LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 121
  • Eenyutti Amanamuu Dandeenya?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Eenyutti Amanamuu Dandeenya?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Qaama itti amanamuu dandeessu
  • Namoonni Baayʼeen Namoota Siyaasaarratti Amantii Dhabaa Jiru—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Yesuus Hiyyummaa ni Balleessa
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Obboloota Kee Amanuu ni Dandeessa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2022
  • Yesuus Waraana ni Balleessa
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 121
Fakkiiwwan garaa garaa: Namoota amanamoo akka taʼanitti yaadaman: 1. Nama siyaasaa waltajjiirra dhaabbatu. 2. Geggeessaa amantii harka maratee jiru. 3. Saayintistii wanta yaadannoo irratti qabatan baatee jiru.

Bitaa: Olena Yefremkina/stock.adobe.com; gidduu: lunamarina/stock.adobe.com; mirga: Rido/stock.adobe.com

DAMMAQINAAN EEGAA!

Eenyutti Amanamuu Dandeenya?—⁠Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?

Namoonni, warri isaan amanamoo akka taʼanitti yaadan yeroo isaan ganan abdii kutatu. Baayʼeen isaanii namoota armaan gadiitti amanamuu dhiisaniiru:

  • namoota siyaasaa wanta uummataaf barbaachisu utuu hin taʼin fedhii mataa isaanii hordofan.

  • miidiyaalee madaallii isaanii eeganii oduu sirrii hin gabaasne.

  • saayintistoota wanta uummata fayyadu hin hojjenne.

  • geggeessitoota amantii Waaqayyoon bakka buʼuu mannaa siyaasa deggeran.

Namoonni wanta itti amanaman of eeggannaadhaan filachuu qabu. Kitaabni Qulqulluun akkas jechuudhaan akeekkachiisa:

  • “Bulchitootatti, ilmaan namootaa warra fayyina argamsiisuu hin dandeenyettis hin amanaminaa.”—Faarfannaa 146:3.

Qaama itti amanamuu dandeessu

 Kitaabni Qulqulluun Yesuus Kiristoositti amanamuu akka dandeenyu dubbata. Yesuus, nama gaarii jaarraa hedduu dura jiraate qofa miti. Waaqayyo Yesuus ‘Mootii taʼee akka bulchu isa muudeera. Mootummaan isaas dhuma hin qabaatu.’ (Luqaas 1:32, 33) Yesuus Mootii Mootummaa Waaqayyoo isa yeroo ammaatti samii irraa bulchaa jiruuti.—Maatewos 6:10.

  • Yesuusitti amanamuu kan qabdu maaliif akka taʼe beekuuf, mata dureewwan “Mootiin Mootummaa Waaqayyoo Eenyu Dha?” akkasumas “Mootummaan Waaqayyoo Maal Raawwata?” jedhaman dubbisi.

Kitaaba itti amanamuu dandeessu

Kitaabni Qulqulluun waaʼee jireenya Yesuusii fi wantoota kan biroo hedduu ni dubbata. Kitaabni adda taʼe kun odeeffannoowwan barbaachisoo itti amanamuu dandeessu hedduu qabateera. Ofuma keetiin mirkaneeffachuu akka dandeessuuf Kitaaba Qulqulluu bilisaan akka qoʼattu si affeerra. Qoʼannaan kun meeshaalee qoʼannaaf gargaaran kan qabu siʼa taʼu barsiisaan gama kanaan si gargaarus siif ramadama. Barumsawwan barattu keessaa muraasni, Yesuus eenyu akka taʼe, maal akka raawwate, maal raawwachaa akka jiruu fi gara fuulduraatti maal akka raawwatudha.

Barumsa Kitaaba Qulqulluu Keenya Hordofi

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi