LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Sadaasa ful. 22-27
  • ‘Ati Nama Baayʼee Jaallatamaadha’!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • ‘Ati Nama Baayʼee Jaallatamaadha’!
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • YESUUS NAMOONNI YIHOWAA DURATTI IDDOO GUDDAA AKKA QABAN AKKA HUBATAN GARGAAREERA
  • YIHOWAAN AKKA NU ILAALUTTI OF ILAALUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?
  • Yihowaan “Warra Garaan Isaanii Cabe ni Fayyisa”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Yihowaan Baayʼee Si Jaallata
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Guyyoota Dhumaa 40n Yesuus Lafarratti Dabarserraa Maal Baranna?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2024
  • Wanti Ati hin Beekne Akka Jiru Gad Of Qabuudhaan Amanii Fudhadhu
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
Dabalataan Ilaaluuf
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Sadaasa ful. 22-27

MATA DUREE QOʼANNAA 47

FAARFANNAA 38 Inni Si Jabeessa

‘Ati Nama Baayʼee Jaallatamaadha’!

“Ati nama baayʼee jaallatamaa taʼe dha.”—DAN. 9:23.

YAADA IJOO

Mata dureen kun namoonni ilaalcha gadaanaa ofiif qaban Yihowaa duratti iddoo guddaa akka qaban akka hubatan isaan gargaara.

1-2. Yihowaan akka nu jaallatu beekuu kan dandeenyu akkamitti?

TAJAAJILTOOTA Yihowaa jaallatamoo keessaa tokko tokko ilaalcha gadaanaa kan ofiif qaban jiru. Akkas kan isaanitti dhagaʼamu tarii namni taʼe tokko gatii akka hin qabne akka isaanitti dhagaʼamu waan godheef taʼuu dandaʼa. Atoo akkas sitti dhagaʼamaa? Taanaan, Yihowaa biratti jaallatamaa akka taate mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu akkamitti?

2 Yihowaan namoonni akkamitti akka ilaalaman barbaada? Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu keessatti argaman kana hubachuuf si gargaaru. Ilmisaa Yesuus namoota kabajaan qaba ture. Akkas gochuudhaan Yesuus innii fi Abbaansaa namoota ilaalcha gadaanaa ofiif qabaniif iddoo guddaa akka kennan argisiiseera. (Yoh. 5:19; Ibr. 1:3) Mata duree kana keessatti, (1) Yesuus namoonni Yihowaa duratti iddoo guddaa akka qaban akka hubatan kan isaan gargaare akkamitti akka taʼee fi (2) Waaqayyo duratti iddoo guddaa akka qabnu of amansiisuu kan dandeenyu akkamitti akka taʼe ilaalla.—Hag. 2:7.

YESUUS NAMOONNI YIHOWAA DURATTI IDDOO GUDDAA AKKA QABAN AKKA HUBATAN GARGAAREERA

3. Yesuus namoota Galiilaa gargaarsa argachuuf garasaa dhufan kan gargaare akkamitti?

3 Yesuus yeroo sadaffaadhaaf lallabaaf gara Galiilaa yeroo deemetti, namoonni hedduun isa dhaggeeffachuu fi dhukkuba isaaniirraa fayyuuf bakka garaagaraatii garasaa dhufanii turan. Yesuus namoonni kun, “akka hoolota tiksee hin qabneetti cunqurfamanii fi dagatamanii [akka] turan” hubatee ture. (Mat. 9:36) Geggeessitoonni amantaasaanii namoonni kun xiyyeeffannaasaanii argachuun akka isaaniif hin malletti, darbees ‘abaaramoo’ akka taʼanitti isaan ilaalu turan. (Yoh. 7:47-49) Yesuus garuu isaan barsiisuu fi dhukkuba isaaniirraa isaan fayyisuudhaan isaan kabajeera. (Mat. 9:35) Kana malees, namoota dabalataa gargaaruuf jecha ergamoonnisaa hojii lallabaarratti akka hirmaatan isaan leenjiseera; akkasumas namoota dhukkubsatanii fi hirʼina qaamaa qaban akka fayyisan aangoo isaaniif kenneera.—Mat. 10:5-8.

4. Akkaataa Yesuus namoota warra kaan biratti tuffataman itti qaberraa maal baranna?

4 Yesuus namoota isa dhaggeeffatan kabajaa fi gaarummaadhaan qabuudhaan innii fi Abbaansaa namoota warri kaan tuffataniif iddoo guddaa akka kennan argisiiseera. Yihowaa tajaajilaa kan jirtu taʼus, isa biratti gatii qabaachuu kee kan shakkitu yoo taʼe, Yesuus namoota isarraa barachuu barbaadan akkamitti akka qabe yaadi. Akkas gochuun kee Yihowaa biratti jaallatamaa akka taate hubachuuf si gargaara.

5. Dubartiin Galiilaatti gara Yesuus dhufte haala akkamii keessa akka turte ibsi.

5 Yesuus namoota hedduu barsiisuu qofa utuu hin taʼin, dhuunfaattis xiyyeeffannaa isaaniif kenna ture. Fakkeenyaaf, Galiilaa keessa yeroo tajaajilaa turetti dubartiin waggaa 12f dhiigni ishii dhangalaʼaa ture tokko garasaa dhuftee turte. (Mar. 5:25) Dubartiin kun haala fayyaa ishiitiin kan kaʼe, akka Seerichaatti akka xurooftetti ilaalamti; namni ishii tuqus xuraaʼaa taʼa ture. Kunis bilisummaadhaan namootatti akka hin dhihaannee fi yeroo baayʼee kophaa ishii akka taatu ishii taasisee taʼuu qaba. Dabalataanis, warra kaanii wajjin mana sagadaatti ykn ayyaanotarratti argamuu hin dandeessu turte. (Lew. 15:19, 25) Dubartiin kun gama qaamaatiinis taʼe miiraatiin akka miidhamte hin shakkisiisu.—Mar. 5:26.

6. Dubartiin dhiigni ishii dhangalaʼaa ture kan fayyite akkamitti?

6 Dubartiin tun baayʼee rakkachaa waan turteef Yesuus akka ishii fayyisu barbaaddee turte. Taʼus, kallattiidhaan garasaa hin dhaqne. Maaliif? Tarii haala ishiitiin kan kaʼe qaanoftee taʼuu dandaʼa. Yookiinimmoo akka Seerichaatti xurooftee utuu jirtuu uummata keessa waan seenteef, Yesuus akka ishii ifatu yaaduudhaan sodaattee taʼuu dandaʼa. Kanaafuu, akkas gochuun ishii akka ishii fayyisu waan amanteef uffatasaa tuqxe. (Mar. 5:27, 28) Achiis ni fayyite, amantiin ishii ishii kiise. Sana booda Yesuus eenyu akka isa tuqe yeroo gaafatu wanta goote hundumaa isatti himte. Maarree Yesuus yeroo kanatti maal godhe?

7. Yesuus dubartii baayʼee dhiphatte sana kan haasofsiise akkamitti? (Maarqos 5:34)

7 Yesuus dubartii kana gaarummaa fi kabajaan qabeera. “Sodaadhaan hollachaa” akka turte hubateera. (Mar. 5:33) Miira ishii waan hubateef karaa nama jajjabeessuun ishii haasofsiiseera. “Intala too” jedheellee ishii waameera; jechi kun akka ishii kabaju qofa utuu hin taʼin, akka ishii jaallatuu fi gaarummaadhaan akka ishii qabe argisiisa. (Maarqos 5:34 dubbisi.) Kitaaba Qulqulluu keessatti Yesuus “intala too” jedhee dubartii takka kan waame bakka kanatti qofadha; yeroo kanatti jecha gaarummaa argisiisu kanatti kan fayyadame dubartiin tun baayʼee akka sodaatte waan hubateef taʼuu dandaʼa. Dubartiin tun boqonnaa guddaan akka ishiitti dhagaʼame homaa hin shakkisiisu. Yesuus karaa nama jajjabeessuun ishii haasofsiisuunsaa, uffatasaa waan tuqxee fi uummata gidduutti waan argamteef miirri balleessaa akka ishiitti hin dhagaʼamne godheera. Yesuus ishii fayyisuurra darbee intala jaallatamtuu Abbaa ishii isa samii biratti iddoo guddaa qabdu akka taatetti akka of ilaaltu barbaadee ture.

8. Obboleettiin Biraaziil keessa jiraattu tokko rakkina akkamii qabdi?

8 Yeroo harʼaattis tajaajiltoonni Waaqayyoo tokko tokko dhibee fayyaa karaa miiraa isaan miidhu qabu. Qajeelchituun yeroo hundaa Biraaziil keessa jiraattuu fi Maariyaaa jedhamtu, yeroo dhalattu miillaa fi harka bitaa hin qabdu turte. Akkana jetteetti: “Hirʼina qaamaa waanan qabuuf yeroo hundumaa mana barumsaatti natti qoosu turan. Ijoolleen mana barumsaa koo maqaa masoo miira namaa miidhuun na waamu. Miseensonni maatii koollee gatii akkan hin qabne akka natti dhagaʼamu godhu turan.”

9. Maariyaan Yihowaa biratti akka jaallatamtu hubachuuf maaltu ishii gargaare?

9 Maariyaan gargaarsa akkamii argatte? Dhugaa Baatuu Yihowaa erga taatee booda obboloonnii fi obboleettonni ishii jajjabeessaniiru; akkasumas ilaalcha Yihowaan ishiidhaaf qabu akka ofiif qabaattu ishii gargaaraniiru. Akkana jetteetti: “Namoota na gargaaran hunda tarreessee fixuu hin dandaʼu. Yihowaan maatii hafuuraa ajaaʼibaa waan naa kenneef garaa koo guutuudhaanan isa galateeffadha.” Obboloonnii fi obboleettonni, Maariyaan Yihowaa biratti jaallatamtuu taʼuu ishii akka hubattu ishii gargaaraniiru.

10. Maariyaam Magdalaan rakkina akkamii qabdi turte? (Fakkiiwwanis ilaali.)

10 Yesuus Maariyaam Magdalaa kan gargaare akkamitti akka taʼe haa ilaallu. Maariyaam jinniiwwan torbaan qabamtee turte. (Luq. 8:2) Dhiibbaa jinniiwwan ishiirraan geessisaniin kan kaʼe amala addaa argisiistee taʼuu hin oolu; kanaan kan kaʼes, namoonni kaan ishiirraa fagaatanii taʼuu dandaʼa. Jireenya ishii keessatti yeroo rakkisaa taʼe kanatti baayʼee sodaattee, akkasumas namni kamiyyuu akka ishii hin jaallannee fi ishii gargaaruu akka hin dandeenye ishiitti dhagaʼamee taʼuu dandaʼa. Yesuus jinniiwwan sana waan ishii keessaa baaseef duuka buutuusaa taateetti. Yesuus Maariyaam Magdalaan Waaqayyo biratti jaallatamtuu akka taate akka hubattu ishii gargaaruuf wanta kan biraa akkamii godheera?

Fakkiiwwan garaagaraa: 1. Yesuus Maariyaam Magdalaan baayʼee dhiphattee karaa dhiphaa dukkanaaʼaa taʼe tokkorra jilbeenfattee yeroo jirtu ilaalaa jira. 2. Maariyaam Magdalaan gammachuudhaan Yesuusii fi barattootasaa kan biroo wajjin deemaa jirti.

Yesuus Maariyaam Magdalaan Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabdu kan ishiidhaaf mirkaneesse akkamitti? (Keeyyata 10-11 ilaali)


11. Yesuus, Maariyaam Magdalaan Waaqayyo biratti akka jaallatamtu kan argisiise akkamitti? (Fakkiiwwanis ilaali.)

11 Yesuus lallabaaf yeroo imalaa turetti Maariyaam Magdalaan akka isaa wajjin deemtu ishii affeereera.b Kanaafuu, yommuu inni warra kaan barsiisu dhaggeeffachuudhaan isarraa fayyadamuu ishii itti fufteetti. Kana malees, Yesuus guyyuma duʼaa kaʼetti ishiitti mulʼateera. Barattootasaa guyyaa sanatti jalqaba haasofsiise keessaa tokko Maariyaam Magdalaadha. Yesuus duʼaa kaʼuusaa ergamootasaa warra kaanitti akka himtullee ishiitti himee ture. Karaawwan kana hundumaan Yihowaa biratti iddoo guddaa akka qabdu akka hubattu ishii gargaareera.—Yoh. 20:11-18.

12. Liidiyaan akka hin jaallatamne akka ishiitti dhagaʼamu wanti taasise maalidha?

12 Akkuma Maariyaam Magdalaatti dhagaʼamee taʼuu dandaʼu, namoonni yeroo harʼaatti argaman tokko tokko eenyullee akka isaan hin jaallanne isaanitti dhagaʼama. Obboleettiin Ispeen keessa jiraattuu fi Liidiyaa jedhamtu, haati ishii yeroo ishii ulfooftee turtetti ulfa baasuu yaaddee akka turte dubbatteetti. Ijoollee yeroo turtettillee haati ishii xiyyeeffannaa akka ishiidhaaf hin kenninee fi jecha ishii miidhu dubbachaa akka turte ni yaadatti. Akkana jetteetti: “Jireenya koo keessatti kaayyoon koo warra kaan biratti fudhatama argachuu fi jaallatamuu ture. Haati koo nama gaarii akkan hin taane waan na amansiisteef, jaalala matumaa hin argadhu jedheen sodaadhan ture.”

13. Liidiyaan Yihowaa biratti jaallatamtuu akka taatetti akka of ilaaltu maaltu ishii gargaare?

13 Liidiyaan dhugaa erga barattee booda kadhannaa dhiheessuun ishii, qoʼannaa dhuunfaa gochuun ishii fi obboloonni jechaa fi gochaan gaarummaa ishiitti argisiisuun isaanii Yihowaa biratti jaallatamtuu akka taate akka hubattu ishii gargaareera. Akkana jetteetti: “Yeroo baayʼee abbaan manaa koo baayʼee akka na jaallatu natti hima. Yeroo hundumaa amaloota gaggaarii akkan qabu na yaadachiisa. Michoonni koo kaanis akkasuma godhu.” Atoo nama Yihowaa biratti jaallatamaa akka taʼe hubachuuf gargaarsi isa barbaachisu beektaa?

YIHOWAAN AKKA NU ILAALUTTI OF ILAALUU KAN DANDEENYU AKKAMITTI?

14. Saamuʼel Tokkoffaan 16:7 akka Yihowaan isaan ilaalutti namoota ilaaluuf kan nu gargaaru akkamitti? (Saanduqa, “Yihowaan Sabasaatiif Iddoo Guddaa kan Kennu Maaliifi?” jedhus ilaali.)

14 Yihowaan akka addunyaan si ilaalutti akka si hin ilaalle yaadadhu. (1 Saamuʼel 16:7 dubbisi.) Yihowaan iddoo isa biratti qabdu kan madaalu bifa kee, iddoo hawaasa keessatti qabdu ykn sadarkaa barumsaa keerratti hundaaʼee miti. (Isa. 55:8, 9) Kanaafuu, akka namoonni addunyaa si ilaalanitti utuu hin taʼin, akka Yihowaan si ilaalutti of ilaaluuf carraaqi. Seenaawwan Kitaaba Qulqulluu waaʼee namoota yeroo tokko tokko Yihowaa biratti gatii qabaachuu isaanii shakkanii ibsan dubbisuu dandeessa. Fakkeenyaaf, waaʼee Eeliyaas, Naaʼomii fi Haannaa dubbisuu dandeessa. Dabalataanis wantoota jireenya kee keessatti si mudatanii fi Yihowaan dhugumaan akka si jaallatuu fi iddoo guddaa akka siif kennu siif mirkaneessan barreeffachuu dandeessa. Akkasumas barreeffamoota keenyarraa mata dureewwan waaʼee ilaalcha gaarii ofiif qabaachuu ibsan dubbisuu dandeessa.c

Yihowaan Sabasaatiif Iddoo Guddaa kan Kennu Maaliifi?

Yihowaan namoota bineeldotarraa baayʼee adda godhee uume. Isaa wajjin hariiroo cimaa akka qabaannuu fi michootasaa taʼuu akka dandeenyu godhee nu uume. (Uma. 1:27; Far. 8:5; 25:14; Isa. 41:8) Kunumtillee ilaalcha gaarii akka ofiif qabaannu nu gargaara. Haa taʼu malee, sababiin kana caalus jira; isatti dhihaachuuf carraaqqii yoo goone, isaaf yoo of murteessinee fi yoo isaaf ajajamne Waaqa keenyaa fi Uumaa keenya biratti baayʼee jaallatamoo taana.—Isa. 49:15.

15. Yihowaan Daaniʼel “nama baayʼee jaallatamaa” akka taʼetti kan ilaale maaliifi? (Daaniʼel 9:23)

15 Amanamummaan kee Yihowaa duratti jaallatamaa akka si taasisu yaadadhu. Daaniʼel raajichi yeroo taʼe tokkotti, tarii yeroo umurii waggoota 90mmanii keessa turetti, “baayʼee dadhabee” fi abdii kutatee ture. (Dan. 9:20, 21) Maarree Yihowaan kan isa jajjabeesse akkamitti? Yihowaan, Daaniʼel “nama baayʼee jaallatamaa” akka taʼee fi kadhannaansaa akka dhagaʼame isa yaadachiisuuf maleekaa Gabriʼeel jedhamu garasaatti ergeera. (Daaniʼel 9:23 dubbisi.) Daaniʼel Yihowaa biratti baayʼee akka jaallatamu wanti godhe maalidha? Nama qajeelaa fi amanamaa taʼuusaati. (His. 14:14) Yihowaan seenaan kun Dubbiisaa keessatti akka galmaaʼu kan godhe jajjabina akka irraa argannuufi. (Rom. 15:4) Kana malees, Yihowaan kadhannaa kee ni dhagaʼa, akkasumas wanta qajeelaa waan jaallattuu fi amanamummaadhaan waan isa tajaajiltuuf iddoo guddaa siif kenna.—Mik. 6:8, milj.; Ibr. 6:10.

16. Yihowaa Abbaa jaalala qabeessa akka taʼetti ilaaluuf maaltu si gargaaruu dandaʼa?

16 Yihowaan Abbaa si jaallatu akka taʼetti ilaali. Inni dogoggora kee funaanuu utuu hin taʼin, si gargaaruu barbaada. (Far. 130:3; Mat. 7:11; Luq. 12:6, 7) Namoonni hedduun kanarratti xiinxaluun isaanii miira gadaantummaa akka moʼan isaan gargaareera. Fakkeenyaaf, obboleettiin Ispeen keessa jiraattuu fi Miisheel jedhamtu, abbaan manaa ishii waggoota hedduudhaaf dubbii ishii miidhu ishiitti dubbachaa waan tureef akka hin jaallatamnee fi gatii akka hin qabne ishiitti dhagaʼama. Akkana jetteetti: “Gatii akkan hin qabne yeroo natti dhagaʼamu hundatti, Yihowaan irreesaatti na baatee jaalala yeroo natti argisiisuu fi eegumsa yeroo naaf godhu yaaduufan yaala.” (Far. 28:9) Obboleettiin Afriikaa Kibbaa keessa jiraattuu fi Looreen jedhamtus akkana jetteetti: “Yihowaan funyoo jaalalaatiin gaarummaadhaan erga ofitti na harkisee, akkasumas waggoota darban hundatti isatti dhihaadhee akkan jiraadhu erga na gargaaree, darbees warra kaan barsiisuuf erga natti fayyadamee, iddoo guddaa akka naaf kennuu fi gatii guddaa akkan qabutti akka na ilaalu ifadha.”—Hos. 11:4.

17. Yihowaa biratti fudhatama akka qabdu mirkanaaʼaa taʼuuf maaltu si gargaara? (Faarfannaa 5:12) (Fakkichas ilaali.)

17 Yihowaa biratti fudhatama akka argatte mirkanaaʼaa taʼi. (Faarfannaa 5:12 dubbisi.) Daawit Yihowaa biratti fudhatama argachuu “gaachana guddaa” qajeelotaaf eegumsa godhutti fakkeesseera. Yihowaa biratti fudhatama akka argattee fi deggersasaa akka qabdu beekuun kee miira gadaantummaatiin akka hin moʼamne si eeguu dandaʼa. Yihowaa biratti fudhatama akka argatte akkamitti beekuu dandeessa? Akkuma olitti ilaalle Yihowaan Dubbiisaa keessatti kana siif mirkaneesseera. Kana malees, jaarsolii, michoota kee fi warra kaanitti fayyadamee isa biratti jaallatamaa akka taate si yaadachiisa. Maarree, warri kaan waaʼee kee wanta gaarii yeroo dubbatan maal gochuu qabda?

Obboleettiin takka obboleettii kan biraa wajjin tajaajiluuf gammachuudhaan Galma Walgaʼii keessaa baatee deemaa jirti. Obboleettiin sun harka ishii gateettii obboleettii sanaarra keessee jirti.

Yihowaa biratti fudhatama akka arganne beekuun keenya miira gadaantummaa injifachuuf nu gargaara (Keeyyata 17 ilaali)


18. Warri kaan yeroo si galateeffatan fudhachuu kan qabdu maaliifi?

18 Namoonni si beekanii fi si jaallatan yeroo garaadhaa si galateeffatan fudhachuu hin didin. Yihowaan isa biratti fudhatama akka qabdu si yaadachiisuuf isaanitti fayyadamuu akka dandaʼu yaadadhu. Miisheel ishiin olitti caqasamte akkana jetteetti: “Suutuma suuta namoonni yeroo na galateeffatan fudhachuu barachaan jira. Waldhaansoo gochuu kan na gaafatu taʼus, Yihowaan akkas akkan godhu akka barbaadu beeka.” Miisheel gargaarsa jaarsoliin jaalalaan kakaʼanii ishiidhaaf godhanirraa fayyadamteetti. Yeroo ammaatti qajeelchituu taatee tajaajilti; akkasumas fageenyarra taatee hojii Beetel hojjetti.

19. Waaqayyo duratti jaallatamaa akka taate mirkanaaʼaa taʼuu kan dandeessu maaliifi?

19 Yesuus Abbaa keenya isa samii biratti iddoo guddaa akka qabnu barsiiseera. (Luq. 12:24) Kanaafuu, Yihowaan jaallatamoo akka taanetti akka nu ilaalu mirkanaaʼoo taʼuu ni dandeenya. Matumaa kana irraanfachuu hin qabnu. Nutis warri kaan Yihowaa biratti jaallatamoo akka taʼan akka hubatan isaan gargaaruuf wanta dandeenyu hunda haa goonu.

MAAL JETTEE DEEBISTA?

  • Yesuus namoonni Waaqayyo biratti jaallatamoo akka taʼan akka hubatan kan gargaare akkamitti?

  • Yesuus dubartii dhiigni ishii dhangalaʼaa ture tokko kan gargaare akkamitti?

  • Akka Yihowaan nu ilaalutti of ilaaluuf maaltu nu gargaara?

FAARFANNAA 139 Addunyaa Haaraa Keessatti Of Ilaali

a Maqaawwan tokko tokko jijjiiramaniiru.

b Haalasaarraa akka hubannutti Maariyaam Magdalaan dubartoota Yesuus faana imalaa turan keessaa tokkodha. Dubartoonni kun qabeenya isaaniitiin Yesuusii fi ergamootasaa tajaajilaa turan.—Mat. 27:55, 56; Luq. 8:1-3.

c Fakkeenyaaf, Kitaaba Yihowaatti Dhihaadhu jedhamu boqonnaa 24 ilaali; akkasumas kitaaba Caqasoota Jireenya Kiristiyaanaatiif Taʼan jedhamurraa caqasootaa fi seenaawwan Kitaaba Qulqulluu mata duree “Shakkii” jedhu jala jiran dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi