LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbq mataduree 26
  • Yoon Kadhadhe Waaqayyo Na Gargaaraa?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yoon Kadhadhe Waaqayyo Na Gargaaraa?
  • Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Deebii Kitaaba Qulqulluu
  • Yihowaan Nu Dhagaʼaa?
    Waaqayyoon Dhaggeeffadhu Barabaraafis Jiraadhu
  • Waaqayyo Kadhannaa Keenya Ni Dhagaʼaa?
    The Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Sabaa)—2021
  • Kadhannaadhaan Waaqayyotti Dhihaachuu
    Waaqayyo Nurraa Maal Barbaadaa?
  • Mirga Kadhannaa
    Kitaabni Qulqulluun Maal Nu Barsiisa?
Dabalataan Ilaaluuf
Deebii Gaaffii Kitaaba Qulqulluu
ijwbq mataduree 26

Yoon Kadhadhe Waaqayyo Na Gargaaraa?

Deebii Kitaaba Qulqulluu

Eeyyee. Waaqayyo namoota wanta fedha isaa wajjin wal simu garaadhaa kadhatan ni gargaara. Kanaan dura kadhattee hin beektu yoo taʼe illee, fakkeenyi namoota Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamanii fi ‘Yaa Waaqayyo na gargaari’ jechuudhaan kadhatanii si jajjabeessuu dandaʼa. Fakkeenyaaf:

  • “Yaa Waaqayyo gooftaa ko, ana gargaari, akka gaarummaa keetti ana oolchi!”—Faarfannaa 109:26.

  • “Yaa Waaqayyo na dhaga’i, araaras anatti argisiisi! Yaa Waaqayyo, ati gargaaraa koo anaaf ta’i!”—Faarfannaa 30:10.

Barreessitoonni kun Waaqayyo irratti amantii cimaa akka qaban beekamaa dha. Haa taʼu malee, Waaqayyo warra ilaalcha sirrii qabaatanii isa kadhatanis, fakkeenyaaf warra “garaan isaanii cabe” ykn “yaadni isaanii caccabee bullaaʼe” ni dhagaʼa.—Faarfannaa 34:18.

Waaqayyo kan jiru fagoo waan taʼeef waaʼeen rakkina koo isa hin yaaddessu jettee sodaachuu hin qabdu. Kitaabni Qulqulluun akkana jedha: “Waaqayyo akkas ol kaʼee utuma jiruu, warra gad deebiʼan in ilaala; warra of gurguddisan garuu inni fagootti in beeka.” (Faarfannaa 138:6) Yesuus iyyuu yeroo tokko barattoota isaatiin, “Isin garuu rifeensi mataa keessanii tokko illee utuu hin hafin lakkaaʼameera” jedhee ture. (Maatewos 10:30) Waaqayyo waaʼee kee isa ati beektu caalaa beeka. Erga akkas taʼee, yeroo dhiphattutti gargaarsa isaa barbaaddee yoo isa kadhatte immoo si hin dhagaʼuu ree!—1 Pheexiros 5:7.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi