaa 11:4 wajjin wal bira qabii ilaali.) Kana jechuun maal jechuu akka taʼe yaadi. Abbaan keenya inni samii jaalala qabeessa taʼe wanta gaarii ati of keessatti hin argine si keessatti arguusaa itti fufa.
16. (a) Yesuus maal nu barsiisaa jira? Isa amanuu kan qabnu hoo maaliifi? (b) Yihowaan Abbaa hundarra wayyu akka taʼe caalaatti mirkanaaʼaa taʼuuf maaltu si gargaara? (Saanduqa, “Abbaa Hunda Keenyaaf Barbaachisu” jedhu ilaali.)
16 Yesuus, Yihowaan Abbaa keenya akka taʼe yommuu dubbatu, “Yihowaan Abbaa koo qofa utuu hin taʼin, isiniifis Abbaadha. Dhuunfaatti akka isin jaallatuu fi akka isiniif yaadu isiniif mirkaneessuun barbaada” jechuusaati. Kanaafuu, darbee darbee Yihowaan akka si jaallatu yoo shakkite takka dhaabbadhuutii, ‘Wanta Yesuus inni Abbaa akka gaariitti beekuu fi yeroo hundumaa dhugaa dubbatu barsiise amanuu hin qabuu?’ jedhii of gaafadhu.—1 Phe. 2:22.
YIHOWAAN AKKA SI JAALLATU AMANANNAA QABDU CIMSACHUU KEE ITTI FUFI
17. Amantii Yihowaan akka nu jaallatu qabnu cimsachuu keenya itti fufuu kan qabnu maaliifi?
17 Yihowaan akka nu jaallatu amantii qabnu cimsachuu keenya itti fufuu qabna. Akkuma olitti ilaalle diinni keenya inni haxxeen Seexanni, Yihowaa tajaajiluu akka dhaabnu gochuuf wanti inni hin goone hin jiru. Seexanni ejjennoo keenya laaffisuuf Yihowaan akka nu hin jaallanne nu amansiisuuf yaaluusaa itti fufa. Kanaafuu, Seexanni akka injifatu heyyamuu hin qabnu.—Iyo. 27:5.
18. Amantii jaalala Yihowaarratti qabdu cimsachuu kan dandeessu akkamitti?
18 Amantii jaalala Yihowaarratti qabdu cimsachuuf, akka inni si ilaalutti of ilaaluuf akka si gargaaru kadhachuu kee itti fufi. Caqasoota waaʼee jaalalasaa ibsanirratti gad fageenyaan xiinxali. Yihowaan yeroo hundumaa nama isa jaallatu deebisee akka jaallatu yaadadhu. Furichi kennaa dhuunfaatti siif kenname akka taʼetti kan ilaaltu maaliif akka taʼe xiinxali. Yaada Yesuus, Yihowaan Abbaa kee isa samii akka taʼe dubbate amani. Taanaan, namni tokko “Yihowaan akka si jaallatu mirkanaaʼaadhaa?” jedhee yoo si gaafate, garaa guutuudhaan, “Eeyyee, mirkanaaʼaadha. Anis jaalalan isaaf qabu argisiisuuf wanta naaf dandaʼame hunda nan godha” jettee deebisuu dandeessa.
FAARFANNAA 154 Jaalala hin Badne