Jimaata, Onkoloolessa 31
Isin waan na jaallattanii fi bakka buʼaa Waaqayyoo taʼee akkan dhufe waan amantaniif, Abbaan ofii isaatiif iyyuu isin jaallata.—Yoh. 16:27.
Yihowaan namoota jaallatutti akka gammade ibsuun isa gammachiisa. Kitaabni Qulqulluun Yihowaan siʼa lama akka isa jaallatuu fi akka isatti gammade Yesuusitti akka hime dubbata. (Mat. 3:17; 17:5) Yihowaan akka sitti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu barbaaddaa? Kallattiidhaan samiirraa nutti dubbachuu baatus, Dubbii isaatti fayyadamee nu haasofsiisa. Yaadawwan Yesuus Wangeelota keessatti ibsaman dubbisuudhaan Yihowaan akka nutti gammadu yeroo dubbatu dhagaʼuu dandeenya. Yesuus eenyummaa Abbaa isaa guutummaatti calaqqisiiseera. Kanaafuu, Yesuus duuka buutota isaa mudaa qaban garuummoo amanamoo taʼanitti akka gammade yeroo dubbisnu, akkuma waan Yihowaan nutti dubbachaa jirutti yaaduu dandeenya. (Yoh. 15:9, 15) Rakkinni nurra gaʼuunsaa Waaqayyo akka nutti gadde hin argisiisu. Kanaa mannaa, rakkinni nurra gaʼuunsaa jaalala guddaa Waaqayyoof qabnuu fi amantii isarratti qabnu argisiisuuf carraa nuuf bana.—Yaq. 1:12. w24.03 28 key. 10-11
Sanbadduraa, Sadaasa 1
Afaan ijoollee fi afaan daaʼimmanii keessaa galata argamsiiste.—Mat. 21:16.
Warra yoo taatan, ijoolleen keessan akkuma umurii isaaniitti deebii kennuuf akka qophaaʼan isaan gargaaraa. Yeroo tokko tokko kan qoʼatamu waaʼee rakkina gaaʼela keessatti uumamuu ykn dhimma naamusa wajjin wal qabatu taʼuu dandaʼa; mata dureewwan ciccimoo taʼan akkasii yeroo qoʼatamanittillee, keeyyanni ijoolleen yaada irratti kennuu dandaʼan tokko ykn lama jiraachuu dandaʼa. Kana malees, ijoolleen keessan yeroo harka baasan hundumaatti carraan isaaniif kennamuu dhiisuu kan dandaʼu maaliif akka taʼe akka hubatan isaan gargaaraa. Kana hubachuun isaanii utuma isaan harka baasanii jiranii yeroo warra kaaniif carraan kennamu akka hin mufanne isaan gargaara. (1 Xim. 6:18) Hundi keenyayyuu walgaʼiirratti deebii Yihowaadhaaf ulfina fiduu fi obboloota keenya jajjabeessu kennuuf qophaaʼuu dandeenya. (Fak. 25:11) Darbee darbee muuxannoo dhuunfaa dubbachuu kan dandeenyu taʼus, waaʼee ofii keenyaa baayʼee dubbachuurraa of qusachuu qabna. (Fak. 27:2; 2 Qor. 10:18) Kanaa mannaa, Yihowaa, Dubbii isaa fi saba isaarratti xiyyeeffachuuf carraaqqii goona.—Mul. 4:11. w23.04 24-25 key. 17-18
Dilbata, Sadaasa 2
Akka warra kaanii rafuu dhiisnee dammaqinaan haa jiraannu, akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.—1 Tas. 5:6.
Dammaqoo taanee itti fufuu fi dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf jaalalli barbaachisaadha. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Waaqayyoof qabnu haala mijataa hin taane keessattillee lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (2 Xim. 1:7, 8) Namoota amantaa keenya hin hordofneef jaalala waan qabnuuf, lallabuu keenya itti fufna, bilbilaa fi xalayaadhaanis dhugaa baana. Namoonni dhugaa itti himnu gaaf tokko jijjiirama godhanii wanta sirrii taʼe gochuu akka jalqaban ni abdanna. (His. 18:27, 28) Obboloota keenyas ni jaallanna. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruudhaan’ jaalala walitti argisiisna. (1 Tas. 5:11) Akkuma loltoota wal deggeranii tajaajilanii nutis wal jajjabeessina. Taʼe jennee obboloota keenya hin miinu ykn hamaa hamaadhaan hin deebisnu. (1 Tas. 5:13, 15) Obboloota gumicha geggeessan kabajuudhaanis jaalala argisiisna.—1 Tas. 5:12. w23.06 9 key. 6; 11 key. 10-11