Akkaataa Dhiheenyaa
Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabanna Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru
“Waaqayyoorraa kan barannu maaliifi jettee gaafattee beektaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Kana ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu kana hubadhu. [Ermiyaas 29:11 dubbisiif.] Matadureen Masaraa Eegumsaa Amajjii-Bitootessaa 2011, fuula 16rraa jalqabu Waaqayyorraa barachuu kan qabnu maaliif akka taʼe ibsa. Barruu kana erga kenniteefii booda gaaffii ittaanu deebisuuf beellama qabadhu.”
Amajjii-Bitootessa
“Hundi keenya gammachuu argannee jiraachuu barbaanna. Qarshiin gammachuu kan nuuf argamsiisu sitti fakkaataa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barreessaan Macaafa Qulqulluu tokko waan xinnoo qabutti gammadee jiraachuu baratee ture. [Filiphisiiyus 4:11, 12 dubbisiif.] Barruun kun tarkaanfiiwwan gammachuu argachuuf barbaachisan shan Macaafa Qulqulluu keessatti argaman ibsa.”
Dammaqaa! Waxabajjii
“Shororkeessitummaan rakkoo guutummaa addunyaa yaaddessu taʼeera. Sababiinsaa maalidha jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Jechoonni Macaafa Qulqulluurratti argaman kun abdii nuu kennu. [Faarfannaa 72:7, 14 dubbisiif.] Barruun kun wantoota shororkeessitummaaf sababii taʼaniifi shororkeessitummaan akkamittiifi yoom akka badu ilaalchisee wanta Macaafni Qulqulluun jedhu ibsa.”