LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwwd mataduree 13
  • Qola Poomeloo Isa Yeroo Lafa Dhaʼutti Miidhaan Isa Irra hin Geenye

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Qola Poomeloo Isa Yeroo Lafa Dhaʼutti Miidhaan Isa Irra hin Geenye
  • Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Gogaa Bofaa
    Dammaqaa!—2014
  • Gogaa Shaarkii
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Uumamawwan Ibsan
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
  • Dandeettii Qoqqoodamuu Seelii
    Qaamni Kana Tolche Jiraa?
Qaamni Kana Tolche Jiraa?
ijwwd mataduree 13
Firii poomeloo muka irra rarraʼee jiru.

QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?

Qola Poomeloo Isa Yeroo Lafa Dhaʼutti Miidhaan Isa Irra hin Geenye

Poomeloon firii akka komxaaxxee guddaa taʼe dha; baayʼee kan miʼaawuu fi muka irratti kan biqilu dha. Firiin isaa fageenya meetira kudhanii ol taʼe irraa kan lafa dhaʼu taʼus miidhaan isa irra hin gaʼu! Firiin kun yeroo lafa dhaʼutti wanti miidhaan akka isa irra hin geenye ittisu maali dha?

Mee yaadi: Qorattoonni qolli isaa inni keessaa adii taʼe seeliiwwan akka ispoonjii taʼanii fi wal xaxanii jiran, akkasumas iddoo banaa of gidduudhaa qaban akka qabu hubataniiru. Iddoon seeliiwwan gidduu jiru guddachaa yommuu deemu firii sana keessatti caalaatti gadi fagaachaa deemee, qilleensa ykn dhangalaʼaadhaan guutamaa deema. Firiin sun kufee yommuu lafa dhaʼu, dhangalaʼaan sun akka boraatiitti isa tajaajila. Qolli poomeloo yeroo lafa dhaʼutti waan jabaatuuf, dhiibbaa sana liqimsee hambisa.

Firii poomeloo qola isaa isa akka ispoonjii taʼe argisiisuuf bakka lamatti murame. Fakkiin gidduu isaa jiru maaykiroskoppiidhaan yommuu ilaalamu seelii fi iddoo gidduu isaa jiru.

Saayintistoonni akkaataa qolli poomeloo itti hojjetame irratti hundaaʼanii sibiila dhiibbaa isa irra gaʼu dandamatu uumuuf yaalaa jiru. Tooftaa wal fakkaataatti fayyadamanii koofiyyaa namoonni motarsaayikilii oofan kaaʼatan, meeshaa konkolaataa golguu fi qorannaa hawaatiif immoo wantoota qaamawwan hawaa irraa fottoqanii baʼan irraa nama eegan kalaquun akka dandaʼamu hubataniiru.

Maal sitti fakkaata? Qolli poomeloo inni yeroo lafa dhaʼutti miidhaan isa irra hin geenye jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi