LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Masaraa Eegumsaa
LAAYIBRARII INTARNEETIIRRAA
Afaan Oromoo
  • KITAABA QULQULLUU
  • BARREEFFAMOOTA
  • WALGAʼIIWWAN
  • lfs mataduree 20
  • Hojii Sirrii Filachuu Kootiif Nan Galateeffadha

Filannoo kanaaf viidiyoon qophaaʼe hin jiru.

Dhiifama, viidiyicha taphachiisuun hin dandaʼamne.

  • Hojii Sirrii Filachuu Kootiif Nan Galateeffadha
  • Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
  • Mata Dureewwan Xixiqqaa
  • Mata Dureewwan Yaada Wal Fakkaataa Qaban
  • Galma Keenyarra Gaʼuuf Carraaquu
  • Hojii Ulfaataa
  • Paappuwaa Niwuu Giinii—Biyya Ajaaʼibaa
  • Awustiraaliyaatti Waan Hedduu Hojjenne
  • Yihowaan Fedhasaa Raawwachuu Na Barsiiseera
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu—2012
  • “Matumaa Kophaa Koo hin Turre”
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2025
  • Haala Haaraa Wajjin Wal Baruun kan Dandaʼamu Akkamitti?
    Masaraa Eegumsaa Mootummaa Yihowaa Beeksisu (Maxxansa Qayyabannaa)—2019
Seenaa Jireenyaa Dhugaa Baatota Yihowaa
lfs mataduree 20
Waareen fi Liin Reeyinooldi.

WAAREEN REEYINOOLDI | SEENAA JIREENYAA

Hojii Sirrii Filachuu Kootiif Nan Galateeffadha

Obbolootaa fi obboleettota muraasaa wajjin bosona kaaba dhiha Awustiraaliyaa jiru keessa ibidda bira teenyee muuxannoo Yihowaan akkamitti akka nu eebbise ibsu walitti himaa turre. Yeroo baayʼee ibidda akkasii bira taaʼee qaammadheera; garuu biyyoota gara garaattii fi namoota afaan garaagaraa dubbatanii wajjin ture. Arraba ibiddaa sana keessaan haati manaa koo ishiin jaalladhu gammachuudhaan yommuu seeqxu natti mulʼate. Waliin taanee yommuu Yihowaa tajaajillutti, iddoowwan babbareedoo ijoollummaa kootti matumaa nan dhaqa jedhee yaadee hin beekne daawwanneerra. Dhugaa dubbachuuf, yeroon ijoollee turetti, jireenya kanarraa adda taʼe filadheen ture. Mee waaʼee seenaa koo isinittan hima.

Baadiyyaa Awustiraaliyaa keessattan guddadhe. Warri koo fi warri warra koo dhugaa kan baratan baroota 1950n keessa ture. Lallabuu kanan jalqabe umurii waggaa 6tti yommuu taʼu, kanan cuuphame immoo umuriin waggaa 13tti dha. Tibba manni barumsaa cufamutti yeroo baayʼee qajeelchaa gargaaraan taʼa. Yihowaa waanan jaalladhuuf, bara baraaf isa tajaajiluun barbaadan ture.

Warra koo fi obboloota afur wajjin

Umuriin koo waggaa 15 yommuu taʼu barsiisaan koo ispoortii irratti dandeettii akkan qabu hubate. Kanaafuu, bakka buutonni garee taphattoota raagibii beekamoo taʼan ispoortii akkan baradhu carraa barumsa tolaa na affeeran. Garee raagibii keessatti taphataa beekamaa taʼuun baayʼee na hawwatee ture; garuu dursee Yihowaadhaaf of murteesseera. Abbaan koo tapha ispoortii kanarratti hirmaachuuf murteessuu koo dura, waadaan dursee galerratti akkan yaadu natti hime. Anis akkuma abbaan koo natti hime kanan godhe siʼa taʼu, lamaanuu al tokkotti raawwachuu akkan hin dandeenye waanan hubadheef affeerricha dide. Jiʼoota muraasa booda, Dhaabbanni Ispoortii Awustiraaliyaa inni Kaanbeeraa jiru, iskoolaarshiip kan biraa akkan fudhadhu, jechuunis Dorgommii Koomanweelz ykn Dorgommii Olompikii irratti Awustiraaliyaa akkan bakka buʼuuf fiigicha maaraatoonii akkan leenjiʼu na gaafate. Ammas Waaqa koo isan jaalladhuuf waadaan gale raawwachuu waanan barbaadeef nan dide.

Sana booda akkuman barumsa xumureen galma koo isan hawwaa turen jalqabe; qajeelchaan taʼe. Haataʼu malee, warra koo rakkinni maallaqaa waan mudateef, qajeelchummaa dhaabeen, hojii yeroo guutuu maashinii qonnaa oofuun jalqabe. Yeroo sana gara waggaa 19 waanan tureef kophaan jiraadha ture. Utuma baayʼee hin turin, waaqeffannaa koo maqumaaf raawwachuun eegale. Baayʼee waanan abdii kutadheef hariiroon ani Yihowaa wajjin qabu ni laafe. Achiis hiriyoota garmalee dhugaanii fi naamusa godhee qaban waanan filadheef, wanta isaan raawwatan gochuun barbaade. Gammachuu yeroo muraasaaf turuuf jedheen, hariiroo Yihowaa wajjin qabu addaan kute.

Achiis wanta dursa kennuuf jijjiiruun barbaade; kanaafuu, michoota dhiibbaa narratti godhanirraa fagaadheen magaalaa kan biraatti gale. Yeroo kanatti caalaatti Yihowaatti waanan dhihaadheef, deebiʼee qajeelchaa taʼuuf nan karoorfadhe. Achiis, qajeelchituu ija laafettii, Liin Miikisheerii jedhamtuu fi baadiyyaadhaa dhuftee wajjin wal barree, michoota taane. Liin wajjin Tajaajila misiyoonummaa dabalatee, waaʼee galma keenyaa ifatti waliin mariʼanna turre. Bara 1993tti gaaʼela dhaabbanne. Lamaan keenyayyuu Yihowaan jireenya keenya akka nuuf qajeelchu fedhii qabna.

Galma Keenyarra Gaʼuuf Carraaquu

Wagguma sana Liin wajjin qajeelchaa taʼee tajaajiluun eegalle. Jireenya keenya salphaa gochuu fi liqiirraa bilisa taʼuu waan barbaanneef, mana dulloomaa bakka adda addaatti geeffamuu dandaʼu bitanne. Sana booda waggaa jaʼaaf hojii gara garaa hojjennee of deggaraa bakka jaarmiyaan Yihowaa itti nu erge hunda deemne. Gumii xinnoo tokkoo wajjin taane naannoo fagoo Kuwiinsilaandi isa balʼaa, diriiraa fi gogaa taʼetti lallabneerra. Yeroo baayʼee bakka fagoo taʼe buufannee, bosona keessatti ykn galma hawaasaa naannoo sana jirutti walgaʼii godhanna. Gammachuu qabna turre. Taʼus, ‘Yihowaa caalaatti tajaajiluu ni dandeenyaa?’ jennee yaanna turre. Achiis utuma baayʼee hin turin deebiisaa arganne.

Utuu lallabaaf ilmalaa jiruu Awustiraaliyaa keessaa bakka fagoo tokkotti bosona keessaa walgaʼii utuu godhannuu

Jaarmiyaan Yihowaa biyya biraatti misiyoonii taanee akka tajaajillu nu affeere! Taʼus, Mana Barumsa Giiliyaaditti utuu hin leenjiʼin, misiyoonii taʼuu keenya waan shakkineef, sodaannee akkasumas gaʼumsa akka hin qabne nutti dhagaʼamee ture. Tajaajila ni jaallanna turre, garuu bakka ramaddii keenya isa fagoo kanatti qoʼattoota baayʼee waan hin arganneef, barsiisota buʼa qabeeyyii akka taanetti of hin ilaallu turre.

Yaaddoo keenya kana obboleessa Koree Waajjira Damee taʼee fi Maaksi Looyid jedhamutti himne.a Innis gaʼumsa akka hin qabne utuma nutti dhagaʼamuu, yoo of dhiheessine Yihowaan akka nu gargaaru nuuf mirkaneesse; Yihowaan wanta inni nu gaafatu kamiyyuu akka hojjennu nu gargaara. Jajjabinni inni nuuf kenne kun hojii Sirii Laankaatti nuuf kenname gammachuudhaan fudhachuuf nu gargaare.

Hojii Ulfaataa

Bara 1999 magaalaa guddoo Sirii Laankaa, Kolomboo geenye. Kun jireenya baadiyyaa Awustiraaliyaa isa barre irraa baayʼee adda ture. Bakka kana waraanni waliinii, hiyyummaan, baayʼinni uummataa fi namoonni kadhatan jiru; afaan biyyichaas ulfaataadha. Taʼus Sirii Laankaa keessa wantoonni gatii guddaa qaban jiru turan; isaanis obbolootaa fi obboleettota keenyaa, akkasumas namoota Yihowaa beekuuf carraa hin argannedha.

Achiis magaalaa Kaandii jedhamutti ramadamne; magaalaan kun tabba bareedaa biqiltuu shaayii fi bosonaan marfame irratti hundoofte. Magaalaan kun manneen sagadaa Budiizimii hedduu qabaachuudhaan beekama. Namoota naannichaa keessaa muraasni waaʼee Uumaa jaalala qabeessa taʼee homaa hin beekan. Obboloonni gumii keenyaa afaan Siinhaalaa fi afaan Taamiil dubbatu; kanaafuu, walgaʼii kan godhannu afaanota kana lamaaniin ture. Afaan Siinhaalaa barachuun ulfaataadha; waan hedduu dogoggoruun keenya kan isaan kofalchiisu taʼus, gumiin keenyaa fi qoʼattoonni keenya carraaqqii keenya ni dinqisiifatu turan.

Obboloota afaan Sinhaalaa fi afaan Taamilitti hiikanitti fayyadamee Siir Laankaatti utuun haasaa kennaa jiruu

Wanti baayʼee nutti ulfaate garuu afaanicha hin turre. Namoonni dhugaa garmalee yommuu morman yeroo jalqabaatiif asitti argine. Yeroo tokko namoonni jeequmsa uuman nutti marsan. Tokko tokko barreeffamoota keenya guban, kaanimmoo anaa fi obboleessa na faana jiru dhiitan. Yeroo kanatti Yihowaan akka nu tasgabbeessu, yoo duunemmoo duʼaa akka nu kaasu kadhanne. Kan namatti tolu namoonni sun nu dhiisanii faffacaʼan. Achiis hollachaa fi eegumsa nuuf godheef Yihowaa galateeffachaa mandaricha keessaa baane.

Yeroo booda, Sirii Laankaan akka biyya keenyatti nutti dhagaʼamuu jalqabe. Waraanni biyyicha kan qoqqoode taʼus, Yihowaan namoota dhugaa dheebotan maatii tokkummaa qabutti yommuu harkisu arguun nu gammachiisa ture. Waaʼee odoola bareedduu kanaa yaadannoo gaggaarii hedduu qabna. Waggaa lama booda garuu, abbootiin taayitaa dhiibbaa geggeessitoota amantiidhaan moʼaman; kanaafuu misiyoononni hedduun biyyicha dhiisanii deemuuf dirqaman.

Torbeewwan sana booda turanitti burjaajofnee fi aarree ture. Eessatti ramadamna laata jennee yaaddofnee turre. Qaamni Olaanaan Paappuwaa Niwuu Giiniitti nu ramade. Fulbaana 2001 magaalaa guddoo biyyichaa Poorti Mooresbaay geenye.

Paappuwaa Niwuu Giinii—Biyya Ajaaʼibaa

Paappuwaa Niwuu Giiniin, Awustiraaliyaatti dhihoo yoo taateyyuu, jireenyii fi aadaan biyyichaa baayʼee addadha. Ammas jijjiirama tokko tokko gochuun nu barbaachise. Afaanota 800 ol biyyicha keessatti dubbataman keessaa afaan Took Piisin isa balʼinaan dubbatamu barachuun nu barbaachise!

Magaalaa Popodeetaa keessa waggaa afur erga jiraannee booda, hojii aanaatti ramadamne. Yihowaan karaa kanaan nutti fayyadama jennee matumaa yaannee hin beeknu. Qajeelfama daawwattoonni olaanoon kennan dabalatee, bilichinaa fi dandeettii barsiisuu isaan qaban yeroo hunda nan dinqisiifadha; taʼus, ani nan dandaʼa jedhee matumaa yaadee hin beeku. Misiyoonii taʼuun yeroo hundumaa galma koo ture. Daawwataa olaanaa taʼuuf garuu matumaa yaadee hin beeku! Yihowaan mirga addaa kana naaf kennuunsaa ammayyuu na ajaaʼiba.

Waareen Paappuwaa Niwuu Giinii keessa tuuta fagoo jiru tokko keessa walgaʼii utuu geggeessuu.

Paappuwaa Niwuu Giiniitti tuuta Weest Ispaayikitti argamu tokko yommuu daawwannu

Waareen halkan faanosii fayyadamee gabaasa utuu qopheessuu.

Paappuwaa Niwuu Giinii keessatti tuuta fagoo jiru tokko ergan daawwadhee booda gabaasa waajjira dameetti ergamu yeroon qopheessu

Magaalota daawwanne keessatti kutaan keessa bullu yeroo hundumaa elektirikii fi bishaan, akkasumas siree qaba ture. Naannoowwan baadiyyaatti garuu yeroo baayʼee wantoota akkasii hin argannu. Godoo keessa bulla, nyaata alatti ibiddaan bilcheeffanna; qaama keenya burqituu fi lagatti dhiqanna; naachonni naannoo sana jiru yoo taʼemmoo baaldiidhaan waraabnee manatti dhiqanna.

Hojiin kun wanta sana dura hojjenne hundumaa caalaa jabina qaamaa gaafata ture. Haataʼu malee, ‘humna qabnuun yoo dhaqne’ Yihowaan milkaaʼina akka nuuf kennu amantii qabna turre. (Abbootii Murtii 6:14) Gumiiwwanii fi tuutawwan daawwanne hedduun bosona gobbuu keessa faffacaʼan, qarqara galaanaa caffaaʼaa taʼee fi gaarreen buʼaa baʼii taʼan keessatti waan argamaniif bira gaʼuun rakkisaa ture. Obbolootaa fi obboleettota keenya argachuuf konkolaataa, bidiruu fi xiyyaaraan yeroo baayʼeemmoo lukaan imalleerra.b

Liin jirma tokkorra utuu laga ceetuu.

Liin yeroo hunda rakkina tajaajilarratti ishii mudatu kamiyyuu dandamachuuf qophiidha

Gumii daangaa Indooneezyiyaa biratti argamu tokko daawwachuuf daandii dhagaan irra hin afamnerra kiilomeetira 350 oofne. Imala kanarratti lageen xixinnoo fi guguddaa riqicha hin qabne siʼa 200 ol ceeneerra. Waggoota baayʼee darbanitti obbolootaa fi obboleettota keenya fuula ifaadhaan nu simachuu fi nyaata nuu dhiheessuuf nu eegan argachuuf jecha, konkolaataa keenya dhoqqeedhaan qabamte qonnee baasuu fi dhiibuudhaan saʼaatii hedduu dabarsineerra.

Suuraawwan: 1. Babalʼistoonni sadii konkolaataa Reeyinooldi isa dhoqqeedhaan qabame utuu dhiibbaa jiranii. 2. Booda, Liinii fi babalʼistoonni kun uffannisaanii dhoqqeedhaan mancaʼee konkolaataa bira utuu dhaabbatanii.

Daandii Paappuwaa Niwuu Giiniitti argamurra imaluun ulfaataadha!

Gara mandaroota kanaa dhaquuf xiyyaarota xixinnoodhaan mataa gaarotaa irra yeroo balaliinu, balaliisaan keenya bakka itti qubatu ilaaluuf yeroo baayʼee bakka duumessi hin jirre barbaada ture. Achiis ijoolleen ykn horiin bakka sana akka hin jirre ilaaluuf gad itti siqee balaliʼa. Sana booda dirree xiyyaaraa bantii gaaraarratti meetira 2,100 ol fagaatee argamu, laaqii qabuu fi wal qixxaataa hin taanerra qubachuuf qophoofna. Yeroo tokko tokko mandaroota fagoo kana keessaa karaan itti baanu xiyyaara fayyadamuu qofadha; haataʼu malee, dirreen xiyyaaraa sun qarqara bowwaatti waan argamuuf yeroo kaʼutti salphumatti kufuu dandaʼa.c

Yeroo tokko tokko gaara daandii miillaa qabu irra ol baana ykn qarqara galaanaa caffaaʼaa qilleensa hoʼaa fi jiidhaa qabu keessa barreeffamootaa fi wantoota nu barbaachisa dugdatti baanee imalla. Taʼus, obbolootaa fi obboleettota keenya amanamoo taʼanii wajjin waan imalluuf, wal jajjabeessuu fi garaadhaa waliin kolfuuf carraa arganna turre.

Waareen bidiruu babalʼistootaan guutame oofaa jira.

Paappuwaa Niwuu Giiniitti Laga Keeraam irra gara tajaajilaa yeroon deemu

Nutis akkuma Phaawulos nutti dhagaʼama. Phaawulos 1 Tasalonqee 2:8 irratti akkas jedheera: “Jaalala guddaa waan isiniif qabnuuf, . . . lubbuu keenya illee isinii kennuuf murteessinee turre; sababiin isaas, isin nu biratti baayʼee jaallatamoo turtan.” Obboloonnii fi obboleettonni keenya akkasuma nuuf gochuuf fedhii akka qaban hubanneerra; yakkamtoota meeshaa hidhatan irraa nu eeguuf jecha lubbuusaanii nuuf kennuufillee qophaaʼoo turan. Yeroo tokko namni gajaraa qabate tokko Liiniin sossodaachise. Ani kutaa mandarichaa kan biraa keessa waanan tureef ishii gargaaruu hin dandeenye. Obboleessi tokko hatattamaan namichaa fi Liin gidduu seene. Namoonni kaan namicha aare sana hanga qabanitti, obboleessa keenyarra miidhaa xinnoo geessiseera. Yihowaan obboloota keenya gargaaruu keenya akka itti fufnuuf, biyya yakki babalʼachaa deemu kana keessatti guyyaa guyyaadhaan nu eegeera.

Paappuwaa Niwuu Giiniin hospitaalota muraasa qofa waan qabduuf fayyaa keenya eeggachuun ulfaataa ture. Bara 2010 Liin dhukkuba daddarbaadhaan qabamtee duʼuu jala waan geesseef, yaalii hatattamaatiif gara Awustiraaliyaatti xiyyaaraan deemuun nu barbaachise. Yeroo kanatti Yihowaan akka tasgabboofnu nu gargaareera. Boodas doktaroonni yaalii buʼa qabeessa taʼe godhaniif. Doktaroota sana keessaa inni tokko, “Isin Waaqayyoof hojjechaa turtan. Ammammoo isatu isiniif hojjechaa jira” jedheera. Jiʼoota hedduu booda gara ramaddii keenyaatti deebine.

Kaartaa Awustiraaliyaa dabalatee, Sirii Laankaa, Indooneezyiyaa, Paappuwaa Niwuu Giinii fi Tiimoor Leestee argisiisu. Kaartaan Awustiraaliyaa Naannoo Kaabaa fi bulchiinsota Dhihaa Awustiraaliyaa, Kuwiinsilaandii fi Niwuu Saawuz Waales argisiisa.

Awustiraaliyaatti Waan Hedduu Hojjenne

Liin waggaa ittaanutti ykn isaa oliif deddeebitee yaalamuun ishii barbaachise. Boodas bara 2012, fayyaa keenya kunuunsuuf achuma akka turru qajeelfamni nuuf kenname. Waggoota hedduudhaaf fagaannee erga turree booda, wanti baayʼee nutti ulfaate qaamaan bayyanachuu utuu hin taʼin, sammuu fi miira keenya sirreessuu ture. Ramaddii keenyaa fi maatii hafuuraa keenya baayʼee jaallannu dhiisuun baayʼee nu gaddisiisee ture. Hamma tokko akka nuuf hin milkoofnee fi kana booda Yihowaadhaaf akka hin fayyadne nutti dhagaʼamee ture. Erga achii deemnee yeroo dheeraa waan taʼeef, Awustiraaliyaan biyya keenya akka taʼetti yaaduun nutti ulfaatee ture. Yeroo kanatti gargaarsi maatii hafuuraa keenyaa baayʼee nu barbaachiseera.

Liin erga fooyyoftee booda, Wolongoongi isa kibba Siidnii, Niwuu Saawuz Waalasitti argamu keessatti qajeelchitoota addaa taanee tajaajiluu jalqabne. Waggaa tokko booda, Mana Barumsaa Kitaaba Qulqulluu Hiriyoota Gaaʼelaa (isa yeroo ammaa Mana Barumsaa Labsitoota Wangeela Mootummichaa) jedhamu akka gallu affeeramuun keenya baayʼee nu gammachiise. Achiis waajjirri damee Awustiraaliyaa hojii daawwannaa irratti nu ramade. Waggoota hedduudhaaf, gumiiwwanii fi tuutawwan magaalota guguddoo, magaalota gammoojjii akkasumas mandaroota keessatti argaman daawwanneerra. Ramaddiin keenya inni ammaa gammoojjii kaaba dhiha Awustiraaliyaa fi guutummaa Tiimoor Leestee dabalata.

Waareenii fi Liin nama galaana qarqara jiru tokkoof utuu lallabanii.

Tiimoor Leestee keessatti lallabuu

Kennaa guddaa Yihowaan naaf kenne keessaa tokko haadha manaa na deggertuu fi Yihowaa tajaajiluurratti xiyyeeffattu of biraa qabaachuu kooti. Haallisaa hammamiyyuu kan ulfaatu ykn kan namatti hin tolle yoo taʼellee Liin matumaa hojii nuuf kennamu mormitee hin beektu. Namoonni rakkina akkamitti akka dandamatte yeroo ishii gaafatan, “Ani waan hundumaa Yihowaattan hima” jetti. Yeroo akkasiitti Kitaaba Qulqulluu dubbisuudhaan, Yihowaan akkamitti yaaduu, ilaalcha akkamii qabaachuu ykn tarkaanfii akkamii fudhachuu akka qabdu akka ishii barsiisu gooti.

Addunyaa keessatti jireenyi koo ispoortii irratti akka xiyyeeffatu gochuu mannaa Yihowaan jireenya koo akka naaf qajeelchu heyyamuu kootti matumaa hin gaabbu. Hojii inni nuuf kennu fedhiidhaan yoo fudhanne, Yihowaan hojii kamiyyuu akka hojjennu nu leenjisuu akka dandaʼu argeera. Rakkinni yeroo na mudatu ykn murtoo gochuun yeroo na barbaachisu, jalqaba Yihowaatti kadhannaa dhiheessuu baradheera. Abbaa keenya isa jaalala qabeessa kan taʼe Yihowaan, jireenya badhaadhaa fi nama kiisu nu jiraachiseera; “qodaa suphee” akka keenyaatti fayyadamee, wanta dabalataa inni hojjetu arguuf baayʼee hawwina.—2 Qorontos 4:7.

a Muuxannoon Maaksi Looyid Masaraa Eegumsaa Adoolessa 15 2012 fuula 17-21 irratti baʼeera.

b Daawwannaa bidiruudhaan goone keessaa waaʼee isa tokkoo beekuuf Kitaaba Waggaa Dhugaa Baatota Yihowaa 2011, fuula 129-134 ilaali.

c Mata duree, “Kooraal Riif Duumessa Keessa Jiru” jedhuu fi Masaraa Eegumsaa Bitootessa 1, 2010 fuula 16-17 irratti baʼe ilaali. (Amaariffa)

    Barreeffamoota Afaan Oromoo (1993-2025)
    Baʼi
    Gali
    • Afaan Oromoo
    • Ergi
    • Filannoowwan
    • Copyright © 2025 Watch Tower Bible and Tract Society of Pennsylvania
    • Walii Galtee
    • Imaammata Mateenyaa
    • Filannaa Dhuunfaa
    • JW.ORG
    • Gali
    Ergi