QAAMNI KANA TOLCHE JIRAA?
Cillinfuu Gaanet
Gaanet simbira galaanaa guddaa, garba keessa saʼaatii tokko gidduutti kiilomeetira 190 saffisaan cillinfuudhaan gad lixuu dandaʼu dha. Gaanet yommuu bishaanitti darbatamu, humni isaa humna harkisa lafaa dachaa 20 ol kan caalu taʼuu dandaʼa. Gaanet cillinfuu baayʼee cimaa taʼe akkasii irraa kan ooluu fi irra deddeebiʼee yeroo hedduu cillinfuu lixuu kan dandaʼu akkamitti?
Mee yaadi: Gaanet bishaanitti darbatamuu isaa dura, qoochoo isaa gara duuba qaama isaatti diriirsee, bifa akka xiyyaa akka qabaatu taasisa. Kana malees, dhiibbaa sana dandamachuuf wanta ija isaatti haguugu qaba; qaama naannoo morma isaa fi qoma isaa jiru bokoksuudhaan qilleensaan guuta.
Gaanet garba keessa kutee yommuu gad seenutti, afaan isaa, mataan isaa fi mormi isaa boca jala isaatii balʼatee gara fiixee isaatti dhiphachaa deemu uuma. Haala kanaan, dhiibbaan bishaanii maashaalee tokko qofa utuu hin taʼin, maashaalee morma gaanet hunda irra jiran rukuta. Gaanet wantoota bishaan keessa jiran ilaaluuf, ija isaa hamma liphsuu ijaatti jijijjiiruu dandaʼa.
Gaanet hammam cillinfuu gad lixuu dandaʼa? Simbirri kun saffisa ittiin bishaanitti gad of darbateen gara meetira 11 gad lixuu kan dandaʼu taʼus, baallee isaa walakkaatti dachaʼe hurgufaa fi miilla isaa dhidhiitaa gad lixuu isaa itti fufuu dandaʼa. Gaanet garba keessa meetira 25 ol cillinfuu gad lixuu dandaʼa. Gaanet cillinfuu isaa yommuu xumuru, carraaqqii tokko malee bishaan irra bololiʼuudhaan, deebiʼee barrisuuf qophaaʼa.
Gaanet bishaan keessa cillinfuu yommuu lixu ilaali
Qorattoonni yeroo balaan uumamutti hojii namoota barbaadanii argachuu irratti hirmaatanii salphisuuf roobootii akka gaanetii kalaquuf yaalaniiru. Roobootiiwwan kunneen akka barrisan, bishaan keessa cillinfuu akka lixanii fi deebiʼanii akka barrisan isaan irraa eegama ture. Haa taʼu malee, roobootii akka gaanetitti hojjetan isa jalqabaa yeroo yaalan, gar malee bishaanitti yommuu rukutamu siʼa baayʼee jalaa caccabeera. Kunis qorattoonni “cillinfuu ilaalchisee matumaa gaanet wajjin wal bira qabamee ilaalamuu akka hin dandeenye” akka murteessan isaan taasiseera.
Maal sitti fakkaata? Dandeettiin Gaanet cillinfuu lixuuf qabu jijjiirama tirannaatiin kan argame dhaa? Moo qaamni kana tolche jira?