Dhaabbilee Amantaarra Maaltu Gaʼa?—Wanta Kitaabni Qulqulluun Dubbatu
Dhaabbilee amantaatti abdii kutatteettaa? Tariimmoo si jibbisiisaniiruu? Dhaabbilee amantaa hawaasa tokko tokkoo fi namoota tokko tokko hamma tokko kan fayyadan taʼus, miidhaa hedduu geessisaniiru. Kitaabni Insaayikilooppiidiyaa of Riliijin endi Waar jedhamu akka dubbatetti, “waraanawwan suukanneessoo seenaa ilmaan namootaa keessatti geggeeffaman tokko tokkoof kaʼumsa kan taʼe garaagarummaa dhaabbileen amantaa qabanidha.” Geggeessitoonni amantaa yeroo baayʼee waaqeffannaadhaaf utuu hin taʼin siyaasa babalʼisuuf amantaatti fayyadamu. Warri kaanimmoo miidhaa saalaa ykn yakka maallaqaa wajjin wal qabatee geggeessitoonni amantaa isaanii raawwatan dhoksuuf yaalu.
Dhaabbilee amantaatti abdii kutatteetta taanaan, ‘Waaqayyo isaaniin ilaalchisee maaltu isatti dhagaʼama laata?’ jettee yaadda taʼa. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo wanta isaan raawwataniin kan kaʼe amantaalee hedduu akka balaaleffatu dubbata. Raajiiwwan tarkaanfii akkamii akka isaanirratti fudhatu ibsanis qabateera. Kitaabni Qulqulluun Waaqayyo dhiheenyatti dhaabbilee amantaa addunyaa maratti argamanirratti tarkaanfii hin eegamne akka fudhatu fakkeenyaan ibsa.
Akka Kitaabni Qulqulluun dubbatutti dhaabbilee amantaarra maaltu gaʼa?
Raajii: Kitaabni Mulʼataa waaʼee sagaagaltuu Baabilon Guddittii jedhamtuu ni dubbata. Sagaagaltuun kun bineensa diimaa tokkorra teessee jirti. Booda garuu, bineensi kun ishiirratti kaʼee ishii ajjeesa.—Mulʼata 17:3, 5, 16.
Hiikasaa: Baabilon Guddittiin ishiin sagaagaltuu taate, dhaabbilee amantaa sobaa hunda, jechuunis dhaabbilee amantaa Waaqayyo jibbu argisiisti.a Bineensi diimaan Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii argisiisa.b Sagaagaltuun sun bineensa diimaarra taaʼuun ishii dhaabbileen amantaa sobaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniirratti dhiibbaa gochuuf, darbees toʼachuuf akka yaalan argisiisa. Bineensi sun sagaagaltuu sana ajjeesuun isaa, Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomanii fi mootummoonni dhaabbata kana deggeran dhaabbilee amantaa sobaa addunyaa maratti argamanirratti akka kaʼanii fi haxaaʼanii akka isaan balleessan argisiisa.
Dhaabbileen amantaa sobaa kan balleeffaman akkamitti?
Raajii: “Gaanfonni kurnan ati argitee fi bineensichi sagaagaltuu sana ni jibbu, ishii ni saamu, . . . akkasumas guutummaatti ibiddaan ishii gubu. Sababiin isaas, Waaqayyo . . . yaada isaa akka raawwataniif, eeyyee, mootummaa isaanii bineensichaaf kennuudhaan yaada tokkicha qaban sana akka raawwataniif, kana garaa isaanii [garaa bulchitoota addunyaa] keessa kaaʼeera. Dhaʼichawwan ishii, jechuunis duuti, gaddii fi beelli guyyaa tokkotti [ishiitti dhufu]; ishiin guutummaatti ibiddaan ni gubamti, sababiin isaas Waaqni keenya Yihowaanc inni ishiitti murteessu jabaa dha.”—Mulʼata 17:16, 17; 18:8.
Hiikasaa: Waaqayyo “yaada isaa” garaa mootummoota addunyaa keessa kaaʼa. “Mootummaa isaanii,” jechuunis aangoo isaanii Dhaabbata Mootummoota Gamtoomaniitiif akka kennan isaan kakaasa. Dhaabbanni Mootummoota Gamtoomaniimmoo, aangoo haaraa mootummoota kanarraa argatutti fayyadamee dhaabbilee amantaa sobaa addunyaa maratti argaman balleessa. Taʼeen kun akkuma waan “guyyaa tokkotti” taʼeetti akkuma tasaa waan raawwatamuuf namoota hedduu naasisa.—Mulʼata 18:21.
Dhaabbileen amantaa sobaa kan balleeffaman maaliifi?
Raajii: “Cubbuun ishii hanga samii bira gaʼutti tuulameera; Waaqayyos gochawwan jalʼinaa ishiin hojjette yaadateera.”—Mulʼata 18:5.
Hiikasaa: Dhaabbileen amantaa sobaa jaarraawwan hedduudhaaf wantoota hamoo raawwataniiru. Cubbuuwwan isaanii Waaqayyo akka isaanitti murteessu taasisan tokko tokko haa ilaallu:
Siyaasa keessa galuu. Yesuus Kiristoos akka isaan siyaasa keessa hin galle, kanaa mannaa, Mootummaa Waaqayyoo isa bulchiinsa samii taʼee fi mootummoota ilmaan namootaa balleessu akka abdatan duuka buutota isaa barsiiseera.d (Daaniʼel 2:44; Maatewos 6:9, 10; Yohaannis 6:15; 18:36) Dhaabbileen amantaa sobaa garuu Waaqayyoof amanamoo taʼuu mannaa, siyaasarratti hirmaannaa cimaa godhu; raajiin kitaaba Mulʼataa keessatti argamu Baabilon Guddittiin “halalummaa” akka raawwattu kan dubbatu kanaafi; “sagaagaltuu guddittii” jedhamuun ishiis sirriidha.—Mulʼata 17:1, 2; Yaaqoob 4:4.
Yakka raawwachuu. Dhaabbileen amantaa sobaa duʼa ‘warra lafa irratti gorraʼaman hundumaatiif’ itti gaafatamu. (Mulʼata 18:24) Baayʼeen isaanii miseensonni isaanii naga qabeeyyii akka taʼan barsiisuu mannaa, ofii isaaniitii waraanaa fi shororkeessitummaa deggeru, darbees akka irratti hirmaatan namoota kakaasu.
Sassatuu. Dhaabbileen amantaa sobaa “qaanii malee jireenya qananii” jiraatu. (Mulʼata 17:4; 18:7) Baayʼeen isaanii aangoo isaaniittii fi hariiroo warra kaanii wajjin qabanitti fayyadamanii qabeenya hedduu walitti qabatu. Waaqayyo sassata akkasiitti baayʼee gadda.—Tiitoo 1:7.
Sobuu. Dhaabbileen amantaa sobaa barumsawwanii fi gochawwan dhugaa Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu wajjin wal faallessan babalʼisu.e Dhaabbileen kun madda barumsawwanii fi gochawwan namoota dogoggorsanii fi Waaqayyoon salphisan hedduu waan taʼaniif, raajiin Kitaaba Qulqulluu “haadha . . . wantoota balfamoo lafa irraa” jedhee isaan waama.—Mulʼata 17:5; 18:23.
Dhaabbilee amantaa hundatu balleeffamaa?
Lakki. Kitaabni Mulʼataa waaʼee garee namootaa addunyaa maratti argamanii fi ‘tuuta uummataa guddaa’ jedhamanii ni dubbata. (Mulʼata 7:9) Tuutni uummataa guddaan kun “uffata aʼadii uffataniiru.” Kunimmoo amanamummaadhaan akka ulaagaa isaatti Waaqayyoon akka tajaajilan argisiisa. Namoonni kun “rakkina guddaa” isa amantaan sobaa fi diinonni Waaqayyoo hundi itti balleeffamanirraa ni oolu. (Mulʼata 7:13, 14; 19:11, 19-21) Tuutni uummataa guddaan uffata aʼadii uffatan namoota amantaa dhugaa deggeranidha; amantaan dhugaanimmoo barabaraaf jiraata.f
Tuutni uummataa guddaan Yihowaa waaqeffatan badiisa amantaa sobaarraa ni oolu.
Dhaabbileen amantaa sobaa balleeffamuun isaanii faayidaa akkamii siif argamsiisa?
Waaqayyoo wanta hamaa dhaabbileen amantaa sobaa raawwatan akka jibbu beekuun kee nagaa sammuu siif argamsiisa. Dhaabbileen amantaa Waaqayyoof ulfina hin kenninee fi namootatti rakkina fidan hundi akka badan beekuun kee yeroo gara fuulduraa abdiidhaan akka eeggattu si gargaara.
Karaa isa gammachiisuun Waaqayyoon waaqeffachuu akka dandeessus mirkanaaʼaa taʼuu dandeessa. Kitaabni Qulqulluun, ‘Waaqeffattoonni dhugaan hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatu; sababiin isaas, Abbaan namoonni akkanaa akka isa waaqeffatan barbaada’ jedha. (Yoh. 4:23) Waaqayyo akkana jedheera: “Yaa saba koo, cubbuu ishii irratti akka hin hirmaannee fi dhaʼichi ishiitti dhufu akka isin irra hin geenyeef ishii [Baabilon Guddittii] keessaa baʼaa.” (Mulʼata 18:4, 5) Eeyyee, Waaqayyo namoonni dhugaadhaan akka isa waaqeffatan affeeraa jira. (1 Ximotewos 2:3, 4) Inni namoonni affeerrii isaa kana fudhatan bara baraaf akka jiraatan waadaa galeera.—1 Yohaannis 2:17.
a Qabxiilee arfan Baabilon Guddittii adda baafachuuf nu gargaaran beekuuf mata duree, “Baabilon Guddittiin Eenyu?” jedhu dubbisi.
b Qabxiilee jaʼan bineensicha adda baafachuuf nu gargaaran beekuuf mata duree, “Bineensi Diimaan Mulʼata Boqonnaa 17 Irratti Ibsame Maali Dha?” jedhu dubbisi.
c Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.
d Caalaatti beekuuf, viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhamu ilaali.
e Fakkeenyaaf, saanduqa “Dhaabbileen Amantaa Kiristiyaana Ofiin Jedhan Hundi Kutaa Baabilon Guddittiitii?” jedhu ilaali.
f Kitaabni Qulqulluun, amantaa dhugaa adda baachuuf kan si gargaaru akkamitti akka taʼe beekuuf mata duree, “Amantii Dhugaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?” jedhu dubbisi.