LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 34
  • Yeroon Shororkeessummaan hin Jirre ni Dhufaa Laata?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yeroon Shororkeessummaan hin Jirre ni Dhufaa Laata?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Waaqayyo shororkeessummaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?
  • Wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe
  • Yeroo itti shorokeessitummaan dhabamsiifamu
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Barruulee Raabsuuf Akkam Jennee Jalqabuu Dandeenya?
    Tajaajila Mootummaa—2006
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 34
Namni balaa ibiddaa ittisu tokko gamoowwan jijjigan jalaa namoota lubbuudhaan oolan yommuu gargaaru.

Yeroon Shororkeessummaan hin Jirre ni Dhufaa Laata?

Miidhaa shororkeessittonni geessisan tokko booda, akkana jennee gaafachuun keenya hin oolu: ‘Waaqayyo haalli namootaa isa yaaddessaa? Wantoonni kunneen kan raawwataman maaliifi? Yeroo shororkeessummaana hin jirre ni dhufaa laata? Sodaa natti dhagaʼamuu dandamachuu kanan dandaʼu akkamitti?’ Kitaabni Qulqulluun gaaffiiwwan kanneeniif deebii quubsaa kenna.

Waaqayyo shororkeessummaa ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama?

Waaqayyo hammeenyaa fi shororkeessummaa ni jibba. (Faarfannaa 11:5; Fakkeenya 6:16, 17) Yesuus inni bakka buʼaa Waaqayyoo taʼe barattoonni isaa gocha hammeenya yommuu raawwatanitti isaan ifateera. (Maatewos 26:50-52) Namoonni tokko tokko maqaa Waaqayyootiin gocha hammeenyaa akka raawwatan dubbatanis, inni gocha akkasii akka raawwatan mirga isaaniif hin kennine. Kadhannaa namoonni akkasii dhiheessan illee hin dhagaʼu.—Isaayyaas 1:15.

Miidhaa shororkeessitoonni geessisan dabalatee Waaqayyoo rakkina nu irra gaʼu hundi isa yaaddessa. (Faarfannaa 31:7; 1 Pheexiros 5:7) Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo hammeenya balleessuufis tarkaanfii akka fudhatu ni ibsa.—Isaayyaas 60:18.

Wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe

Kitaabni Qulqulluun wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe yeroo ibsu, “Namni nama isa kan biraa irratti aangoo kan qabaate isa miidhuuf jedhee ti” jedha. (Lallaba 8:9) Seenaa ilmaan namootaa keessatti namoonni aangoo irra jiran warra kaan cunqursuuf shororkeessummaatti fayyadamaa turaniiru. Namoonni kaanis cunqursaa isaan irra gaʼuuf deebii kennuuf shororkeessummaatti fayyadamu.—Lallaba 7:7.

Yeroo itti shorokeessitummaan dhabamsiifamu

Waaqayyo sodaa fi hammeenya balleessuudhaan lafa irratti nagaan akka dagaagu akka godhu abdii kenneera. (Isaayyaas 32:18; Miikiyaas 4:3, 4) Wantoota armaan gadii ni raawwata :

  • Wanta shororkeessummaaf kaʼumsa taʼe ni balleessa. Waaqayyo bulchiinsa ilmaan namootaa bulchiinsa isaa isa addunyaa maratti bulchuun bakka buusa. Mootiin bulchiinsa kanaa Yesuus Kiristoos, namoota hunda ija tokkoon ilaala, akkasumas cunqursaa fi hammeenya ni dhabamsiisa. (Faarfannaa 72:2, 14) Yeroo sanatti, namni kam iyyuu shororkeessummaa akka filannootti hin fudhatu. Namoonni ‘nagaa hedduu argatanii baayʼee ni gammadu.’—Faarfannaa 37:10, 11.

  • Miidhaa shororkeessummaan geessise hunda ni dhabamsiisa. Waaqayyo namoota shororkeessummaan miidhaa qaamaas taʼe miidhaa miiraa isaan irra geessise hunda ni fayyisa. (Isaayaas 65:17; Mulʼata 21:3, 4) Namoota duʼan illee lafa nagaan keessatti dagaagee irratti duʼaa isaan kaasuudhaan gara jireenyaatti isaan deebisuuf abdii kenneera.—Yohaannis 5:28, 29.

Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti tarkaanfii akka fudhatu amanuuf sababii quubsaa nuuf dhiheessa. Haa taʼu malee, ‘Waaqayyo hanga ammaattii maaliif hin balleessine?’ jennee gaafanna taʼa. Deebii kanaa argachuuf, viidiyoo Waaqayyo Rakkinni Akka Jiraatu kan Heyyame Maaliifi? jedhu akka ilaaltu si afeerra.

a Jechi “shororkeessitummaa” jedhu keessumaa namoonni akka sodaatan, akkasumas jijjiirama siyaasaa, amantii ykn hawaasaa fiduuf walumaa galatti hammeenyatti fayyadamuu ykn doorsisuu kan argisiisu dha. Haa taʼu malee, namoonni gochi kun gocha akka shororkeessummaatti kan fudhatamu taʼuuf dhiisuu isaa irratti ni falmu.

Kitaabni Qulqulluun namoonni akka dandamatan ni gargaara

Kitaabni Qulqulluun wantoonni lama si gargaaruu akka dandaʼan yaada kenna.

  • Gara Waaqayyootti kadhannaa dhiheessu.—Filiphisiyus 4:6, 7.

  • Abdii Kitaabni Qulqulluun kennu irratti xiyyeeffachuu.—Ibroota 6:19.

Gorsawwan Kitaaba Qulqulluu irratti hundaaʼan dabalataa argachuuf, mata duree “Dhiphina Toʼachuun kan Dandaʼamu Akkamitti?” jedhu ilaaluu dandeessa.

Dhugaa Baatonni Yihowaa miidhaa shororkeessummaan isaan irraan geessise dandamatan,namoota hidhata amantii isaanii taʼan irraas deggersa argataniiru. Mee fakkeenya lama haa ilaallu:

  • Abaaboo namoota mana barumsaa magaalaa Raashiyaa Bislaan jedhamtu keessatti duʼan jiraatan duʼan yaadachuuf kaaʼame.

    Nattaaliyaa fi ilma ishii Aslaan isa umuriin isaa waggaa sagal taʼe, magaalaa Raashiyaa Bislaan jedhamtu keessa jiraatu turan, shororkeessitoonni meeshaa waraanaa hidhatan dhufanii namoota 1,000 ol taʼan fudhatanii yeroo deemanitti mana barumsaa tokko keessa turan. Kan nama gaddisiisu namoonni hedduun ajjeefamaniiru, isaan keessaa harki caalaan isaanii ijoollee turan. Nattaliyaa fi Aslaan kan oolan taʼus naasuun isaanitti dhagaʼame garuu isaan keessaa hin baane. Mee wanta bayyanachuuf isaan gargaare haa ilaallu.

  • Paabloo fi Soofii.

    Paabloo fi Soofiin gamoowwan Niiwu Yoorki Twin Towers jedhamu irra yeroo miidhaan gaʼetti ilma isaanii duʼaan dhabaniiru. Viidiyoo yeroo shororkeessitoonni miidhaa geessisanitti wanta isaaniinis ta‵e namoota kaan gargaare ibsuu kana ilaali.

Kitaabni Qulqulluun namoonni akka jijjiiraman ni gargaara

Namoonni hedduun jalʼinni haqaa fi hacuuccaan addunyaa irratti raawwatamu abdii isaan kutachiiseera. Filannoon isaan qaban hammeenyaa fi shororkeessummaa qofa akka taʼe isaanitti dhagaʼama taʼa. Namoonni akkasii jijjiiramuu ni dandaʼuu? Eeyyee. Ergaan Kitaaba Qulqulluu namoonni tokko tokko akka jijjiiraman kan gargaare akkamitti akka taʼe beekuuf, mata duree “Addunyaan Shororkeessummaan Keessa hin Jirre ni Dhufaa Laata?” jedhu dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi