Jeequmsa Siyaasaa Raajiin Kitaaba Qulqulluu Akka Raawwatamu Godhu
Yeroo harʼaatti namoonni siyaasaan garmalee wal qoqqoodaniiru. Seerota jireenya isaaniirratti dhiibbaa geessisanirratti wal falmu, akkasumas ilaalcha dhimmoota akkasiirratti qaban miira cimaa taʼeen ibsu. Waajjiroota mootummaa keessatti namoonni seera tumanii fi abbootiin taayitaa kaan yeroo baayʼee walii hin galan, yaada warra kaaniis hin fudhatan. Garaa garummaan akkasii jeequmsi siyaasaa mootummaan hojiisaa akka hin hojjenne gufuu isatti taʼu akka uumamu gochuu dandaʼa.
Haa taʼu malee, jeequmsi siyaasaa keessumaa Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaa (Yuunaayitid Kiingidam jedhamtees ni waamamti) keessatti uumamu bakka guddaa qaba. Maaliif? Sababiin isaan, Kitaabni Qulqulluun saboota lamaan kana keessatti jeequmsi akka uumamuu fi yeroo kanatti Mootummaan Waaqayyo haala lafarra jiru guutummaatti akka jijjiiru raajii dubbata.
Jeequmsa siyaasaa “guyyoota dhumaatti” uumamu
Kitaabni Qulqulluun raajii dinqisiisaa qabateera; raajiin kun kitaaba Daaniʼel keessatti argama. Raajii kana keessatti, Waaqayyo “wanta guyyoota dhumaatti raawwatamu” ibseera; yeroon kun yeroo gara fuulduraa seenaa ilmaan namootaa keessatti murteessaa taʼedha.—Daaniʼel 2:28.
Raajiin Kitaaba Qulqulluu kun abjuu Waaqayyo mootii Baabilonitti argisiise keessatti ibsame. Abjuu sana keessatti, mootichi siidaa guddaa sibiilota garaagaraa irraa hojjetame argeera. Yeroo booda, Daaniʼel raajichi siidaan sun mataatii hamma miillaatti mootummoota addunyaa seenaa ilmaan namootaa keessatti kaʼanii fi kufan akka argisiisu ibseera.a Oolee bulee, siidaan kun dhagaa Mootummaa ykn bulchiinsa Waaqayyoon hundeeffame argisiisuun yommuu rukutamu guutummaa guutuutti ni bada.—Daaniʼel 2:36-45.
Raajiin kun akka argisiisutti, Mootummaan Waaqayyoo bulchiinsota ilmaan namootaa hunda bakka buʼa. Mootummaan kun Mootummaa Yesuus duuka buutonni isaa, “Mootummaan kee haa dhufu” jedhanii akka kadhatan barsiise sanadha.—Maatewos 6:10.
Haa taʼu malee, raajiin Kitaaba Qulqulluu jeequmsi siyaasaa akka uumamu ibsu isa kami? Miilli siidaa sanaa “walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa kan tolfame” akka taʼe hubadhu. (Daaniʼel 2:33) Kutaan siidichaa kun sibiilota adda addaa irraa kan hojjetame waan taʼeef kutaawwan siidichaa kaanirraa addadha; kunis mootummaan addunyaa warra kaanirraa adda taʼe tokko akka jiraatu argisiisa. Akkamitti? Raajiin Daaniʼel akkana jechuudhaan ibsa:
Raajiin sun akka jedhutti, mootummaan addunyaa miilla siidichaatti fakkeeffame jeequmsi siyaasaa isa mudata. Namoonni mootummaa kana jalatti bulan wanta mootummaa sana dadhabsiisu ni raawwatu.
Raajiin Daaniʼel bara keenyatti raawwatameera
Miilli siidaa sanaa bulchiinsa addunyaa humna guddaa qabuu fi yeroo ammaa jiru, jechuunis waltaʼiinsa Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan uuman argisiisa. Taʼeewwan addunyaa yeroo ammaatti raawwatamaa jiran kana kan argisiisan akkamitti?
Miilli siidichaa “walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa kan tolfame” yommuu taʼu, makaan wantoota kanaammoo miilli sun dadhabaa akka taʼu godhu. (Daaniʼel 2:42) Yeroo harʼaatti, humni Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaa wal qoqqoodiinsa sabootasaanii gidduu jiruun laafeera. Fakkeenyaaf, biyyoota lamaanuu keessatti lammiileesaanii gidduu walitti buʼiinsi uumamaa jira. Namoonni mirga isaaniitiif falmuuf hiriira mormii cimaa taʼe geggeessu. Abbootiin taayitaa isaan filatan yeroo baayʼee dhimmoota garaa garaa irratti walii hin galan. Sabootasaanii gidduu wal qoqqoodinsi cimaan waan jiruuf, mootummoonni lamaanuu yeroo tokko tokko karoora baafatan karaa buʼa qabeessa taʼeen hojii irra oolchuu hin dandaʼan.
Bulchiinsa mootummootaa Daaniʼel boqonnaa 2 irratti raajiidhaan dubbataman
Mee amma raajii Daaniʼel tokko tokko gad fageenyaan qoruudhaan yeroo ammaatti raawwatamaa kan jiru akkamitti akka taʼe haa ilaallu:
Raajii: “[Mootummichi] ni qoqqoodama; haa taʼu malee, . . . inni hamma tokko jabina sibiilaa ni qabaata.”—Daaniʼel 2:41.
Hiika isaa: Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan bulchiinsa isaanii keessa wal qoqqoodiinsi jiraatus, lamaan isaaniiyyuu humna waraanaa cimaa qabu. Kanaan kan kaʼes, jabina akka sibiilaa waan qabaniif wanta guutummaa addunyaarratti dhiibbaa godhu raawwachuu dandaʼu.
Raawwii isaa
Bara 2023tti, baasiin Yuunaayitid Isteetisii fi Yuunaayitid Kiingidam dhimmoota loltootaa wajjin wal qabateef waliin taʼanii baasan, baasii biyyoonni isaanitti aananii galmeeffaman 12n baasanirra ni caala.—Stockholm International Peace Research Institute.
“Hariiroon Yuunaayitid Kiingidamii fi Yuunaayitid Isteetis biyyoota isaaniitiif eegumsa gochuuf uuman . . . hariiroo biyyoota lama gidduu jiraatu kamirrayyuu kan cimu, akkasumas teknoolojii fi yaada ammayyaaʼaa taʼerratti kan hundaaʼedha. . . . Waliin hojjenna, wal deggerra, waliin lolla.”—Strategic Command, U.K. Ministry of Defence, Ebla 2024.
Raajii: “Akkuma qubni miilaa sun walakkaan isaa sibiila irraa, walakkaan isaa immoo suphee irraa tolfametti, mootummichis walakkaan isaa jabaa, walakkaan isaa immoo dadhabaa ni taʼa.”—Daaniʼel 2:42.
Hiika isaa: Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaan humna waraanaa cimaa qabaatanis akkaataa mootummaan dimookraasii ittiin geggeeffaman hojjetuun kan kaʼe wanta barbaadan hunda raawwachuu hin dandaʼan. Mootummoonni kun deggersa harka caalu argachuu baannaan wanta karoorfatan galmaan gaʼuun isaan rakkisuu dandaʼa.
Raawwii isaa
“Hayyoonni siyaasaa tokko tokko wal qoqqoodinsi mootummaa Ameerikaa keessa jiru Yuunaayitid Isteetis wantoota biyyoota kaan gargaara jettee yaaddu, fakkeenyaaf, dhimmoota nyageenyaa fi diinagdee ilaalchisee wanta yaadde raawwachuun rakkisaa akka ishiitti taʼu akka godhu dubbatu.”—“The Wall Street Journal.”
“Haalli siyaasaa rakkisaa hedduun Biritaaniyaa keessa jiru yaada namoota siyaasaa hihireera; kanaan kan kaʼe hojjettoonni mootummaa tajaajila hawaasummaab barbaachisaa taʼe lammiileef kennuu hin dandeenye.”—Institute for Government.
Raajii: “Isaanis [mootummoota] namootatti ni makamu; haa taʼu malee, akkuma sibiilli supheetti hin maxxanne, isaanis walitti hin maxxanan.”—Daaniʼel 2:43.
Hiika isaa: Mootummaa dimokiraatawaa taʼe keessatti namoonni siyaasa keessatti hin hirmaanne wantoota mootummaan raawwatu tokko tokko toʼachuuf mirga qabaatanis buʼaa nama gammachiisu hin argamsiisu.
Raawwii isaa
“Yeroo harʼaatti lammiilee Ameerikaa hedduun siyaasaa fi namoota siyaasaatiif ilaalcha sirrii hin qaban.”—Pew Research Center.
“Waggoota shantamaa asitti namoonni Biritaaniyaa mootummaa fi namoota siyaasaarratti isa yeroo kamiiyyuu caalaa amantaa hin qaban.”—“National Centre for Social Research.”
Raajii Daaniʼel gara fuulduraa ilaalchisee dubbate
Raajiin Daaniʼel akka dubbatetti Mootummaan Waaqayyoo mootummoota ilmaan namootaa hunda yommuu balleessutti waltaʼiinsi Yuunaayitid Isteetis fi Biritaaniyaa addunyaarratti humna guddaa kan qabudha.—Daaniʼel 2:44.
Haaluma kanaa wajjin wal fakkaatuun kitaabni Raajii Mulʼata, ‘mootonni guutummaa lafaa’ waraana Armaagedoon jechuunis “waraana isa guyyaa guddaa Waaqa Hundumaa Dandaʼuutti” Yihowaac loluuf walitti akka qabaman dubbata. (Mulʼata 16:14, 16; 19:19-21) Yihowaan waraana kanarratti mootummoota ilmaan namootaa hunda ni balleessa; sana booda mootummoota addunyaa aangoo guddaa qaban ilaalchisee siidaa Raajii Daaniʼel irratti ibsame keessaa wanti hafu tokkollee hin jiraatu.
Caalaatti beekuuf, mata duree, “Waraanni Armaagedoon Maali dha?” jedhu ilaali.
Jeequmsa siyaasaa ilaalchisee faayidaa Raajiin Daaniʼel qabu
Kitaabni Qulqulluun jeequmsa siyaasaa yeroo harʼaatti Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaa keessa jiru ilaalchisee raajii kan dubbatu yommuu taʼu waaʼee kanaa baruun wantoota yeroo harʼaatti raawwatamaa jiran kallattii garabiraatiin ilaaluuf si gargaara.
Yesuus duuka buutonni isaa siyaasa addunyaarraa walaba akka taʼan kan barbaade maaliif akka taʼe hubachuu dandeessa. (Yohaannis 17:16) Kana malees Yesuus inni bulchaa Mootummaa Waaqayyo taʼe: “Mootummaan koo addunyaa kana irraa miti” kan jedhe maaliif akka taʼe hubatta.—Yohaannis 18:36.
Mootummaan Waaqayyoo dhiheenyatti tarkaanfii akka fudhatu akkasumas waadaawwan inni ilmaan namootaatiif gale bulchiinsa isaa keessatti akka raawwatamu beekuun si jajjabeessa.—Mulʼata 21:3, 4.
Gara fuulduraatti rakkoowwan mootummoota gidduu jiran addunyaa ni balleessa jettee akka hin yaaddofne mirkanaaʼaa taata.—Faarfannaa 37:11, 29.
Raajiin Daaniʼel waltaʼiinsi Yuunaayitid Isteetisii fi Biritaaniyaa inni miilla siidichaatti fakkeeffame bulchiinsa mootummaa ilmaan namootaa addunyaa humna guddaa qabu isa xumuraa akka taʼe ibsa. Bulchiinsi ilmaan namootaa erga badee booda Mootummaan Waaqayyoo inni mudaa hin qabne bakka buʼa.
Wanta Mootummaan Waaqayyoo ilmaan namootaatiif raawwatu caalaatti beekuuf, viidiyoo Mootummaan Waaqayyoo Maali dha? jedhu ilaali.
a Saanduqa “Mootummoonni Addunyaa Daaniʼel Raajiidhaan Dubbate Kamidha?” jedhu ilaali.
b Tajaajilli hawaasummaa, “tajaajila mootummaan sabootasaaf kennudha.”—Merriam-Webster’s Unabridged Dictionary.
c Yihowaan maqaa Waaqayyo qofti ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree, “Yihowaan Eenyu?” jedhu ilaali.