LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • ijwbv mataduree 47
  • Fakkeenya 22:6—“Daaʼima Karaa Inni Irra Deemuu Qabu Barsiisi”

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Fakkeenya 22:6—“Daaʼima Karaa Inni Irra Deemuu Qabu Barsiisi”
  • Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Hiika Fakkeenya 22:6
  • Yaada naannoo Faarfannaa 22:6​tti argamu
  • Akkaataa Mucaa Keessan Barsiisuu Itti Dandeessan
    Maatiin Keessan Gammachuu Qabaachuu Ni Dandaʼa
  • Fakkeenya 16:3—“Wanta Raawwattu Hundumaa Yihowaatti Kennadhu”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
  • Ijoollee Keessan Xinnummaasaaniitii Kaasaa Leenjisaa
    Maatiin Gammachuu Argachuu Kan Danda’u Akkamitti?
  • Fakkeenya 3:5, 6—“Hubannaa Ofii Keetiitti Hin Hirkatin!”
    Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
Dabalataan Ilaaluuf
Caqasoota Kitaaba Qulqulluu Ibsi Irratti Kenname
ijwbv mataduree 47

CAQASOOTA KITAABA QULQULLUU IBSI IRRATTI KENNAME

Fakkeenya 22:6—“Daaʼima Karaa Inni Irra Deemuu Qabu Barsiisi”

“Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi; innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.”—Fakkeenya 22:6, Hiika Addunyaa Haaraa.

“Akka itti jiraachuun taʼu mucaa barsiisi! Innis yommuu dulloomu iyyuu irraa hin kaatu.”—Fakkeenya 22:6, Hiika Bara 1997.

Hiika Fakkeenya 22:6

Warri ijoolleen isaanii Waaqayyoon akka jaallatanii fi seera isaa akka kabajan barsiisuudhaan jireenya isaanii gara fuulduraatiif akka isaan gargaaru eeguu dandaʼu.

“Daaʼima karaa inni irra deemuu qabu barsiisi.” Jechi kun “daaʼima tokko karaa sirrii irra deemuu akka jalqabu godhi” jedhamees hiikamuu dandaʼa. Yeroo baayʼee kitaabni Fakkeenyaa warri ijoollee isaanii wanta sirrii fi dogoggora taʼe ilaalchisee xinnummaa isaaniitii eegalee akka barsiisan jajjabeessa. (Fakkeenya 19:18; 22:15; 29:15) Haa taʼu malee, warri akkuma namoota gaʼeessa taʼanii ijoolleen isaaniis mirga filannaa akka qaban ni hubatu. Kanaafuu warri calluma jedhanii wanta ijoolleen isaanii hojjechuu qaban itti himuu mannaa isaaniif ibsuu fi gaʼeessummaa irra akka gaʼan gochuudhaan, gaʼeessota murtoo gaarii gochuufi itti gaafatamummaan itti dhagaʼamu akka ta‵an gargaaruu qabu.—Keessa Deebii 6:6, 7; Qolosaayis 3:21.

Hayyoonni Kitaaba Qulqulluu tokko tokko yaanni kun “daaʼima akka amala isaatti barsiisuu” ykn akkaataa kennaa uumamaan qabuun isa barsiisuu jechuudha jedhu. Ibsi kun dhugaa kan qabu fakkaatus yaanni Afaan Ibrootaa “daaʼima karaa inni irra deemuu qabu” jedhu karaa jireenyaa gaarii fi qajeelaa taʼe kan argisiisudha. Kitaabni Fakkeenyaa namni tokko karaa lama irra deemuu akka dandaʼu ibsa. Inni tokkoffaan “daandii namoota gaggaarii,” “daandii ogummaa” fi “daandii sirrii” jedhama. (Fakkeenya 2:20; 4:11; 23:19) Inni kan biraan immoo “daandii jalʼootaa,” “karaan nama gowwaa” fi “daandii dogoggoraa” jedhamee waamama. (Fakkeenya 4:14; 12:15; 16:29) Daandiin daaʼimni tokko irra “deemuu qabu” “daandii sirrii” jechuunis daandii jireenyaa Kitaabni Qulqulluun inni Dubbii Waaqayyoo taʼe barsiisudha.—Faarfannaa 119:105.

“Innis yeroo dulloomutti illee isa irraa hin goru.” Warri naamusaa Waaqayyo baase daaʼima isaanii yeroo barsiisan jireenya isaa guutuu daandii sirrii irra deemuu itti fufuu dandaʼa. Haa taʼu malee akkana jechuun daaʼimni tokko sirriitti barsiifame illee daandii sirrii ykn seera Waaqayyoo irraa matumaa hin “goru” jechuu miti. Fakkeenyaaf, namni tokko namoota wanta gadhee taʼe akka hojjetan jajjabeessuu wajjin yeroo kan dabarsu taanaan “daandii qajeelaa” dhiisuu fi wanta dogoggora taʼe hojjechuu dandaʼa. (Fakkeenya 2:12-16; 1 Qorontos 15:33) Kun taʼus, warri ijoolleen isaanii qajeelfama Waaqayyoo akka hordofan yeroo barsiisanitti, jireenya isaanii keessatti milkaaʼina guddaa akka argatan gargaaru.—Fakkeenya 2:1, 11.

Yaada naannoo Faarfannaa 22:6​tti argamu

Fakkeenyi boqonnaan 22 gorsa gaggabaabaa haalawwan jireenya keessatti mudatan keessatti ogummaa Waaqayyoo hojiirra oolchuuf nu gargaaran qabateera. Gorsi kun Yihowaaa wajjin walitti dhufeenya gaarii qabaachuun gatii guddaa akkamii akka qabu kan ibsuu fi kunis amala namni tokko gad of qabuu, arjummaa fi jabaatanii hojjechuudhaan argisiisudha. (Fakkeenya 22:1, 4, 9, 29) Karaa biraatiin immoo, caqasoonni kaan warri gorsa Waaqayyoo hin hordofnee fi hiyyeessa hacuucan wanta gadheetu isaan mudata.—Fakkeenya 22:8, 16, 22-27.

Faarfannaa boqonnaan 22 hedduun isaa waaʼee daaʼima barsiisuu kan dubbatu taʼuu baatus, daandii jireenyaa Waaqayyo biratti fudhatama qabuu fi gammachuu dhugaa argamsiisu ni ibsa. (Fakkeenya 22:17-19) Warri daandii jireenyaa kana ijoolleesaanii barsiisuudhaan wanta hundarra caalu akka isaaniif hawwan argisiisuu dandaʼu.—Efesoon 6:1-3.

Fakkeenya boqonnaa 22 Kitaaba Qulqulluu Hiika Addunyaa Haaraa tiin dubbisi. Kitaabni Qulqulluun dubbisuuf salphaa taʼe kun yaadannoo gabaabaa, caqasa dabalataa waliin ilaaluuf gargaaran, fakkiiwwan, viidiyoowwanii fi kaartaawwan kan of keessaatti qabate dha.

Viidiyoo qabiyyee kitaaba Fakkeenyaa gabaabsee ibsu kana ilaali.

a Yihowaan maqaa dhuunfaa Waaqayyoo ittiin waamamudha. (Faarfannaa 83:18) Mata duree “Yihowaan Eenyu Dha?” jedhu ilaali

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi