LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 88
  • Mootummaan Waaqayyoo Waraana Maal Godha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Mootummaan Waaqayyoo Waraana Maal Godha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Namoota Nagaa Eenyutu Oolcha?—Kitaabni Qulqulluun Maal jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraanni Yuukreen Waggaa Tokko Guute—Kitaabni Qulqulluun Abdii Akkamii Kenna?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • 2023 Bara Dhiphinaa Ture—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Waraanni Yoom Dhaabbata?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 88
Nama daandii naannoo waraanaa ibiddi iddo adda addaatti@ faffacaʼee fi konkolaattota loltootaa gubaa jiru irra biskileetii isaa dhiibaa jiru.

Chris McGrath/Getty Images

Mootummaan Waaqayyoo Waraana Maal Godha?

Addunyaan waraana gaddaa fi dhiphina hangana hin jedhamneen barbadeeffamuu isaa itti fufeera. Gabaasawwan armaan gadii qalbeeffadhu:

  • “Waggaa darbe, keessumaa waraanota bara 1995 asitti godhaman irratti lakkoofsi namoota waraanaan duʼanii, harka caalaa isaa immoo waraanota Itoophiyaa fi Yuukreen keessatti geggeeffamaniin namoonni hedduun dhumaniiru.”—Dhaabbata Qorannoo Nagaa Oosloo, Waxabajjii 7, 2023.

  • “Waraanni Yuukreen keessatti geggeeffamaa jiru waraanota bara 2022 keessatti caalaatti hammaachaa deeman keessaa tokko qofadha. Walumaa galatti, waggaa darbe yakki siyaasaa addunyaa maratti 27% dabaleera; kanaan kan kaʼes namoonni biliyoona 1.7 akka taʼan tilmaamamu miidhaan irra gaʼeera.”— The Armed Conflict Location & Event Data Project (ACLED), Guraandhala 8, 2023.

Kitaabni Qulqulluun abdii kenna. “Waaqni samii mootummaa matumaa hin balleeffamne tokko ni hundeessa” jedha. (Daaniʼel 2:44) Mootummaa ykn bulchiinsa Waaqayyoo jalatti, Waaqayyo “guutummaa lafaa irraa waraana ni balleessa.”—Faarfannaa 46:9.

Mootummaan Waaqayyoo maalidha?

Barruu “Masaraa Eegumsaa” mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu qabu

Masaraa Eegumsaa mata duree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu qabu akka dubbistu si affeerra. Gaaffiiwwan armaan gadiitiif deebii akka argattu si jajjabeessina:

  • Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu Dha?

  • Mootummaan Waaqayyoo Lafa kan Bulchu Yoomi?

  • Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi