LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 45
  • Faarfannaa 37:4—“Yihowaatti Baayʼee Gammadi”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Faarfannaa 37:4—“Yihowaatti Baayʼee Gammadi”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Faarfannaa 37:4
  • Yaada naannoo Faarfannaa 37:4 irratti argamu
  • Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Faarfannaa 23:4—“Ani Bowwaa Dukkanaaʼaa Sodaachisaa Keessa Yoon Adeeme Iyyuu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Faarfannaa 46:10—“Dhiisaa Taaʼaa, Ani Waaqa Akkan Taʼes Beekaa”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Waaqayyoon Amanadhu, Wanta Gaarii Taʼes Hojjedhu
    Jireenyaa fi Tajaajila Kiristiyaanaa barreeffama qo‵annaa walga‵ii(2016)
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 45

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Faarfannaa 37:4—“Yihowaatti Baayʼee Gammadi”

“Yihowaatti baayʼee gammadi, innis fedhii garaa keetii siif ni guuta.”—Faarfannaa 37:4, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Waaqayyotti gammachuu qabaadhu! Inni immoo kadhata garaa kee siif in kenna.”—Faarfannaa 37:4, Hiika Bara 1997.

Hiika Faarfannaa 37:4

Faarfatichi namoonni Waaqayyoon waaqeffatan isaa wajjin walitti dhufeenya cimaa qabaachuudhaan gammachuu akka argatan isaan jajjabeesseera. Namoonni isaa wajjin michooma yoo qabaatan Yihowaana fedhii isaanii akka isaaniif guutu mirkanaa‵oo ta‵uu danda‵u.

“Yihowaatti baayʼee gammadi.” Himni kun “Yihowaa biraa gammachuu guddaa argadhu,” “Gooftaa tajaajiluudhaan gammadi” ykn “waadaa Gooftaan siif galetti gammadi” jedhamees hiikamuu danda‵a. Waaqa dhugaa waaqeffachuudhaan “gammachuu guddaa argachuu” dandeenya. (Faarfannaa 37:4) Akkana jechuu kan dandeenyu akkamitti?

Namoonni Yihowaa waaqeffatan akkuma Kitaaba Qulqulluu keessatti ibsame dhimmootaaf ilaalcha isaa qabu. Waaqayyoon beekuu qofa utuu hin ta‵in ogummaa isaaf ajajamuuf isaan dandeessisu qabu. Kanaan kan ka‵es dogoggoraa fi murtoowwan sirrii hin taane hedduu raawwachuu irraa fagaachuudhaan yaada garaa qulqulluu qabu. (Fakkeenya 3:5, 6) Fakkeenyaaf, aariidhaan hin liqimfaman ykn namoonni sassatoon ykn amanamoo hin taane waan badhaadhan yeroo fakkaatutti hin hinaafan. (Faarfannaa 37:1, 7-9) Sabni Waaqayyoo, beekumsa inni dhiheenyatti jal‵ina haqaa hunda akka balleessuu fi namoota amanamoo amala gaarii argisiisan akka badhaasu qabanitti baay‵ee gammadu. (Faarfannaa 37:34) Abbaasaanii isa samii biratti fudhatama akka qaban beekuu isaaniittis baay‵ee gammadu.—Faarfannaa 5:12; Fakkeenya 27:11.

“Innis fedhii garaa keetii siif ni guuta.” Himni kun “inni kadhannaawwan keessaniif deebii ni kenna” ykn “wanta baay‵ee barbaaddu siif kenna” jedhamees hiikamuu danda‵a. Dhugaadha Yihowaan wanta gaafanne hunda nuuf hin kennu. Akkuma warra jaalala qabeessa ta‵an tokkoo Yihowaan wanta baay‵ee nu barbaachisu beeka. Hunda caalaammoo, kadhannaa fi akkaataan jireenya keenyaa ulaagaa fi fedhii isaa wajjin kan walsimu ta‵uu qaba. (Fakkeenya 28:9; Yaaqoob 4:3; 1 Yohaannis 5:14) Akkas kan goonu taanaan, akka nu dhaga‵u amanannaa qabaachuudhaan ‘isa kadhannaa namaa dhaga‵u’ kadhachuu dandeenya.—Faarannaa 65:2; Maatewos 21:22.

Yaada naannoo Faarfannaa 37:4 irratti argamu

Faarfannaa 37 kan barreesse Daawwit Mooticha Israa‵el duriiti. Faarfannaa kana tartiiba qubee ykn bifa walalootiin barreesse.b

Daawit jal‵inni haqaa baay‵een isarra ga‵eera. Saa‵ol Mooticaafi warra isa ajjeesuu barbaadan kaan jalaa baqachaa ture. (2 Saamu‵el 22:1) Haa ta‵u malee, Daawit Yihowaatti guutummaatti amanama ture. Yihowaan boodarratti namoota hamoo irratti tarkaanfii akka fudhatu beeka ture. (Faarfannaa 37:10, 11) Akka ‘marga lalisaa’ battalumaan kan badhaadhan fakkaatus boodnisaanii badiisa.—Faarfannaa 37:2, 20, 35, 36.

Faarfannaan 37 namoonni ulaagaa Waaqayyootiif bulan bu‵aa isaan argatanii fi warra ulaagichaaf hin ajajamne walbira qaba. (Faarfannaa 37:16, 17, 21, 22, 27, 28) Kanaafuu faarfannaan kun ogummaa argachuu fi namoota Waaqayyo biratti fudhatama argatan ta‵uuf nu gargaara.

Faarfannaa 37 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraatiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun dubbisuuf salphaa taʼe kun, wantoota sagaleedhaan waraabaman, ibsa gabaabaa, caqasawwan dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwan, viidiyoowwanii fi kaartaawwan kan qabu dha.

Viidiyoo qabiyyee kitaaba Faarfannaa gabaabsee ibsu kana daawwadhu.

a Yihowaan Afaan Ingiliffaan maqaa Waaqayyoo yeroo ta‵u Afaan Ibrootaa irraa kan maddedha. Hiikawwan Kitaaba Qulqulluu hedduun maqaa Waaqayyoo mannaa maqaa ulfinaatti maaliif akka fayyadaman ilaaluuf mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu dubbisi.

b Sirna barreeffamaa kanaan caqasni ykn gareen caqasootaa kana jalqabaa qubee afaan Ibrootaa jalqabaatiin eegala; gareen lammaffaan immoo qubee ittaanuun, haala kanaan hanga xumuraatti itti fufa. Haala kanaan barreessuun salphaatti yaadachuuf fayyadaa tureera.

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi