LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwyp mataduree 74
  • Akka hin Bututne Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Akka hin Bututne Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
  • Gaaffii Dargaggootaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Kaʼumsi isaa maali dha?
  • Si yaaddessuu kan qabu maaliifi?
  • Maal gochuu dandeessa?
  • Akkaataa Dhiheenyaa
    Tajaajila Mootummaa—2014
  • Hirriiba Gaʼaa Argachuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Yeroo Kootti Sirriitti Fayyadamuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?
    Gaaffii Dargaggootaa
  • Fayyaa Kootiif Kunuunsa Gochuu Kanan Qabu Maaliifi?
    Gaaffilee Dargaggootaa fi Deebii Isaaniif Kenname, Jildii 1ffaa
Dabalataan Ilaaluuf
Gaaffii Dargaggootaa
ijwyp mataduree 74
Dargaggeessi tokko teknooloojii, ispoortii, bashannanaa fi hojii mana barumsaatiin yommuu dhiphatu

GAAFFII DARGAGGOOTAA

Akka hin Bututne Gochuu Kanan Dandaʼu Akkamitti?

Akka bututte sitti dhagaʼamaa? Taanaan, mata dureen kun si gargaaruu danda’a!

  • Kaʼumsi isaa maali dha?

  • Si yaaddessuu kan qabu maaliifi?

  • Maal gochuu dandeessa?

  • Hiriyoonni kee maal jedhu?

Kaʼumsi isaa maali dha?

  • Hojii Baayʼee. “Shamarreen Juulii jedhamtu akkana jetteetti: “Kallattii jireenya keenya hundumaa keessatti, wanta caalaatti wayyuu akka hojjennu, akka of fooyyessinuu fi galma guddaa baafannee buʼaa caalaatti wayyu akka argannu dhiibbaan wal irraa hin cinne nu irratti godhama. Dhiibbaa wal irraa hin cinne akkasii keessa jiraachuun ulfaataa dha!”

  • Teknooloojii. Bilbila ammayyaa, taableetii fi meeshaawwan kaan waan argannuuf, yeroo hunda itti fayyadamna, kunis yeroo booda nu dhiphisa, akkasumas nu butucha.

  • Hirriba dhabuu. Shamarreen Miiraandaa jedhamtu akkana jetteeti: “Dargaggoonni hedduun barumsa, hojii fi bashannanaa wajjin haala wal qabateen yeroo baayʼee ganamaan kaʼu, akkasumas dhiisifatanii rafu. Haalli akkasii immoo yeroo baayʼee akka bututan godha.

Si yaaddessuu kan qabu maaliifi?

Kitaabni Qulqulluun jabaatanii hojjechuu ni jajjabeessa. (Fakkeenya 6:​6-8; Roomaa 12:11) Haa taʼu malee, fayyaan keenya akka hubamu gochuu dabalatee, wanta jireenya keessatti raawwannu hunda hamma dagannutti hojjechuu hin deggeru.

“Yeroo tokko itti gaafatamummaan qabu hedduu irratti xiyyeeffadhee waanan tureef, guyyaa guutuu hagabuu koo akkan ooleen hubadhe. Yeroo sanaa kaasee nageenyi koo hamma balaadhaaf saaxilamutti, itti gaafatamummaa naa kennamu hunda fudhachuun gaarii akka hin taane baradheera.”​—Ashliin

Kitaabni Qulqulluun, “Leenca duʼe irra saree jiru wayya” jechuun isaa sirrii dha. (Lallaba 9:4) Of dirqisiistee hojjechuun kee yeroo muraasaaf akka leencaa jabaa akka taate akka sitti dhagaʼamu gochuu dandaʼa. Haa taʼu malee, of butuchuun kee fayyaa kee irratti miidhaa guddaa geessisuu dandaʼa.

Maal gochuu dandeessa?

  • Lakki jechuu baradhu. Kitaabni Qulqulluun, “Yommuu gad of deebisan ogummaatu dhufa” jedha. (Fakkeenya 11:2) Namoonni gad of deebisan, humna isaanii waan beekaniif itti gaafatamummaa humna isaaniitii ol taʼe hin fudhatan.

    “Namni bututudhaaf saaxilamu namaa lakki jechuu hin dandeenye, jechuunis nama hojii isaaf kenname hunda fudhatu dha. Akkas gochuun gad of deebisuu miti. Kun immoo oolee bulee nama butuchuun isaa hin oolu.”​—Jordaan.

  • Boqonnaa gaʼaa argachuu. Kitaabni Qulqulluun, “Rakkinaan itti dadhabanii harka lama guutuu qabaachuu mannaa, gabiitti harka tokko guutuu qabaachuu wayya” jedha. (Lallaba 4:6) Hirribni “nyaata sammuu” jedhameera; haa taʼu malee, dargaggoonni hedduun hirriba halkanii saʼaatii sadeetii hanga kudhanii argachuu qaban hin argatan.

    “Yeroon sagantaa hedduu qabaadhutti hirriba gaʼaa rafuu hin dandaʼu. Haa taʼu malee, yeroo tokko tokko saʼaatiin dabalataa utuun hin rafiin hafe sun guyyaa itti aanutti hojii buʼa qabeessa hojjechuu fi gammachuu argachuuf baayʼee na barbaachisa.”​—Biruukiliin.

  • Kan gurmooftan taʼaa. Kitaabni Qulqulluun, “Yaadni warra dhimmee hojjetuu buʼaa qaba” jedha. (Fakkeenya 21:5) Yeroo kee fi sochii gootu karaa qindoomina qabuun itti fayyadamuu barachuun dandeettii jireenya kee guutuu si fayyadu dha.

    “Karoora baafachuun dhiphina ofitti fidnu hedduu hambisuu dandaʼa. Sagantaa baafattan of duraa qabaachuun keessan, bututuu irraa fagaachuuf iddoo kamitti sirreeffama gochuu akka dandeessan hubachuun akka isiniif salphatu godha.”​—Vaanessaa.

Hiriyoonni kee maal jedhu?

Giyaanaa

“Namoonni tokko tokko qarshii dabalataa argachuuf yaalii waan godhaniif ni bututu. Haa taʼu malee, 1 Ximotewos 6:8 wantoota jireenyaaf barbaachisanitti gammadnee akka jiraannu dubbata. Yaadachiisni kun jireenyaa salphaa akka jiraannuu fi wantoota dirqama nu hin barbaachisne argachuuf akka hin dhamaane nu gargaara.”​—Giyaanaa.

Waaylen

“Saganta torbanii qabaachuun koo baayʼee na gargaareera. Sagantaa akkanaa qabaachuu koo dura hamman hojjechuu dandaʼu caalaa hojjechuuf tole nan jedhan ture. Achiis waanan dhiphadhuuf wanta hedduu hojjechuu hin dandaʼun ture.”​—Waaylen.

Kaaraa

“Afeeraa isiniif dhihaate hunda fudhachuu akka qabdanii fi kana gochuu baannaan immoo gammachuu akka dhabdan isinitti dhagaʼama taʼa. Garuu dhugaan isaa kana irraa adda akka taʼe baradheera. Ofii keessaniif yeroo gaʼaa yoo qabaattan caalaatti gammadoo taatu, akkasumas gar malee hin dhiphatan.”​—Kaaraa.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi