LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwex mataduree 5
  • Yaadannoowwan Maashinii Uffata Ittiin Miiccan Jala Turan

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Yaadannoowwan Maashinii Uffata Ittiin Miiccan Jala Turan
  • Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Xalayaa Dominikaan Riippuubliikiirraa Ergame “Jaalala Akkasii Argee Hin Beeku”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2008
  • Akka Isaan Jaallattu Isaanitti Himi
    Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
Muuxannoowwan Dhugaa Baatota Yihowaa
ijwex mataduree 5
Yaaadannoowwanii fi irsaasii maashinii uffata ittiin miiccan jala jiru

Yaadannoowwan Maashinii Uffata Ittiin Miiccan Jala Turan

Zariinaan Raashiyaa keessatti Dhugaa Baatuu Yihowaa taatee erga cuuphamtee booda, ijoollee ishii durbaa lamaan amantii ishii keessatti guddisuuf murteessitee gara biyya ishii Giddu Galeessa Eeshiyaatti deebite. Qarshii wajjin haala wal qabateen rakkinni waan ishii mudateef, mana kutaa tokko qabu warra ishii, obboleessa ishii fi haadha manaa isaa wajjin jiraachuuf dirqamte. Warri ishii ijoollee ishii dhugaa Kitaaba Qulqulluu akka hin barsiisne ishii ajajan. Kana malees, ijoolleen ishii waaʼee Kitaaba Qulqulluu haadha isaanii wajjin dubbachuu akka hin qabne isaanitti himan.

Zariinaan akkamitti waaʼee Yihowaa ijoollee ishii barsiisuu akka dandeessu gad fageenyaan irratti yaadde. (Fakkeenya 1:8) Kanaaf, Yihowaan qajeelfamaa fi ogummaa akka ishiidhaaf kennu jabeessitee kadhannaa dhiheessite. Achiis Zariinaan kadhannaa ishii wajjin haala wal simuun, ijoollee ishii fudhattee miillaan deemuu fi waaʼee uumama isa dinqisiisaa taʼee isaan wajjin dubbachuu eegalte. Adeemsi gabaabaan isaan godhan ijoolleen ishii waaʼee Uumaa beekuuf fedhii akka qabaatan kakaase.

Achiis Zariinaan kitaaba Macaafni Qulqulluun Maal Barsiisa?a jedhamutti fayyadamuudhaan fedhii isaanii guddisuuf tooftaa dabalataa qopheessite. Kitaabicha irraa kallattiidhaan keeyyatawwan isaa fi gaaffiiwwan isaa waraqaa irratti barreessiti. Kana malees, himawwan dabalataa muraasa ijoolleen ishii dhimmicha caalaatti akka hubatan isaan gargaaran barreessiti. Achiis waraqaawwan sana irsaasii wajjin maashinii uffata ittiin miiccanii fi mana dhagna itti dhiqatan keessa jiru jala dhoksiti. Ijoolleen ishii kutaa sana yommuu seenan keeyyata isaa dubbisanii deebii isaanii barreessu.

Zariinaan bakka sadan isaanii itti waliin jiraatan hamma argatanitti, mala kanatti fayyadamtee kitaaba Barumsa Macaafa Qulqulluu jedhamu boqonnaa lama qoʼachiisuu dandeesseetti. Sana booda garuu utuu namni gidduu galu hin jiraatin bilisaan ijoollee ishii guddisuu dandeesseetti. Onkoloolessa 2016 ijoolleen ishii lamaanuu cuuphamaniiru; haati isaanii karaa hafuuraa isaan sooruuf ogummaa fi hubannaatti fayyadamuun ishii isaan gammachiisa.

a Namoonni hedduun yeroo ammaatti kitaaba Bara Baraaf Gammachuudhaan Jiraadhu! jedhutti fayyadamu

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi