LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • w25 Sadaasa ful. 31
  • Gaaffii Dubbistootaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Gaaffii Dubbistootaa
  • Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • Kitaabni Mulʼataa Diinota Waaqayyootiif Hiika Maalii Qaba?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Bineensota Nama Sodaachisan hin Sodaatinaa
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa Barreeffama Qo‵annaa Walga‵ii—2019
  • Yihowaan Wanta “Dafee Taʼuun Irra Jiru” Mulʼiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
w25 Sadaasa ful. 31

Gaaffii Dubbistootaa

Yihowaan dhiheenyatti garaa mootummootaa keessa “yaada” akkamii kaaʼa?

Yeroo itti rakkinni guddaan jalqabu ilaalchisee Mulʼanni 17:16, 17 akkana jedha: “Gaanfonni kurnan ati argitee fi bineensichi sagaagaltuu sana ni jibbu, ishii ni saamu, qullaatti ishii hambisu, foon ishii ni nyaatu, akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu. Sababiin isaas, Waaqayyo hamma dubbiin isaa raawwatamutti yaada isaa akka raawwataniif, eeyyee, mootummaa isaanii bineensichaaf kennuudhaan yaada tokkicha qaban sana akka raawwataniif, kana garaa isaanii keessa kaaʼeera.” Barreeffamoonni keenya kanaan dura ‘yaanni’ Yihowaan mootummoota keessa kaaʼu amantaa sobaa akka balleessaniif akka taʼe ibsu turan.

Haa taʼu malee, sirreeffama gochuun nu barbaachiseera. ‘Yaanni’ Yihowaan garaa mootummootaa keessa kaaʼu ‘mootummaa isaanii bineensichaaf akka kennanidha.’ Kun raawwiisaa kan argatu akkamitti akka taʼe hubachuuf mee gaaffiiwwan armaan gadii haa ilaallu.

Raajii kana keessatti taatonni guguddoon caqasaman eenyufaʼi? ‘Sagaagaltuun’ “Baabilon Guddittii” jedhamtee waamamtu amantaawwan sobaa addunyaa maratti argaman argisiisti. ‘Bineensi diimaan’ Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argisiisa; dhaabbanni kun nagaa addunyaa eegsisuuf bara 1919tti kan hundaaʼe yeroo taʼu, duraan Waldaa Mootummoota Addunyaa jedhama ture. (Mul. 17:3-5) “Gaanfonni kurnan” mootummoota addunyaa bineensicha deeggaran hunda argisiisa.

Sagaagaltuun sunii fi bineensi diimaan hariiroo akkamii qabu? Sagaagaltuun sun bineensa sanarra “teessee” jirti; kunis akka ishiin isa deeggartuu fi isa toʼachuuf yaaltu argisiisa.

Sagaagaltuu sanarra maaltu gaʼa? Bineensichii fi gaanfonni kurnan isa deeggaran “sagaagaltuu sana ni jibbu.” Qabeenya ishii saamuu fi hammina ishii saaxiluudhaan jibba ishiidhaaf qaban argisiisu. Achiis guutummaatti ishii balleessuudhaan murtii Yihowaan ishiirratti dabarse raawwatu. (Mul. 17:1; 18:8) Amantaan sobaa sana booda hin jiraatu. Haa taʼu malee, kun taʼuusaa dura Yihowaan mootummoonni wanta seenaa ilmaan namootaa keessatti taʼee hin beekne tokko akka raawwatan isaan taasisa.

Yihowaan mootummoonni maal akka godhan kakaasa? Yihowaan “yaada isaa” garaa gaanfota kurnanii keessa kaaʼa, jechuunis “humnaa fi aangoo isaanii bineensichaaf” ykn Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif akka kennan godha. (Mul. 17:13) Kun maal jechuu akka taʼe yaadi. Mootummoonni ilmaan namootaa ofuma isaaniitiin kakaʼanii humnaa fi aangoosaanii bineensichaaf kennuuf ni murteessu jechuudhaa? Lakki. Raajichi akka argisiisutti akkas akka godhan kan isaan kakaasu Waaqayyodha. (Fak. 21:1; Isaayyaas 44:28 wajjin walbira qabii ilaali.) Kun kan taʼu suutuma suutaa? Lakki. Haalasaarraa hubachuun akka dandaʼamutti jijjiiramni kun akkuma tasaa taʼa. Achiis bineensi akka haaraatti aangoo guddaa argate kun amantaa sobaa barabaraaf balleessuudhaan murtii Yihowaa raawwachiisa.

Maarree, maal eeguu dandeenya? Mallattoowwan mootummoonni suutuma suuta Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii caalaatti deeggaraa akka deeman argisiisan gabaasawwan oduurraa barbaaduun nu hin barbaachisu. Kana garuu eeguu dandeenya: Yihowaan akkuma tasaa mootummoonni aangoosaanii bineensichaaf dabarsanii akka kennan isaan taasisa. Yeroo kun taʼu rakkinni guddaan jalqabuuf akka jedhu beekuu dandeenya. Dhiheenyatti jijjiiramni tasaa waan uumamuuf hammasitti “dammaqinaan haa jiraannu, akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.”—1 Tas. 5:6.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi