Kibxata, Fulbaana 30
Waaqayyo amanamaa waan taʼeef, hamma baachuu dandeessan caalaa akka qoramtan hin heyyamu; kanaa mannaa, jabaattanii dhaabbachuu akka dandeessaniif, yeroo qoramtanitti karaa ittiin keessaa baatan isiniif qopheessa.—1 Qor. 10:13.
Kadhannaa yeroo Yihowaadhaaf of murteessitetti dhiheessiterratti xiinxaluun kee kutannoo qorumsa akkamiiyyuu dandamachuuf goote siif cimsa. Fakkeenyaaf, hiriyaa gaaʼelaa nama kan biraa ni kolomsitaa? Akkas akka hin goone beekamaadha! Wanta akkasii akka hin goone Yihowaadhaaf waadaa galteetta. Miirri sirrii hin taane si keessatti hidda akka hin godhanne kan of eeggattu yoo taʼe, miira akkasii of keessaa balleessuuf walʼaansoo gochuun si hin barbaachisu. “Daandii jalʼootaa” irraa goruun sitti hin ulfaatu. (Fak. 4:14, 15) Kutannoo Yesuus Abbaasaa gammachiisuuf godhe yaadachuudhaan wanta Waaqa jireenya kee murteessiteef gaddisiisu akkamiirraayyuu yeruma sana fagaatta. (Mat. 4:10; Yoh. 8:29) Rakkinnii fi qorumsi Yesuusiin hordofuuf akka kutatte argisiisuuf carraa siif banu. Akkas yommuu gootu Yihowaan akka si gargaaru amanannaa qabaachuu dandeessa. w24.03 9-10 key. 8-10
Roobii, Onkoloolessa 1
Ogummaan inni ol gubbaadhaa dhufu . . . ajajamuuf kan qophaaʼe . . . dha.—Yaq. 3:17.
Ajajamuun sitti ulfaatee beekaa? Daawit Mootichi ajajamuun isatti ulfaatee waan tureef, “Fedhii siif ajajamuu na keessatti kakaasi” jedhee kadhateera. (Far. 51:12) Daawit Yihowaa ni jaallata. Taʼus, yeroo tokko tokko ajajamuun isatti ulfaata ture; nutis yeroo tokko tokko ajajamuun nutti ulfaata. Maaliif? Tokkoffaa, cubbuun dhaalle ajajamuuf fedhii akka hin qabaanne dhiibbaa nurratti godha. Lammaffaa, Seexanni akkuma isaa akka fincillu yeroo hunda dhiibbaa nurratti godha. (2 Qor. 11:3) Sadaffaa, namoota fincila jaallataniin marfamnee jiraanna; namoota kanarratti dhiibbaa gochaa kan jiru “hafuura isa amma warra hin ajajamne irratti hojjechaa jiru dha.” (Efe. 2:2) Fedhii cubbuu raawwachuuf qabnu toʼachuuf qofa utuu hin taʼin, dhiibbaa Diyaabilosii fi addunyaan kun akka hin ajajamne nurratti godhan dandamachuufis walʼaansoo gochuun nu barbaachisa. Yihowaafis taʼe namoota inni aangoo akka qabaatan heyyameef ajajamuuf carraaqqii gochuu qabna. w23.10 6 key. 1
Kamisa, Onkoloolessa 2
Ati garuu hamma yoonaatti daadhii wayinii isa gaarii tursite.—Yoh. 2:10.
Dinqii Yesuus bishaan gara daadhii wayiniitti jijjiiruudhaan raawwaterraa maal baranna? Gad of qabuu akka qabnu baranna. Yesuus waaʼee dinqii kanaa of jajuudhaan hin dubbanne; wanta raawwate ilaalchisee matumaa of jajee hin beeku. Kanaa mannaa, gad of qabuudhaan ulfinnii fi galanni hundi Abbaa isaatiif akka kennamu godheera. (Yoh. 5:19, 30; 8:28) Nutis akkuma Yesuus kan gad of qabnu yoo taʼe wanta raawwanneen of hin jajnu. Ofii keenyatti utuu hin taʼin, Waaqa dinqisiisaa taʼe tajaajiluuf mirga argachuu keenyatti haa boonnu. (Er. 9:23, 24) Ulfina isaaf malu isaaf haa kenninu. Dhugaa isaa dubbachuuf, gargaarsa Yihowaa malee wanta gaarii akkamiiyyuu raawwachuu hin dandeenyu. (1 Qor. 1:26-31) Kan gad of qabnu yoo taʼe wanta gaarii warra kaaniif gooneef jajamuu akka qabnu nutti hin dhagaʼamu. Yihowaan wanta raawwannu akka arguu fi carraaqqii gooneef iddoo guddaa akka kennu beekuun keenya qofti nu gammachiisa. (Maatewos. 6:2-4 wajjin wal bira qabii ilaali; Ibr. 13:16) Dhugumayyuu, gad of qabuudhaan fakkeenya Yesuus kan hordofnu yoo taʼe Yihowaa gammachiisna.—1 Phe. 5:6. w23.04 4 key. 9; 5 key. 11-12