LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • km 5/12 ful. 4
  • Akkaataa Dhiheenyaa

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akkaataa Dhiheenyaa
  • Tajaajila Mootummaa—2012
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2013
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2011
Dabalataan Ilaaluuf
Tajaajila Mootummaa—2012
km 5/12 ful. 4

Akkaataa Dhiheenyaa

Jiʼa Jiʼaan, Sanbadduraa Isa Jalqabaatti Qayyabannaa Macaafa Qulqulluu Jalqabsiisuuf Gargaaru

“Sirni cuuphaa dhaabbilee amantii Kiristiyaanaa hedduu keessaatti beekamaa kan taʼedha. Atoo cuuphaan barbaachisaa akka taʼe sitti dhagaʼamaa? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun dhimma kana ilaalchisee yaadawwan xiyyeeffannaa namaa hawwatan tokko tokko ibsa.” Achiis Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii 2012 erga kenniteefii booda, matadureewwan xixiqqaa fuula 16⁠rra jiran keessaa mataduree isa jalqabaa irratti mariʼadhaa; caqasoota kennaman keessaa yoo xinnaate tokko dubbisaa. Barruulee sana akka fudhatu erga isa afeerte booda, gaaffii ittaanurratti mariʼachuuf beellama qabadhu.

Masaraa Eegumsaa Eblaa-Waxabajjii

“Namoonni Yesusiin ilaalchisee yaada garaagaraa qabu. Warri tokko tokko Yesus Masiihii isa abdachiifamedha jedhanii yaadu. Kaanimmoo nama gaarii akka taʼe qofa godhanii yaadu. Namoonni, namni Yesus jedhamu lafa kanarra jiraatee hin beeku jedhanii yaadanis jiru. Atoo waaʼee dhimma kana maal yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Akka Macaafni Qulqulluun jedhutti waaʼee Yesus dhugaasaa beekuun barbaachisaadha. [Yohannis 17:3 dubbisi.] Barruun kun, gaaffiiwwan baramaa taʼaniifi namoonni Yesusiin ilaalchisee gaafataniif deebii kenna.”

Dammaqaa! Waxabajjii

“Waggaa waggaadhaan namoonni addunyaarra jiran hedduun nyaata qulqullina hin qabne nyaachuudhaan dhukkubsatu. Nyaanni hawaasni keenya itti fayyadamu hangam qulqullina qaba jettee yaadda? [Hanga deebii kennutti eegi.] Barruun kun karaawwan maatiin keenya nyaata qulqullina hin qabne nyaachuudhaan akka hin dhukkubsanne eeguu itti dandeenyu afur ibsa. Akkasumas yeroo dhihootti namni hundi nyaata gaʼaafi madaalamaa akka argatu ilaalchisee abdii Macaafni Qulqulluun kennu ni ibsa.” Faarfannaa 104:14, 15 dubbisi.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi