Dilbata, Sadaasa 2
Akka warra kaanii rafuu dhiisnee dammaqinaan haa jiraannu, akkasumas dandeettii hubannaa keenya haa eeggannu.—1 Tas. 5:6.
Dammaqoo taanee itti fufuu fi dandeettii hubannaa keenya eeggachuuf jaalalli barbaachisaadha. (Mat. 22:37-39) Jaalalli Waaqayyoof qabnu haala mijataa hin taane keessattillee lallabuu keenya itti fufuuf nu gargaara. (2 Xim. 1:7, 8) Namoota amantaa keenya hin hordofneef jaalala waan qabnuuf, lallabuu keenya itti fufna, bilbilaa fi xalayaadhaanis dhugaa baana. Namoonni dhugaa itti himnu gaaf tokko jijjiirama godhanii wanta sirrii taʼe gochuu akka jalqaban ni abdanna. (His. 18:27, 28) Obboloota keenyas ni jaallanna. ‘Wal jajjabeessuu fi wal ijaaruudhaan’ jaalala walitti argisiisna. (1 Tas. 5:11) Akkuma loltoota wal deggeranii tajaajilanii nutis wal jajjabeessina. Taʼe jennee obboloota keenya hin miinu ykn hamaa hamaadhaan hin deebisnu. (1 Tas. 5:13, 15) Obboloota gumicha geggeessan kabajuudhaanis jaalala argisiisna.—1 Tas. 5:12. w23.06 9 key. 6; 11 key. 10-11
Wiixata, Sadaasa 3
[Yihowaan] wanta tokko yommuu jedhu, wanta sana hin raawwatuu?—Lak. 23:19.
Karaan amantii keenya cimsachuu itti dandeenyu tokko furicharratti xiinxaluudha. Furichi waadaan Waaqayyo gale akka raawwatamu wabii nuuf taʼa. Furichi maaliif akka qophaaʼee fi Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa hammamii akka kaffale xiinxaluun keenya, amantii waadaa Waaqayyo addunyaa haaraa keessatti jireenya dhuma hin qabne nuu kennuuf galerratti qabnu nuuf cimsa. Akkas kan jennu maaliifi? Yihowaan furicha qopheessuuf aarsaa akkamii kaffale? Yihowaan Ilmi isaa hangafaa baayʼee itti dhihaatu nama mudaa hin qabne taʼee akka dhalatuuf samiirraa gara lafaatti erge. Yesuus yeroo lafarra turetti rakkoowwan hedduu dandamateera. Achiis baayʼee dhiphatee duʼa suukanneessaa duʼe. Dhugumayyuu, Yihowaan aarsaa guddaa kaffaleera! Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe yeroo gabaabaadhaaf qofa jireenya gaarii akka jiraannuuf jecha Ilmi isaa akka dhiphatuu fi akka duʼu matumaa hin heyyamu ture. (Yoh. 3:16; 1 Phe. 1:18, 19) Yihowaan gatii guddaa waan kaffaleef, addunyaa haaraa keessa bara baraaf nu jiraachisa. w23.04 27 key. 8-9
Kibxata, Sadaasa 4
Yaa Duʼaa, ilkeen kee meerre?—Hos. 13:14.
Yihowaan namoota duʼan kaasuuf fedhii qabaa? Fedhii akka qabu homaa hin shakkisiisu. Namoonni Kitaaba Qulqulluu barreessan hedduun waaʼee abdii duʼaa kaʼuu akka barreessan isaan kakaaseera. (Isa. 26:19; Mul. 20:11-13) Yihowaan yeroo hundumaa waadaa gale ni raawwata. (Iya. 23:14) Inni namoota duʼan duʼaa kaasuuf ni hawwa. Mee wanta Iyyoob jedhe haa ilaallu. Iyyoob yoo duʼellee Yihowaan deebiʼee isa arguuf akka hawwu mirkanaaʼaa ture. (Iyo. 14:14, 15 milj.) Yihowaan tajaajiltoota isaa warra duʼan hundumaa ni yaada. Fayya buleeyyii fi gammadoo taʼanii gara jireenyaatti akka deebiʼan gochuuf hawwii guddaa qaba. Namoonni biliyoonaan lakkaaʼamanii fi waaʼee Yihowaa barachuuf carraa utuu hin argatin duʼanoo? Waaqni keenya inni jaalala qabeessa taʼe isaaniinis duʼaa kaasuu ni barbaada. (HoE. 24:15) Michoota isaa taʼuu fi lafarra bara baraaf jiraachuuf carraa akka argatan barbaada.—Yoh. 3:16. w23.04 9 key. 5-6