panitan/stock.adobe.com
Yesuus Hiyyummaa ni Balleessa
Yesuus yeroo lafa irra turetti, keessumaa warra hiyyeeyyii taʼanii fi dhiphatanitti jaalala guddaa argisiiseera. (Maatewos 9:36) Faayidaa warra kaaniif jecha lubbuu isaa illee aarsaa godheera. (Maatewos 20:28; Yohaannis 15:13) Amma immoo Mootii Mootummaa Waaqayyoo waan taʼeef, dhiheenyatti aangoo fi humna isaatti fayyadamuudhaan guutummaa addunyaa irraa hiyyummaa ni balleessa.
Kitaabni Qulqulluun jechoota babbareedoo taʼanitti fayyadamuudhaan, wantoota Yesuus raawwatu ibseera:
“Inni warra rakkatoo sabicha gidduutti argamaniif haa falmu, ilmaan hiyyeessaa haa oolchu.”—Faarfannaa 72:4.
Wantoota Yesuus kanaan dura raawwatee fi gara fuulduraattis nuu raawwatu hundumaaf dinqisiifannaa akka qabnu argisiisuu kan dandeenyu akkamitti? Karaan tokko waaʼee “Misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo” barachuudhaani; Yesuus Misiraachoo kana labsaa ture. (Luqaas 4:43) Mataduree “Mootummaan Waaqayyoo Maali Dha?” jedhu dubbisi.