LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • mrt mataduree 127
  • Ergaan Dubbii Waaqayyoo Keessa Jiru, Baqattootaaf Abdii Kenna!

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Ergaan Dubbii Waaqayyoo Keessa Jiru, Baqattootaaf Abdii Kenna!
  • Mata Dureewwan Dabalataa
  • Matadureewwan Xixiqqaa
  • Matadureewwan Yaada Walfakkaataa Qaban
  • Jajjabina Kitaaba Qulqulluurraa Argamu
  • Kitaabni Qulqulluun abdii akka qabaattu si gargaara
  • Ogummaa Dubbii Waaqayyoorraa Argamu
  • Namoota Hedduu Yuukreenii Baqachaa Jiran Irra Rakkinni Cimaan Gaʼaa Jira
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Warri “Galaa Biyya Ormaa” Taʼan ‘Waaqayyoof Gammachuudhaan Akka Hojjetan’ Gargaaraa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2017
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Kitaaba Qulqulluu Qoʼachuudhaan Fayyadami
  • Kitaabni Qulqulluun Abdii Kenna
    Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu!—Beeksisa Qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu
Dabalataan Ilaaluuf
Mata Dureewwan Dabalataa
mrt mataduree 127
Baqattoonni lama miʼa isaanii shaanxaatti qabatanii kaampii baqattootaa keessa taaʼaa jiru. Dunkaana isaanitti dhihoo jiruu fi baqattoota ilaalaa jiru.

Imagination World/stock.adobe.com

Ergaan Dubbii Waaqayyoo Keessa Jiru, Baqattootaaf Abdii Kenna!

Mataduree Kana Buufattee Maxxanfachuu Dandeessa

Waggaa waggaadhaan namoonni miliyoonaan lakkaaʼaman qeʼee isaanii dhiisanii baqachuuf dirqamu. Atoo rakkinni akkasii si mudachaa jiraa? Taanaan qaamni si gargaaru tokko akka jiru hubadhu. Waaqayyo jireenya hundarra wayyu siif kennuuf waadaa galeera; waaʼee kanaa Kitaaba Qulqulluurraa barachuu ni dandeessa.

Koomishinara Gamtaa Awurooppaaa kan taʼan Kiristoos Istiliyaandees, “Namoonni baqattoota taʼanii fi qeʼee isaaniirraa buqqaʼan kan barbaadan gargaarsa hatattamaa qofa miti; kanaa manaa . . . abdiinis isaan barbaachisa”b jedhaniiru. Namoonni abdii qaban waaʼee gara fuulduraa ilaalcha gaarii qabu. Baqattoonni abdii qabaachuu malees, wanta isaan mudateen kan kaʼe dhiphina isaanitti dhagaʼamu dandamachuuf jajjabinni isaan barbaachisa.

“Yeroon biyyaa koo fi maatii koo dhiisee baqadhe, kophummaa cimaan natti dhagaʼamee ture. Baayʼee sodaadhee, gaddee fi dhiphadheen ture.”—Imaanuʼeel, Heeyitii.

Atoo akka Imaanuʼel sitti dhagaʼamaa? Biyya keetii baqattee jirta taanaa jajjabinnii fi abdiin si barbaachisa. Maarree Kitaabni Qulqulluun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti?

Jajjabina Kitaaba Qulqulluurraa Argamu

Fakkii nama Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan jajjabina argachaa jiru mulʼisu.

Kitaabni Qulqulluun Akkana Jedha: “Yihowaanc . . . nama biyya ormaa ni jaallata.”—Keessa Deebii 10:17, 18.

Kanaafuu kophaa kee miti jechuudha. Yihowaan, inni Kitaaba Qulqulluu barreessisiise haala kee ni hubata, si jaallata, akkasumas nageenya keetiif ni yaada.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Yihowaan warra isa waammatan hundumaatti, . . . dhihoo dha.”—Faarfannaa 145:18.

Kanaafuu yeroo kadhannaa dhiheessitu Yihowaan si dhagaʼa jechuudha. Nagaa akka argattu si gargaara. Kana malees, Dubbiisaatti fayyadamee ogummaa haala keessa jirtu dandamachuuf si gargaaru siif kenna.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: ‘Waaqni dhugaan jalʼina raawwata jedhanii yaaduun wanta hin fakkaanne dha! Inni Hundumaa Dandaʼu haqa hin jalʼisu.’—Iyyoob 34:10, 12.

Kanaafuu rakkina sirraan gaʼaa kan jiru Waaqayyo miti jechuudha. Rakkina sirraan gaʼuudhaan si adabaa ykn si qoraa hin jiru.

Kitaabni Qulqulluun abdii akka qabaattu si gargaara

Fakkii nama wanta Kitaaba Qulqulluu irraa dubbiserratti xiinxalaa jiru mulʼisu.

Kitaabni Qulqulluun wanta Waaqayyo gara fuulduratti nuuf godhu ni dubbata. Abdiin kun namoota qeʼee isaanii dhiisanii baqatan akkamitti gargaaraa akka jiru mee haa ilaallu.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “[Waaqayyo] imimmaan hundumaa ija isaanii irraa ni haqa; duutis kana booda hin jiraatu.”—Mulʼata 21:4.

Kanaafuu rakkinarraa ni furamna jechuudha. Waaqayyo rakkinoota abdii akka kutannu nu taasisan hundumaa balleessuuf waadaa galeera.

“Waaqayyo jalʼina haqaa fi wanta hamaa naannoo keenyatti raawwatamu yeroo dhihootti ni balleessa. Abdiin kun yeroo rakkinni hundi balleeffamu irratti akkan xiyyeeffadhu na gargaareera.”—Kaarlaa, Eel Saalvaador.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wantoonni duraanii hin yaadataman, garaa keessas hin taaʼan.”—Isaayyaas 65:17.

Kanaafuu yaadawwan nu dhiphisanirraa bilisa taana jechuudha. Waaqayyo yeroo hundumaa wantoota gadhee si mudatan yaadachuudhaan akka hin dhiphanne si gargaara.

“Akka Kitaabni Qulqulluun jedhutti gara fuulduraatti haala gaddisiisaa yeroo ammaatti nu mudatee fi wanta yeroo ammaatti dhabne yaadannee hin dhiphannu. Abdiin kun haala na mudate akkan dandamadhu na gargaaraa jira; sababiin isaas wanti hundi dhiheenyatti akka jijjiiramu beeka.”—Naataaliyaa, Yuukreen.

Kitaabni Qulqulluun Akkana Jedha: ‘Waaqni samii mootummaa tokko ni hundeessa. Mootummaan kun mootummoota hundumaa caccabsee ni balleessa.’—Daaniʼel 2:44.

Kanaafuu mootummaan mudaa hin qabne tokko samiirraa lafa bulcha jechuudha. Waaqayyo dhiheenyatti mootummoota namootaa hunda, mootummaasaa isa samiitiin bakka buusa. Mootummaan kun namni hundi nagaa, haqaa fi badhaadhina akka argatu godha.—Miikiyaas 4:3, 4.

“Rakkoowwan akka hacuuccaa, loogii, wal shakkuu fi sanyummaa jiran yeroo muraasaa booda akka badan beekuun koo na jajjabeessa. Mootummaan Yihowaa rakkinoota kana hunda dhiheenyatti balleessa.”—Musxafaa, Giddu Gala Bahaa.

Hiriyoota gaaʼelaa kaampii baqattootaa keessatti dunkaana isaanii keessa taʼanii waliin Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jiran.

Abdii Kitaabni Qulqulluun qabaterraa jajjabina argadhu

Ogummaa Dubbii Waaqayyoorraa Argamu

Fakkii nama utuu Kitaaba Qulqulluu dubbisaa jiru yaada tokkorratti yaadaa jiru argisiisu.

Ogummaan Kitaaba Qulqulluu keessa jiru rakkina si mudate dandeessee jiraachuuf yeroo carraaqxu si gargaara. Kana malees, qabeenya kee akka dhabde amantee fudhachuudhaan, jireenya kee isa haaraatti akka bartu si gargaara. Mee qajeelfamoonni armaan gadii baqattoota akkamitti akka fayyadan ilaali:

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Namni tokko qabeenya hedduu yoo qabaate illee jireenyi isaa wantoota inni qabu irratti kan hundaaʼe [miti].”—Luqaas 12:15.

Yaadni kun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Baayʼee akka naatee fi wanta dhabdeen kan kaʼe baayʼee akka gaddite hin shakkisiisu. Haa taʼu malee, takka dhaabattee wanti iddoo guddaa qabu jireenya kee akka taʼe yoo xiinxalte, wanta dhabdeen kan kaʼe garmalee hin gadditu.

“Jireenyi qabeenya caalaa iddoo guddaa qaba. Haala tokko tokko keessatti qabeenyi ykn maallaqni si gargaaruu hin dandaʼu.”—Naataaliyaa, Yuukreen.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “‘Guyyoonni duraanii warra ammaa irra kan wayyan maaliifi?’ hin jedhin.”—Lallaba 7:10.

Yaadni kun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Haalli amma keessa jirtu baayʼee ulfaataa taʼuu dandaʼa; haa taʼu malee, jireenya kee isa ammaa isa duraanii wajjin wal bira qabuu dhiisuun kee garmalee akka hin gaddine si gargaara.

“Haalan amma keessa jiru amanee fudhachuun koo, ilaalcha gaarii qabaadhee akkan itti fufu na dandeessiseera.”—Eelii, Ruwaandaa.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Nyaataa fi uffata yoo qabaanne wantoota kanatti gammannee jiraachuu qabna.”—1 Ximotewos 6:8.

Yaadni kun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Wantoota jireenyaaf barbaachisoo taʼaniin gammadii jiraadhu. Wantoota jireenyaaf barbaachisan argachuu keetti gammaddee kan jiraattu yoo taʼe, badaa hin dhiphattu, kunimmoo tasgabbaaʼuuf si gargaaruu dandaʼa.

“Kitaabni Qulqulluun ilaalcha koo akkan jijjiiru na gargaareera; amma wanta dhabne irratti hin xiinxalu. Anii fi haati manaa koo lubbuudhaan ooluu fi bakka nagaa qabu jiraachuu keenyatti baayʼee gammadna.”—Ivaan, Yuukreen.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Wanta namoonni akka isiniif godhan barbaaddan hundumaa isinis isaaniif godhaa.”—Maatewos 7:12.

Yaadni kun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Obsa qabaachuu fi gaarummaa argisiisuuf wanta siif dandaʼame hunda yoo goote caalaatti namootaa wajjin walii galuu dandeessa. Akkas gochuun kee namoonni akka si hin jibbine godha, hawaasichatti makamuufis si gargaara.

“Namoonni hedduun yeroo isaan kabajju, akkasumas gaarummaa fi jaalala isaanitti argisiistu ni gammadu. Kunimmoo namoota naannichaa wajjin hariiroo gaarii akka qabaattu si gargaara.”—Angiloo, Sirii Laankaa.

Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Iyyannoon keessan Waaqayyo biratti akka beekamu godhaa . . . nagaan Waaqayyoo . . . garaa keessanii fi yaada keessan ni eega.”—Filiphisiyus 4:6, 7.

Yaadni kun si gargaaruu kan dandaʼu akkamitti? Miira sitti dhagaʼamu, wanta si barbaachisu, sodaa fi yaaddoo kee kadhannaadhaan Waaqayyootti himi. Kadhannaan akkasii yaaddoo kee siif hirʼisa, akkasumas haalli si mudate garmalee akka si hin dhiphisne si gargaara.

“Yeroo rakkinni na mudatu hundatti Waaqayyoon nan kadhadha, innis deebii naaf kenna. Wantin Kitaaba Qulqulluu irraa baradhe nagaa sammuu naaf kenneera.”—Yool, Sudaan Kibbaa.

“Gorsi gaariin Kitaaba Qulqulluu keessatti argamu nagaa sammuu naa kenna; kunimmoo haala rakkisaa na mudate dandamachuuf na gargaara.”—Vaalentiinaa, Yuukreen.

“Yihowaan gara fuulduraatti jireenya hundarra wayyu naa kennuuf waadaa akka gale beekuun koo na jajjabeessa.”—Imaanuʼel, Heeyitii

Kitaabni Qulqulluun yaada nama jajjabeessuu fi abdii namatti horu qabateera. Yaadni inni qabate kun amansiisaadha; waaʼee kanaa caalaatti barachuu ni barbaaddaa? Dhugaa Baatuun Yihowaa tokko akka si haasofsiisu gaafachuu dandeessa. Isaan dhufanii si gargaaruu ni barbaadu.

Baqattoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsaman

Kitaabni Qulqulluun seenaa namoota qeʼee isaaniitii baqatanii qabateera. Seenaawwan kun Yihowaan namoota kana kan gargaare akkamitti akka taʼe ni ibsu.

  • Bara duriitti sabni Waaqayyoo nama biyya ormaa taʼanii Gibxii keessa jiraataniiru; yeroo kanatti miidhaan isaanirra gaʼeera. Haa taʼu malee, Waaqayyo rakkina isaanii kana ilaaluudhaan akka isaan keessaa baʼan isaan gargaareera. (Baʼuu 1:13, 14; 2:23-25) Sana boodas hanga isaan biyyaa isaanii isa haaraa gaʼanitti wanta isaan barbaachisu isaaniif kenneera. (Faarfannaa 105:40, 41) Boodas kunuunsa isaaniif godhe isaan yaadachiisuudhaan nama biyya ormaaf kunuunsa akkamii gochuu akka qaban isaanitti himeera.—Baʼuu 23:9.

  • Akkuma kitaaba Ruut keessatti ibsame Naaʼomii fi Maatiin ishii sababa beelaatiin biyyaa isaaniitii baqatanii turan. Achiis, abbaan manaa Naaʼomii fi ilmaan ishii lamaan yeroo duʼanitti Waaqayyo haati manaa ilma ishii gama qaamaa fi miiraatiin Naaʼomiif gargaarsa akka gootu taasiseera.—Ruut 1:1-5, 15, 16, 20, 21; 2:11.

  • Yeroo Yesuus daaʼima turetti haatisaa fi abbaansaa jeequmsa naannoo isaanitti uumame jalaa miliquuf Gibxiitti baqatanii turan. Waaqayyo rakkinicha jalaa akka miliqan isaan gargaareera. Kana malees, yeroo rakkisaa fi amansiisaa hin taane sanatti isaanii wajjin taʼeera.—Maatewos 2:13-16.

Dhugaadha yeroo harʼaatti namoonni Waaqayyoon jaallatanii fi kabajanillee dinqiidhaan nu gargaara jedhanii hin yaadan. Taʼus, Waaqayyo isaan jajjabeessa, akkasumas ogummaa rakkina isaan mudate dandamachuuf isaan gargaaruu fi abdii isaanii kenna.

Matadureen kun buufachuu, duraa fi duubaan maxxansuu fi dachaasanii itti fayyadamuuf akka taʼutti kan qophaaʼedha.

Buufadhu

a Waajjirri Baqattootaa Dhaabbata Mootummoota Gamtoomanii akka jedhetti, baqattoota kan jedhaman warra biyyaa isaanii keessatti qeʼee isaaniirra buqqaʼanii fi namoota biyya biraatti baqachuuf dirqamanidha.

b Gamtaa Awurooppaatti Koomishinarii Gargaarsa Namoomaa fi Rakkina Toʼachuu.

c Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mataduree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi