LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 40
  • Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Fakkeenya 16:3
  • Yaada naannoo Fakkeenya 16:3​tti argamu
  • Fakkeenya 22:6—“Daaʼima Karaa Inni Irra Deemuu Qabu Barsiisi”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Fakkeenya 3:5, 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Ogummaa Waaqayyoo Isa Jireenya Argamsiisu
    Macaafni Qulqulluun Dhaamsisaa Maalidha?
  • Faarfannaa 37:4—“Yihowaatti Baayʼee Gammadi”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 40

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”

“Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhu, karoorri kees siif ni milkaaʼa.”—Fakkeenya 16:3, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Hojii kee hundumaa Waaqayyotti kennadhu, wanti ati yaaddus fiixaan siif in baʼa.”—Fakkeenya 16:3, Hiika Bara 1997.

Hiika Fakkeenya 16:3

Caqasni kun namoonni Waaqayyoon waaqeffatan qajeelfama isaa barbaaduu fi hordofuudhaan isa irratti amantii yoo qabaatan galmi isaanii akka isaaniif milkaaʼu kan mirkaneessudha.

“Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhu.” Namoonni Yihowaaa waaqeffatan murtoo tokko gochuu isaanii dura gad of deebisuudhaan qajeelfama isaa barbaadu. (Yaaqoob 1:5) Maaliif? Wanti kanaaf sababii taʼu tokko, ilmaan namootaa taʼeewwan isaan mudachuu dandaʼan irratti humna kan hin qabne taʼuu isaaniiti. (Lallaba 9:11; Yaaqoob 4:13-15) Kana malees, wanta barbaadan raawwachuuf ogummaa hin qaban. Sababiiwwan kanneeniin kan kaʼe namoonni hedduun karaa Waaqayyo jedheen geggeeffamuu filatu. Qajeelfama isaa argachuuf isa kadhachuu fi fedhii isaa isa Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsamee wajjin haala walsimuun deddeebiʼuudhaan kana raawwatu.—Fakkeenya 3:5, 6; 2 Ximotewos 3:16, 17.

Yaanni “Wanta raawwattu hundumaa Yihowaatti kennadhub” jedhu kallattiidhaan “hojii kee Yihowaatti gangalchi” jechuudha. Barreeffamni tokko yaada kana ilaalchisee akkana jedheera: “nama baʼaa ulfaataa gatiittii isaa irraa kaasee nama cimaa fi humna isa irra caalu qabuu fi baachuu dandaʼutti dabarsu” kan argisiisu akka taʼe ibsa. Warri gad of deebisuudhaan Waaqayyotti amanaman inni akka isaan gargaaruu fi isaan oolchu mirkanaaʼoo taʼuu dandaʼu.—Faarfannaa 37:5; 55:22.

Jechi “wanta raawwattu hundumaa” jedhu Waaqayyo wanta namoonni karoorfatan hunda ni eebbisa jechuu miti. Eebba Yihowaa argachuuf galmi isaanii gorsaa fi fedhii isaa wajjin kan walsimu taʼuu qaba. (Faarfannaa 127:1; 1 Yohaannis 5:14) Waaqayyo namoota abboomamuu didan hin eebbisu. Waaqayyo, ‘karoora hamootaa ni fashaleessa.’ (Faarfannaa 146:9) Haa taʼu malee, namoota qajeelfama inni Kitaaba Qulqulluu keessatti kenne kabajuudhaan isaaf ajajaman ni gargaara.—Faarfannaa 37:23.

“Karoorri kees siif ni milkaaʼa.” Hiikawwan tokko tokko hima kana “karoorri kee ni hundaaʼa” jechuudhaan hiikaniiru. Kitaabota Qulqulluu Afaan Ibrootaa ykn Kakuu Moofaa jedhamee beekamu keessatti jechi afaan Ingiliffaatti “hundeeffame” jedhamee hiikame yaada buʼuura kaaʼuu akkasumas yeroo baayʼee hojii uumama Waaqayyoo isa tasgabbii qabu argisiisa. (Fakkeenya 3:19; Ermiyaas 10:12) Waaqayyo tasgabbii fi gammachuu akka qabaatan isaan gargaaruudhaan karoora namoota wanta isa duratti sirrii taʼe raawwatanii jabaatee akka dhaabatu godha.—Faarfannaa 20:4; Fakkeenya 12:3.

Yaada naannoo Fakkeenya 16:3​tti argamu

Irra caalaa kutaa Kitaaba Fakkeenyaa kan barreesse Solomoon Mootichadha. Ogummaa Waaqayyo biraa argateen fakkeenyota kumaan lakkaaʼaman barreesseera.—1 Mootota 4:29, 32; 10:23, 24.

Boqonnaa 16 irratti Solomoon ogummaa Waaqayyoo ol ol gochuu fi jibba namoota kooraniif qabu ibsuudhaan jalqabe. (Fakkeenya 16:1-5) Boqonnaan kun itti fufuudhaan dubbistoonni yaada ijoo barbaachisaa kitaaba Fakkeenyaa keessa jiru tokko irra akka hubatan caqasa. Kunis: Ilmaan namootaa dhugumaan ogeessa kan jedhaman kan gad of deebisanii fi Waaqayyo akka isaan geggeessu yoo heyyaman qofadha. (Fakkeenya 16:3, 6-8, 18-23) Dhugaan kun Kitaaba Qulqulluu keessatti irra deddeebiʼuudhaan ibsameera.—Faarfannaa 1:1-3; Isaayaas 26:3; Ermiyaas 17:7, 8; 1 Yohaannis 3:22.

Fakkeenya boqonnaa 16 maxxansa qoʼannaa Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa tiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun salphaatti dubbisuuf gargaaru kun yaadannoo gabaabaa, caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwan, viidiyoowwanii fi kaartaawwan kan qabu dha..

Viidiyoo qabiyyee kitaaba Fakkeenyaa gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan maqaa Waaqayyoo qofti ittin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali.

b Barreffamni The introduction to the New International Version Study Bible jedhu iddoo maqaa waaqayyoo kana qubee guguddaa GOOFTA (GOOFTAA FAANA) jedhu fayyadama. Haali akkasi namoota kitaaba qulqulluu dubbisan burjaajessu kan danda‵u maaliif akka ta‵e hubachuuf mataduree “Isaayyaas 42:8—‘Ani Waaqayyoo Dha’” jedhufi mata duree kana keessatti walitti aanani ba‵an ilaali.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi