LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwfq mataduree 46
  • Addunyaarra Dhugaa Baatota Yihowaa Meeqatu Jira?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Addunyaarra Dhugaa Baatota Yihowaa Meeqatu Jira?
  • Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa akkamitti lakkooftu?
  • Namni tokko akka Dhugaa Baatuu tokkootti lakkaaʼamuuf qarshii kennuu qabaa?
  • Namoonni hammamii hojii lallabaarratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran akkamitti beektu?
  • Namoota hojii lallabaarratti hin hirmaanne ni lakkooftuu?
  • Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa Mootummaan ibsu, isa isin ibsitan kan caalu maaliifi?
  • Dimshaasha 2024
    Gabaasa Waggaa Tajaajilaa Dhugaa Baatota Yihowaa Addunyaa Maraa 2024
  • Gaaffii Dubbistootaa
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2011
  • Bara 2024tti Abdii Qabaachuu—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
  • Dhiheenyatti Waraanni Addunyaa ni Geggeeffamaa Laata?—Kitaabni Qulqulluun Maal Jedha?
    Mata Dureewwan Dabalataa
Dabalataan Ilaaluuf
Dhugaa Baatota Yihowaa Ilaalchisee Gaaffiiwwan Yeroo Baayʼee Gaafataman
ijwfq mataduree 46
Dhugaa Baatuun tokko dubartii tokkoof yommuu lallabdu

Addunyaarra Dhugaa Baatota Yihowaa Meeqatu Jira?

Gabaasa 2024

Lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa addunyaa maratti argamanii

9,043,460

Gumiiwwan

118,767

Biyyoota Dhugaa Baatonni Yihowaa keessatti lallaban

240

2024 Dimshaasha

2024 Gabaasa Biyyootaa fi Naannoowwanii

Lakkoofsa Dhugaa Baatota Yihowaa akkamitti lakkooftu?

Akka Dhugaa Baatota Yihowaatti kan lakkoofnu warra jiʼa jiʼaan hojii misiraachoo Mootummaa Waaqayyoo lallabuurratti hirmaatan qofadha. (Maatewos 24:14) Kun Dhugaa Baatota cuuphamanii fi cuuphamuu baatanis hojii lallabaarratti hirmaachuuf ulaagaa isaa guutan kan dabalatudha.

Namni tokko akka Dhugaa Baatuu tokkootti lakkaaʼamuuf qarshii kennuu qabaa?

Lakki. Akka Dhugaa Baatuutti lakkaaʼamuuf ykn jaarmiyaa keenya keessatti itti gaafatamummaa ykn mirga argachuuf qarshii kennuun hin barbaachisu. (Hojii Ergamootaa 8:18-20) Kennaawwan baayʼeen kan kennamaniyyuu dhoksaadhaani. Dhugaa Baatuun kamiyyuu yeroo, humnaa fi qabeenya isaa hojii addunyaa maratti hojjennuuf kan kennu akka fedha isaatti, akkasumas haala isaarratti hundaaʼeeti.—2 Qorontos 9:7.

Namoonni hammamii hojii lallabaarratti dammaqinaan hirmaachaa akka jiran akkamitti beektu?

Dhugaa Baatonni, sochii hojii lallabaarratti godhan ilaalchisee jiʼa jiʼaan gumii isaaniitiif gabaasu. Gabaasa kana kan kennan fedhii isaaniitiini.

Gabaasni gumiiwwanii qindeeffamee, idaʼamni isaa gara waajjira dameetti ergama. Waajjirri dameemmoo idaʼama biyya ykn naannoo isaa gara waajjira muummeetti erga.

Dhuma waggaa tajaajilaaa hundatti, lakkoofsi guddaan waggaa sanaa Dhugaa Baatota biyyoota hundumaa keessatti argamanii ni beekama. Lakkoofsonni kun walitti idaʼamanii baayʼina Dhugaa Baatota addunyaa mara irra jiranii beekuuf gargaaru. Muuxannoo hojii lallabaarraa argame dabalatee, gabaasni balʼaan biyyoota hundumaa kitaaba Yearbook of Jehovah’s Witnesses jedhamurratti ni baʼa. Gabaasawwan kun akkuma gabaasawwan akkasii Kiristiyaanota durii jajjabeessan nuunis nu jajjabeessu.—Hojii Ergamootaa 2:41; 4:4; 15:3.

Namoota hojii lallabaarratti hin hirmaanne ni lakkooftuu?

Namoota kana lakkoofsa Dhugaa Baatotaatti dabaluu baannus, gumii keenyarratti hirmaachuu ni dandaʼu. Baayʼeen isaanii Ayyaana Yaadannoo duʼa Kiristoos waggaa waggaatti kabajamurratti ni argamu; kanaaf lakkoofsa namoota kanaa, garaa garummaa lakkoofsa namoota ayyaana kanarratti argamanii fi lakkoofsa Dhugaa Baatotaa gidduu jiruun hamma tokko beekuun ni dandaʼama. Bara 2024​tti baayʼinni namoota Ayyaana Yaadannoorratti argamanii 21,119,442 ture.

Namoonni walgaʼii keenyarratti hin argamne hedduun qophii nuti dhuunfaatti namoota Kitaaba Qulqulluu qoʼachiisuuf goone irraa ni fayyadamu. Bara 2024​tti, gidduu galeessaan jiʼatti qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu 7,480,146 kan geggeessine siʼa taʼu, kana keessaa muraasni takkaatti namoota hedduu wajjin kan godhamanidha.

Lakkoofsi Dhugaa Baatotaa Mootummaan ibsu, isa isin ibsitan kan caalu maaliifi?

Biiroowwan istaatistiksii Mootummaa gabaasa isaanii kan qindeessan amantii kam akka hordofan namoota gaafachuudhaani. Fakkeenyaaf, Biiroon istaatistiksii Yuunaayitid Isteetis, gabaasni isaa “namoonni amantii kam keessatti akka of ramadan beekuurratti kan xiyyeeffate” akka taʼe ibseera. Itti dabaluudhaanis lakkoofsi argamu ‘yaada namootaarratti malee dhugaarratti kan hundaaʼe akka hin taane’ ibseera. Nutimmoo akka Dhugaa Baatotaatti kan lakkoofnu, warra namootaaf lallabanii fi sochii isaanii gabaasa godhan malee, warra Dhugaa Baatota ofiin jedhan miti.

a Waggaan tajaajilaa tokko Fulbaana 1 hanga Hagayya 31​tti tura. Fakkeenyaaf, waggaa tajaajilaa bara 2023 kan jedhamu Fulbaana 1, 2022 hanga Hagayya 31, 2023​ttidha.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi